Labsiin Yeroo hatattamaa eenyuun fayyada?
Hiikaa Margaa tiin
Biyyi keenya Itiyoophiyaan biyyoota gaanfa Afriikaa jiran keessaa biyya hanga tokko nageenyi ishee mirkana’eef biyyoota ollaa biro keessatti nageenya eegsisuu irra jirtuu dha.
Akkuma beekamu sababoota gara garaan nageenyi biyya keesyaa yeroo gara garaatti gaaffii keessa gala jira. Nageenyi keenya gaaffii keessa galee jennaan misooma hawwinu bira osoo hin ga’in hafna.
Uummatni keenya yeroo gara garaatti gaaffii misoomaas ta’e gaaffii dimokiraasii gaafachaa jira. Gaaffiin isaa kun immoo dhaawata dhaawataan kan deebi’aa jiruu dha. Mootummaanis gaaffiiwwan ka’an hundumaa ariitii dhaan akkaataa deemsa seeraatti deebi’uu qabu jedhee hoji manee godhatee irratti hojjechaa jira.Haata’uyyuu malee gaaffiin hawaasaa fi deebiin deebi’aa jiru wal-simuu dhiisuu mala. Kunisimmoo sababawwan mataa isaa danda’e qabaachuu danda’a. Sababawwan kanneen keessaa tokko rakkoo bulchiinsa gaarii sadarkaa sadarkaa dhaan mul’atuu dha. Rakkoowwan kunneen immoo fedhii hawaasaa giddu galeessa godhatanii hanga danda’ame hojjechuu irra fedhii dhuunfaa ofii kiraa sassaabdota, kontirobaandistootatti maxxanuun dantaa hawaasaa achitti gatuun uummataa fi mootummaan amantaa wal-irraa akka hin qabaanne godhamaa tureera.
Sababawwan kanaanis uummanni mufannaa guddaa keessa galuun komee isaa ibsachuuf tooftaawwan gara garaa fayyadamaa jira. Tooftaawwan kanneen keessaa gabaa lagachuu, hiriira nagaa ba’uu fi karaa miidiyaalee gara garaa mufii isaa ibsachaa jira. Tooftaawwan kunneen hundinuu ibsituu dimokiraasii waan ta’aniif akka mootummaattis gochi kun badii tokkollee akka hin qabne amanamaa dha.
Garuummoo adeemsawwan yeroo ammaa kana komee mootummaa irraa qaban ittiin ibsachaa jiramu seera kan cabsee fi naamusa dhabdummaan kan keessatti calaqqisaa jiruu dha. Gochaawwan ji’oottan lamaan kana Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessatti taatewwan gara garaa irratti gaaffii qaban ibsachuuf daandiin filatame dogongoraa kan ta’eef badii kan biraaf kan nu saaxiluu dha.
Badiiwwan kanneen keessaa daandii cufuu, qabeenya mootummaa fi dhuunfaa mancaasuu, ajjeechaa qaama nageenyaa fi lammiilee saba biro irratti ajjeechaa raawwachuu faan kan qabatamaatti mul’achaa jiranii dha. Akkuman sila kaase gaaffiin uummataa gaaffii misoomaa fi bulchiinsa gaarii akkasumas kabaja mirga namoomaa faa of keessaa qabata. Gaaffii misoomaa gaafachuun keenya gaarii ta’ee osoo jiruu waajjira mootummaa abiddaan gubaa deemna yoo ta’e, misooma tokko balleessaa kan biraa gaafachuun ka’umsisaayyuu waan biraa of keessaa qabaachuu mala; yoo dhuguma quuqama biyyaa qabaannee misooma arganne ofii keenyaa kununfachaa isa hafeef ammo osoo badii hin qaqqabsiisin akkaataa heera fi seeraatti gaaffii qabnu yoo gaafanne gaaffii xiyyeeffannaa argachuu malu ta’a.
Itti dabalees mirga namni fedhe bakka barbaadetti hojjetee jiraachuu qabuu sarbuu dhaan qabeenya isaaf lubbuu isaarra miidhaa geessisaa ofiif ammo mirga gaafachuun gochaa wal-faallessu waan ta’eef dhugaa silaa beekamu qabus gocha badii kanaan ukkaamsamuu danda’a.
Egaa kun hundumtuu akkaataa heeraa fi seeraan adeemuun oso irra jiraatuu haalli biyyi keenya keessa jirtu yeroo ammaa kana yaaddessaa ta’aa dhufe, gochaawwan badii raawwatamaa jiranis humna mootummoolee naannoo fi naga eegsistoota biyyaa ol ta’aa dhufuun isaa maqaa biyya keenyaaf badaa ta’uu isaarrayyuu lammileen biyya kanaa kamillee akka fedha isaaniitti socho’anii jireenya isaanii akka hin geggeeffanne taasisaa jira. Kunimmoo miidhaan isaa waan salphaatti ilaalamu miti. Amma yeroo hundumtuyyuu ilaalu waan salphaa fakkaachuu danda’a; “Karaa limmoon lixe gaalli ba’a ” akkuma jedhamu biyyoota ollaa keenya kan akka Sudaan kibbaa, biyya akka Liibiyaa, Sooriyaa , Yemen faa yoo ilaalle gochoota akkasiitu biyya kana diige.
Biyya Sooriyaa yoo ilaalle biyyi kun biyya dinagdeen ishee baay’ee fooyyoftee fi bakka Tuurizimii Addunyaa ta’uun galii guddaa argachaa turtee dha. Biyyi kun har’a garuu sababa qaamoleen alaa dhiibbaa isan mootummaa biyya Sanaa irraan geessisaniin sadarkaa biyyi sun har’a irra jirtu baay’ee kan nama gaddisiisuuf dirree waraanaatti jijjiramtee jirti. kunimmoo osoo jalqaba ofeeggannoon gama mootummaatiin tarkaanfiiwwan nageenya eegsisuu fudhatameera ta’ee akkas hin ta’u ture,
Biyyuma michuu keenyaa fi miseensa Gamtaa Afriikaa fi biyya Akka Afriikaatti qabeenyaa hedduu kan qabduu fi Pirezdaantii Mohaammad Gadaafiitiin dursamaa turte yoo ilaalle waggaa saddeetii asitti rakkoon ishee mudate kan baay’ee yaaddessaa ta’ee fi jireenya qananii lammilee biyya Sanaa maaqii kan huffachiisee fi biyya yeroo ammaa kana mallattoo jeequmsaa taatee jirtu yoo ilaalle maalummaan nageenyaa gaafa nageenyi dhabamu akka galuuf wal-nama hin gaafachiisu. Lammileen biyya Liibiyaa bara bulchiinsa Mohaammad Gaadaafii geggeeffamaa turan jireenya ofii isaaniirraa hafanii Gamtaa Afriikaafiyyuu gargaarsa kennaa biyyaa turtee dha, Yeroo ammaa kana garuu biyyi Liibiyaa biyya naamusa dhabdummaan keessatti babal’ateef ba’anii galuun biyya yaaddoo cimaa keessa nama galche taatee jirti. Kunis yeroo sanatti osoo mootummaan of eeggannoo godhateera ta’ee jireenyi lammilee Liibiyaa yeroo ammaa kana rakkoo keessa hin galu ture. Maal godhu egaa bishaan darbe hin waraaban jedhu mitiiree?
Egaan biyya keenya Itiyoophiyaa keessatti rakkooleen nageenyaa duraan darbanii darbanii nul’achaa turan yeroo ammaa kanatti baba’achuun sadarkaa yaaddessaa irra ga’aa jiraachuun isaa kan wal-nama haalchisu miti. Haalli kun kanaan itti fufee jenneen humnootni badii hawaasa fakkaachuun nageenya biyya keenyaa booressuu irra darbeeyyuu dinagdeen biyya keenyaa akka kufuuf siochiin nuti misooma biyya keenyaaf xiyyeeffannoo godhannee itti adeemaa jirru hafee waa’ee nageenya keenyaa akka dhiphannuuf nu saaxiluun isaa hin hafu.
Waanti hawaasni hundumtuu beekuu qabu, dhimmi nageenyaa dhimmi pirooppogaandaa mootummaa wajjin wal-hin ilaallatu, sababnisaa yoo nagana hin jiraanne siyaasa yaaduun waan danda’amu natti hin fakkaatu. Nama lubbuun jirutu waa’ee guddinaa yaada, nageenyi hin jiru taanaan ammoo lubbuun jiraachuunuu gaaffii keessa gala. Paartiin siyaasaa kam ni dhufa, ni darbas. Garuummoo biyyi kun barabaraan isheedhuma taatee akka itti fuftuuf biyya kana diigamuu irraa baraaruun ga’ee mootummaa fi lammilee hundaati. Biyya kana badii irraa baraaruuf ammo mootummaan tooftaawwan gara garaa fayyadamuu danda’a. Tooftaalee kanneen keessaa tokko akka Keeyyata heera mootummaa 93tti, haalli nagenya biyyattii yaaddessaa yoo ta’e Mootummaan biyya bulchu labsii hatattamaa yeroo murtaa’aa dhaaf labsee nageenya biyyattii tasgabbeessuun heera irra waan jiruuf waan addaa ykn waan haaraa ta’ee uummatatti gaaffii ta’uu hin qabu. Uummatni kan gaafachuu qabu, yoo nageenyi mirkanaa’ee seerri kun osoo hin kaafamin yeroo murtaa’e irra darbuun miidhaa namarraan ga’e hawaasi hundumtuu gaafachuuf mirga qaba. Kanarraa kan hafe haalli yeroo ammaa kana Itiyoophiyaa keessatti mul’achaa jiru labsii yeroo hatattamaa kana Labsisiisuuf sababa quubsaa dha.
Yeroowwan turtii Labsii hatattamaa kana keessatti Mootummaan maal godha kan jedhuuf ammoo wantoota uummatni rakkoodha jedhee akka mufiitti kaasaa ture sirreessuudhaan nageenya biyya kanaa mirkaneessuuf irra caalaatti kan hojjetamuu dha. Haalota kana sirreessuuf ammo tasgabbiin baay’ee barbaachisaa waan ta’eef gocha badii kamirraayyuu of qusannee obsinee mootummaa cinma hiriiruun nageenya keenya eeggachaa soda tokko malee hojii idilee keenya itti fufaa wantoota sirraa’uu qaban sirreessuuf labsiin kun baay’ee barbaachisaa dha.
Kanaafuu Labsiin kun yeroo ammaa kanatti labsamuun isaa irra jireessaan hawaasa nagaa biyya kanaa, kan hojjetee jiraachuu barbaadu waan fayyaduuf kan wal nu mormisiisu ta’uu hin qabu.