ethiopian news

Artcles

Kan Hidhaman akkuma hiikaman rakkoonis….

By Admin

February 03, 2018

Kan Hidhaman akkuma hiikaman rakkoonis….

Hiikaa  Margaa tiin

 

Akkuma beekamu yeroo darbe Mootummaan biyya bulchaa jiru namoota badii dalaganiiru jedhamanii shakkaman keessumaa dhimmi siyaasa biyya kanaa irratti rakkoo geessisu jedhamamii yaadamaa turan hedduu dhaaf dhiifamni taasifamee akka mana hidhaatii ba’an gochuun isaa ni yaadatama. Hubadhaa hidhamtoota hunda of keessatti kan qabate miti, kanneen adeemsa qoratameen ba’uun irra jiraatu qofatu ba’e kan ba’uuf deemanis jiru.

An akka dhuunfaa kootiitti namni ilaalcha siyaasaa kamiin qabu kamiyyuu hidhamee, adabamee ilaalcha isaa sirreeffata yaada jedhu hin qabu, hin qabaadhus. Kanneen hidhamanis sababuma ilaalcha siyaasa isaaniif hidhamanis jedhee hin yaadu. Tarii akkaataa deemsa isaaniitiif hidhamanii jedheen yaada. Sanas ta’e kanas akkaataan amma Mootummaan biyya bulchaa jiru kun itti adeemaa jiru rakkoo siyaasa biyya kanaa furuu caalaa dirree siyaasaa hedduu kan bal’isuu fi kabaja mirga siyaasa barbaadde hordofuu kan kennu natti fakkaata. Gochi akkasii kun yoomillee cimee itti fufuu kan qabuu dha.

Sababnisaa namni nama ta’ee hanga jirutti fedhii tokko qabaachuu hin danda’u. Inni kan biraan jaalatu isa kaaniif waan tokkollee miti. Inni kan biraan jibbummoo isa biroof akka malee barbaachisaa waan ta’eef fedhiin namaa daangaa hin qabu. Kanaafuu fedhiiwwan kunneen dhiibbaa dhaan gara tokkotti kan dhufuu qaban osoo hin taane, wal danda’uu dhaan fedhii walii kabajuun wajjin jiraachuu caalaa rakkoo uumamu lan furuu danda’u hin jiru.

Muuxannoon biyyi keenya ijaarsa sirna dimokiraasii keessatti qabdu umriin ishee waggaa 27 haa ta’uyyuu malee rakkoowwan tokko tokko darbanii mul’achuu malu. sababnisaa , seenaan nuti kanaan dura dabarsine dhiibbaa waan nurraan ga’aa tureef dhiibbaawwan sunneen haga yoonaatti dhimmoota furmaata argachuu malaniif furmaataaf itti adeemamaa jiran waan ta’eef guutummaan guutuutti mirgi dimokiraasii kabajameera jechuu hin dandeenyu. Adeemsawwan gara kabajaa sirna dimokiraasiitti gochaa jirru kana keessattis gufuuwwan hedduun nu mudachaa jiru, nu mudachuu danda’us.  Adeemsaaleen nuti jennu kunneen ammoo fedhii biyya kanaa irratti hundaa’anii waan jiraniif hanga danda’ametti fedhiin uummataa dursuu qaban jedha. Na hubadhaa fedhiin uummataa fedhii namoota dhuunfaa dhiibuu qaba osoo hin jenne, namni tokko tokko fedhii addaa ta’e qabaachuu danda’a akkuman armaan olitti ibse fedhiin wayyabaa isaaf homaallee ta’uu dhiisuu waan maluuf rakkoo uumuuf duubatti hin deebi’u. Rakkoon biyya kana keessatti hubannu faayidaa biyyaaf siyaasa keessa seenuu osoo hin taane beekamtii dhuunfaaf dhimmuutu jira. Beekamtii kana argachuu dhaafis siyaasa akka carraatti lakkaa’uutu jira. Kunimmoo dogoggora ta’uu isaa beekuu qabna. Fakkeenyaaf haala sirna bulchiinsa biyya kanaa keessatti qomoon tokko biyya geggeessaa jira yoo ta’e qomoon kan biraan waan qomoon sun biyyaaf dhimmu itti hin fakkaatu. Garuummoo eenyullee haa bulchu faayidaan biyyaa haga hin tuqamnetti sanyii lakkaa’uun akka biyya bulchu dhiibbaa geessisuun waan barbaachisu miti. Qabsaa’uun yoo barbaachise yaada caalmaatti biyya gargaaru qabatanii dhiyatanii dorgomaa cimaa ta’uun filannoo dhaan biyya akka geggeessaniif filatamuu dha malee lafumaa ka’anii asittis achittis goolii kaasuun nagana biyya kanaa boora’ee tasumaa cilaancila dimokiraasii argannee dhabuuf nu saaxila. Adeemsa sirna dimokiraasii keessattis wal dhaga’aa deemuun adeemsa seeraa fi heeraa biyyi kun ittiin bultu kabajuun ijaaf ijatti walitti dubbachuun rakkoo biyya kanaaf furmaata kaa’aa deemuu caalaa wanti nu furu hin jiru.

Akkuman armaan dura kaase daandiin dimokiraasii nuti irra deemaa jirru ammallee bu’aa ba’ii hedduu qaba. Daandii qajeelaa dimokiraasii sana bira ga’uu dhaaf hojii manaa hedduutu nurraa eegama. Kanaafis dursa kan kennuufii qabnu yaada walii dhaggeeffachuu dha. Yaada hedduu keessa furmaatni jira waan ta’eef , bu’aaleen walitti bu’insa yaadaa xumurri isaanii hammina osoo hin taane gaarummaa waan qabaataniif  maree dhaaf dursa kennuun barbaachisaa dha. Rakkoowwan kamiifuu sababaa’oo    (logical)  ta’uutu nurra jiraata.

Ijaarsa sirna sirna dimokiraasii ammayyaa’aa keessatti hirmaattotaa fi taatota baayee tu jiraachuu mala. Taatoowwan kanneen ammo qaama biyya bulchu qofa osoo hin taane lammiin kamillee hanga biyya kana nan fayyada jedhee yaadutti yaada barbaade fidee dhufee mariif dhiyeessuuf mirga qaba. Siyaasa barbaade dhaabuus ta’e deggeruufis mirga qaba. Kan hin barbaadne yoo mormes namni isa gaafatu hin jiru. Hubadhaa akkuman sila jedhe dursi garuu faayidaa dhuunfaa osoo hin taane faayidaa biyyaa tiif kennamuu qaba.

Egaa mirgoota an kanaan dura tarreesse kanatti fayyadamuu dhaan namootnii fi paartilee hedduun sirna dimokiraasii jenne kana ijaaruuf yaalii gaarii gochaa turaniiru gochaas jiru, itti fufas.

Adeemsa kana keessattis taatotni kunneen yaadaan walii galuu ykn fedhii dhuunfaa irratti walii galuu dadhabuu osoo hin taane dhimmi faayidaa biyyaa irratti rakkoo fidu yoo jiraate rakkoon uumamuu mala. Adeemsi rakkoon sun ittiin furamuu ammo seera biyya kanaa kabajanii socho’uu qofa waan ta’eef yeroo seerri cabu seeratti dhiyaachuun waan hafu miti. Boris hin hafu.

Haa ta’uyyuu malee adeemsawwan jenne keessatti yeroo gara garaatti namootni seera biyya kanaa cabsaniiru jedhamanii shakkaman to’annoo seeraa jala turuun isaanii ni beekama. Ammas kan jiran ni jiru.

Yeroo darbe Mootummaan namota kallattii siyaasaa isaaniif kenname dhiisuu dhaan maqaa siyaasaatti fayyadamanii seera biyya kanaa cabsaniiru jedhe dhiifamaan mana hidhaatii kan ba’an hedduu dha. Gara fuula duraattis kan ba’an jiru jedhamee nutti himamaa jira. Kunimmoo daandii nuti gara dimokiraasii dhugaatti deemaa jirruu waan nuuf ciruuf jajjabeessamuu qaba.

Egaa namootni dhuunfaa sababa qabata siyaasaan badii balleessaniif hidhamanii turan kunneen hiikamuun isaanii ol’aantummaa seeraa cabsuun osoo hin taane, ulaagaalee guutamuu qaban kanneen guutanii mana hidhaatii gad lakkifamanii dha. Kan gara fuula duraatti ba’anis jiru. Garuummoo yeroo akkana jedhamu hidhamtootni dhimmi kanaan wal-qabatan hundumtuu ni hiikamu jennee yaaduu hin qabnu. Ulaagaalee jedhaman kan guutuu hin dandeenye nii hiikamu jedhanii abdii sobaa walii kennuunis barbaachisaa hin fakkaatu. Yeroo baay’ee sababuma baay’annee jeequmsa kaafneef ol’aantummaan seeraa cabuu qaba yaada jedhus hin qabu. Akkaataa adeemsa seeraatti yoo deemame rakkoon hin furamne waan hin jirreef obsaan hordofuun barbaachisaa dha.

Abbootiin siyaasaas taane gaazexessitootni maqaa nuuf kenname dawoo godhannee biyyaaf hojjechuu caalaa waan biyya miidhu gochuun keenya seera jalaa waan nu hin baafneef akkaataa seeraa fi heeraan sochoonee mirga keenyaa fi biyyaaf yoo falmanne qaamni dhiibbaa nurraan geessisu akka hin jiraanne beekuun barbaachisaa dha.

 

Walumaa galatti gochaan mootumman biyya geggeessaa jiru hidhamtoota sababa maqaa siyaasaatti fayyadamuun badii geggeessanii mana adabaa turanii kanneen itti murtaa’eef dhiifama, akkasumas kanneen beellama irra jiran ammo addaan kutuun isaa kutannoo inni nageenya biyya kanaaf qabu agarsiise waan ta’eef galateeffanuu qaba. Hidhamtoonni kunneen akka hiikamanis rakkoolee hedduunis akka hiikaman abdiin qaba.