AFAAN OROMOO

Dhimma hunda keenyaa…

By Admin

March 21, 2018

Dhimma hunda keenyaa…

Hiikaa Margaa tiin

Akkuma beekamu walitti bu’iinsa naannoo daangaa naannoo Oromifaa fi Somaalee Itiyoophiyaatti lammilee naannoo daangaa jiraatan gidduutti uumameen sababa rakkoo nageenyaa yeroo darbe mudateen lammilee hedduun qe’ee isaaniirraa buqqa’uu bakka garaagaraatti faca’anii jiraachuun isaanii ni yaadatama.Lammilee kunneen kanneen magaalaa Jigjigaa jiraachaa turan dabalateen gara kuma dhibba torbaatti lakka’aaman qabeenyaa fi mana isaanii dhiisuun rakkoo nageenyaa yeroo sana isaan mudateen qe’ee isaanii irraa buqqa’anii bakkeewwan gara garaatti hojii lubbuu ofii baraarfachuu hojjechaa turan. Haalli yeroo sana mudate hagam baay’ee ulfaataa ta’us taateewwan dhala namaa mudatan keessaa tokko waan ta’eef of amansiisanii fudhachuu caalaa wanti godhamu kan biraan hin turre. Sababa walitti bu’iinsa sanaan miidhaa hedduutu qaqqabe, lubbuu qaaliin lammilee gama obbolaa Oromoo fi Sumaaleetiin badeera. Kun ammo biyya tokko keessatti ta’uun irra hin turre.

Eenyullee lammii biyya kanaa ta’uu qofa osoo hin taane dhala namaa ta’ee hanga jirutti mirga lafa fedhe jiraachuu qaba. Sababnisaa maddi dhala namaa hundaa tokko waan ta’eef garaagarummaa amantii, Afaan, gosaa fi kanneen biro tokko  malee wal-danda’anii jiraachuun baay’ee salphaa dhaa fi aadaa dhala namaa ta’uu qaba. Addunyaan amma keessa jiraachaa jirrus jireenya dhala namaa bakka dhiphaa tokkotti ukkaamsitee haaluma baramaa kanaan dura keessa jiraatamaa tureen akka itti fufamu kan keessumeessaa jirtu natti hin fakkaatu. Haala yeroo ammaatiin biyyi kun kan kooti kan keeti kan jedhu waan hafaa jiru fakkaata. Sababnisaa eenyullee hanga heeraa fi seera biyya tokkoo kabajee jiraatutti bakka fedhe jiraachuuf mirga mataa isaa qaba. Kun ta’ee osoo jiruu walitti bu’iinsi naannoo Oromiyaa fi Somaalee baay’ee suukanneessaa fi yaaddeessaa ture.

Haa ta’uyyuu malee tattaaffii mootummaa tii fi hawaasa nagaa barbaadu biyya kanaatiin hojiin gama lachuutiin nageenya buusuu ciminaan hojjetamuu isaa irraan kan ka’e, nageenyi guutummaa guutuutti jedhamuu danda’u naannoo daangaa lamaaniitti akka bu’uuf ifaajee walitti fufaa ta’een hojjetamuun isaa nageenyi nannoo Sanaa hanga tokko mirkanaa’ee gara namoota qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqa’anitti deebisuu fi akkasumas dandamachiisuu hojjetamaa tureen turban kana bu’aa isaa argaa jirra. Gochaa kanarraas waan baay’ee barachuu dandeenya.

Akka mootummaatti federaalaatti lammileen qe’ee isaanii irraa buqqa’an haal-duree tokko malee nageenyi isaanii bakka isaan qubatanii turan irraa kaasee rakkoon nageenyaa dabalataan akka isaan hin mudatneef qaama nageenya lammilee kanaa tiksu naannoo daangaa fi bakka qubannaatti ramaduun eegsisaa ture. Akkasumas qarshii miliyoona 900 ol ramaduu dhaan lammileen qe’ee isaanii irraa buqqa’an kunneen akka dandamatanii fi murtoo waarawaa akka argataniif hojjetamaa tureera. Kanaanis bu’aa hedduun argameera. Xiyyeeffannoon lammilee qe’ee isaaniirra buqqa’an kanaaf kennaa ture haala addaatti ilaalamaa kan turee dha. Fakkeenyaaf biyyi keenya yeroo ammaa labsii hatattamaa keessa jirti. Labsiin kun dhorkaa hedduu of keessa qabaachuun isaa beekamaa dha. Kunis hanga xumura labsichaatti sochiin namootni wal-bira baay’atanii adeemsisan dhorkamee ture. Garuu lammileen kun rakkoo keessa waan jiraniif isaanirratti dhorkaa akkasii hin geggeessine, kanas ibsa guyyaa gaafa labsiin kun ragga’e kenname irraa dhageenyee jirra.

Haaluma wal-fakkaatuun mootummoolee naannoo wajjin walii galuu dhaan lammilee kanaa deggersi barbaachisaan akka godhamuuf sochii taasifamaa ture keessatti ga’een mootummaa ol’aanaa ture.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa fi lammilee Naannoo Oromiyaa sabaan Oromoo ta’aniif kanneen sabaa fi sab-lammii biyya kanaa ta’an miidhaan lammii Oromoo miidhaa keenya jechuun lammilee kanaaf dirmachuun isaanii walitti dhufeenyi sabaa fi sab-lammilee biyya kanaa hagam hundeen isaa gadi fagaatee akka dhabbate kan ibsuu dha.  Keessumaa kan nama ajaa’ibsiisu lammileen qe’eerraa buqqa’an kunneen gara kuma 200 olii yeroo isaan bakka duraan turan naannoo Sumaalee Itiyoophiyaatti deebi’an simannaan hawaasa naannoo sanaatiin taasifameef walitti bu’iinsi yoo jiraateyyuu walitti bu’iinsa yeroo fi miira keessa galuu yeroo gabaabaa ta’uu isaa irraa kan hafe walitti bu’iinsii fi jibbiinsi yeroo dheeraa ta’e lammilee biyya kanaa gidduu akka bhin jirree fi federaaliizimiii dhugaa ijaaraa jiraachuu lammilee biyya kanaa ifatti lafa kaa’a.

Keessumaa sochiin lammilee oromoo daangaa hanga daangaatti lammilee qe’ee isaanii irra buqqa’an kana deebisanii dhaabuuf taasifamaa jiru hedduu kan jajjabeeffamuu qabuuf itti fufiinsa qabu ta’uu qaba. Yeroo ammaa kana osoo haalli qilleensaa jijjiiramee osoo lammileen kun roobaan hin miidhamin bakki jireenyaa yeroo buqqaatota kanaa ijaaramee akka itti galaniif sochii cimaa Mootummaan Naannoo Oromiyaa fi sabaa fi sab-lammileen biyya kanaa taasisaa jiran abdii egeree biyya kanaa ta’uu isaatu nama gammachiisa.

Kun immoo eessaa dhufe yoo jenne, waggoottan muraasa erga ADWUIn biyya kana geggeessuu jalqabee walitti dhufeenyi lammilee biyya kanaa daran akka cimuuf aadaa wajjin jireenyaa akka cimsataniif hojiin hojjetame gara bu’aa qabeessummaatti jijjiiramaa jiraachuu isaa agarsiisa.

Lammileen biyya kana keessa jiraatan hundinuu yeroo ammaa kana yeroo sabni tokko miidhamu onnee callisee ilaalu qabaachaa hin jiran, miidhamni saba tokkoo miidhama saba hundaati, kan har’a saba biraa qaqqabe bor na qaqqabuu danda’a jechuun walitti dhufeenya jireenya walii waliinii cimsachuu caalaa rakkina kam keessattuu cimanii waliin dhaabbachuun akka danda’amu agarsiiseera.

Walumaa gala haalli lammileen walitti bu’iinsa daangaa mudateen qe’ee isaaniirraa buqqa’an yeroo ammaa kanaa haala ajaa’iba ta’een manneen yeroo isaaniif qophaa’an naannoowwan Oromiyaa gara garaa keessatti argamanitti yeroo itti gala jiranii dha. Gargaarsi lammilee kanaaf godhamu hanga lammileen kun rakkoo isaanii dandamatanii jireenya idilee isaanii geggeeffachuu jalqabanitti  deggersi mootummaa federaalaa, mootummaan naannoo fi lammilee biyya kanaa hundi kan irraa hin cinne ta’uu qaba.

Itti dabalees lammileen kun bakki dhaloota isaanii, manni jireenya isaanii fi bakki hojii idilee isaanii bakka jalqabaa kan ta’e qe’ee isaanii naannoo daangaas haa ta’u, magaalaa Jigjigaa waan ta’eef lammileen kunneen yoo fedhii isaanii ta’e bakka sanatti deebi’anii jireenya waggoota dheeraa dhaaf geggeeffachaa turanitti akka deebi’uu danda’an mootummaan mirga guutuu kenneeraaf, ammas mirgi kun eegamaa dha.

Walumaa galatti jireenya dhala namaa keessatti walitti bu’iinsi jiraachuu malus, walitti bu’iinsi miidhaa akkasii geessisuu fi waliin jireenya lammilee biyya kanaa miidhu akkasitti uumamuun waan irra hin jiraanneef rakkoon akkasii deebi’ee biyya kanatti akka hin uumamneef irratti hojjetamuutu dirqama ta’a. Rakkoolee xixiqqoon sababawwan gara garaaf uumamuu malu, garuu rakkooleen xixiqqoo dha jennee tufannee bira darbuu qabnu jiraachuu hin qaban. Sababnisaa rakkoon walitti bu’iinsa margaa fi bishaan horiin dhugdufaa irratti ka’aa turan hidda gadi fageeffachaa deemuun  rakkoo hammana ga’uuf lammilee saaxiluun isaanii kun kanaan dura dafnee madda rakkoo duuchuu dadhabuu keenyarraan kan ka’e balaa hamaa kanaaf nu saaxileera waan ta’eef.

Xumura irratti, dhimmi lammilee qe’ee isaanii irraa buqqa’anii deebisaanii dhaabuu fi dandamachiisuu kun dhimmi mootummaa Naannoo Oromiyaa fi lammilee Oromoo qofaa osoo hin taane, dhimmi hunda keenyaa godhannee lammilee kana akkataa dandeenyuun bira dhaabbachuutu nurra jiraata. Mootummaanis lammilee kana akkuma kanaan dura deggersa walirraa hin cinne gochaa fii ture sanatti itti fufee jireenya idileesaaniitti akka deebisu abdii guddaan qaba.