Hartuu Agamsa
Lammii Waaqee
Qabeenyi biyya tokko qabeenya haarka lammiilee keessa argamu dhaa. Ummanni osoo hiyyuummaa keessa jiru, biyyi ykn mootummana duureessa ta’u hindandayu. Ummanni fi biyyi wlaiin duuroomu ykn waliin hiyyoomu; waliin baduu ykn waiin jiratu. Inni tokko duuroomee, inni kaan hinhiyyoomu; inni tokko bade inni kaan hinjiraatu. Biyya ykn mootummaa duureessa uumuu jeechuun, lamiilee duurooman uumuu jeechu dhaa.
Hiyyuummaan dhabiinsa; waa mara dhabu. Quufanii nyaachu dhabu, uffata dhabu, fayyaa dhabu, beekumsa dhabu . . . jeechu dhaa. Haawwiin hiyyeessaa duursaa hiyyuummaa jalaa bahuu dhaa. Haawwiin mootummaa hiyyeessaas kanuuma.
Yeroo ammaa Itiyoophiyaan biyyoota aduunyaa guddiina dingde saffiisaa galmeessisaa jiran keessa adda durummaan caqafaa jirti. Waggoota kudhashan duura garuu, hiyyuumma sukkanneessaan beekamaa turte. Yeroo ammaa ummanni fi mootummaan Ityoophiyaa hiyyuummaa jalaa bahuuf tattaafachaa jiru. Abdii duuroominas ilaalaa jiru. Waggoota toorba booda biyyattiin toora biyyoota galii giddu gala irratti argaman waliin hiriiruuf haala abdachisaa irratti argamti.
Imalli duuroominni kun abdachisaa dhaa. Waggootan kurnan lamaan duura qonnaan bultoonni heeddu guyyaan al sadii nyaachu hindandandaahani turan, Amma al sadii nyaachu irraa taranii qabeenya kusuu jalqabani jiru. Yeroo amma sadarka biyyatti wabii nyaataa mirkanessuun dandaahame jiraa. Qonnaan bultoonni gara sadarkaa abbaa qabeenya invasataratti ceehaniis nijiru. Yeroo ammaa qonnaan bultoonni hundi ijoollee isaani barsifachaa argamu. Qonnaan bultoonni marti tajaajila eguumsa fayyaa niargatu. Gliin isaanii waan guddateef biyyatti keesa huumni gabaa bal’aa uumame jiraa. Humni gabaa bal’aan kun ammo sadarkaa biyyaatiin horiin (capital) dameeleen dinagde induustrii homishaa fi tajaajila akka uumamani fi dagaagan taassisuu uumaa jiraa.
Jiruun ummata magaalaas jijjiirama agarsiisaa jiraa. Waggootii kurnan lamaan duura Finffiinnee dabalate jiraattoota magaaloota biyyatti keessa gara haarki 90 televizyini hinqaban ture. Amma garuu jiraattoonni magaalaa marti fayyadamaa televizyini ta’ani jiruu. Yeroo ammaa jiraattoonni magaaloota meshaa mana jiruu mijeessan mara niqabu. Konkolaattoonni manaa magaalaaloota keessa argamaniis huumni bittaa konkolaataa haammam akka guddatte raga bahaa.
Yeroo ammaa, jiraattoota magaaloota gurguddoo biyyatti keessa, irra caalaan baruumsa qulqulina qabu barbaachaa ijoollee isaani mana barnoota dhunfaa keessa barsisaa jiru. Waggoota kurnan lamaan duura jiraattoota magaloota gurguddoo keessa, baay’een isaani ijoollee mana barnoota dhunfaa barsisuuf huumna hinqaban ture.
Waluma galatti; Itiyoophiyaan waggootan kurnan daraban lamaan keess qoofa hiyyummaa haarka 60 ture gara haarka 29tti hir’isu dandeteertti.
Ragooleen fooyyainsa jiruu badiyaa fi magaala keessa uumame mulisuuf dhiyaatan kun tasa kan samii irraa bu’ani miti. Qabeenya ummataan uumamee irraa kan argamamni dhaa. Guddiinni dingdeen biyyatti waggootan kudhashan keesa galmaayees bu’aa qabeenya ummataan uumame kana irraa kan maddee dhaa. Guddiina dinagdee ittifufinsa qabu jeechuun, foyya’insa jiruu ummataa guddachaa adeemu jeechu dhaa.
Dhugaa dhaa, biyyatti keessa ammas hiyyuummaan jiraa. Ammas ummanni haarki 29 hiyyuummaa keesa argamaa. Hiyyeeyyi kanaaf haala hojii qabeenya hoorani itti jiraatan mijeessuu dhaan hiyyuumaa jalaa akka bahan taassiisuun qooda mootummaati. Mootummaan, hiyyeeyyiin biyyatti hojii irra bobbaa’ani qabeenya akka horan taassiisuu dhaan hiyyuummaa jalaa akka bahan haal mijeessuun irraa eegamaa.Warreen qabeenya horuu jalqabanis, irra caalaan akka hooran haala mijeessuun irraa eegammaa.
Waa maraafu, guddinni dingadee biyyatti foyya’insa jiru ummataatin mul’ate kun kan milkaahuu dandahe waggootan kurnan lamaan darban biyyatti keessa nageenyi amansisaa waan jiraatefi. Goddinni dingdae fi fooya’insi jiruu ummataa akka fufu nageenyi amnsisaa jiraachu qabaa. Ta’ulle, yeroo ammaa nageenyi bu’uura gudinaa fi fooyya’insa jiruu ummataa ta’e kun qooramaa jiraa. Nageenyi kun qoorama issa mudate irraa bahuu yoohindandenye ummanni fi motummaan riqicha bantii durooma irra bahuuf qaqqaabatan irra nikufu. Kan kufan ammo hiyyuummaa irratti.
Kuni akka hintaane godhuun nidandaahamaa; nageenya haaraka ummata keessa jiru eeguu dhaan; kununsuu dhaan.
Waggoota lamaa fi walakkaa darban, naannoolee saglan biyyatti keessa, keessattu Oromiyaa, iddoowwan kaabaa Amaaraa tokko tokko fi iddoowwan xiqqoo naannoo Ummatoota Kibbaa keessa jeequumsi mudatuun isaa niyaadatamaa. Akkuuma irra deddeebi’aan mootummanis ta’e qaamoota birootin ibsamaa tureetti, jeequumsoonni kun rakkoolee mootummaa irraa maddan. Rakkooleen kun, dhabiinsa bulchinsa gaari fi haaqa gar malee haammaate, saamicha lafa qonnaan bulaa, dhabinsa hojii dargaggoota, qisaasama qabeenya ummataa fi mootummaa, haarkifannaa raawwii proojajtoota bu’uura misoomaa fi kkf turan. Ummanni, keessttu dargaggoonni rakkoolee dadhabbina hoogansa mootummaa irraa madde kana balaaleefacchuuf addababayiitti yaa’ani turan. Garuu, balaaleeffannaan addababayii kun qaamoota biyyatti boreessuf kaayyeefataniin butame gara jeequumsa qabeenya ummataa mancaase fi lubbuu dabarsetti jijjiirame jiraa.
T’uulle, balaaleeffannaan kun mootummaa hirriiba keesa ture dammaqsee jiraa. Mootummaan balaaleefannaa ummataatin hirriiba irraa dammaqe, rakkoolee jiran sirreessuuf, gaaffiilee ummataaf deebi laachuuf waadaa senee hooggansaa haaroomsaatiin carraaqquu eegale jiraa. Carraaqqii kanaan bu’aan abdachisaa mul’achu jalqbe jiraa. Amma mootummaan akka of haaroomsee sirraahuu fi gaaffiilee ummataaf deebii laachuu dandahu afuura keennuun barabaachisaa dhaa. Afuurri kun ammo nageenya. Amma haalli abdachisaan osoo jiru, warri nageenyi akka boora’u feedhan, warra biyyatti barabadeessu feedhan qoofa ta’uun isaanii hubatamu qabaa.
Lagannaan gabaa fi soochi akkasumas jeequumsi amma mudachaa jiru, carraaqqi mootummaan waadaa ummataaf senee raawwacuuf godhaa jiru irratti gufu ta’aa jiraa. Jeequmsoonni fi lagannaan garreewwan biyya ala jiraataniin wixineefamani midiyaa haawaasaatiin qajeelfaman kana irratti kan hirmaachaa jiran dargaggoota xinnoo ta’anille, ummata midhaa jiru. Jeequumsi fi lagannaan sababa hintaane dhiyeessaa irra deddeebi’aan mudachaa jiran, lammiileen biyyatti hojjatani akka hinbuulle, ijoolee isaani guddiisuu akka hindandeenye, qabeenya hooranii abdii jiruu qananii akka hinqabaanne taassiisaa jiran.
Akki kun, keessattu hiyyeeyyi irrtti midhaa guddaa geessiisaa jiraa. Abbootiin qabeenyaas qabeenya hooranii irra caalaan duroomu akka hindandeenye, qabeenya isaani hojii irra olchani carraa hojii akka hinuumne, naannoo isaanii akka hinmisoomsine … gufu ta’aa jiraa. Lagannaan tasa midiyaa haawaasaatiin yaamamee dirqamaan raawwatamaa jiruu, hojii gufachiisu irra taree, lammiileen akka hinhoojjannee fi hinsoochoonne dhoorkaa, mirga namuummaa fi bilisummaa heera mootummaan mirkanaaye sarbaa jiraa. Jeequumsa lagannaa cinaa adeemsifamuun qabeenyi ummataa bararbadahaa jiraa.
Lagannaan fi jeequumsi midiyaa haawaasaatiin qajeelfamu kun dursee kan midhu ummata; keessattu hiyyeeyye galii guyyaa argachaa buulan midhaa. Gochi kun hiyyeeyyiin nyaatani akka hinbuulle godhu irraa taree, warreen jiruu foyya’aa ta’e irratti argamamaniis gara hiyyuummaatti haarkisaa adeemaa jiraa. Kanaafu, lagannaan dirqamaa fi jeequumsi mootummaa nidadhabsisnaa jeechaa raawwatamaa jiruu ummata kan hiyyoomsuu fi mirga nammuummaa kan dhibu ta’uun isaa hubatamu qabaa.
Dargaggoonni miraan ofamaa lagannaa fi jeequmsa kana raawwachisaa jiran mootummaa irratti koomii qabaachu nimalu. Garuu, koomii isaanii hala nagayaatiin – hiriira nagaan, walgahii ummataan, midiyaa dhaan . . . dhaamu nidandahu. Adeemsi nagayaa kun bu’aa argamsisu yoo hindandeenyee,s mootummaa sagalee isaanitin bakka buusan, ammas filannoo eeganii bakka bu’uummaa keennannii irraa mulquu nidandahu.
Mootummaa jeequumsaani fi lagannaan kuuffiisuuf yaaluun, mirga ummataa kan sarbu, hiyyuummaaf kan saaxilu ta’uun isaa akkuuma jiru ta’ee; dinoota biyyatti barbadeessuuf kaayyeefataniif haala mijahaa uummaa. Biyyatti abdii duroomina qabdu kana, akka Soriyaa, Libiyaa, Yaman … dirree wal ajjeechaa, dirree shkorrsistoonni aduunyaa irraa walyaamani itti burraaqan taassiisuu akka dandahuus hubatamu qabaa. Toftaan moormii lagannaa fi jeequumsa, haartuu damee agamasaarra toolafameen karaa haaxahuuf akka yaaluutti lakkahamaa. Karaan haartuu dame agamsaan haaxaahamu qoreen itti haarcayee adeemsa dhorkaa, mila namaa bututeessaa. Kanaafu adeemsa haartuu agamsaan karaa haaxahuu keessan irra quusadhaa.