AFAAN OROMOO

ADWUIn ammas seenaa hojjechuu itti fufe…

By Admin

March 31, 2018

ADWUIn ammas seenaa hojjechuu itti fufe…

Hiikaa Margaa tiin

Manni Maree ADWUI torbanoota lamaan darban keessa wal-ga’ii koree hoji-raawwachiiftuu walitti qabuun waa’ee dhimmi biyya kanaa fi hanqina hoggantoota filannoo dhaan ni guuta jedhamee fedhii ol’aanaa dhaan eegamaa ture. Qorannoo fi gamaaggama cimaa booda waan haaraa fudhatee achii as nuuf ba’eera. Baga gammaddan baga waliin gammadne !

Innis erga guyyaa gaafa Bitootessa 18/2010 tii eegalee kabajamoo Dr. Abiy Ahmad Alii dura taa’aa ADWUI ta’uun sagalee caalmaa dhaan akka filataman miidiyaaleen biyya keessaa fi Idil-addunyaa ajandaa isaanii godhataniiru- ishoo baga godhatan. Sababnisaa dhimmichi dhimmi kanaan dura xiyyeeffannoon itti kennamee gurri hundinuu gara araat kiiloo tti qeensamee dhaggeeffatamaa ture waan ta’eef osoo miidiyaaleen idil-addunyaa wal-harkaa fuudhanii waa’ee Itiyoophiyaa kana odeessuu baatanii baay’ee na dhiba ture.

Lammileen Gara garaa biyyattii keessatti argaman guutummaa gutuutti filamuu kabajamoo Dr. Abiy tti baay’ee kan gammadan ta’uu isaanii marsariitii Miidiyaalee Hawaasa gara garaa irratti ibsachaa jiru. Ammas gammachuun keessan itti haa fufu jechuun barbaada.

Akkuman kanaan dura barreeffama koo kanaan dura isa Muummeen Ministeera keenyaa heera keenya jedhu irratti barreesse, iji addunyaa biyya kana irra jira. Nageenyi biyya kanaa addunyaa kanaaf baay’ee barbaachisaa dha. Sababnisaa Itiyoophiyaa jechuun Addunyaa xiqqoo jechuu ni dandeenya. Biyyi kun biyya Dippilomaatota Addunyaa fi teessoo Gamtaa Afrikaa waan taateef lammilee obbolaa keenya Afrikaa hedduu biyya isaanii bakka bu’anii as Itiyoophiyaa taa’an of keessatti hammattee qabdi. Kanaafityyuu gurrii fi iji addunyaa nurratti xiyyeeffatee ture jechuufan jedhe.

Egaa dubbii dubbii biyya balaa irraa baraaruu waan ta’eef qaamoleen hawaasa kana keessaa filatamuun biyya kana geggeessaa jiran hundi yeroo itti tokkummaa ,miira obbolummaa fi kaka’umsa ol’aanaa dhaan biyya keenya jaalannu kana rakkoo isheen yeroo dhaaf keessa lixxee turte kana keessaa baasuutti erga gadi taa’amee mari’atamuutti ka’ee oolee bubbulaa jira, akkasumas murtoowwan ciccimoo qabatee dhufaa jira. Kunimmoo baay’ee jajjabeessaa fi gocha itti fufiinsaa deemaa jiru ta’uu isaa ADWUI n irra deddeebi’ee nutti agarsiisaa jira. Waadaaleen kanaan dura yaa’iiwwan darban galamanis tartiiba tartiiba isaaniitiin gara hojiitti hiikamaa jiraachuun isaanii abdii guddaa kan namatti horuu dha.

Egaa oduu biraa dhaan isin dadhabsiisuu koo caalaa Murtoon kun maalirraa ka’amee fudhatame? Namni amma Dura taa’aa ADWUI ta’uun filatame kun dhuguma biyya kana rakkoo irraa baraaraa kan jedhu gaaffiilee ka’uu malaniidha jedheen abdadha.

Dr. Abiy eenyu dha? kan jedhu yeroo ammaa kana deebii bal’aa waa’ee isaanii gadi fageenyaan haala nama amansiisuun ibsu yeroon barreeffama miidiyaalee hawaasaa  amanamoo irraa dubbisu egereen biyya kanaa nama kanatti kennamuun isaa murtoo sirrii dhaa fi irratti qoratamee laatame ta’uu isaatu natti dhaga’ama.

Waa’ee namichaa yeroon dubbisu, inni nama biyya kana geggeessuu danda’u miti, kan akka addunyaa kanaattiyyuu barbaachisuu dha.  Sadarkaan barnoota ol’aanaa fi muuxannoowwan hojii fi geggeessummaa isaan argatan akkasumas biyya Itiyoophiyaa kana bakka bu’uun nagaa eegsisuuf Ruwaandaa Kiigaalii deemuun gulantaa Leetinaan koloneel irra nama ga’ee jiruu dha. Dr.Abiy n akkaataan namoota irraa dhaga’etti bakka hojii itti ramadamanitti jijjiirama fiduun amala isaanii keessaa tokko kan ta’eef hojii hojjetanitti nama of hin jajneefi waan gara fuulduraatti hojjetan qofa irratti nama xiyyeeffatu malee akka nama waan xiqqoo hojjetee isa daadhessuu dhaan yeroo fixu akka hin taane odeeffadheen jira.

Dr.Abiy yeroo isaan haasaa taasisan yeroo mara nan dhaga’a, haasaan isaan godhan pirooppogaandaa midhaan abjuu nama nyaachisu osoo hin taane, qabatamaatti waan yeroon barbaadu, waan dargaggoon dhaga’uu fedhu falaasama addunyaa hordofuun dhugaa fi haqa jiru nama lafa kaa’u waan ta’eef waltajiiwwaan gara garaa irratti haasa nama dadammaqsu( motivational speech) isaatiin baay’ee beekama. Kanaafis lammilee biyya kanaa hedduu biraa kabaja ol’aanaa argateera.

Waan haaraa uumuun isaaf hojii idilee isaa ti. Waajjiraalee gurguddaa hojjete kana keessatti jijjirama adda ta’e osoo hin fidin waajjirri inni keessaa ba’e hin jiru.

Egaa AWDUI nis kanumarraa ka’uun namni kun gara dura taa’aa ADWUI tti yoo dhufe biyya kana ni jijjiira jechuun gamaaggama erga taasisee booda gara aangoo ol’aanaa kanatti akka inni dhufu godhee jira.

Murtoon akkasii kun murtoo seena-qabeessaa fi murtoo biyya kana daran fayyadu waan ta’eef ammallee geggeessummaan ADWUI rakkoo kamiin yoo qoramellee furmaata waliin akka dhufuu danda’u nu hubachiiseera jedheen yaada.

Walumaagalatti, amma kan nuti xiyyeeffannoo itti kennuun nurra jiraatu, akkamiin Dr.Abiy rakkoolee nu mudatanii turanii furmaata kennu ykn nu mudachuu danda’aniif akka hin mudanne taasisuu danda’u kan jedhu ta’uu qaba.

Akka Dura taa’aan Waajjira ADWUI obbo Shifarraa Shugguxee jedhanitti, miseensonni ADWUI hundinuu  kabajamoo Dr. Abiy cina hiriiruun rakkoo biyyi keenya keessa galtee jirtu hundeedhaan dhabamsiisuuf kutannoodhaan hojjechuuf waadaa akka galan dhageenyeerra. Kun dirqama geggeessaa biyya kana geggeessuuf adaraa hawaasa kanarraa fudhatee yoo ta’ellee, qaamoleen hawaasaa hundi, dargaggoon, jaarsoliin, haadholiin , abbootiin gadaa fi amantaa ciminaan yeroo itti tokkummaan sabaa fi sab-lammoota biyya kanaa cimee, nageenyi biyya kanaa mirkanaa’e arguu dhaaf daran ciminaan hojjechuutu nurraa eegama.

Irra caalmaatti ammo jijjiiramni kan dhufuu danda’u, aadaa hojii keenyaa guddifachuu waan ta’eef hojii idilee keenyaa irratti yoo cimne bakka ga’uu qabnu hanqachuu akka hin dandeenye Dr.Abiy irraa muuxannoo hedduu arganna jedheen yaada.