Ethiopiaprosperous
Ethiopian News Ethiopian Daily news, Regarding political and social Issues.

Injifannoon qeenxee dhaan dhufu hin jiru…

0 707

Get real time updates directly on you device, subscribe now.

Injifannoon qeenxee dhaan dhufu hin jiru…

Biyya kana keessatti , keessumaa waggoottan lamaan kana keessatti, Naannoon Oromiyaa sochii qabsoo addaa akka biyya kanaattiyyuu seenaa guddaatu galmaa’e, galmaa’aa jiras.
Sochiiwwan kunneenis qaama mormituu osoo hin taane, DH.D.U. O ykn OPDO dhaan kan galmaa’aa jiruu dha.
Erga OPDO kaafnee namoota akka naannoon Oromiyaa fi biyyi Itiyoophiyaa sadarkaa guyyaa har’aa irra geese kana geessuuf ga’een namoota dhuunfaa ol’aanaa ture. Yeroo ammaa kanatti injifannoo akka naannoottis ta’e akka biyyaatti galmaa’eef gareen Lammaa (team Lammaa) ga’ee leencaa fudhatu, kan qeerroo akkuma jirutti ta’ee.
Hubadhaa gareen jedhe malee obbo Lammaa qofa hin jenne an. Gareewwan kana keessaa namni ga’ee sadarkaa Obbo Lammaafaan har’a ga’aniif aarsaa of godhesimmoo jiraachuu isaa dagachuu hin qabnu. Innis akkaataa Dhaabbanni itti ajajeefi uummata Oromoo ni fayyada jedhe hunda aarsaa gochuuf nama of hin qusanne Dr. Warqineh Gabayyoo irraanfachuun maalummaa garee fi akkaataa gareen tokko itti injifannoo galmeessuu danda’u irraanfachuu fi gartummaa wal-gidduutti uumuu jechuu dha.
Dr. Warqinaan sochii gareen Obbo Lammaafaan biyya Oromiyaa keessatti uumaniif nama ga’ee guddaa taphataa jiruu dha. Sababnisaa , nama dandeettii geggeessummaa ol’aanaa qabuuf, qopheen barnoota isaa dorgomsiisaa ta’uurra darbee akka odeessan osoo hin taane quuqama Oromummaa dhugaa qabaachuu isaa gaazeexissitoota OBN gaafachuun ni danda’ama.
Akka Lammii tokkootti yeroo hawaasni keenya Naannoo Somaalee irraa buqqa’e deemee ilaaluun imimmaan nama buusee boo’ee fi gochi sun gocha suukanneessaa ta’uu nama ibsaa turee dha . Itti dabalataan ammo dhimmi kun akka dhimmi idil-addunyaa (rakkoon buqqaafamuu Oromoo) aangoo federaala irraa qabutti fayyadamuun gargaarsi karaa tokko tokko lammilee kana akka qaqqabu nama godhee dha, godhaas jiruu dha.
Inni kan biraan ammo dhiyeenya kana yeroo Pirezdaantiin biyya kana duraanii Dr. Nagaasoo Gidaadaa rakkinaan gidirfaman Dr. Warqinaan kaka’umsa guddaa dhaan nama biyya kana tajaajilaa ture kana deebifnee dhaabuu qabna jechuun qaamolee dhimma kana tumsan waliin ta’uun gocha seena qabeessa kana dalaguu isaa qoratanii bira ga’uun baay’ee barbaachisaa dha.
Dr. Warqinaan Itti Aanaa OPDO ta’uun isaa beekamaa dha. Aangoo kanas gareen obbo Lammaa faa namichi kun nama dandeettii qabuu dha, biyya kanaaf ni hojjeta jechuu dhaan kan filatanii turanii dha. Garuummoo waan nuti hin dhageenye ykn dhageenyee bira tarre tokko, yeroo Dr. Abiy fi obbo Lammaan dura taa’ummaa wal-jijjiiran Dr. Warqinaan ammoo itti Aanummaa isaa gadi dhiisuun karoorri Lammaafaan MM ta’uuf baafatan akka fiixa ba’u shoora ol’aanaa kan taphate nama kana dha.
Dhimmichi dhimmi garee yoo ta’ellee yeroo warra kaan galateeffannu nama hojiikooti jedhee itti dhimmee waa’ee biyya kanaaf aarsaa of godhus ammo ilaalcha keessa galchuun kabajaaf galata isaaf malu yoo kennineef gaarii natti fakkaata.
Yeroo baay’ee wanti nuti dhageenyu namichi kun Oromoo miti, Oromoo irratti miidhaa geessisaa ture kan jedhu oduun jibbaa nama dhuunfaa irraa ka’e biyya fudhachuun hamilee namaa tuquuf kan hojjetamu jira.
Haa ta’uyyuu malee namni kun Oromoo ta’uu isaaf dhiisuu isaa beekuun hagas mara barbaachisaa ta’uu baatus, yoo dirqama ta’e ammoo Arsii deemanii gaafachuun gaarii dha. An garuu ilaalchi an akka dhuunfaatti qabu, namichi kun osoodhuma oromoo ta’uu baateeyyuu hanga Oromoo fayyadaa jirutti sabummaa ykn gosti isaa anaaf waan tokkoyyuu miti. Sababnisaa Faranjii biyya an hin beeknee dhuftuyyuu gatii dhuma isheen nu gargaarteef qofayyuu waan meeqa jennee jajaa jala gugguufaa oollawoo tii, lammii Itiyoophiyaa kan ta’e obboleessakoo kan natti waamamu ammo sababa inni gosa biraan waamamuuf jibbuun kun doofummaa fi duubatti hafummaa dha.
Walumaa galatti dhimmi itti jirru dhimmi garee waan ta’eef garee keessaa tokko gadi buusanii tokko ol-kaasuun ammo ammoo akka garee sana diiguutti ilaalama. Gocha kana kan godhu ammo isa garee cimaa keenya diiguu barbaaduu dha malee, kann cimina garee keenyaa fedhu miti jechuu fan jedhe. Mee maalumaafuu yeroon kun yeroo itti tokkummaa labsinu malee, yeroo itti diigumsaa fi jibbiinsa labsinu miti. Sadarkaan amma nutti kenname kunis Sanaa ol waan ta’eef bakka jirru beekuun gaarii dha.
Kanaaf yoo cimsuun nurraa eegama ta’e, hunduma isaanii wal-faana cimsuu tu nurraa eegama. Yoo hin dandeenyu taanemmoo hanga nuuf galutti callisuun filatamaa dha,
Galatoomaa!

Leave A Reply

Your email address will not be published.

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

This website uses cookies to improve your experience. We'll assume you're ok with this, but you can opt-out if you wish. Accept Read More

Privacy & Cookies Policy