Kan Barnootaa immoo Maaltu bade?
Hiikaa Margaa tiin
Dhimmi barnootaa yeroo ka’u miirri hunda keenyaa ka’ee akka dhabbatu adbii guddaan qaba. Yoo hafee hafellee kan warra faayidaa barnootaa beekanii hammam akka inni kaka’u nan beeka. Kanneen keessaa anumti inni barreeffama kana barreessaa jiru waa’ee barnootaa fi faayidaa barnootaa yeroon dhaga’u keessa kootii na nyaata. Barnoota jechuun anaaf waan addaa ti. Jijjiirama barnootni anaaf maatii koo irratti fide waanan beekuuf, an barnoota akka amantiittan ilaala. Bu’uurri as ga’uu kootii barnoota waan ta’eef. Osoo barnootni hin jiraannee eenyummaa kooyyuu hin beekun ture.
Haa ta’u malee dhimmi an har’a irratti dubbachuu barbaade, barnootni maaliif nu biraatti gatii dhabe? Kan barnootaa immoo maaltu bade? Kan jedhuu dha. Gaaffilee koo kana lamaan akkan gaafadhu kan na kakaase haaluma nuti keessa jirruu fi sochiin gama barnootaatiin jiru laafaa ta’uu isaa ti.
Dhimmichi “fanxoo irratti cophxoo” isa jedhan akka nu jalaa hin taanen shakkaa jira. Sababnisaa maddi walitti bu’iinsa amma biyya keenya keessatti uumamee jiruu akkuma hundi keenya beeknu fedhiin hawaasaa maaliif hin guutamnee dha natti fakkaata. Kanaafoo barnoota addaan kutanii galuutu furmaata ta’aaree? Namni kamillee eeyyee barnoota addaan kutanii yoo galan rakkoon jiru furmaata argata yoo naan jedhe an tasumaa gurran isa ittiin dhaga’u hin qabu. Animmoo akka kootti maddumti rakkoo amma biyya keenya keessatti uumamee waliin nu burjaajessaa jiruu barnoota dhabuu dhan jedha. Kun anaaf ejjennoo kooti, yoo loojikii barbaaddan fiddan na amansiisuu hin dandeessan. Qoodasaawoo maaliif akkas jette? naan jedhaa malee.
Sababni ani barnoota dhabuun jireenya keenya burjaajesse jedheef , osoo kanaan dura barnoota baranneerra ta’ee hamaa fi gaarii gar gar baafanna turre. Waan gara fuula duraatti uumamuu danda’us adda baafannee beekuun qophee barbaachisu gochuu dandeenya turre. Osoo barnoota qabaanneerra ta’ee osoo bishaanni mana keenya jala yaa’uu beelaaf hin saaxilamnu turre, faayidaa hojii wallaaluun hiyyummaa saalfachiisaa keessatti hin hafnu turre, tokkummaa keenya cimsina malee wal-diigumsaaf hin fiignu turre, heeraa fi seeraan falmanna malee seera cabsinee balaaf hin saaxilamnu turre. Kana hunda kan nurraan ga’e sababa barnoota dhabuu keenyaan bakka itti argamuun nurra hin jiraannetti argamnee watwaataa jirra. Kun hundinuu egaa kan ammaa osoo hin taane kanneen kanaan dura nurratti raawwatamanii dha.
Amma garuu hamma danda’ametti manneen barnootaa hanga gandaatti banamanii tajaajila laachaa jiraachuun isaanii lammileen keenya akka barataniif carraa guddaa dha. Carraa kanarraas lammilee miliyoonotaan lakkaa’amantu baratee ofiif jijjiiramanii biyya isaaniis jijjiiran. Jijjiiramni jirus kan yeroo darbee wajjin yeroo wal-bira qabamu gaabbii guddaa kan nu keessatti uumee darbee dha. Sababnisaa barnootni isheedhumti xiqqoon nuti hangana baranne kun kan nu jijjiirte, osoo akka biyyoota guddatanii barnoota qulqullina qabu baranneerra ta’ee silaa maal akka taanu gar fuula duraatti yaadaa dha, kan nuti gaabbuu qabnu. Kanaafaniyyuu “fanxoo irratti cophxoo” jedheem armaan olitti. Sababnisaa barnootni nuti silumaa hordofaa jirruyyuu qulqullinni inni qabu akka addunyaa mitii biyyuma kana keessattuu wal-nu dorgomsiisaa waan hin jirreef rakkoo hamaa keessa jiraachuu keenya yeroo gara garaa dubbannee jirra. Kun kanaan ta’ee osoo jiruu rakkoo biraa irratti rakkoo biraa isa ta’e barnoota dhiisuun kun akkuman armaan olitti jedhe “fanxoo irratti cophxoo” dha. Sababawwan akka siyaasaa, amantii, rakkinaa fi kkf dhaan barnoota dhiisuun rakkoo sanaaf furmaata takkallee hin fidu, inumaayyuu rakkoon sun akka lafa qabatee guutummaatti nu balleessuuf nu saaxila malee.
Siyaasa jechuun bu’uuraan of jaalachuu jechuu dha. Yoon kana jedhu siyaasni yaadolee gara garaa of keessaa qabu. Yaadaolee keenya kanammoo akka namni biraan fudhatee nu duukaa bu’uuf ciminaan irratti hojjechuu jechuu dha, gaafa sana of jaalachaa jirra jechuu dha. Of jaalachuu jechuun ammo mataa ofii irraa eegaluu qaba. Namni biyya ofii, maatii ofii, naannoo ofii irraayin jalqaba jedhe of gowwoomse. Jalqaba kan dhufuu qabu of jaalachuu dha. Yoo of jaalanne waan mara ofiif dursa laanna. Namni barnoota barate nama of jaalatuu dha. Namni of jaalatu ammo bor gaafa fedhiin isaa guute, maatii isaa, ollaa isaa, ganda isaa hanga addunyaa guutuutti jaalachuun isaa hin hafu.
Namni barate fageessee yaada. Waan ta’uu fi waan hin taaneefis miira keessa galuun miidhaa hin geessisu. Yaadolee ka’an hundaaf sababaawaa (reasonable) ta’a malee ofumaa gara barbaadetti hin oofamu.
Jaalannus jibbinus barnoota malee rakkoo biyya kanaaf furmaanni jira jechuun of gowwoomsuu dha. Barnootni haal-dureewwan tokko tokko booda, Fknf barnootni bilisummaa booda kan jedhu guutummaa guutuutti dogongora kan ta’e yommuu ta’u. yoo ta’e bilisummaan barnoota booda jedheen yaada. Bilisummaa jechuun yoo sammuun keenya waan hunda beekee, waan gochuu qabnu goonee, waan gochuu hin qabnemmoo dhiifne nuti bilisa jechuu dha. Namni hin baranne doofaan waan fedhii isaatii takkaa godhee hin beeku, waan godhi jedhaniin godha, kan inni yaade milkaa’eefiis hin beeku. Nama akkasiin bilisa jechuu dandeenyaa egaa?
Barnoota barsiisuu yookiin barachuu jechuun dachee keenya kanaaf labata dabarsanii darbuu jechuu dha. Kanarraa kan hafe lammii barnoota hin qabne dhiifnee yoo duune, jireenyuma ofii keenyaa jiraanne, dhaloonni egerees akkuma jiraatu gochaa jirra waan ta’eef gara garummaa hin qabaatu.
Jeneraal waaqoo Guutuu ” Lammiin barate gaaffii gaafata” jedhan jedhama. Kana jechuun xumura dubbiiti. Yoo hin baranne maal beektaa gaafattaree? Isa sitti himan fudhatta malee. Gaaffiin gaafatamnaan ammo deebii argachuun dirqama. Ni tura illee malee.
Walumaa galatti, haala siyaasa biyya kanaa ilaaluun barnoota addaan kutuu jechuun ibidda irratti boba’aa dabaluun rakkinicha daran hammeessuu dha. Yoo abshaala ta’an garuu haala jiru of cinatti irraanfachuun barnootatti gadi taa’uu dha. Barnootni meeshaa meeshaa qawwee caaluu dha waan ta’eef. Kanarraa kan hafe barnoota addaan kunnee manatti kan deebinu yoo taane, yoodhuma jijjiiramni dhufeyyuu nuti fayyadamaa jijjiiramaa Sanaa hin taanu, nama baratee ulaagaa sana guutetu fayyadamaa ta’a. Egaa karaa kamiin fayyadamaa ta’a namni hin baranne? Nama baratatoo anatu siif beeka jedhaan hoo, ammas naanna’ee rakkoon sila jechaa turre dhimmi faayidaa irratti ka’uun isaa hin hafu. Kan siyaasa biyya kanaa geggeessu eenyuun illee haa ta’u taatotni siyaasa Sanaa ana hin taane taanaan ammas an fayyadamaa dha jechuu hin danda’u. Taatota yeroon jedhu geggeessaa osoo hin taane poolisiin biyya Sanaa nah in hammanne taanaan faayidaan isaa kanuma nama baratee qofa dha.
Kanaaf qaamni dhimmi kun ilaallatu hundinuu, dhimmi barnoota addaan kutuu kun kufaatii hamaa bor keessaa ba’uu hin danddeenyeef waan nu saaxiluuf, geggeessitootni biyyaa, abbootiin amantaa, abbootiin gadaa, barattootni, dargaggootni waa’ee dhimmi barachuu fi barsiisuu kana irra deebinee ilaallee xiyyeeffannoo itti kennuun yoo irratti hojjenne malee bor guddina biyyaa har’a jennee dubbannu kana bira ga’uu hin dandeenyu.
Xumura irratti barattootni mana barumsaa keessa jirru waa’een siyaasaa boris darbee hin qabu waan ta’eef gaafa barnoota keessan xumurtan isinuu paartii mataa keessanii dhaabbachuun jijjiirama biyya kanaaf daran waan hojjettaniif dursa barnoota keessan irratti xiyyeeffannoo gochuu dhaan haala amma keessa jirru kana barattanii xumurtanii bor haaloo itti ba’uutu isinirraa eegama.