Gaabbiin Kan Du’e Hindeebisu
Ibsa Namarraa
Jeeqoonni darbanii darbanii mudachaa turan amms inuma jiru. Sababa gara garaa ka’umsa godhachuun mudachaa jiruu. Maddi jeequumsa kana komii dhugaa ummanni mootummaa irratti qabu turee. Ummaanni, keessttu dargaggoonni komii mootummaa irraa qabani irraa kan ka’ee balaaleeffannaaf addababayii bahani turan. Mootuummoonni feedraalawaas ta’e naannoolee gaaffii ummanni balaaleeffannaan dhiyeesse fudhatanii rakkoo jiruu sirreessaa deebisuuf waadaa senanii jiru.
Yeroo ammaa, mootuummooleen feedraalawaas ta’e naannoollee gaaffii bulchinsa qajeelaa ummaanni dhiyeesse dirirsuuf tattaafachaa jiru. Rakkoo dhabiinsa haaqa sirreessuuf socho’aa jiru. Saamichaa qabeenya ummattaa, keessttu saamicha lafa qonnaan bulla irratti raawwatamaa turee dhabsisani jiru. Qonnaan bultoota beenyaa malee ykn beenyaa gahaa osoo hinargatini lafti isaanii irraa saamamef fala keennuuf hojjachaa jiru. Rakkoo hojii dhabiinsa dargaggoota salphisisuuf malli haaraa qophaayee raawwatamaa jiraa. Kanaafuu, jeeqoonni fi lagannaa gabaa fi sochii amma darbee darbee mudachaa jiran gaaffii ummta irraa kana ka’ani dhaa jennee fudhachuu dogogora irra nubusaa.
Kana malees; mootuummoonni feedaraalawaa fi naannoolee waligalte biyyooleessaa uumuuf jeechaa, yakkamtoota sirna heera mootummaa balaa irra busuu dandahuu raawwatan, nagaa eegdoota rasaasaan ajeesan, ilaalcha mankaraaristuummaa tarakaanfachisaa biyya jeeqqaa turan dabalatee namoota kuma heedduun lakkaahaman gadilakkiisani jiru. Hubadhaa; namoonni kun kana gadlakkifaman yakka seeraan gaafachisuu waan hinraawwanneef miti. Garuu shakkii gareewwan gara garaa keessa umaamee furuun walgaltee uumuuf barabaachisaa jeedhamee waan itti ammanameefi.
Yaata’u malee, yeroo kun ta’aa jiru keessa jeeqni fi lagannaa gabaatiin ummanni midhamaa jiraa. Daldaltoonni fi warri tajaajila geejibba keennan lagannaa irratti akka hirmaatan “qeerroon” dirqamaa jiru. Yoo ajaja dirqama lagannaa fudhachuu didan haalleellaan akka isaan irrtti raawwatamu akeekni ifaa dhaan keennamaa jiraa. Walumagalatti, lagannaan gabaa fi sochii, ummatta sodaachisaa dirqamaan akka raawwatamu godhamaa jiraa. Garuu, ummanni laganna torbaan kana keessa yaamamee didee jalaa fashaleesse jiraa. Kun, lagannii feedhii ummataa akka hintaanee mul’isaa.
Jeequumsa yeroo eegee ka’uun qabeenya lammiilee irratti buuttaan raawwatamaa jiraa. Waajiroonni mootuummaa ummataaf tajaajila keennan gubachaa jiru, Lammiileen eenymmaa saba isaanitiin qoofa haalleellaan irratti raawatamaa jiraa. Sababa kanaan naannoolee fi iddoowwan jeequumsaaf kaadhimaman irraatti invastimaniin qabanaahaa jiraa. Immallii turistootaas dhaabachaa jiraa.
Haalli kun gaaffii misoomaa fi carraa hojii ummanni gaafachaa jiruuf bu’aa faallaa ta’e fidaa. Misooma isuuma jiru barabadeessuun, akka hindagaagne gufachiisuun, invastimantii misooma haaraa dhabamsisuun carraa hojii dhibbisaa jiraa; dhabiinsa hojii babal’isaa jiraa. Sochii mootuummaan gaafii misoomaa ummataa deebisuuf godhaa jiru gufachisaa jiraa. Kun madaala kamiyyuunu gaaffii dhugaa ummataa godhame fudhatamu hindandayu. Ummanni misooma malee hiyyuummaa hingaaffannee.
Jeeqoonni fi lagannaan gabaa, misooma barbadeessaa fi dagaagina isaa qancarsaa jiran kun kan qajeelafaman garoota fi namoota biyya aalaa jiraniini. Namoonni qabeenya Biyyoonni Awrooppaa fi Ameerikka kaabaa nagaa isaanii mirkaneessani, olaantummaa seeraa kabajsisani hooran irraa funaanaa jiruu isaani mijasantu jeeqa ofaa jiraa; midiyaa haawaasaatiin. Qeerroon Oroomoo sammuun hinbilchaannee ammo, galmi isaanii maal akka ta’e osoo hinhubatini, biyyoonni fi qaamooleen isaan duuba jiran eenyu akka ta’an osoo hinbeekini dhaamsaa cittuu midiyaa haawaasaatiin darbu hoordoofaa ofi isaani fi lammii isaanni midhaa jiruu. Qeerroon dhaamsaa cittuu biyya aala irraa midiyaa haawaasatin tamsa’u hoordoofee jeeqaaf bahu kuun, jeequmsa kanaan jalaqabrraa kan midhamu isaa.
Kanaafuu; haalli kun babal’achaa, misooma gufachisee, sirna heera mootuummaa digee biyyatti akka Soriyaa fi Libiyaa barbadessee, qeerroo abdiin jiruu isaa biyyuuma kana keessa ta’e abdii isaanii osoo hindukanneessiin duura too’atamu qabaa. Nageenyi badee biiyyattiin yoo digamte deebisuun hindanadaahamuu. Yoo dandaahameellee dhaloota heedduu gaafataa. Haalli amma jiruu adeemsa seera kabajsisa idleetiin too’atammu bakka hindanddeenytti waan gaheef haala ariifachisaa ykn haala atatamaa labsuun barbaachisaa ta’ee argame jiraa
Lbsiin haala ariifachiisaa kan barabaachisee akka warreen biyyatti diguuf diina waliin hojjachaa jiran hololanitti ummata ukkaamsuuf miti. Kaayyoon labsichaa shiira biyyatti haarka qeerroon digguun, abdii jiruu qeerroo nageenya fi misooma biyyatti irratti jiruu dukkaneessuuf xaxamaa jiruu fashaleessu dhaa. Lbsiin kun misooma fi jiruu qananii qeerroon abdatu hinmidhu; abdachisaa taassiisaa malee. Garuu, gareewwan fi diinoota biyyatti diguuf socha’an, labsiin kun kaayyoo haamaa isaanii jalaa waan fashalaahuuf akka haaqamuu waanumma argatan asiif achi haarkiisaa jiru.
Keessaattu, qeerroon Oromoo meeshaa dinoota ta’ee biyyatti abdii jiruu isaa taate kan akka hindignee miraan ofamuurraa tasgabaayee abshaalummaan tarkaanfachuu qabaa. “Qeerroo, qeerroo …” kan jeechaa jiran isa jaalatanii osoo hinta’ini, qawaa dhabiinsa hubannoo isaatiin itti lixanii haarka isaatiin mana isaa akka gubu godhuufi. Kanaafu, qawaa dhabinsa hubannoo isaa abshaalummaan duchu qabaa. Amma sammuun qeerroo Oroomoo abbaan fee’ee kan itti buurraaqquu ta’aa adeemaa jiraa. “Qeeroo mataa koonkaa” jeechaa itti kolfamaa jiraa. Kanaaf sammuu isaa hubannoon gutee abshaaluummaan tarkaanfachu qabaa.
Qeerroon Oromoo abshaalummaa dhabanaan, diinoonni itti fayyadamanii biyyatti abdii jiruu isaa taate akka diguu godhanii abdii isaa dukkaneessuun isaanii waan hinollee. Nageenyi badee biyyattiin eerga digamte booda gaabbuun faaydaa hinqabuu; gaabbiin kan du’e hindeebisu.