A man poses with a magnifier in front of a Facebook logo on display in this illustration taken in Sarajevo, Bosnia and Herzegovina, December 16, 2015. Facebook Inc said on Wednesday it is testing a service that will allow users of its Messenger app to hail Uber rides directly from the app, without leaving a conversation or downloading the ride-hailing app. REUTERS/Dado Ruvic TPX IMAGES OF THE DAY - RTX1Z0SS

AFAAN OROMOO

Facebook…?

By Admin

March 31, 2018

 

Facebook…?

Hiikaa Margaa tiin

Yeroo addunyaan amma keessa jirtu, yeroo odeeffannoo ta’uun isaa beekamaa dha. Odeeffannoonis akka madda galiitti yeroo itti ilaalamaa jirutu jira, ta’uus qaba sababnisaa odeeffannoowwan gara garaa yaada gara hojiitti jijjiiramuu danda’u hedduu waan of keessaa qabaniif odeeffannoon akka galteetti ilaalama. Odeeffannoon kanneen ammoo bakka yaadame qaqqabuu dhaaf meeshaawwan (means of communication) gara garaatti fayyadamuun qaama xiyyeeffatame bira ga’uun isaa wal nama hin gaafachiisu. Meeshaalee kanneen keessaa Facebook, blogs, wiki, fi kanneen suuraa fi viidiyoo ittiin walii qoodan yeroo ammaa kana bal’inaan kan itti fayyadmaa jiramuu dha.

Har’a dhimmi an barreessuuf deemu, waa’ee galteewwan odeeffannoo armaan olii tokko tokkoon ibsuuf osoo hin taane, akkaataa itti fayyadamiinsa isaanii, faayidaa isaanii, fi miidhaa isaanii ibsuun yaala.

Bitootessa 20/2010 sa’a 2:30 irraa kaasee, Qophii Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Itiyoophiyaa Maree Paanaalii mata dureen isaa “Dhalootni  Haaromsaa Misoomaa fi Nageenyaaf  ga’ee bakka hin buufamne qabu” jedhu Hoteela Juuppiteritti qophaa’e irratti argameen ture. Sagantaa kanarrattis dargaggoota Itiyoophiyaa kutaa biyyaa gara garaa irraa bakka bu’anii dhufantu hirmaate.

Kaayyoon Maree kanaa maree kanaa  dhimma waa’ee itti fayyadama Miidiyaalee Hawaasaa ( social Media) irratti bal’inaan hubannoo kennuuf kan qophaa’eef hubannoo gaariin kan irratti uumamee dha.

Akkuma beekamu dargaggootni biyya tokkoof akka leecalloo ol’aanaatti ilaalamu. Dargaggoon humna hojii ho’aa qabu waan ta’eef mataa isaaniiifis ta’e biyyaaf abdii egereeti. Jijjiirama biyya kanaatiifis ga’een dargaggoon biyya kanaa ga’ee bakka hin buune qabu.

Akkuman armaan olitti eeruuf yaale ammoo miidiyaalee hawaasaa hedduminaan kan fayyadaman dargagggota. Sababnisaa yeroon yeroo odeeffannoo waan ta’eef eenyuun iyyuu odeeffannoo irraa dhorkuun barbaachisummaa hin qabu. Biyyi keenya Itiyoophiyaanis eenyuyyuu miidiyaalee hawaasaa barbaadetti fayyadamuu akka danda’u dhorkuuf fedhii hin qabdu. Sababnisaa mirga uumamaanis ta’e  heeraan dhala namaatiif kenname keessaa tokko mirga dubbachuu ti waan ta’eef.

Miidiyaaleen hawaasaa kunneenis to’annoo mootummaa fi qaama kamiin ala ta’uun isaanii mirga dubbachuu guutummaa guutuutti sodaa tokko malee yaada ofii ibsachuun ni danda’ama. Kanaafis odeeffannoon yeroo baay’ee miidiyaalee hawaasa gara garaa irratti gadi lakkifaman kaka’umsa qaama dhuunfaa odeeffannoo sana gadi dhiiseen kan qophaa’u malee itti yaadamee faayidaa fi miidhaan isaa adda ba’ee kan tajaajilaaf oolu miti. Odeeffannoon gama miidiyaa hawaasaan daddarnu baay’inaan kan nama dhuunfaa irraa maddu ta’uun isaa ammo idilummaa fi dhugummaa odeeffannoo Sanaa baay’ee gadi buusa. Namni dhuunfaa waan isatti dhaga’ame hunda fuudhee miidiyaa hawaasaa irratti akka odeeffannoo dhugaa ta’eetti gadi lakkisuu danda’a.

Odeeffannoowwan kanneenis karaa lama ilaaluun  dand’ama. Isaanis odeeffannoo biyyaaf faayidaa qaban fi akkasumas miidhaa qaban jennee ilaaluu dandeenya. Odeeffannoon miidiyaalee hawaasaa kanarratti gadi lakkifaman waan osoo hin gulaalamin gara dhaggeeffataa deemaniif of-eeggannoof xiyyeeffannoo dhaan kan qophaa’an miti. Garuummoo akkaataan itti isaan dhiyaatan baay’ee hawwataa fakkeessuuf kan yaalamu waan ta’eef hordoftoota baay’ee qabaachuu mala. Yoodhumallee dubbiin achirra jiru soba ta’ellee sababa hordoftoota baay’ee horachuu danda’aniif yaadawwan namootni kennan irratti hundaa’uun soba dhugaa fakkachuun ishee hin oolu. Yeroo kana egaa miidhaa odeeffannoo nama dhuunfaa irraa ka’uun biyyi balaaf kan saaxilamtu. Dargaggoonis miira keessa galuun odeeffannoon kun maal akka ta’eef hammam akka dhugaa ta’e dhaabbatee osoo hin ilaalin rakkoo keessa galuu kan danda’u.

Miidiyaaleen hawaasaa kun karaa kamiinuu jireenya hawaasaa fi dinagdee biyyaa irratti dhiibbaa qabaachuu danda’a. Dhiibbaawwan kunneen yoo haalaan itti fayyadamne, miidiyaawwan kunneen faayidaan isaan qaban daran ol’aanaa dha. Sababnisaa akkuma armaan olitti kaafne yeroo ammaa kana lammileen biliyoonaan lakkaa’aman hedduun fayyadamoo miidiyaalee hawaasaa waan ta’aniif akka madda odeeffannoo, akka madda galiittis itti fayyadamuun ni danda’ama.

Akkasumas miidiyaaleen kunneen ga’een isaan biyya diiguu qabanis salphaa miti. Odeeffannoowwan sobaa fi jibba facaasan hedduunis marsaa miidiyaalee hawaasaa irratti waan faffaca’aniif gochaaleen kunneen miira keessa dargaggoo galchuun taatoowwan badiisaa akka isaan ta’an gochuun isaas waan oolu miti. Fakkeenyaaf yeroodhuma dhiyoo kana biyyi keenyas muuxannoo akkasii argaa waan jirtuuf.

Yoo biyya keenya Itiyoophiyaa kana ilaalle itti fayyadamni miidiyaalee hawaasaa of-eeggannoo cimaa kan gaafatuu dha. Sababnisaa biyyi kun biyya sabaa fi sab-lammilee hedduu of keessa qabdu waan taateef  yaadoleen karaa miidiyaalee hawaasaa ka’an hundinuu aadaa, duudhaa, fi fedhii lammilee biyya kana keessa jiraatanii kamiin illee irratti dhiibbaa kan geessisu yoo ta’e faayidaa isaarra miidhaa isaatu madaala waan ta’eef of-eeggachuun barbaachisaa dha.

Gara maree dargagoota kanaatti yoon deebi’e, yaadolee ciccimoon maree kana irratti ka’aniiru. Yaadoleen kanneenis waa’ee itti fayyadama miidiyaalee hawaasaa ilaalchisee ilaalcha dargaggoo jijjiiruuf hubannoo uumuun barbaachisaa akka ta’e hirmaattotni baay’inaan kaasanii turan. Keessumaa ammoo ilaalcha dargaggoo biyya kanaa jijjiiruuf manni barnootaa bakka ka’umsa dargaggoo waan ta’eef barsiisotaa fi mana barnootaa irratti xiyyeeffannoon kennamee hojjetamuu akka qabu bal’inaan ka’aa ture.

Itti dabalees yaadnu hedduminaan ka’aa ture, waa’ee bilisummaa miidiyaa biyya keessaa kanneen akka raadiyoo fi Televiizhinii ti. Innis qabiyyeen miidiyaalee kanneenii hawwataa waan hin taaneef dargaggoota ofitti harkisuu hin dandeenye kan jedhuu dha. Kanaaf xiyyeeffannoon kennameefii bilisummaan miidiyaalee kanneeniif yoo kenname miidiyaan kunneenis akka filannootti hawaasa tajaajiluu danda’u kan jedhu ka’eera.

Inni kan biraan ammo biyyi keenya Itiyoophiyaan poolisii itti fayyadama Miidiyaalee hawaasaa qabaachuutu irra jira kan jedhutu ture. Poolisii kana qabaachuun miidiyaaleen kunneen akka badiif nu hin saaxille waan nu gargaaruuf jecha poolisiin itti fayyadama midiyaalee wixineeffamuu qabu yaadoleen jedhu ka’anii jiru. Sababnisaa miidiyaaleen kunneen to’annoo biyya kanaa jala waan hin jirreef akka barbaadanitti gocha badii miidiyaaleen kunneen qaqqabsiisan dhaabsisuun hin danda’amu.kanaaf badii kana hanga tokko xiqqeessuuf poolisiiwwan kanneen yoo ba’an dansaa akka ta’e dargaggoonni kunneen kaasaniiru.

Walumaa galatti dhimmi hunda dursu dhimmi oduutiin biyya diiguu osoo hin taane, dhimmi dhaabbatanii odeeffannoon jiru hammam dhugaa dha, yoo dhugaa ta’e hoo akkamiin furmaata argachuu qaba osoo jedhanii hin yaadin badiif ariifachuun balaa hamaa geessisuu danda’a waan ta’eef, dargaggoon rakkoo mudatu kamiifuu dhaabbatee of ilaaluun rakkoo uumameef karaa sababawaa ta’een furmaata barbaaduun isarraa eegama.

Ammaan booda waan gochuu qabnu hundaaf sababa ga’aa lafa kaa’uutu nurra jiraata. Sababnisaa dargaggoon umrii dargaggummaa isaa kana keessatti murtoo mataa isaa murteessuu danda’uu qaba. Kana yoo hin taane qaama biraatu akka barbaade asiif achi isa oofuun balaa biraaf saaxiluu danda’a waan ta’eef.

Mootummmanis akka qaama biyya geggeessu tokkootti dargaggootti dhiyaachuun karaa nagaa fi tasgabbii qabuun dargaggoo mariisisuun madda rakkoo qoorsuutu irra jiraata.