Ethiopiaprosperous
Ethiopian News Ethiopian Daily news, Regarding political and social Issues.

“Afaan Gaariin Afaa gaarii caala…”

0 434

Get real time updates directly on you device, subscribe now.

“Afaan Gaariin Afaa gaarii caala…”

Hiikaa Margaa tiin
Egaa akkuma beekamu yeroo baay’ee rakkoon biyya kana keessatti mul’atuuf balaa
sirna kanaati jedhamee kan dubbatamu dhabamuu bulchiinsa gaarii ti.
Sababa kanaanis mootumaa fi lammileen biyya kanaa yeroo dheeraa dhaaf kan walitti
bu’anii dha.
Bulchiinsa gaarii yeroo jennu, hawaasa biyya kanaa garaa garummaa tokkoo fi dhiibbaa
tokko malee faayidaa mootummaa irraa argachuu malu hundumaa kan argatu yoo ta’ee
dha.
Uumamaan yoo teenyee ilaalle, lammii jechuun biyya tokko keessatti waan murteessaa
dha. Lammiitu biyya ijaara, kan diigamuu barbaachises diiguu danda’a. Mootummaa
jechuunis walitti qabama lammilee jechuu waan ta’eef nama tokko irraa eegalee hanga
uummata walii gala biyyattiitti maalummaan biyyaa kanaa harka sabaa fi sab-lammoota
biyya kanaa jira jechuu dha.
Kanaafuu namni dhuunfaan tokko waajjira mootummaa tokko dhimma qabaatee kan
dhaqu yoo ta’e, haalaan keessummaa’uutu irra jiraata.
Yoo Dimokiraasii dhugaa fi bulchiinsi gaariin diriireef lammii tokko jechuun akka
“maamilaatti” ilaalamuu qaba, Maamila jechuun ammoo waan salphaa miti.
Yeroo baay’ee biyyi kun hin guddanne, boodetti haftuu dha jennee komanna. Dhugaa
dha biyyi kun hin guddanne, hanga barbaadamus fuulduratti hin deemne? Garuu maaliif
jennee yoo gaafanne…, biyyi kun rakkoo qabeenya uumamaa ykn qabeenya humna
namaa hin qabdu.
Rakkoon poolisii bulchiinsa gaarii biyya kanaa gaaffii keessa galchus hin jiru. Haa
ta’uyyuu malee qabatamaatti yommuu ilaalamu yeroo dhiyoo asitti komeen hawaasa
biraa ka’uu ykn walitti bu’iinsi mootummaa fi uummata gidduu jiru, sababa bulchiinsi
gaariin biyya kana keessatti gaaffii keessa galeef qofa dha.
Kunis kan ta’uu danda’eef raawwachiiftotni mootummaan itti amanee dhimmi uummataa
fi mootummaa naaf raawwachiisu jedhee kaawwate imaanee sabni kun ittti kennate
dagachuun faayidaa dhuunfaa isaaniif waan bitamaniif akkasumas dandeettiin
raawwachiistummaa qaamolee raawwachiistotaas rakkoo kanaaf sababa ta’uu
danda’eera.
Dhugaa dubbachuuf taanaan fedhii hawaasaa hunduma guutuun akka hin danda’amne
beekamaa dha. Garuummoo hawaasni fedhii isaa ibsate hamileen isaa osoo hin
tuqamin, afaan gaariidhaan, ilaaa fi ilaamee dhaan wal-hubachiisuun osoo jiruu,
maamila waajjira mootummaa tajaajilaaf dhufe akka laayyootti ilaaluun, tuffachuun,
deddeebisuun, balaa hamaa nuti amma irra buune kanaaf nu saaxilee jira. Gochi akkasii
kun ammoo kan itti fufu yoo ta’e kana booda miidhamaa kan ta’u mootummaa osoo hin
taane qaama raawwachiisummaa bakka tokkotti ramadame ta’uutu irra jiraata.
Yeroo ammaa kana akka Mootummaan jedhu yoo ta’e, haalli nuti itti adeemaa jirru
lammilee biyya kanaaf gaarii fakkaata. Sababnisaa yerochi Mootummaa dhaaf yeroo
haaromsaa ti. Haaromsa keessa ammoo barteewwan kanaan dura lammilee biyya
kanaa akka isaan komatan ykn mootummaatti mufataniif sababa ta’an hundumaa
xiyyeeffannoo keessa galchuun irratti hojjechuuf qophii akka ta’e yeroo gara garaatti
ibsamaa jira.
Hojjetaan waajjiraa kamiyyuu haala mijeessituu dhaa eegalee hanga itti gaafatamaa
waajjiraatti maamila kamiinuu keessummaa’uuf dhufu akkaataa barbaachisaa ta’etti
keessummeessuu kan hin dandeenye yoo ta’e, itti gaafatamummaa dhufuuf of
–qopheessuunis barbaachisaa dha.
Yeroo baay’ee lammileen tajaajilaaf waajjira mootummaa kan deeman yommuu ta’u, irra
caalaatti kan isaan wal-argan haala mijeessituu/ssaa waajjiraa qofa dha. Sababnisaa itti
gaafatamaan waajjiraa, raawwachiisaan dhimmaa, ykn qaamni dhimmi abbaa dhimmaa
ilaalu waajjiratti hin argaman ta’a. Ykn ammoo wal-ga’ii jechuun abbaa dhimmaa
deddeebisuun jira.

Mee teenyee sammuu nagaadhaan yoo ilaalle, eenyuuf wal-ga’aa jirra? Bu’aan wal-ga’ii
keenyaa kun abbaa dhimmaa gammachiisuuf kan yaadame yoo ta’e, wal-ga’iitti
sababeeffachuun abbaa dhimmaa deddeebisuun yakka guddaa akka ta’e beekuun
barbaachisaa dha.
Mootummaanis kanaan booda rakkoowwan kanaan dura mul’achaa turan lammataa
deebi’anii akka lammilee hin dararreef tarkaanfiiwwan ciccimoo fudhachuuf qophee isaa
xumuree jira.
Ramaddiin bakka hojii kamillee kanaan booda dandeettii irratti kan hundaa’ee fi bakka
ramadametti namni kamiyyuu bu’aa fiduu yoo danda’e malee akkasumas fedhii
hawaasaa qaama giddu galeessa godhatee deemu malee ramaduun akka hin jirre jala
muree dubbateera.
Keessumaa yeroo baay’ee lammilee biyya kanaa kan hiraarsan kanneen akka qaamolee
haqaa, siyaasa irraa bilisa ba’anii amanamummaa dhaan hawaasa isaanii akka
tajaajilan gochuudhaaf kutannoon mootummaan amma agarsiisaa jiru hedduu
jajjabeessaa dha.
Sababa malaammaltummaan biyya kana keessatti hundee gadi-fageeffateef hawaasni
biyya kanaa dhugaan isaa maallaqaan jalaa jijjiiramaa jiraachuun isaa rakkoo har’a
keessa teenyee boo’aa jirruuf sababa waan ta’eef qaamni haqaa kanaan booda harka
isaa hojii cubbuu irraa deebifatee. Mootummaa fi lammilee biyya kanaa haqaan
tajaajiluun dhimmi filannoo biraan hin kennamneefiidha.
Walumaa galatti nagaa fi tasgabbii biyya kanaa mirkaneessuun kan danda’amu yoo
bulchiinsi gaariin mirkanaa’e qofa ta’uu qaamoleen raawwachiistota mootummaa
miindeffamanii jiraatan kanaan booda akka fedha isaaniitti kan hojjetan osoo hin taane
akkaataa fedhii hawaasaa giddu gala godhateen ta’uu akka qabu gamanumaan
beekuun of-qopheessuun barbaachisaa dha.
Sirna bulchiinsa gaarii mirkaneessuu keessatti ga’een lammilee biyya kanaas ol’aanaa
dha. Qaama seera cabsee seeraan ala socho’u tokko osoo ijaan agarruu bira taruu osoo
hin taane, nutis mootummaadhaaf amanamuun irratti qabsaa’uun furmaata rakkoo
bulchiinsa gaarii ta’uunis akka danda’amu yoo beekne waan gaarii ta’a.

 

Leave A Reply

Your email address will not be published.

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

This website uses cookies to improve your experience. We'll assume you're ok with this, but you can opt-out if you wish. Accept Read More

Privacy & Cookies Policy