Ethiopiaprosperous
Ethiopian News Ethiopian Daily news, Regarding political and social Issues.

ABC Tajaajiltuummaa Ummataa

0 306

Get real time updates directly on you device, subscribe now.

ABC Tajaajiltuummaa Ummataa

Ibsaa Namarraa

Ummanni Itiyoophiyaa sirnoota darban mootummootaa fi dargii keessaa abbuummaa angoo hinqabu ture. Sirni mootootaa maddi angoo isaa Waaqa akka ta’e lallabaa turee. Dargiin ammoo maddi angoo isaa olaantummaa ilaalcha Koominzmii irraa akka made akka ta’e ibsaa turee. Abbuummaan angoo mootummaa ummata Itiyoophiyaa kan mirkanaaye heera mootummaa feedraalawaa deemookraatawaa Itiyoophiyaatiini.

Heerrii mootummaa feedaraalawaa keewwata 8 mata duuree Abbaa Taayitummaa Ummatichaa jeedhu jala:

 

  • Saboonni, sablammoonni fi ummattoonni Itiyoophiyaa abbaa angoo ol’anaa Itiyoophiyaati.
  • Ol’aantummaan isaanii heera mootummaa kanaan ibsamaa.
  • Ol’aantummaan isaanii kan ibsamu, bakka bu’oota filatuuni fi ofii isaanitiinis kallatti dhaan hirmaannaa demookraatawaa godhuuni.

 

Jeedhaa.

Amma Itiyoophiyaa keessa abbuummaani fi maddi angoo mootummaa ummata qoofa. Ummanni angoo isaa dabarse kan keennu sirna filannoo dhaan abbaa sagalee caalmaa argateef bakkabusuu dhaani. Abbaan angoo bakka bu’uummaan fudhatees ummata tajaajiluuf dirqama seera qabaa; Itti gaafatamuummaas qabaa. Keewwatni 12 heera mootummaa, mata duree Akkaataa Hojii Mootummaa fi Itti gaafatamuummaa jeedhu jala:

 

  • Hojiin mootummaa akkaataa ummataaf ifaa ta’een raawwatamu qabaa.
  • Itti gaafatamaan hojii kamiiyyuu ykn filatamaan ummataa ittigaafatamuummaa yoo hir’isee nigaafatamaa.
  • Ummatichi bakka bu’aa filateeratti yammuu  amantii dhabu iddoo isarraa kaasuu nidanada’aa.

 

Jeedhaa.

Angoon mootummaa bakka bu’uummaan kan keennamuu, namoota angoo fudhatan feedhii dhunfaa isaanii akka ittiin guttatan osoo hinta’ini akka ummata itti tajaajilan dhaa. Namoonni angoo bakka bu’uummaan fudatan, taa’itaaf kan kaadhimamani fi kan muudaman feedii isaanitin; mirgoota namuummaa fi bilisummaa heeraan mirkanaaye kabajsiisuuf, jiruu ummata fooyyeesuuf nihojjannaa jeedhanii wadaa seenaniti. Angoon feedhii aala dirqamaan hinkeennamu; garuu erga fudhatame booda ummata tajaajiluun dirqama.

Itiyoophiyaantoonni akkaataa heera mootumma, waggootan kurnan lama daraban keessa angoo bakka bu’uummaan keennaa turan. Yaata’u malee sirna deemookraasii angoo bakka bu’uummaan ittiin keennamuu haaraa waan ta’eef hir’inni mul’atee jiraa. Dhugaa dhaa; deemookrasiin wanta labsii dhaan battalumatti dagaagu miti. Ummanni fi qaamoolee kan biroon qayyabanna argachaa adaa ta’aa  kan adeemu dhaa. Kanaafu; deemookraasii Itiyoophiyaa keessa hi’rinni mula’atuun isaa kan egamu dhaa. Garuu yeeroo irraa gara yeerootti dagaagaa adeemu qabaa.

Itiyoophiyaa keessa bakka bu’uummaa angoo waliin walaqabatee hir’iini kan mulatu dhabiinsa miira tajaajiltuummaa ummata irratti. Hoogantoonni gubbaarra hanga gadii argaman angoo isaaniitiin ummatta fayyaduu irra, feedhii dhunfaa fi antee isaanii ittiin guttachuuf olchuun bal’inaan nimul’ataa. Akki angoo feedhii dhuunfaa guttachuuf ittiin fayyadamuun kun, dhabiinsa bulchiinsa qajeela fi kiraa sassaabduummaan ibsame jiraa.  

Angoo feedhii dhunfaa guttachhuuf fayyadamuun kun yeroo irraa gara yerootti haammaachaa adeemee ummata abbaa angoo ta’ee dalansiisee ture. Maddii moormii fi balaaleefannaan waggootan lamaa fi walakkaa daraban keessa mula’atee dhabiinsa tajaajiltuummaa hoogantoota irraa kan maddee dhaa. Mootummooleen feedraalwaa fi naannoolee akkasuumas dhaabbani biyya bulchaa jiruu rakkoo dhabiinsa tajaajiltuummaa ummata kana huubatani jiru. Hoogantoonni adaraa angoo waliin isaaniif keenname fixaanbaasu akka hindanddenye mootumooleeni fi dhaabbani ifaa godhuun isaaniis nibeekamaa. Dhbiinsa tajaajiltuummaa ummta sirreesuufiis waadaa seenanii tarkaanfii fudhachuu jalqabani jiru.

Hoogantoonni sadarkaa taayitaa gara garaa irratti argaman ykn bakka bu’oonni ummataa miira tajaajiltuummaa akka hooran angoon haarka isaan keessa jiruu lammiilee tajaajiila gara garaa barabaachaa gara waajiira isaanitti dhuufaniin kan keenname ta’u isaa huubachuu qabu. Hubannoon kun ABC miira tajaajiltuumma ummaataa hoorachuu dhaa.

Kana malees sirnii ummanni hoogantoota ittiin too’atu fi gaafatuu dandahuu  diriirsuun barabaachiisaa dhaa. Dhabiinsa tajaajiltuummaa ummataa fi rakkoolee bulchiinsa qajeelaa akkasuumas saammiicha qabeenya raawwatamu saaxiil baasuu irraatti midiyaan gahee ol’anaa qabaa. Kanaafu; tajaajiltuummaa ummataa dagaagsuuf midiyaa bilisa dhugaaf dhaabbatee dagaagsuun murteessaa dhaa. Bakka bu’oonni ummataas ummata isaan bakka busee bira buu’ani, koomii fi feedhi isaa dhageefachuu; walmari’achu qabuu. Koomiin ummataa akka siraahuu, feedhiin isaas akka guutamu hojjachuuniis irraa egamaa, Kana gadhuu kan hindandaahmne yoo ta’ees sababa qabatamaa ummataaf keenuun irraa egamaa.

Ummanni abbaa fi madda angoo mootummaa ta’uun isaa kan mirkanaahu akkaataa kanaan qoofa. Angoo bakka bu’uummaan keennuun qoofa abbuummaa angoo mirkaneessu hindandahu. Abbuummaan angoo ummataa akka mirkanaahu mootummaan angoo bakka bu’uummaan fudhatee ummta tajaajilu qabaa. Walumagalatti ABCn miira tajaajiltuumma, abbaan angoo ummata ta’uu isaa huubachuu dhaa. Bakka bu’aan ummataa ykn hooganaan hubannoo kana hinqabane miira tajaajiltuummaa ummataa hoorachuu hindandahu.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

This website uses cookies to improve your experience. We'll assume you're ok with this, but you can opt-out if you wish. Accept Read More

Privacy & Cookies Policy