Waliin haa ijaarru!
Tokkummaa Biyyaa tiin
Biyyi keenya Itiyoophiyaan erga bulchiinsa sirna dimokiraasii eegaltee waggoottan digdamoota lakkoosisaa jirti. Erga gara bulchiinsa uummataa kanatti ceetees jijjjiirama hedduu kan argamsiisaa jirtuu dha. Adeemsi bulchiinsa sirna dimokiraasii amalli inni ittiin beekamu keessaa tokko bulchiinsa uummstss fi yaada lammilee biyyattii irratti hundaa’uun biyya geggeessuu dha. Biyyi keenyas muuxannoo kana horachuu eegaluu dhaan mirgi sabaa fi sab-lammilee biyya kanaa kanaan dura dhiittaa garbummaa jala ture yeroo ammaa kanatti mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu irra ga’ee jira. Hiree ofii ofiin murteeffachuun argamuun isaammoo faayidaa guddaa qabaata.Namni nama ta’ee hanga jirutti dhiibbaa tokko malee akka fedhii isaatti jiraachuutu irra jiraata. Kunimmoo kan ta’uu danda’u callisee akkasumaan kan argamu osoo hin taane, waaqaa gaditti mirga akkasii kan namaaf kennuu danda’u dimokiraasii qofa dha.
Haa ta’uyyuu malee biyyi keenya bulchiinsa sirna dimokiraasii hordofaa yoo jiraatellee, dimokiraasiin keenya reefuu ijaarsa haaraa irratti argama. Kana yeroo jennu haalli sirna bulchiinsa uummattoota Itiyoophiyaa kanaan dura turan fedhii uummataa irratti hundaa’anii kan ijaaraman waan hin taaneef dhiibbaa hamaa lammilee biyya kanaa irraan ga’aa turan. Dhiibbaawwan kanneen keessa lammileen hundinuu ija wal-qixxeen ilaalamaa kan itti hin turree fi sabni tokko ol’aantummaa qabaachaa yeroo itti ture akkasumas kanneen biroon ammaa saba cunqurfamoo akka lammii biyyaa kanaatti osoo hin ilaalamin dhiibbaan gara garaa irra ga’aa tureera. Dhiibbaawwan kunneen yeroo sana turan kan hundee gadi fageeffatanii turanii dha. Haalli kun ammo haa xiqqatus haa guddatus haala amma nuti keessa jirru kana keessatti dhiibbaa uumuu malu.
Lammiin yeroo sana miidhamaa ture, haala yeroo sanaatiin boodatti harkifamaa turuun isaa wal-nama hin gaafachiisu. Afaan isaa, aadaan isaa, duudhaan isaa, dinagdee fi jireenyi hawaasummaa isaa akkaataa barbaadameen guddachaa waan hin turreef erga sirna dimokiraasii haarawaa eegallee lammilee kana wal-qaqqabsiisanii wal qixxeessuun hojii ijoo ta’ee hojjetamaa jira. Fakkeenyaaf saba tokko yoo fudhanne bara mootummoolee kanaan dura turanii keessa akka sabaatti kan hin lakkaa’amin ture yoo ta’e, sabni kun waan baay’ee dhaan hacuucamaa turuun isaa beekamaa dha. Erga Mootummaa Dimokiraatawaan amma biyya geggeessaa jiru kun dhufee mirgi gaaffii eenyummaa haalaan deebii kan itti argataa dhufee fi jiruu dha. Yeroo kana jennu sirni bulchiinsa ammayyaa’aa yeroo amma nuti hordofaa jirru gaaffiin hawaasaa maaliyyuu haa ta’u malee akkaataa heeraa fi seeraan ilaalamee deebii kan itti kennamaa jiruu dha.
Egaa Mootummaan ADWUI erga biyya kana geggeessuu jalqabee sirna bulchiinsa dimokiraatawaa diriirsuun cinatti tarsimoon guddinaa dhaabbanni kun biyya kanaaf wixine hojiitti erga jijjiiramuu eegalee guddinni hatattamaa galmaa’aam jira.Guddinni amma argamaa jirummoo uummataa dadammaqaa fi guddina dabalataa kan hawwu akka uumamu taasiseera. Akkasumas hawaasa dheebuu misoomaa baroota dheeraa qabuu fi mootummaan misoomawaa yeroo walitti dhufan fedhii walitti fufiinsa qabutu hawaasa kana biraa ka’a. Fedhiin guddaan hawaasaa kun ammoo akka guutamuuf yeroo itti gaafatamus ta’e, yeroo deebiin itti kennuuf hojjetamutti hanga tokko tasgabbii irratti rakkoon uumamuu mala, kunis mudannoo uumamaa ti. Kanas waan an kaasuu barbaadeef mudannoon amma biyya keenya mudataa jiru kanuma waan ta’eef dha. Akkaataan adeemsa mootummaa fi uummataa wal-hin gitu taanaan rakkoon uumamuun isaa oola hin qabu. Hawaasni saffisaan kan fiigaa jiru ta’ee, mootummaan akka qocaa suuta kan deemu yoo ta’e, fedhii fi dhiyeessiin waan wal jala darbuuf rakkoo hamaa tu uumama. Kan amma nu mudachaa jirus kanuma. Sababnisaa hawaasni keenya cunqursaa tokko malee fedhiin isaa eegamee fii akka barbaadetti waan fedhe gaafachuu akka danda’u akka uumamu kan taasises ADWUI waan ta’eef kunis dagatamuu hin qabu.
Mootummaa Misoomawaa fi Dimokiraatawaan kun erga biyya kana geggeessuu eegalee guddina akka addunyaatti baay’ee saffisaa ta’e guddina dijiitii lamaa
waggoottan kurnan darban keessatti galmeessuun uummatni keenya misooma kanarraa fayyadamoo akka ta’anii hojii boonsaa hojjetameera, hojjetamaa jiras.
Kanumarraa ka’uun guddinni argame kun qofti na ga’a jedhee itti quufee hawaasa hin teenye horatamuu danda’uun isaa akkuma jirutti ta’ee adeemsi gara jijjiirama haarawaatti ta’u kun ammo hanga tokko sababa guddinni fedhii jiruuf haala kenniinsa tajaajila jiruu wajjin yeroo madaalamu rakkoon jiraachuun isaa beekamaa dha. Kanaafis guddina argame irraa fayyadamaa, guddina biro dhaaf ammoo yeroo itti tattaafachaa deemnu ta’uu isaan ala, rakkoowwan nu mudatan irraa jalaan hiikkachaa, ciminaa fi hanqina jiru adda baafachaa deemuun akkaataa fedhii hawaasaatti deemuun murteessaa fi dirqama dha.
ADWUI akka paartii biyya kana geggeessuutti rakkoolee isa mudatan tokko osoo hin dhoksin rakkoowwan kanneen osoo hin baay’ee ulfeessee hin ilaalin akkasumas tuffatee hin ilaalin hawaasa waliin mari’achuu dhaan sirna bulchiinsa dimokiraatawaa haaraa ijaaruu keessatti ga’een inni taphataa as ga’e waan laayyoo miti.
Lammileen biyyattiis adeemsi armaan olii kun amala ADWUI ta’uu isaa fi rakkoolee mudatan qorannoo dhaan bifa tasgabbaa’aa ta’een qoratee furmaata itti kennaa dhaaba deemu ta’uu isaa bareechanii beeku. Rakkoowwan yeroo gara garaatti mudatan kanneenis akka galteetti fudhachuu dhaan rakkoodhuma sana deebisee akka furmaataatti itti fayyadamuu dhaan jijjiirama addaa dhaaba fidaa as ga’ee dha.
Ammas rakkooleen yeroo dhiyoo asitti iddoo gara garaatti mul’achaa jiran kan humna ADWUI ol ta’aniif to’achuun ulfaatu miti. Garuummoo humnoonni jeequmsa biyya kanaafi sirna bulchiinsa dimokiraasii biyya kanaatti kanneen hin amanne akka waan biyyi kun diigamtuutti abjuu sobaa abju’achaa jiru. Diigamuun biyya kanaa gonkumaa kan yaadamu miti. Sababnisaa fedhiin hawaasaa fi mootummaa yeroo wal-fakkaataa ta’ee deemutti waan akkasii yaaduun gowwummaa dha.
Egaa akkumaa amma dhaga’aa jirru yeroo ammaa kana rakkoowwan mudatan kana ilaalchisee dhaabbileen biyya geggaassan afran maree fi gamaagamma hojii akkasumas, karaa nagaatiin aangoo ceesisuuf jecha maree irra jiraachuun isaa beekamaa dha. Kan nuti ammas hubachuu nurra jiraatu furmaatni rakkoo nama kiiloo afuritti muudamu osoo hin taane, hawaasa kana waan ta’eef, hawaasni kun madda rakkoo keenyaa gadi fageenyaan qoratee mootummaa wajjin furmaata waarawaa fiduu dhaaf , akkasumas ijaarsa sirna dimokiraasii keessatti ga’ee isaa ba’achuutu irra jiraata,