Carraa Hojii Uumuuf fayyadamummaa Dargaggootaa
Dhalli namaa akka nama tokkootti jiraachuuf wantootni bu’uuraa kanneen akka nyaataa, uffataa fi bakki jireenyaa isa barbaachisu. Wantootni bu’uuraa dhala namaaf barbaachisan kanneen kan argamuu danda’an yoo hojjetan qofa. Hojii argachuun ammoo yeroo ammaa ammoo dorgommii dhaan kan guutee dha. Dorgommeewwan godhaman kunneen ammoo qaamolee gara garaa waliin ta’uun isaa cimina dorgommichaa daran cimsee jira. Haalli wal dorgommii kun biyya tokko qofa keessatti kan murtaa’u qofa osoo hin taane guutummaa Addunyaatti wanneen bu’uuraa guutachuuf tattaaffii cimaatu taasifama.
Jireenya keenyaaf kan barbaachisan kanneen guttachuuf carraaqqiif dorgommiin taasifamu yeroo ammaa dargaggoota Addunyaa gidduutti daran dabalaa deemaa jira. Fedhiin dhala namaa yoo dabalaa deemellee leecalloon(resource) biyya lafaa kanaa murtaa’aa dha. Kunimmoo dorgommii nuti ol’aantummaa fedhii keenya irratti qabaachuuf taasifnu baayee ulfeessa.
Dorgommiiwwan armaan olitti tarreessine keessaa rakkoo hoji dhabdummaaa ti. Hoji dhabdummaan qormaata biyyoota Addunyaa kanarra jiraniiti. Rakkoowwan hoji dhabdummmaatti aansee dhufan ammoo rakkoo siyaasaa, dinagdee fi Hawaasummaa waan ta’aniif biyya tokko keessa nagaaf tasgabbiin akka hin jiraanne taasisu.
Biyyootni dinagdeen isaanii guddatellee rakkoo hoji dhabdummaa fi fayyadamummaa dargaggootaa kanaan yeroo hedduu nagaa akka dhaban beekamaa dha. Kanaaf rakkoon hoji dhabdummaa rakkoo biyyoota guddachaa jiranii qofa osoo hin taane rakkoo Addunyaa guutuu (global challenge) ta’uu isaa beekuun barbaachisaa dha.
Baayina uummattoota Addunyaa kanaa keessaa baayina guddaa kan qabuu fi saffisaan dabalaa kan jiru dargaggoota dha. Dargannoonni kunneenis Addunyaa jijjiiramaa( changing world) keessa kan jiraatan yommuu ta’u rakkoowwaniif dhiibbaawwan gara garaa jala kan jiraataniif haalli kunimmoo dargaggootaaf haala mijataa hintaane(discomforting confusion), yaaddoo gara fuuldura( perplexities) jireenya isaanii ilaaluun balaawwan adda addaa kanneen akka baala sammuu namaa adoochanii fi dhugaatiiwwan alkoolii gara garaa fudhachuun dhiibbaa keessatti kufaa jiru. Kanarraa kan ka’es sodaa tokko malee badiiwwan qabeenya barbadeessuu( vandalism) , angafoota ofii fi kabaja kennuu dadhabuu fi mootummaa biyya bulchuu wajjin walitti bu’iinsa keessa yommuu galantu mul’ata.
Akkuma armaan olitti ilaaluuf yaalle Addunyaa amma keessa jirru saffisaan jijjiiramaa jirti. Qaarominni Addunyaa kanaas baayee guddataa jira. Guddina gama hundaanuu argamaa jiru kana keessatti ga’een dargaggootaas ol’aanaa dha.
Kana hunda erga ilaallee waa’ee dargaggoota Itiyoophiyaatti yoo deebinu baayina dargaggoota biyya kanaa dhibbentaa dhaan gara 70 (70%) fi isaa ol ta’uu danda’a. Kana jechuun walakkaa baayina Uummata biyya kanaa ol jechuu dha. Kunimmoo miidhaas faayidaas qaba. Faayidaan isaa lakkoofsi uummata hojii hojjetuu haga kana baay’achuun isaa faayidaa kan qabu yommuu ta’u, miidhaan isaammoo dargaggoon hojii hojjetee jiraachuu barbaadu baay’achuun isaa yoo hojiin hojjetamu hin jiraanne rakkoo hamaaf saaxilamna. Wanti hundi keenya irratti walii galuun qabnu keessaa garuu baayina haga kana ga’uuf hojiin uumameera yoo jenne soba ta’uu isaati. Fakkeenyaaf qorannoowwan hoji dhabdummaan( unemployment rate) biyya keenyaa yeroo ammaa fooyya’aa ta’uu isaa kan ibsuu dha. Bara 2015 akka lakkoofsa faranjiitti reeshoon hoji dhabdoota 26.40% ture hanga bara 2015 tti giddu galeessaan 19.88% ta’uu isaa qorannoowwan gara garaa ni addeessu.
Akka Addunyaa walii galaatti yoo ilaalle biyyi keenya Itiyoophiyaan biyyoota durooman kanneen akka Ispeen Awurooppaa irraa , Naayijeeriyaa (dureettii Afrikaa) fi Keeniyaa caalaa carraa hojii uumuu tiin ni dursiti. Kun kan dhugoomsu rakkoon hoji dhabdummaa rakkoo biyya Afrikaa ykn itiyoophiyaa qofa akka hin taanee dha.
Rakkoowwan hoji dhabdummaa kanaaf sababa kan ta’uu malan rakkoowwan qabeenya uumamaa qofa osoo hin taane sirni bulchiinsa badaas ga’ee ol’aanaa qaba. Fakkeenyaaf biyyi keenya Itiyoophiyaan dhimma Carraa hojii uumuu kanarratti xiyyeeffannoo guddaa kennitee kan hojjechaa jirtu yoo ta’ellee akkaataa poolisii ba’een qaamoleen hoji raawwachiiftuu waan hin hojjenneef akkaaataa barbaadamuun bu’aa argamsiisuu hin dandeenye. Hanqinaaleen qaamolee hoji raawwachiiftuu kun immoo sababawwan gara garaa irratti kan hundaa’e ta’uu malu. Sababawwan kanneen keessaa dandeettiiwwan raawwachiiftummaa, itti gaafatamummaa ofii ba’achuu dadhabuu, kiraa sassaabdummaa, fi kkf dhaan sakaalamuun tarsimoo mootummaan diriirse hojiirra oolchuu dadhabuu dhaan rakkoon armaan olitti uumamu jennee ilaalle akka uumamu kan taasisan.
Yeroo ammaa kana Mootummaa Federaalaa rakkoo hoji- dhabdummaa kana furuuf fandii gara garaa ramaduun dargooggootni hojii keessa akka galaniif hojii gaariin eegalamee jira. Mootummooleen Naannoos kallattii kana mootummaa Federaalaa waliin ta’uun haala kanaan dura baratame irraa adda kan ta’een hojiitti seenanii jiru. Keessumaa Mootummaan Naannoo Oromiyaa dhimma carraa hojii dargaggootaa fi uumuu kana irratti ciminaan hojjechaa kan jiruuf cimee kan itti fufu ta’uu isaa ilaalaa jirra. Akka fakkeenyaatti Lafa abbootii qabeenyaa maxxanoo ta’an irraa guuruun dargaggootni akka irratto ijaaramanii of fooyyessan taasisuu, Albuudawwan seeraan ala qaamota gara garaan qabamanii turan irrraa fuudhuu dargaggoonni akka irratti ijaaramanii hojjetan taasisuu fi akkasumas hojiiwwan sekterawwan garagaraa kanneen akka hojii mukaa fi sibiilaa, horsiisa lukkuu fi killee, Horsiisa Horii fi kkf irratti bal’inaan xiyyeeffannoon itti kennamee hojjetamaa jira. Gara fuulduraattis ciminaan itti fufee kan hojjetamuu dha.
Carraawwan hojii argaman kanneen irraayis dubartootnii fi qeerroowwan hedduun sagantaa kanarraa fayyadamoo ta’anii jiru. Kanaafis hirmaannaan durbartootaa fi dargaggotni misooma keessatti qaban yeroo ammaa kana dabalaa jiraachuu isaa ibsa. Adeemsawwan kana keessattis bu’aa ba’iiwwan hedduun jiraachuu malu. Carraa hojiitu uumamama yommuu jennu hojiitu waggaa tokko keessatti dargaggoota Itiyoophiyaa hojii keessa galcha jechuu miti. Tarsimoo kana galmaan ga’uu keessatti rakkoon blchiinsa gaarii jiraachuu mala. Rakkoowwan kanas akkaataa adeemsa seeraan hiikuun tooftaa qabsoo ta’uu qaba. Fakkeenyaaf rakkoowwan tibbana Naannoo oromiyaatti mul’achaa turaniif akkas sababaatti kanneen ka’aa turan keessa tokko rakkoo hoji dhabdummaati. Rakkoowwan jedhaman kunneen jiraachuun isaanii kan hin haalamne yoo ta’e illee dhaawata dhaawataan furmaata argachaa jira. Adeemsa seeraa kanarra darbuun maqaa Qeerroo jedhu ofii kennuun badii geessisaa kan turan turaniiru. Gochi kunimmoo jechi Qeerroo jedhu akka Jaarmiyaatti fudhatamee qorannoon akka irratti geeggeeffamu dogongoraan akka ilaalamu taasiseera. Ilaalchi kunis dogongora ta’uu isaa mootummaan amanee fudhatee jira. Mootummaanis Qeerroo balleessuuf kaayyoo akka hin qabne ibsee jira. Haa ta’u malee namni kamillee badii yoo dalage akka itti gaafatamu beekuun barbaachisaa dha.
Walumaa galatti biyya nagaa qabduu fi jireenya fooyya’aa jiraattu uumuu dhaaf carraan hojii uumuu cimee kan itti fufu ta’uun ejjennoo mootummaa yoo ta’ellee dargaggoonnis ga’een nuti nageenya biyyaa mirkaneessuu keessatti qabnu cimee itti fufuu qaba.
ማጠቃለያ
ርዕስ፡Carraa Hojii Uumuuf fayyadamummaa Dargaggootaa
የሥራ ፈጠራና የወጣቶች ተጠቃሚነት
ይዘት፡ ይህ ጽሁፍ በተሰጠን አቅጣጫ መሰረት የተዘጋጀ ሲሆን የሥራ ፈጠራ ና የወጣቶች ተጠቃሚነት ጋር ተያይዞ የተለያዩ ነጥቦችን ይዘረዝራል፡፡ ከነዚህ ነጥቦችም በዓለማችን የወጣቶች ቁጥር በጣም ብዙ በመሆኑ ለስራ እድል ፍለጋ ያለዉ ጠንካራ ተወዳዳሪነትን፤ የስራ እድል መፍጠር ችግር የታዳጊ ሃገራት ፈተና ብቻ ሳይሆን በሁሉም ሃገራት የሚታይ ችግር መሆኑን ( ለምሳሌ ኢትዮጽያ ከ አዉሮፓ ሃገር በስራ እድል ፈጠራ ስፔንን ፤ ከአፍሪካ ሀብታም ከሚባሉ ሃገርት እንደ ናይጄሪያ ና ኬኒያ ሁሉ እንደምትበልጥ በተጨባጭ መረጃ በማሳየት) ፤መንግስት የስራ አጥነት ቁጥርን ለመቀነስ ብዙ ሚሊዮን ብሮችን ፈንድ በማድረግ እየሰራ መሆኑን ነገር ግን የስራ ፈጠራ ጋር ጠያይዞ ለሚነሱ ችግሮች መፍትሄዉ የመንግስት ብቻ አለመሆኑን፤ ወጣቶች አሁን እየተፈጠሩ የስራ እድሎች ተጠቃሚ መሆናቸዉን ከነዚህ ወጣቶችም ሴቶች ዋነኛ ተጠቃሚዎች መሆናቸዉ ተገልፆአል፡፡
- መንግስት ማንኛዉንም የሚታዩ ችግሮችን ለመፍታት ይስራ እንጂ በተለያዩ ችግሮች( በአስፈፃሚዎች ፤ማስፈፀም አቅም ማነስ፤ በአመለካከት፤ ተጠያቂነት ማጣት፤ ጥገኝነት፤ ሙስናና የመሳሰሉት ምክኒያት የመንግስት ፖሊሲ ሳይፈፀም ሊቀር እንደምችል ግንዛቤ
በነዚህ ስራ ፈጠራ ዉስጥ የተለያዩ ዉጣዉረዶች መኖራቸዉ ታሳቢ ተደርጎ ወጣቶች በትዕግስት መጠባበቅ እንዳለባቸዉ ና ከማንኛዉም ወንጀል ራሳቸዉን እንዲያርቁ( ቄሮዎች የችግር መፍትሄ እንደሆኑና መሆን እንደሚገባቸዉ እነዲሁም ማንኛዉንም ጥፋት ካጠፉ በህግ እንደሚጠየቁ ግንዛቤ ይሰጣል፡፡