Artcles

Furtuun Masraa Eessa Jiraa?

By Admin

March 02, 2018

Furtuun Masraa Eessa Jiraa?

Ibsa Namarraa

Sirna fiwdaalizmii waggootii 43 duura kufee keessa mootootni biyya bulchaa turan of isaani  muudama Waaqa godhani dhiyeessu ture. Mootootni sirnichaa angoo dangaa hinqabnee Waaqarraa keenname niqbu jedhame holoolamaa ture. Angoon isaanii beekumsaa adunyaatiin kan hinqooratamne fi hoqqayyuu godhame fudhatamaa ture. Mootoonni madda heera fi seera turan. Ummanni feedhii mootoota fi maatii isaanii gutachuun aala, akka mirga fi feedhii ofii qabaatu hinlakkawamu ture. Mootiin qabeenya biyyatti mara irratti abbuummaa qabaa. Mootiin angoo lafa biyyatti irratti ajaju dandeessisu qabaa. Abbaa fedheef nikeennaa; abbaa hinjaalanne irraa ammo nifudhataa. Walumagalatti mootiin Waaqa gadii angoo hindaangeefamne qabaa.

Sirnichi abbaa irree mootoota kun waggootii 43 duura qabsoo ummataatin burkutaye awwaalame. Burkutaahu sirna mootoota boodas angoon mootummaa haarka ummata keessa seenuu hindandeenye. Qabsoon sirna mootoota kuffisee kan gurmaayee waan hintturreef, angoon huumna looltoota gurmuu qabuu fi qawwee hidhate haarka senee. Looltoonni sirna mootoota tajaajilaa jiran ibbaan lakkaahaman gurmaahanii angoo haarka erga galfatan booda mootummaa hunddeessan.

Looltoonni ibbaan lakkaahaman kun ofii isaanii Mana Mree Looltoota ykn Daggii Looltoota jeedhani gurmeessanii taa’itaa irra Koran. Yammuu taa’itaa irra Koran hamma ummanni mootummaa ofii isaa ijaarrattu qoofa taa’itaa irra turuuf waadaa senanii turan. Mootummaan isaan hunddeesanis Mootummaa Cheehumsaa Looltoota kan jedhamu ture. Yaata’umalee; uffata looltummaa isaanii baasanii, maqaa isaanii yeroo irraa yerootti jijjirrachaa dhuma irratti Mootummaa Demookraatawaa Ripablika Itiyoophiyaa jedhamu hunddeessu isaani labsan.

Maddi angoo looltootaa qawwee ture. Garuu, angoo isaanii qawweerraa maddee kan falaasama koominstii dibanii bareechani turan. Humni looltoota madda heera mootummaas, seeroota birootis ture. Qaamni kun murtee dabarsuun ittigaaftamuummaa hinqabu. Akaataa qaama kanaa, ummanni akkuma feedhii isaatiitin ofamuu fi carraa ofii isaa irratti murteesuuf mirga kan hinqabne dhaa.

Amma sirnoonni lamaanu seenaa ta’ani jiru. Amma biyyattiin heera mootummaan bulaa jirti; Heera Mootummaa Demokraatawaa Fedaraalawaa Ripablikii Itiyoophiyaatin. Heerri mootummaa kun ummataan bocame. Mootummaan, qaama akkaataa heera mootummaa kanaan biyya bulchuuf ummatarraa bakkabu’ummaa fudhate dhaa. Akkaataa heera mootummaatiin biyyatti bulchuu dadhabnaan ykn didnaan bakka bu’ummaan isaa haaqame taaitaa gadilakkisaa. Angoon mootummaa heera mootummaan kan daanggeefame dhaa. Sirna feedraalwaa amma itti jiruu keessa maddi angoo ummataa, abbuumaan angoos kan ummataati.

Ummanni madda fi abbaa angoo ta’uun isaa kan mirkanaahu sirna filannoo demokraatwaa ta’eni. Sirna kanaan, ummanni paartiilee moorkiif dhiyaatan keessa akkaataa feedhii kiyyaa nabulchaa jedhee itti amneef sagalee isaa keennee, abbaan sagalee caalmaa argatee  bakka bu’ummaan angoo fudhataa.

Akkaataa kanaan qaamni kamiyyuu, gara taa’itaa mootummaatti dhufuuf filannoo demokraatawaa ta’een sagalee haarka caalaa argatee bakka bu’ummaa ummataa fudhachuun irraa egamaa. Itiyoophaan ammayyaa, ani muudamaa waaqaati jeechaa ykn natu siif beekaa, falaasmani ani hordoofu olaantummaa qabaa jeechaan angoo mootummaa ittin qabatan miti. Angoon bakka bu’ummaa ummataan kan argamu fi meeshaa ummata ittiin tajaajilan qoofa. Biyyattiin waggooti kurnan lamaan fi walakkaa darban sirna deemokraatwaa ta’e kana keesa dabarte.

Amma, ummanni namuu bakka bu’ummaa sagalee caalmaa ummtaan argamu aala gara taayitaatti akka dhufu hinheyyamu. Kun jeecuun garuu, adeemsa filannoo waliin walqabatee rakkoon tokkolle mudate hinbeeku jeechu akka hitaane hubatamu qabaa. Ummata, dhaabbilee siyaasaa fi mootummaa keessa adaan demokraasi sirritti waan hindagaagneef, gaggeessaa filannoo keessa rakkooleen jiraachu hindhabani. Garuu; rakkooleen kun bu’aa filannoo hanga ammaa adeemsifaman kan jijjiiran miti. Ta’ullee fuldurattiif rakkooleen mul’atan foyya’aa ademmu qabu.

Egaa; waggootii kurnan lamaa fi walakkaa darban keessa filannoon biyyooleessaa shan adeemsifamuun isaa nibeekamaa. Filnnoowwan kanaan akkaataa heera mootummaa biyyattiin ajajutti miseenssonni mana mree bakka bu’oota mootummaa feedraalwaan filatamani mootummaa hunddeessani biyya bulchaa turan. Manni maree bakka bu’ootaa angoo seera tummu fi qaama hojii raawwachiiftu muuduu fi to’achuu qabaa. Hojii raawwachiftuun ittiwaamamni isaa mana maree bakka bu’ootaa ummataafi.

Hojii raawwachiftuun miniisteera mummeen hogganamaa. Qaadhiimamaan ministeera mummee kan dhiyaatu dhaabbata siyaasaa mana maree bakka bu’oota keessa teessuuma caalmaa argatee mootummaa hunddeesseeni. Manni maree kadhimaa dhiyaatee irratti sagalee kennee caalmaan yoo deggarame fudhatamaa argataa. Qaadiimamaan miniisteera mummee miseensa mana maree bakka bu’oota tau qabaa. Haala bakka bu’ummaan ummtaa ittin mirkanahu kana ala miniisteera mummee muuduun hindandaahamu.

Egaa; miniisteerri mummee akkaataa kanaan filatamni Haayila maaryaam Dasaalany tibbana feedhi isaaniitiin taayitaa gadilakkisuuf mana marree bakka bu’ootaaf iyyannoo galchanii jiruu. Manni maree yammuu boqoonnaa irraa debi’u dhiyannoo isaani fudhate miniisteera mummee haaraa nimuudaa jedhame eggamaa. Miniisteerra mummee haaraa muuduuf dhaabbanni siyaasaa mana maree bakka bu’oota keessa teessumma caalmaa argatee mootummaa hundesse qaadhima nidhiyeessa. Kaadhimamaan kun sagalee caalmaan yoodegaramee nimudamaa.

Walumagalatti, filannoo madda fi abbuummaa angoo ummataa mirkaneessuun aala karaan gara angoo mootummaa ittiin kooran hinjiru. Miseensoonni mana maree bakka bu’oota feedaraalwaa fi ministeerri mummee galma fi masara Araat Kiloo argamu keessa jiran taa’itaa fi angoo isaani ummatarraa bakka bu’ummaan kan argatani dhaa. Kanaafuu; furtuun galma mana maree bakka bu’ootaa fi masara miniisteerri mummee ittiin hojattu haarka ummata keessa jiraa. Furtuun kun korojoo filannoo keess jiraa. Furtuu kana abaa sagalee caalaa argatee qoofatu fudhataa.