Ethiopiaprosperous
Ethiopian News Ethiopian Daily news, Regarding political and social Issues.

Obbolummaa uumamaa …

0 983

Get real time updates directly on you device, subscribe now.

 

Obbolummaa uumamaa …

Tokkummaa Biyyaa tiin

Biyyi keenya Itiyoophiyaan biyya sabaa fi sab-lammootaa fi uummattoota gosa 80 ol ta’an irraa ijaaramtee fi ijaaramaa jirtuu dha. Sabootni kun hundinuu afaan, aadaa, duudhaa mataa isaanii garaa gara ta’e qabu. Garaagarummaan akkasii halluu miidhaginaa fi calaqqisiiftuu walitti dhufeenyaaf obbolummaa uumamaati. Haa ta’u malee garaa garammaan aadaa, afaanii fi duudhaa biyya kanaa akka miidhagina keenyaatti kan lakkaa’amaa ture osoo hin taane, akka waan badaa ta’eetti kan ilaalamaa turee dha.Tuffiin jiraachuu dhala namaa irratti bal’inaan geggeeffamaa tureera. Ol’aantummaan saba tokkoo hedduminaan lallabamaa, mirgi saboota kanneen biro ammoo hanga sadarkaa baduutti  hacuuccaa cimaan irra ga’aa ture. Dhiibbaawwan kanneen ammoo biyya kana walitti bu’iinsaa fi naga dhabdummaatiif ishee saaxilee ture.

Hanga bara kufaatii dargiitii fi isaan dura waa’ee federaalizimii gaafachuun haa hafuutii, yaaduun iyyuu akka cubbuutti ilaalamaa yeroo itti turee dha. Sanaan dura waa’ee wal-qixxummaa sabaa fi sab-lammootaa osoo beekamuuyyuu ol’aantummaan saba tokkoo dirqamaan of-amansiisanii taaa’aa turameera.

Erga bara 1983 as seenaan biyya kanaa jijjiiramuu dhaan kakuu haaraan sabaa fi sab-lammoonni biyya kanaa wal=qixxummaa dhaan akka nagaa fi jaalalaan waliin jiraataniif “Heerri” (constitution) wixineeffamee erga hojii irra oolmaan isaa mirkanaa’ee kunoo waggoottan digdamii torba lakkoofsiseera. Heerri kun kan qophaa’eef saboonni, sablammoonnii fi Uummatootni Itiyoophiyaa tokkummaa dhaan ijaarsa biyya kanaa keessatti garaa garummaa tokko malee akka hirmaataniif karaa kan banee dha. Filannoon kun maaliif akka ta’es gaaffii hedduu kaasaas turuun isaa ni yaadatama.

Akka beektotni lafa kaa’anitti mootummaan biyya kana geggeessu kamiyyuu filannoon inni biyya kana ittiin geggeessuuf filachuu qabu, sirna federaalizimii ta’uu akka qabu ibsu. Sababnisaa sirna bulchiinsa darbanii keessatti dhiibbaawwan lammilee irra ga’aa turan kanneen akka hacuuccaa mirga namaa, al-haqummaa, fi akkasumas diddaa eenyummaa saba tokkoo yeroo sana mudachaa turan sirreessuuf, ol’aantummaa fi fayyadamummaa saba tokkoo qofa hambisuun leecalloo biyya kanaa wal-qixxummaa dhaan irraa fayyadamaa taasisuuf akkasumas garaa garummaa aadaa fi amantii  hambisuu dhaan walitti dhufeenya saboota biyya kanaa jaalala irratti kan hundaa’e qofa akka ta’u taasisuuf sirni bulchiinsa federaalizimii barbaachisaa dha. Kanaafuu ga’een Federaalizimiin sirna Dimokiraasii dogongora kanaan dura uumamaa ture sirreessuu keessatti qabu daran ol’aanaa waan ta’eef filannoon ADWUI yeroo sana sirna kanatti fayyadamuun biyya geggeessuuf filate baay’ee sirrii ta’uu isaa beektotni yeroo gara garaatti ibsu.

Akka heera biyya kanaa keewwata 39 irratti arginutti calaqqisiiftuu sirna bulchiinsa Federaalizimii dhugaa kan ta’e mirgi sabaa fi sab=lammilee biyya kanaa karaa kamiinuu gaaffii keessa akka hin galle kan eeguuf  mirga hiree ofii ofiin murteeffachuuf yoo cimee dhufe ammo hanga foxxoqanii mootummaa mataa ofii dhaabbachuu tti mirga guutuu kan kennuu dha. Raadrimeen kun kan baay’ee namatti toluuf waliin jireenya ol’aantumaa saba biraa osoo hin taane, waliin jireenya jaalala uumamaa irrattin hundaa’e kan jajjabeessuu dha.

Bulchiinsi sirna Federaalizimii kan inni hundeeffameef mirga ofiin of bulchuu, seerota wal-qixaa uummataa, uummataan kan wixineeffamee gara Heera biyya kanaatti kan guddatee dha. Akkaataa keewwata  Heera keenya 39 kanaatti aangoon kan uummatoota biyya kanaa ta’uu kan ibsuuf sabni kamiyyuu birmadummaa dhaan biyya kana keessa socho’uuf mirga akka qabuu dha.

Lammiin biyya kanaa kamillee mirga dubbachuu, barreessuu, afaan, aadaa fi seenaa isaa guddifachuu akkasumas balaa irraa baraaruu qaba.Irra caalaatti ammoo mirga sirna bulchiinsa ofii naannoo ofii keessatti dhaabbilee gara garaa hundeessuu akkasumas sadarkaa biyyoolessaatti mirga wal-qixxummaa dhaan hiree biyya kanaa murteessuu barreeffamee jira. Mirgoowwan kunneenis sadarkaa biyyoolessaatti fudhatam ol’aanaa qabaachuun isaa federaalimiin keenya sadarkaa gadii irraa kaasee hanga oliitti caasaa isaa eeggatee kan deemu ta’uu isaa ibsa.

Federaalizimiin keenya guutummaan guutuutti rakkoo hin qabu jechuunis wal-goowwoomsuu ta’a. Biyya seenaa waggaa kuma sadii qabdu rakkoo isheen keessa turte waggaa digdamii torbatti sirreessanii fixuun yoo danda’amuu baates, kan kanaan duraan yoo madaalamu  garaagarummaa guddaa fi fooyya’insa gaariitu jira. Fooyya’iinsa kana gara daran caalmaa fooyya’aatti fiduu dhaafis ciminaan hojjetamaa jira.

Walumaa galatti mirgawwan heeraa fi seeraan nuuf kennaman kabajnee akka nuuf kabajamuu fi ga’ee lammilee biyya kanaa ol’aanaa akka ture beekamaa dha. Gara fuula duraattis cimee itti fufuu qaba.

Kana hunda kan dubbachaa oolleef tokkummaan biyya kanaa kan afaaniin qofa dubbatamu qofa osoo hin taane, federaalizimii kanarraa hundumtuu akka fayyadamaa akka ta’aniif cimanii hojjechuun barbaachisaa dha. Sirna kana keessatti sabni tokko fayyadamaa ta’ee kan biraan ammas miidhamaa yoo ta’e ammas rakkoowwan kanaan dura uumamaa turan uumamuun isaanii waan hiun hafneef of –eeggannoodhaan carraa nuuf kennametti fayyamuutu nurra jiraata.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

This website uses cookies to improve your experience. We'll assume you're ok with this, but you can opt-out if you wish. Accept Read More

Privacy & Cookies Policy