Ethiopiaprosperous
Ethiopian News Ethiopian Daily news, Regarding political and social Issues.

Mirga Kabajsiisuuf Mirga Hindhibinaa

0 312

Get real time updates directly on you device, subscribe now.

Mirga Kabajsiisuuf Mirga Hindhibinaa

Ibsaa Namarraa

Itiyoophiyaa keessa erga jeeqni fi ugguurri haala idlee ta’e waggootiin lamaaf walakkaa lakkaahamani jiru. Jeeqni kun Oromiyaa keessa jalaqabe; bara 2008 ji’a Sadaasa keessa godina Lixa Shawaa magaala Ginciitti. Ka’umsi isaa bulchinsi magaalatti dirree mana baruumsaa maqaa invastimantiin dabarsee keennuuf meetra qabate ka’u isaatti. Dargaggoonni magaalatti haala kana moormani sagalee isaanii dhageessiisuuf hiriiranii addababayii bahan. Dargagoonni magaala Gincii moormiif hiriira bahan kun dhugaa qabuu.

Saamichi lafaa; keessttu samiichi lafaa qote bulaa maqaa invastimantiin raawwatamu qote bulaa hiyyuummaa sukkannessaaf saaxilee ummata komachise ture. Ummanni dhabiinsa bulchinsa qajeelaatin, saamicha lafaatiin, dhabiinsa carraa hojiitin rorroo keessa waan tureef, moormii magaala Gincii keessa ka’e walhaarkaa fudhachaa Oromiyaa gutu keessa walaqabsise.   

Gaaffiin bara 2006 irratti wixnee maastarplaanii Finfinnee fi Godina addaa oromiyaa naannoo Finfinnee akka haaqamuu gaafatame ture deebii osoo hinargatini turun isaa itti dabalame, mormiin Oromiyaa keesa walqabate cimaa ademe. Samicha lafaa Finfinnee iddoo jireenya qote bulaa turan irratti, akkasumas magaaloota Oromiyaa olla Finfinnee keessa raawwatamee, Oromoota hiyyeesa qulqulluu taassise, wixneen maastar pilaanii ijja shakkiitiin akka ilaalamu godhuun isaa ifaa dhaa. Maastar pilaaniin ija shakkiitiin ilaalamuun isaa, qote bultoota lafti isaani irraa saamame hiyyumaaf saaxilaman waliin yammuu ilaalamu sirri ture.

Sababa saamicha lafaa adeemsifameen qote bulttoonni hiyyuummaa haamaaf sixilamn, biddeena barabaachhaa ijoolee isaan waliin gara magaalatti baqatan, hojii dhabeeyyi magaaloota keessa turan irrtti dabalamani magaaloota oromiyaa waltajjii rorroo taasisani turan. Rakkoon kun garu kan Oromiyaa qoofa miti; naannooleen biroos haala walfakkaattu keessa turan.

Moormiin ummata sababa gara garaa irra ka’e gara jeequumsa fi ugguuratti jijjiiramaa dhufe kun, naannoowwan kan biroo keessas; keessattu naannoolee Amaaraa fi Ummattoota Kibbaa keessas mudate ture. Moormiin gara jeequmsatti jijjiramaa adeeman, haalumma naannoo keessa jiruun ka’umsi isani garaa garuummaa haaqabaatu malee, sababni bu’uura dhabinsa bulchinsa qajeelaa, kiraa funaanttummaa fi dhabinsa hojii daragaggoota ture.  

Egaa; moormiiwwan kun dhugaa haaqabatan malee, gara jeequmsa fi ugguratti jijjiramanii sababa dhabiinsa lubbuu namoota, midhaa qaamaa, buqaahinsa jiruu, barabadiinsa qabeenya ummataa fi mootummaa ta’ani jiru. Kun ammo naannayee ummata waan midheef, wanta hi barabaadamnee fi jibbiisisaa taassiisee jiraa.

Jeequumsa naannoolee Oromiyaa, Amaaraa fi Ummattoota Kibbaa keessa ka’e ture kun, labsii yeroo ariifachisaa ji’a Onkololeessa bara 2009 irratti labsameen tasgabbaahee ture. T’ullee walitti-bu’insa naannoolee Oromiyaa fi Sumaalee Itiyoophiyaa giddu sababa dangaatiin ka’een biyyattiin afuura argachuu hindandeenye. Walitti-bu’insi kun sababa dhabinsa lubbuu namoota hanga ammaa hammam akka ta’an hinibsamee ta’e jiraa. Gara naannoolee lamaanuu namoota kuma ibbaan lakkaahaman jiru isaan irraa buqqaahani jiruu. Gara Oromiyaan qoofa namoonni kuma ibba jahaa ta’an jiruu isaan irraa akka buqqaahan ragooleen nimul’isu. Wanti kun keessattu ummanni Oromoo mootummaa feedraalawaa irratti komii akka qabaatu taasiisee jiraa. Komiin kun ammalle akuuma jiru dhaa.

Mootummoonni feedraalawaa fi naannoolee rakkoolee dhabiinsa bulchinsa qajeela, kiraa funaanttummaa, dhabiinsa hojii . . . hikuuf tarkaanfilee fudhachuu jalqabani jiru. Tarkaanfilee kanaan keessttu naannoo Oromiyaa keessa mootummaa fi ummata gidduu waligalte fi walaamantiin kanaan duura argame hinbeekne uumame jiraa. Kan akka hinjifannotti fudhachuun nidandaahamaa.

Ta’ulle; jeequmsi fi ugguurriin gutumaan guttuutti hindhaabbanne. Sababa gara garaa dhiyeessaa waamicha biyya aalarraa midiyaa haawaasaatin tamsaa’u hordoofaa, dargaggoonni laganna daldala fi cufinsa karaa raawwachisaa jeeqa uumaa jiru. Lagannaan hojii fi dhowwiinsii sochii kun, fedhii irraati hundaayee kan raawwatamu miti. Kanaafuu; namoota laganna hojii fi dhoowwaa sochii didan fi dargagoota lagannaa ajajan gidduu walitti bu’insi uumamaa qabeenyi barbadaahe jiraa. Hanga ammaa mootummaan mirga uumata lagannaa hojii fi dhorkaa sochii aala ta’u barbaadan ittiisuu hindandeenye. Haalli kun ummata koomachisaa jiraa.

Egaa; moormiiwwan waggootan lamaan darban keessa ka’an sababa fudhatamaa (dhabinsa bulchinsa qajeela, babal’insa goocha kiraa funaantummaa, saamicha lafaa, dhabinsa carraa hojii . . .) qabaatanille, gara jeequumsa fi ugguuratti jijjiramani badii guddaa geesisani jiru. Kun ammoo; moormiin sababa fudhatamaa qabuu ummataa kun, gareewwaan sirana heera mootummaa diguu fi biyyatti unkuruuf kaayyeefatanii socho’aa jiraniin butamu isaa eraa.

Yeroo ammaa dargaggoonni jeequumsaa fi lagannaa hojii biyya aala irraa ajajamu raawwachisaa jiruu. Goocha kanaan tattaaffii mootummaan feedaraalawaa fi naannoolee akkaataa waadaa seenaniin gaaffiilee ummata debisuuf gochaa jiran gufachisaa jiruu.  Dargaggoonni carraa hojii gaafachaa, gara biraatiin warshoolee carraa hojii uuman gubaa, kanuuma hojiirra jiran hojii dhabiyyuummaaf saaxilaa jiru. Carraa hojii gaafachaa, hiriiyoota isaanii biddeena guyyaa argachuuf carraaqan hojii akka lagatan, akka hinsoochonne dirquun beelaaf akka saaxiilaman goochaa jiru. Walqixxuummaa saboota qabsoo ummataan argamee fi heera mootummaan mirkanaayee faalleesanii, dhalattoota saboota biroo isaan gidduu jiraatan irratti haalleelaa raawwachaa jiruu. Goochi kun, goocha mirga namuummaa sarbu dhaa. Kanaaf dargagoonni mirga namuummaa sarbuu irraa of qusachu qabu.

Raawiileen mirga ofii gaafachaa mirga nammuummaa ummata sarban kana duuba garreewwan ajandaa siyaasa ofii isaani qaban jiraachuun isaa dhugaa dhaa. Dargaggoonni; mirga mootummaf gaaffii dhiyeessuu, heera irratti hundaahanii hiriira addababayii gaggeessuu, gaaffii isaanii midiyaan ibsuu . . . qabaatanlle, sababa mirgi kiyya haakabajamu jeeduun, mirga namoota biroo dhibuu hindandahani. Goochi kun seeraan dhoowwaa dhaa, safuudhaas.

Kanaafuu; daragaggoonni, yammuu waamichi jeequumsa fi lagannaa hojii akka raawwachisan gaafatu isaaniif tamsa’u, miraan oofamaa raawachisuuf ka’uun duura, kaayyoon abbicha waamicha dhiyeesse maal akka ta’e xinxaalani hubachu qabuu. Keessattu mirga ofii mirkaneessuuf jeecha, mirga namoota biroo dhibuu irraa ofqusachu qabu.      

 

Leave A Reply

Your email address will not be published.

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

This website uses cookies to improve your experience. We'll assume you're ok with this, but you can opt-out if you wish. Accept Read More

Privacy & Cookies Policy