Artcles

Godaansaa fi Godaannisasaa …….

By Admin

February 22, 2018

Godaansaa fi Godaannisasaa …….

Hiikaa Margaa tiin

Dhalli namaa erga bara qaamonaatii eegalee guyyaa guyyaa dhaan jireenya fooyya’aa jiraachuu barbaada. Fedhii isa kana guuttachuufis takkaa ciisee hin bulu, tattaaffii cimaa taasisa. Jireenya fooyya’aa jedhamu kana jiraachuu dhaaf abjuu qabaata, karoora baafata. Karoora isaa kana galmaan ga’achuuf yoo danda’ame biyya keessatti carraaqqii gara garaa taasisa, yoo dadhabame immoo midhaan abjuu isa jedhamu sana biyya fooyyee qabu ykn guddinaan biyyasaa caaletti godaanee achitti hojjetee biyyasaatti deebi’ee jiraachuu barbaada. Haa ta’u malee kaayyoon keenya akka karoora keenyaatti salphaadhumatti kan bira ga’amu miti. Sabanisaa haalli dorgommii Addunyaan keessa jiraattu cancala jireenyaa wal-xaxaa keessa akka gallu nu taasiseera. Kunimmoo biyya ofii keessatti hojjetanii fooyya’uu irra biyya ormaatti godaananii jiraachuun akka filannootti ilaalamaa jira.

Yeroo ammaa kanatti  biyya lafaa kanarratti qixxee namoota biroo jiraachuuf ykn jireenya biyya lafaa kana keessatti dorgomaa ta’uu dhaaf filannoon biyyoota guddina irra jiranii kanneen akka Itiyoophiyaa godaansa ta’aa jira. Maddi godaansa kanaas dhiibbaawwan gara garaa ta’uu malu. Dhiibbaawwan kunneenis rakkina yeroof nu mudachuu danda’an obsinee dabarsuu dadhabuu fi fiixa ba’umsa namoota muraasaa ilaaluun hawwuufaan dhiibbaa jiranii dha.

Jireenyi godaansaa bu’aa ba’ii hedduu qaba, daandii hin xumuramnee dha. Ha xiqqaatuyyuu malee jireenyi biyya ofii kabajaan kan guuttee dha. Agabuu kee bultus waan sodaattu hin qabdu, lammiikee keessa jirtakaa. Jireenyi biyya ambaa sodaa fi yaaddoo of keessaa qaba. Biyya ofii keessatti yoo duute firoota keetu si awwaala. Biyya ormaa garuu akka saree tti gatamta. Kun hunduu garuu karaa dheeraa deemuun jireenya ofiitti murteessuun carraa du’uu ykn jiraachuu keessaa tokko filachuun  adeemsa biyya hambaatti godhamu bu’aa ba’ii isaa waliin haa ilaallu.

Jalqaba irratti yeroo biyyaa ba’uuf jettu daldaltota seeraan alaa, kan faayidaa isaanii qofaa yaadan, jireenyi biyya hormaa hundumtuu gaarummaa malee hammina kan hin qabnee fi salphaatti durooman gochuun pirooppogaandaa sobaatiin biddeen abjuutiin si quubsuun sammuu kee si hatu. Sana booda erga ati deemuu murteeffattee akka haalota hundumaa siif mijeessaniitti sitti himuun waan ati qabdu ykn maatii kee waan qaban gurgursiisanii adeemsa kee jalqabaa irratti manaa si baasu. Ati biyyi nagaa dha jettee biyya itti handhuurrikee murame, maatiikee, hiriyoota kee, ollaa kee dhiiftee karaa eegalta.  Baay’ees osoo hin fagaatin xoofoo rakkinaa dhandhamachuu jalqabda. Daldalaan asii si fuudhee nama biraatti si erga, beeki namichi ati akka qodaatti itti ergamtu kun nama akkaataa guddina kee, aadaa kee, afaan kee, amantiikee hin beeknee fi yoo beekes dhimma irraa hin qabaannee dha. Sababnisaa innis akkuma kee sababa rakkinaa tiin hojii kana keessa seenee jireenya isaa fooyyeffachuu nama ifaajaa jiru waan ta’eef waa’een kee isaaf homaa miti. Kun deemsa kee keessatti  sadarkaa ati rakkina isa lammaffaa muuxachuu eegaltuu dha. Itti aansee egaa namichi( agent) siin akka adaraatti fuudhee imala eegale kun karaa dheeraa miillaan si deemsisuun isaa beekamaa dha. Karaan isin irra deemtan kun karaa baayee gammoojjii ta’eef jalaa fi irraan walitti gubuu dha. An akkan dhaga’etti akkamittin ibsuu danda’a, baay’ee ulfaata. Daandii kee kana irratti galaa fudhattee ba’uu dandeessa, galaan kun bishaan, koshooroo, fi kkf ta’uu danda’a. Sababa galaa qabattee jirtu kanaafiyyuu namaa wajjin walitti buuta jedhama, sababnisaa namoonni ati wajjin deemtu hedduub isaanii nyaata isaanii kan fixan ta’uu waan danda’aniif isa  ati qabdu si waliin nyaatu, yoo diddemmoo balaa sirraan ga’uu malu. Imala kana keessatti namootni baay’een beelaa fi dheebuu dhaan gammoojjii keessatti kan dhuman lakkoofsa hin qaban. Beelaa fi dheebuu irraa hafuun kanneen deemsa isaanii itti fufanis haala suukanneessaa kan akka dirqiin gudeedamuu dubartoota irratti kan raawwatamu yommuu ta’u, dhiira irras gudeeddiin fi reebichi qaamaa ga’aa oola. Ilaali egaa biyya kee keessatti yoo rakkatte ni rakkatta malee rakkoon haga kana ga’u sirra hin ga’u, biyya keeti waan ta’eef mirga namoomaa qabda. Biyya hormaa garuu biyya hormaati waan ta’eef carraan jiraattee bakka yaadde ga’uu keetii baay’ee dhiphaa dha.

Akka fakkeenyaatti godaantota biyya keenyaa yoo fudhanne, oduu dharaa tiin biyya abbaa isaanii dhiisuu dhaan imala godaansa seeraa alaa fi dogongoraa eegalu. Godaansi biyya keenyaa baay’inaan karaa biyya Jibuutii yommuu ta’u odeeffannoon tokko tokko akka ibsuttin waggaa tokkotti godaantotni 20,000 ol ta’an karaa Jibuutii biyya kana keessaa gara biyya hormaatti godaansaan ni ba’u jedha.

Yeroo ammaa kana biyyi godaantotni seeraan alaa akka riqicha ce’umsa biyya Awurooppaatti fudhatanii itti godaanaa jiran, biyya Liibiyaa ti. Biyyi kun ofiisheetiiyyuu sansakkaan jireenyasheetii erga gaaffii keessa galee waggoottan saddeet lakkoofsisee jira. Liibiyaan biyya shororkeessitootaa fi mankaraaressitoota amantii tiin booji’amtee jirtuu dha. Mankararessitootni amantii kun ammoo amantaa Musliimaa isayyuu kansaanii qofa nama arguu fedhaniif namni amantii biraa hordofu isaan biratti akka horiitti mormi irraa kutamee gatama. Muuxannoo suukanneessaan kunis waggoota lamaan dura lammileen keenya biyya Liibiyaatti mormi irraa muramee gatame nuuf barumsa guddaa nuuf ta’uutu irra ture. Biyyuma kana keessatti amantiinkee musliima ta’eeyyuu lammii biraa yoo taate si ukkaamsuun qarshii hedduu si kaffalchiisuuf yaalu, yoo qabaatte waaqatu si gargaaree baata, sila qarshii isaan si gaafatan osoo qabaatteeyyuu maal hojii biyyaa baataa mitii, garuu hin qabdu taanaan carraan kee du’a qofa, du’a saree.

Yeroo ammaa kanammoo akka dhaga’aa jirrutti daldalli garba godaantootaa baay’ee ho’aa jirti jedhamaa jira. Hubadhu daldala yeroon jedhu meeshaa osoo hin taane namatu akka meeshaatti daldalamaa jira, maal godhu egaa osoo biyyakee jiraattee kan bitamtee gurguramuu mitii namni fiixee wayyaa keetiitti hin bu’u, biyya kee keessa jirtakaa, Asitti garuu waa’ee mirga kabaja namoomaa gaafachuu mitii, waa’een lubbuun jiraachuu keeyyuu gaaffii keessa waan si galchuuf du’uurra gurguramuu filatta. Hubadhu daldalaan si bitummoo akka meeshaatti sirraa buufatee kan biraaf dabarsee si gurgura, maal yoo biyya ofiitti du’an.

Akka carraa ta’ee rakkoo biyya Liibiyaa kana bira dabartee gara Xaaliyaaniitti darbuu dhaaf ammoo galaana diimaatu dura kee ciisa, galaana kana lixanii keessa deemuu mitii, ijaaniyyuu ilaaluun nama sodaachisa; Ammallee ammas namootni miidhaan namootaa isaanif homaallee hin taane qarshii sirraa guuruun bidiruu haala salphaa dhaan balaa irraa hafuu hin dandeenye galaana biratti hojjechuu dhaan namoota hedduu humna bidiruu kanaa ol ta’an itti fe’uun deemsa xumura hin qabne si eegalchiisuuf galaanatti isin naqu. Egaa akka ta’e ta’ee imala eegaltaniittu, galaana walakkaa yeroo geessan bidiruttiin sila haala salphaadhaan miidhaa irraa dandamachuu hin dandeenye diigamuu yeroo eegaltutti utuu ijikee ilaaluu galaana keessa ba’uu hin dandeenye keessatti dabartamuu dandeessa. Kunimmoo waan baay’ee nama suukaneessuu dha. Yeroo baay’ee doonittiin kun liqimfamuu dhaan lubbuun namoota baay’ee karaaratti dhumaa oola.

Lammileen biyya keenya hedduunis bu’aa ba’ii kanaa keessatti qooda fudhattootaaf  miidhaa hedduu kan keessummeessan ta’uun isaa beekamee dha. Rakkooleen nuti amma dubbachaa turre hundinuu kan daandii qofaarratti nama mudatan yommuu ta’u, erga akka carraa ta’ee biyya yaadne geenyees rakkoon nurra ga’u salphaa miti. Akka fakkeenyaatti lammieen biyya keenyaa biyya isaanii keessaa baqatanii ba’an biyya hormaatti daandii gubbaa kan bulaa jiraniif waan nyaataniif waan dhugan dhabuu dhaan gadadoo keessa kan jiraachaa jiranii dha. Shamarran keenya biyya Arabaa jiran bishaan bulluqaan kan gubachaa jiran, gamoo ol dheeraa irraa kan gadi darbatamuun lubbuun isaanii darbaa oolu dhuma hin qabu. Maaloo rakkoon saba godaansaatiin namatti dhufu waan salphaa miti.

Rakkoowwan kanneen akka nama dhuunfaatti nama tokkoof du’uu ykn jiraachuu ta’uu mala, garuummoo maatii fi firoota  miidhamaa tiif garuu godaannisa bara baraati.

Egaa rakkoolee kana hubachuun mootummaan keenya biyyoota ollaas ta’e biyyoota michuu wajjjin walii galuu dhaan karaa seera qabeessa ta’een godaanuun mirgi hojjetanii jiraachuu akka kabajamuuf  walii galtee seera qabeessa gochuu dhaan lammileen ulaagaalee biyya alaa deemuun hojjechuu danda’aniif karaa banee jira waan ta’eef, karaa seera qabeessa kanatti fayyadamuun biyya barbaadne deemnee hojjechuu waan dandeenyuuf karaa balaa ta’e dhiifnee filannoo kanatti fayyadamnee, godaannisa sababa godaansaa nutti dhufu akka hambifnu gochuun barbaachisaa dha.