Artcles

Nageenyi, bu’uura Jireenya

By Admin

March 28, 2018

Nageenyi, bu’uura Jireenya

Ibsaa Namarraa

Feedhiin lubbuun jiraachuu dhala namaa wanta keennammee osoo hinta’ini kan wajjiin dhalatee dhaa. Kanaafu, mirga dhala namaa lubbuun jiraachuu mulquun hindandaahamu. Dhalli namaa ammaaf fi iddo kana jiraachuun aala yeroo hinmurtaahamneef, iddoo fi haala kammiiyyuu keessa jirachuuf waabii argachuu feedhaa.  Mirgoonni dhala namaa fi bilisoomni kan biroo mirga lubbuun jiraachuu irraa madduu. Mirgi socha’u, iddoo feedhan jiraachuu, hojjachuu, qabeeny horuu, abba qabeenya ta’u fi bilisuummaan siyaasaa ofii isaanitiin galma miti. Galmi isaanii mirga lubbuun jiraachuu mirkanneessuu dhaa.

Bu’uurri mirgoonni kun kabajamu isaani ittiin mirkanaahu nageenya. Dhabinsi nageenya, lubbuu balaaf saaxilaa. Dhabiinsii nageenya mirgoonni hojjachuu, qabeenya horuu, abba qabeenya ta’u kkf akka hinmirkanoofne godhaa. Bakka nageenyi hinjirreetti misoomni hinjiru. Bakka misoomni hinjirreetti ammo jiruun foyya’e hinyaadatamu. Kun ammo lubbuun jiraachuun akka wabii dhabu taassiissaa. Bakka nageenyi hinjirreetti olaantummaan seeraa fi sirni hinjiraatu. Haalli kun ammo mirgoonni siyaasaa : ilaalcha feedhan qabachuu, ilaalcha ibsuu fi tarkaanfachisuu, gurmaahuu, angoo siyaasaatif falmachuu kkf kabajamuu hindandaahani. Biyyoota yeroo amma nagaa dhaban, kan akka Soriyaa, Libiyaa, Yaman fi kkf keessa argamu dhugaa kanaaf rgaa ta’aa

Lammiileen biyyoota kanneen lubbuu isaanii akka salphaatti dhabaa  jiru. Daqiiqaa anuu irraati lubbuun jiraachuu isaanii amansisaa miti. Yeroo kamiyyuu fi iddoo kamiyyuu irratti lubbuu isaani dahbuu dandahu. Lubbuun isaanii gutumaan gututti  too’anna isaan aala jiraa. Hojjatanii fedhii jiruu isaanii guttachuu hindandahani. Qabeenya horuu hindandahani. Biyyotni kun jalqabarraa kan nagaa isaani barbadeessan, jeequmsa sababa mirgoota siyyaasaa kabajsisuuf jeecha kaasanin ta’uun isaa nibeekamaa. Ta’ulle, dhumarratti mirgoota siyaasaa duraan qabanille dhaban. Jeequumsa kaasaniin  iddoo mootummaan fi ol’antummaan seera itti hinjirre, fayyadamaa mirgoota siyaasaa ta’uun ittin hindandaahamne uuman.

Akkuuma gubbaarra ibsameetti, nageenyi wanta maxxanaa takka osoo hinta’ini, bu’uura mirkanahaa jireenya namaati. Eegaa; biyyii keenya Itiyoophiyaan,  keessattu bara 2008 eegalee jeequumsa irra deddeebi’aan mudateen nageenyi ishee rakkoo irra bu’e jiraa. Nageenyi biyyaa rakkoo irra bu’e jeechuun, nageenyi ummataa rakkoo irra bu’e jeechu dhaa. Biyya jeechhuun lafa osoo hinta’ini ummata waan ta’eef.

Lammiileen biyyatti  akka hubatanitti, nageenya biyyatti kan rakkoo irra buse, dhabiinsa fixaanbahiinsa heera, seera fi imaamaata dhaa. Kun ammo dadhabiina mootummaati. Dadhabbinni mootummaa kun ummata bira koomii uumee. Ummanni  gaaffiiwwan misooma, bulchinsa qajeela, haqa fi kkf akka kaasu goodhe.

Itiyoophiyaan bara 1996 irraa eegalee goddiina dinagddee saffiisaa fi ittifufinsa qabuu galmeesisuun ishee ifaa dhaa. Ta’ulle; keessattu magaaloota keessa qabeenyi guddiina kanaan uumame umata mara fayyadamaa hintaasisne. Kun sadarakaa jireenya lammiilee dureessaa fi hiyyeessa  gidduu garaagaruummaa bal’aa uumee. Haalli kun madda koomii ummata jalqabaa dhaa. Hirtaan qabeenya madaalawaa hintaane kun, lammiilee keessattu dargagaggoota akkaataa beekumsaa fi dandeetti isaanitti hojii irratti ykn soochii dinaged biyyatti keessatti hirmaachisu dhabu irraa maddee. Haalli hojii dhabiinsa dargaggootaa kun ammo  madda koomii ta’eeraa.

Dhabiinsi hirtaa qabeenya madaalawaa hintaane kun, dhabinsa hirmaannaa dinagde irraa qoofa kan maddee miti. Kiraa sassaabduummaanniis hirtaan qabeenya lammiilee madaalawaa akka hintaanne taassiisee jiraa. Kiraa sassaabdummaan namoonni osoo qabeenya hinuumini, qabeenya guddaa haarka isaani galafachu dandeessisaa. Haala kannaan  “Abbootiin qabeeyna”, hoogantoota mootummaa irratti maxxanani, hariiroo kiraa sassaabdummaan qabeenya ummata saamuu dandahaniru. Goochi kiraa sassaabdummaa kun, hirtaa qabeeyna madaalwaa hintaane uume jiraa.

Goocha kiraa sassaabduummaan, lammiileen qabeenya haarka  isaan keessa ture kan dhabanille jiru. Fakkeenyaaf; saamiichi lafa qonnaan bulaa irratti raawwatamee, yammuu qonnaan bulaa hiyyuummaa haamaaf saaxilu, warreen abbootii qabeenya  jeedhaman, dalaalloonni fi hooggantoonni mootummaa waa takka osoo hinhojjatini duroomse jiraa.

Midhaan kiraa sassaabdummaa hirtaa qabeenya madaalawaa ta’e dhabamsisuun kan dangeefame miti. Olaantummaa seeraa diguun bulchinsi qajeelaa fi haqni akka hinjirre taassiise jiraa. Sababa babal’insa kiraa sassaabdummaan waajiroonni mootummaa tajaajila irraa eegamu ummataaf keenuu dhabanii jiru. Manneen murtee, iddoo haqni itti argamu osoo hint’ini, duunkaan ‘haqni’ irraa bitamu ta’ani jiru.

Koomiin ummataa ukkaamame kufame ture kun tasa dhooyee, keessttu dargagoota balaaleeffannaf gara addababayitti akka bahan godhe. Eerga kun ta’e booda mootummooleen naannoolee fi feedraalawaa komiini fi gaaffiileen ummataa sirrii ta’u isaani hubatanii of  qulqulleesani, huumna raawwachiftummaa isaani cimsanii ummata tajaajiluuf socha’u jalqabaniru. Sochiin hanga ammaa taassiifame abdachisaa dhaa.

Ta’ulle balaaleeffannaa koomii fi gaaffii ummataa fudhatama qabu  irraa maddee kun gareewwan biyyatti jeequuf kaayyeefatniif qawaa bane jiraa. Gareewwan dinoota biyyatti wajjiin hojjatani, akkasuumas qaamoota biroo qawaa argatani maraan fayyadamaa sirna heera mootummaa diguuf socho’an, blaaleefannaa dargaggoota kana buutanii gara jeequumsa nageenya biyyatti balaaf saaxiletti jijjiraniru. Yeroo ammaa, jeequumsa kanaan nageenyi biyyatti bu’uura jeereenya lamiilee ta’e balaaf saaxilame argamaa.

Gareewwan biyya aala taa’ani midiyaa haawaasaatiin jeequumsa biyyatti keessa raawwatamu qajeelchan, galmi isaani sirna heera mootummaa digu, walitti-bu’insa uumuu dhaan biyyatti barbadeessuu dhaa. Wanti eerga sirni digame booda mudatu isaaniif  yaaddeessaa miti. Jeequumsi haala hingurmoofneen, kaayyoo fi sagantaa aala midiyaa haawaasaatiin oofamu, gara sirna mootummaa biyytti bulchuu dandahutti kan ceessisu akka hintaane sirritti beeku. Galmi isaani biyya sirna hinqabne, walitti bu’insaan hunkuramtu uumuu waan ta’eef bu’aa kana bekaa jeequumsa oofaa jiru.

Jeequumsi gareewwan biyya aala jiraataniin oofamu kun babl’ate, biyyattiin akka Soriyaa, Yaman, Libiyaa . . . keessa ta’aa jiruutti, lamiileen lubbuu isaanii akka salphaatti ittiin dhaban osoo hinuumamin duura akka dhaabatu godhuun gaaffii jiruu  fi du’uu dhaa. Jeequumsi kun haala hojjatani buluun ittiin hindandaahamne uumaa. Qabeenya horanii jiruu fooya’aa ittin jiraachuu dandahan akka hinjirre taassiisaa. Jeequumsi kun gara mirgi siyaasaa fi bilisummaan ittiin kabajameetti kan ceesisuu akka hintaanees ifaa dhaa.

Bakka nageenyi hinjirreetti; jiruun, jiruun fooya’e, kabajni mirgi dhala namaa fi bilisummaan hinjiraatu. Eegaa nageenyi bu’uura jireenya ta’e kun kan eegamu mootummaan qoofa miti. Ummata abbaa nageenya, fayyadamaa  nageenya akkasuumas midhamaa dhabiinsa nageenya ta’een eegamaa. Kanaafu; lammiileen marti jiruu ofii isaaniif jeecha, neageenya bu’uura jireenya ta’e tikfachu qabu.