Ethiopiaprosperous
Ethiopian News Ethiopian Daily news, Regarding political and social Issues.

Dhakaa Hinabdatinaa

0 375

Get real time updates directly on you device, subscribe now.

 

Dhakaa Hinabdatinaa

Ibsaa Namarraa

Jeequumsa fi ugguura uumuun lakoofsaan olaanaa ta’u hinbarbaadu. Magaala ummata miliyoonni tokko keessa jiraatu namoota kuma tokko gadii taa’aniin jeequun nidandaahamaa. Gareewwan jeequumsa kaasan lakkoofsaan olaantummaa qabatani hinbeekani. Gareen lakkoofsaan olaantummaa qabuu dhimma isaan fixaan baahachuuf jeequumsa uummuun irraa hinegamu. Garuu; gareewwan jeequumsa kaasan lakkoofsi isaanii xiqqaatulle bay’e fakkaatu. Waan iyyaniif, waanuuma argatani asiif achi mancaasaa waan unkuraniif, ibiidda waan qabsiisaniif . . . baay’atani mul’atu. Namoonni nageenya barabaadan sagaleen isaanni waan hindhagaahamneef hinmul’atani. Haalli tibbana Oromiyaa keessa mudate ture kana dhugoomsaa. Ummanni jeequumsaa fi lagannaan kan rakkachaa bayee gocha namoota bay’e xiqoo taa’anin ture.

Kaayyoon jeequmsaa fi laganna gabaa Oromiyaa tibbana, labsii yeroo ariifachiisaa mana maree bakka bu’oota ummataa feedraalwaatiin haarka sadii keessa lamaan rggaahee akka haaqamu haala dirqu uumuu ture. Waamichi jeequmsaa fi lagannaan kun kan dhiyaate ummataan miti. Namoota biiya aalaa jiraatan raakkos ta’ee gammachu lamiilee kan hinqoodne dhaani. Waamichi kun midiyaa haawaasaan tamsa’e. Kanaafu, lagannaan gabaa fi sochii feedhi uummata irraa kan madde dhaa jeedhame fudhatamu hindandayu. Waamichi lagannaan ummanni feedhii isaatin akka hirmaatu kan gaafatu osoo hinta’ini kan dirqu ture. Nama lagannaa irratti hirmaachu dhabe tarkaanfiin akka irratti fudhatamu akeekni darbe ture.  

Haala kanaan daldaltoonni yammuu guyyaan lagannaan itti ajajme gahuu, balaa lubbuu fi qaama isaani fi maatii isaani irratti, akksumas qabeenya isaan irratti qaqqabu dandahu soodaatani dunkaana banu irraa qusatan. Abbootiin konkolaataa geejiibaa ummataa fi konkolaachistoonniis, balaa lubbuu fi qabeenya isaan irratti gahuu dandahu sodaatanii konkolaataa isaani dhaabuuf dirqaman. Walumma galaatti, lagannaan gabaa fi soochi, hirmaannaa feedhi ummataan osoo hinta’ini dirqamaan raawwatame.

Lagannaa dirqama kana kan raawwachiisan daragagoota hingurmoofne fi kaayyoo hinqabne, akkasuumas beekumsaan osoo hinta’ini miraan ofamaninii dhaa. Dargagoonni abbaan fe’ee isaan yaabbatee gulufu kun baay’ina hiqabani. Yammu lakkoofsa dargagoota mara waliin ilaalaman, haarka tokko lama hincaalani. Dargaggooni kun xiqqaa ta’anille, karaa konkolaataa dhakaan cuufanii, gabaa bittinneesani namoota kumoota heedduun lakkaahaman akka hinsoochoone fi akka gabaa hinbaane dhoowwani turan. Addababayi irrtti gommaa gubu dhaan magaalaa aaraan uukkaamsani ummata kuma heedduun lakkahaman irratti miira soodaa uumani turan.

Egaa; midiyoonni hawaasaa qajeelcha mootummaa Ertiraa irraa isaaniif darbuun soocho’an kan akka zhaabashaa, marrajaa dot com, dj itiyoophiyaa fi kkf lagannaan kan ummanni itti hirmaate fakkeessanii suuraan hirkiisani dhiyeessan lagannaa dirqama kana ture. Lagannaa adeemsisun, koomii addababayyitti baahanii ibsuun mirga ta’ulle, ummata dirqani laganaa irratti akka hirmaatu ykn addbabayyitti akka bahuu godhuun mirga nama dhibbuu dhaa; goocha yakkaaniis nigaafachisaa. Kanaafuu, mootummooleen feedraalawaa fi naannoolee abbaana fe’ee ka’e namoota dirqu dhaan akka hinhojjanne, akka hinsochone, akka hinbaranne . . . godhu akka hindandenye olaantummaa seeraa kabajsisuuf dirqama qabu. Lagannaa dirqama kanaan duura Oromiyaas ta’e naannoo Amaaraa iddo tokko tokkotti adeemsifaman irratti, gara mootummaan haanqinni mul’ate jiraa. Haalli kun akkaataa kanaan fufu hinqabau.

Kun jeechuun garu, ummanni baay’ina qabu mootummaa irratti koomii hinqabu jeechu miti. Koomii isaa hiiriira balaaleefannaa addababayiinis ta’e karaa birootiin haala nagayaa ta’een ibsuu hinqabu, koomii isaa waliin ukkaamame jiraachu qabaa jechu miti. Koomii isaa seera irratti hundaaye haala nagayaatiin ibsuu nidanadahaa. Kana godhuuf mirga heera mootummaatin mirkanaaye qabaa.

Ummanni mootumma irratti rakkoo dhabiinsa bulchinsa qajeelaa, kiraa funaantummaa, saamicha lafa qootee bulaa, dhabiinsa carraa hojii irra kan ka’e komii haadhawaa ta’e qabaa. Rakkooleen kun haammaatani bakka ummanni baachu hindandeenyetti yamuu gahan ummanni addababayii bayee balaaleefannaa isaa hiriiraan ibsuun isaas niyaadatamaa. Balaaleefannaan kun bu’aa argamsise jiraa.

Balaaleeffanna adababayii kanaan mootummaan damaqe jiraa. Kana booda mootummaan koomii ummata salphisisuu fi gaaffiiwwan ummataan dhiyaataniif deebii keennuuf qophaahaa ta’u isaa ibsee sochi jalqabera. Mootumooleen feedaraalwaas ta’e naannoolee akkasuumas paartileen siyaasaa biyya bulchaa jiran of isaani qooratani sirraahuuf sochii haaroomsa jalqabaniiru. Sochii kanaan hogansi haaroomsaa kara angootti dhufe jiraa. Kun keessattu naannoo Oromiyaa keessa ifatti mul’ate jiraa.

Hogansi haaroomsaa angoo fudhate, rakkoo dhabinsa bulchinsa gaarii fi haqa, Kiraa funaantummaa keessattu saamicha lafaa dhabamsisuuf, gaafiilee misoomaa fi carraa hojiif deebii laachuuf socho’e bu’aa abdachisaa argamsisaa jiraa. Garuu, rakkooleen tokko tokko, fakkeenyaaf rakkoon hojii dhabdummaa,  sirnoota duur irraa kan gagaragalaa dhufee fi sadarakaa dinagde biyyatti wajiin kan walqabatu waan ta’eef waggaa tokko lamaan keessa gutummaan gututti nisalphahaa jeedhame hinegamu. Rakkoon kun gutumaan guttutti kan hikamu yammuu biyyattiin dinagdeen badhaatu qoofa. Rakooleen ilaalcha waliin wala qabataniis jijjiirama ilaalch waan barabaadaniif, kun ammo jijjiiramaa adaa fiduu waan ta’eef yeroo gabaabaa keessa milkaahina gutu ta’e niargamaa jeedhame hinegamu.

Lgannaan gabaa fi sochiin dirqama, jeequumsi kan raawatamaa jiruu hala aramman olitti ibsameen, wayita mootumman haroomsaa rakoolee ummata hamma dandahameen furuuf kutannoon sochii adeemsisaa jiruu keesa. Lagannaan dirqamaa fi jeequmsii dhaamsa biyya aala irraa midiyaa hawaasan tamsaa’u fudhchaa dargaggoota of isaanii “qeerroo” jeedhanii moggaasaniin fixaan bahaa jiruu, misooma harkarra jiru barbadeessaa jiraa. Sochii misooma gufachisaa jiraa. Haala soodaa uumuun kaapiittaalli invastimantii biyya keessaas ta’e kan aalaa keessattu gara Oromiyaatti akka hindhufne taassiisaa jiraa. Abbootii qabeenya biyya alaa fi naanoo biraa irraa dhufan qoofa osoo hinta’ini, abbootiin qabeenya Oroomoo yeroo ammaa Oromiyaa keessa qabeenya isaani hojii irra olchu sodaachaa jiru. Kun ammo hojii dhabiinsa dargagoota madda koomii ummata isa dursaa ta’e haammaachaa akka adeemuu godhaa. Egaa “qeerroon” abbaan fe’ee itti yaabate gulufu haala kanaan of midhaa jiraa.

Garuu, hoggansi haaroomsa gaaffii ummata deebiisuuf yammuu tattafachaa gochaa jirulle, ummanni rakkoo raawwii fi kkf irraa kan ka’e koomii qabaachuu nimalaa. Gaaffii dabalataa haala amma jiru irraa madee qabachuus nidandahaa. Ummanni gaaffiilee fi koomii kanneen mootummaa isaaf ibsuuf, balaaleefachuuf, mootummaa qeequuf mirga qabaa. Garuu, kana kan godhuu lagannaa gabaa dirqamaani fi jeequumsa qabeenya barabadeessuun, namoota enyummaa isaanitiin haleeluun ta’u hinqabau. Namuu kana raawwachuuf mirga hinqabu.

Koomii fi gaafii isaa dhiyeessuuf seera irratti hundaayee hiriira bahuu nidandahaa. Midiyoolee ummataaini fi dhuunfaan ibsuu, mootummaa qeequ nidandahaa. Mootummaan kanaan sirrahuu yoo dide, akkuuma sagalee isaatiin taa’itaa irratti kaayeen, filannoo irratti hirmaachaa sagalee isaatiin taa’ita irraa busu nidandahaa. Ummanni akka dargagoonni ofi isaanii “qeerroo” jeedhan moggaasan godhaa jiran dhakaa osoo hintaini kaardii fiilannoo abdachu qabaa.

  

Leave A Reply

Your email address will not be published.

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

This website uses cookies to improve your experience. We'll assume you're ok with this, but you can opt-out if you wish. Accept Read More

Privacy & Cookies Policy