Ethiopiaprosperous
Ethiopian News Ethiopian Daily news, Regarding political and social Issues.

Nagaa, Nagaa,…ammas  Nagaa!

0 363

Get real time updates directly on you device, subscribe now.

Nagaa, Nagaa,…ammas  Nagaa!

 

Tokkummaa Biyyaa tiin

 

Nageenyi bu’uura waan hundumaati. Dhalli namaa jiraachuu dhaaf dursa nagaa qabaachuutu irra jiraata. Waa’ee wantoota bu’uuraalee jiraanya keenyaaf barbaachisanii kanneen biro osoo hin yaadin nageenya keenyaa dhiphachuutu nurra jiraata. Waa’ee guddina biyyaa osoo hin yaadin kan dursuu qabus wabiin nageenya keenyaa mirkanaa’aa ta’uu qaba. Kanaaf lammilee hundinuu nageenya biyyaaf  ciminaan hojjechuutu iraa eegama.

Nageenyi hin jiraanne taanaan waan hundumtuu waan jiraanneef dhimmi nageenyaa dhimmi mareef dhiyaatu ta’uu hin qabu. Sababnisaa nageenyi yoo jiraanne qaamni hawaasaa kamillee faayidaa isaaf malu kamillee argachuu waan hin dandeenyeef. Nageenyi hin jiru taanaan misoomas ta’e sirna dimokiraasii mirkaneessuun rakkoo ta’uu mala. Nageenyi hin jiru taanaan wabiin mirga lubbuun jiraachuu hin jiraatu.

Dhugaa dha nagaa fi dimokiraasiin dhimmoota adda ba’anii ilaalaman miti. Sababnisaa isaan keessaa tokko yoo hin jiraanne tokko irratti dhiibbaa fiduu waan danda’uuf. Yoo isaan keessaa tokko hin jiraanne isa tokko yaaduun bu’aa hin qabaatu. Biyyi akka Itiyoophiyaa yeroo ammaa kana rakkoo keessaa ba’uuf yeroo wixxifataa jirtu kanatti nageenya ishee mirkaneessuuf hojiishee murteessaa gootee hojjechuutu irraa eegama.

Guddinaa fi misooma biyya tokkoof bu’uurri guddaan nageenya akka ta’e kan wal nama gaafachiisu miti. Dhugaadhumasaa yoo dubbanne gatiin nageenyaa biyya lafaa kanarraa waan ittiin madaalamu hin qabu.

Akkuma beeknu lammileen Itiyoophiyaa hundinuu nageenya har’a argame kanaaf  gatii hedduu baasaniiru. Keessumaa bara mootummoota abbaa hirree nagana ba’anii nagana deebi’uun yeroo itti gaaffii keessa turetti fedhiin namoota baayee misooma osoo hin taane mirga lubbuun jiraachuu ture. Knaafis kaffaltii hedduu qaalii ta’e lubbuu isaanii itti dhabuun nageenya nuti har’a arganne kanaaf bu’uura ta’aniiru. Mootummoolee kanaan dura turaniin dhiibbaan hedduun qaqqabeera. Wareegamni lubbuus ta’eera.

Lammileen biyyattii hundumtuu guddinaaf misooma jalqabamee jiru kana itti fufsiisuuf, nageenya amma mirkanaa’aa jiru kana caalmaatti cimsuuf tokkummaan jabaatanii hojjechuutu irra jiraata. Dhimmi nageenya eegsisuu qaama nageenya eegsisu qofa irratti gatamee gaafa rakkon nageenya humna qaamolee nageenya eegsisanii ol ta’u gara uummata hundaatti dhufee badii geessisuun isaa waan hin oolleef  lammileen hundinuu dhimmi nageenya dhimmi kooti jedhee dammaqinaan irratti hirmaachuu qaba.

Lammileen biyya keenyaa saba nagaa dhabuutiin qabsoon inni hiyyummaaa mo’achuuf taasisaa jiru sababa nageenya dhabuutiin akka inni harkaa fashalaa’u hin fedhu. Kanaafis nageenya biyya kanaaf dhimmee hojjechuutti jira.sababnisaa rakkoowwan sababa nageenya dhabuutiin irra ga’aa ture akka gaariitti waan beekaniif gatiin nageenyaas hammam akka qaala’aa ta’es ni beeku.

Lammileen Itiyoophiyaa haaraan biyyi keenya Itiyoophiyaan kun rakkoo waraanaan irra ga’aa ture akka irra deebi’u kan fedhan miti. Sababa waraanaatiinis guddina amma dhufaa jiru dudduubatti akka deebi’u hin fedhan.  Sababnisaa waraanni jireenya biyya tokkoo irratti hagam akka inni dhiibbaa qabu waan beekaniif, dargaggoo misoomaaf qophaa’an dirree waraanaa irratti dirqisiifamanii deeman lubbuun isaanii akkasumaan waan badaa tureef  gochi sun akka irra deebi’amu kan barbaadu hin jiru. Kanneen kun hundinuu waggoottan 27 dura yaadannoo nuti qabnu yommuu ta’u yeroo ammaa kana nageenyaan bakka bu’eera. Nageenyi argame kunimmoo boora’uun irra hin jiraatu. Lammileen biyya keenyaa yeroo ammaa kana ijaarsa sirna misoomaa fi dimokiraasii irratti xiyyeeffannaa gochaa waan jiraniif iji isaanii gala galee waa’ee waan darbee ilaaluus hin fedhan.

Nageenyi amma argame kunis guddinaa fi misoomaan dabaalamee, haaromsi biyya keenyaas akka dhugoomuuf tokkummaa dhaan dhaabbanneerra. Kanaaf  qaamolee daandii nageenya kanaa cufuuf asii fi achi sosocho’an kanneen guddachuun biyya kanaa isaaniif hin liqimsannee fiu faayidaa dhuunfaa isaanii qofaaf yaadan hedduu tu jira waan ta’eef isaan kanaaf yoomillee araarri kan hin godhamneef ta’uu beeksisuun barbaachisaa dha. Sababnisaa nama dhuunfarra dursi biyyaaf kennama waan ta’eef.

Biyya keenya keessatti yeroo dhiyoo asitti rakkoon nageenyaa darbee darbee mul’achaa turuun isaa ni yaadatama. Yeroo ammaa kana garuu yeroo inni itti to’annoo jala oolaa jiruu dha. Kanaafis hojiileen hafanis yoo jiraatanillee tumsa mootummaan federaalaa fi naannoo taasisaniin nageenyi amansiisaan mirkannaa’aa jira. Ol’aantummaan seeraas kabachiifamaa jira.

Qaamoleen Nageenya eegsisanis nageenya itti fufiinsa qabu fiduu dhaaf uummata faana hojjechaa kan jiranii dha. Biyya kamiinuu keessatti hirmaannaa uummataan alatti nageenya kabachiisuun waan yaadamu miti. Faayidaan nageenyaa maal akka ta’e eenyuun caalaa kan beeku uummata waan ta’eef.

Egaa rakkooleen kanaan dura biyya kana keessatti uumamaa turan maddi isaanii fedhii adda addaa qabaachuu lammilee biyya kanaa fi fedhii  kiraa sassaabddotni faayidaa isaanii eegsifachuuf carraaqan irraa madduu isaa armaan olitti ilaalleerra.

Kanaafis mootummaan yeroo ammaa kana rakkoolee jiran  kan mootummaan ofitti qabee ilaalaa jiruuf furmaata isaaniis  barbaadaa kan jiru ta’uu kutannoo dhaan yeroo itti ibsaa jiruu dha.  Mootummaan ADWUI yeroo ammaa kanaa rakkoo keessoo isaa qulqulleessuu irratti kan argamuuf rakkoolee mudatan qaama biraa akka sababaatti waamuun furmaata akka hin taane beekee rakkoowwan keessoo ta’an furuuf tattaaffii guddaa taasisaa jira. Kana gochuun kan danda’amu yoo ta’e dhiibbaan alaa jijjiirama biraa fiduu akka hin dandeenyes ni amana.

Ol’aantummaan seeraa kan mirkanaa’u yoo ta’e rakkooleen darbanii darbanii mudatan kunneen bu’uurumaan kan furaman yommuu ta’u  lammileen hundinuu dhimmi kana irratti akka hirmaataniifis balballi isaa banamee jira.  Lammileen biyyattiis humnoota badii raawwatan kamiiniyyuu of keessaa saaxiluu tu irra jiraata. Kanaafis duudhaan waliin jireenya keenyaa cimee itti fufuu kan qabuuf rakkoon yeroo uumamuttimmoo miidhaa osoo hin geessisuu caalaa waanti nuti goonu sababnisaa beekamuu qaba.

Walumaa galatti yeroo waan tokko uumamu miira keessa galuun badii miira keenyaan hin madaalamne balleessuu irra tasgabboofnee , rakkoo uumameef seeraan furmaata isaa itti barbaadaa deemuun barbaachisaa dha. Kanaafis dargaggotaaf ijoollee keenya gorfachaa rakkoowwan uumaman ammoo qaama dhimmi isaa ilaallatu waliin mareen hiikuun qaroomina.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

This website uses cookies to improve your experience. We'll assume you're ok with this, but you can opt-out if you wish. Accept Read More

Privacy & Cookies Policy