Muummeen Ministeera Keenyaa Heera keenya!
Tokkummaa Biyyaa tiin
Erga kabajamoo obbo Hayila Maariyaam Dassaalegn aangoo M/Ministeerummaa gadi dhiisanii as ajandaan biyya keessaa fi biyya alaa eenyutu bakka isaanii bu’uun biyya kana geggeessa? kan jedhu hedduminaan odeeffamaa jira, barreeffamaa jiras. Dhimma kana irrattis barreeffamni ji’a tokko keessatti barreeffame osoo kitaabatti jijjiiramee rikordii addunyaa waan cabsu natti fakkaata. Akkakootti ajandaan waa’ee eenyutu muummee ministeeraa itti aanu ta’a jedhu kunis akkuma jirutti ta’ee, ajandaawwan rakkoof nu saaxilaa jiranii fi furmaata isaanii irratti osoo barreeffameera ta’ee waan baay’ee irraa barachuu dandeenya jedheen yaada. Sababnisaa rakkoon biyya keenya keessatti uumamaa jiru maddisaa sababa Muummee Ministeeraa qabnuu fi dhabne osoo hin taane, rakkoo wal-hubachuu dadhabuu keenyaati waan ta’eef akkaataa waliin jireenya keenyaa irratti hubannoo cimaan osoo kennamee dansaa turen jedha.
Dhugaa dubbachuuf garuu iddo kabajamoo obbo Hayila Maariyaam namni bu’ee nu geggeessu nu barbaachisa. Kun gaaffii hin qabu. Haa ta’u malee ajandaa gudaa ta’ee biyya keessaa fi alatti odeeffamuun isaa barbaachisummaa isaa irra dhiibbaa inni qabutu rakkoo nuti baqachaa jiruuf nu saaxiluu mala, Sababnisaa dhimmi aangoo MM kana akka saamicha aangoo tiif waan inni ol’aantummaa siyaasa biyya kanaa murteessuutti ilaalamuun isaa anaan baay’ee na dhibe. Kun yeroo isaa miti. Aangoon ol’aantummaa siyaasaa mirkaneessuu erga dadhabee waggaa 27 ol ta’eera. Sababnisaa biyya sirna Dimokiraasii Federaalizimii geggeessitu keessatti aangoo lammilee kami iyyuu wal-qixa. Maaliif baay’inni sabaa fi sab-lammootaa kuma shan hin taane, ammallee murteessummaan isaan siyaasa biyya kanaa keessatti qaban yoomillee kanneen baay’ina hedduu qaban waliin garaa garummaa tokkollee hin qabu.
Akka Dhaabaatti yoo ilaalle ADWUIn rakkoo geggeessitoota bakka bu’anii akka hin qabne qabatamaa dhaan argaa jirra. Kunis bu’aa ADWUI ta’uu isaa dagachuun nurra hin jiraatu. Fakkeenyaaf namootni yeroo ammaa kana MM biyya kanaa ta’uu dhaaf kaddhimanii jiran afran isaaniiyyuu biyya alaatii impoorti godhamanii waan fidaman osoo hin taane, dhaabbatichuma keessatti kan guddatanii fi dhaabichi sadarkaa har’a irra ga’e kana irra akka ga’uu kanneen ga’ee guddaa taphatan waan ta’eef biyya kana geggeessuuf kan kaadhimaman waan ta’eef kaadhimamtoota kanas ta’e qaama dhimmi fialnnoo kun ilaallatu irratti abalutu filatamuu qaba ykn ammoo abalu filatamuu hin qabu, yoo abalu filamuu baate carraan biyya kanaa waan biraa ta’a jedhanii hafarsuun kun dhuguma biyya kanaaf yaadameetii kan jedhu hundumti keenya xiinxaluu qabna.
Akka dhuunfaa kootti kaadhimamtootni kunneen hundinuu osoo MM ta’anii biyya kana rakkina irraa baraaranii natti tola ture. Garuummoo dirqamaan namni tokko filatamuun isaa waan hin oolleef bu’aa filannoo kanaa fudhachuunis anaaf dirqama koo ta’uu qaba.
Amma kan hundumti keenya hubachuu qabnu, biyyi keenya Itiyoophiyaan waggoottan 27 asitti yeroodhuma itti geggeessaaf sagaddu argattee hin beektu. Sababnisaa geggeessaan filatamu kamillee poolisii heera biyya kanaa paarlaamaa dhaan ragga’e raawwachiisa waan ta’eef kan geggeessaa biyya kanaa irra aangoo guddaa qabu heeraa fi seera biyya kanaati. Yeroo ammaa kana ammoo kan aangoo gadi dhiise MM ti malee heera biyya kanaa miti. Heerrii fi seerri biyya keenyaa ammoo yoomillee yoo cimee itti fufe malee osoo ADWUIn guutummaatti aangoo gadi dhiiseeyyuu Heera bara baraan biyya kana fayyaduu dha malee, heeraa fi seera diigamu miti. Erga Heeraa fi seera akkas nu boonsu qabaannee eenyullee aangoo akka barbaade yoo kan gadi dhiisu ta’e waan nu yaaddessu ta’uu hin qabu. Kan nu yaaddessuu qabu heera qabnu sana akkamiin hojiitti hiiknee kaayyoo keenya ganamaa bira geenya kan jedhu jala muramee irratti hojjetamuu qaba.
Mee teenyee xiinxallee yoo yaadne aangoon nama filatameef dhuunfaatti maal isaaf godha? Deebiin isaa homaallee hin godhuuf kan jedhu ta’uu isaa shakkii hin qabu. Yeroon nuti keessa jirru kun faayidaan aangoorraa argamu tokkollee akka hin jirre dhugaatti lafa nuuf ka’a. Kanaafuu namni dhuunfaatti filatame dhuunfaa isaatti aangoo argatu irraa fayyadama jennee kan yaadnu yoo ta’e ykn ammoo filatamaan siyaasaa saba bakka bu’ee dhufeef oolmaa addaa oola jennee kan yaadnu yoo ta’e gowwummaa natti fakkaata. Akkuman duraan jedhe biyya sirna Federaaliizimii Dimokiraatawaa dhaan bultu keessatti ilaalcha wal-caalmaa adeemsisuun gonkumaa waan hin danda’ameef yoo waa’ee MM isa haara kan dhiphisu ta’e, eenyutu sabootaa fi sab-lammoota biyya kanaa akkaataa heeraa fi seera biyya kanaatti wal-qixa bulcha kan jedhu yoo kan dhphannu ta’e xiqqooshee dhama qabaachuu mala.
Kanaafuu kaadhimtoota keessaa bakka kabajamoo obbo Hayila Maariyaam bu’ee eenyu nu haa bulchu kan jedhuuf ADWUIn kaadhimamtoota ciccimoo Afur paartilee biyyoolessaa Afur irraa walitti fidee maree gadi fagoo irra jira. Bu’aan maree kanaas gaarii akka ta’u abdii qabna. Akkuman sila jedhee kaadhimamtootni kunneen hundisaanii Miseensa ADWUI ti. Miseensi Paartii mormaa keessa kan jiru tokkollee hin jiru. Filannoon kun kan nuti beekuu qabnuuf waliin nu dhahuun nurra hin jiraanne, filannoo biyya geggeessuu ti malee filannoo waan biraa kan ol’aantummaa siyaasa saba tokkoo ittiin dhugoomsuuf yaadame akka hin taane dursinee dhugummaa dhaan yoo sammuu keenya amansiifne bu’aan filannoo kanaa haaraa nutti hin ta’u, bitaas nutti hin galu.
ADWUIn aadaa ittiin geggeessitoota isaa filu aadaa baratamaa mataa isaa qaba. Kaadhimtootni amma filamanii jiran hundinuu tokkoon tokkoon carraa filannoo kana mo’uu qabu. Kaadhimamaa kamiifuu carraa ol’aanaa kennanii xumura filannoo kanaa eeguun ofumaa yeroo ofii fixuu wayii natti fakkaata. Sababnisaa silumayyuu osoo dandeettii hin qaban ta’ee kaadhimummaa guddaa kanaaf namni paartii isaa bakka bu’ee dhufee hin jiru ture. Kanaaf dandeettii kaadhimamtoota kanaa irraa namni shakkii qabu jira jedhee hin yaadu. Akkataa aadaa ADWUI keessatti paartileen Afranuu miseensa 180 of keessaa qaba. Miseensonni kunneen kaadhimamtoota kanarratti qorannoo gadi fagoo geggeessuun nama biyya kana geggeessuuf ni ta’a jedhanii yaadan loogii tokko malee kan filatanii dha. Hubadhaa paartilee afran kana keessaa paartiin tokko sagalee 45 qabaata. Yeroo kana jennu paartiin tokko kaadhimamaa isaa qofaaf sagalee isaa kan kennu miti. Sagaleen kaadhimamtoota kanaaf kennamu sagalee gara garaa paartileen hundinuu irratti hirmaatanii dha malee, kaadhimamaa koo malee nama tokkoofuu sagalee koo hin kennu paartiin jedhu hin jiru.
Walumaa galatti an kan jechuu barbaadu, gaaffiin sammuu keenya keessa naanna’uu qabu eenyutu MM itti aanu ta’a? osoo hin taane, eenyutu rakkoo amma biyyi keenya keessa seentee jirtu irraa nu baraaruu danda’a ? kan jedhu yoo ta’e gaarii natti fakkaata. Sababnisaa rakkoon biyya keenyaa yeroo ammaa nu mudatee jiru irra jireessaan kan MM wajjin wal-qabatu osoo hin taane rakkoo waan biraati waan ta’eef. Rakkoon amma nu mudatee jiru, MM dhabuu keenya irraan kan ka’e osoo hin taane, MM keenya dhabuu keenyaaf sababa kan ta’ee jiruu dha. Innis dhiibbaa keessaa fi alaan guddina biyyi keenya Itiyoophiyaa kanneen isaaniif liqimsamuu hin dandeenye irraan kan ka’e jeequmsa asittis achittis qabsiisan irraa kan ka’ee dha. Dhiibbaa keessaa fi alaa jechuun koo rakkoo keenya qaama biratti hirkisuu koo osoo hin taane, ADWUI keessas alas rakkoon jiraachuu lafa kaa’uu barbaadeen dha.
Yeroo ammaa kanatti ADWUInis rakkoo keessoo isaa furuuf ciminaan kan itti hojjetaa jiruu dha waan ta’eef kallattii furmaataa ADWUIn kaa’ee irra deemaa jiru qaamni amanu kamuu carraa filannoo MM ta’uu argachuu danda’a yaada jedhu fiduufan ishee kana itti dabale.
Xumura irratti akka lammilee biyya kanaatti kan nurraa eegamu, eenyullee haa filatamu, haa dhiisus xiyyeeffannoo keenya ta’uu kan qabu nagaa fi tasgabbii biyya kanaaf dursa kennuutu nurra jiraata. Murtoon ADWUI s murtoo keenya jennee of-amansiifnee fudhachuutu nurra jiraata. Kaadhimaa amma filatamuufis yeroo kennuufiin yoo ammas danda’ee hojjechuu kan hin dandeenye ta’e irraa buusuun kan biraa bakka buufachuu akka dandeenyu seerri keenya mirga guutuu nuuf kenneera waan ta’eef yaaddoo tokkollee keessa osoo hin galin qaama dhufaa jiruuf ammo carraa haa kenninuun yaada kooti.