AFAAN OROMOO

“Afaan Gaariin Afaa gaarii caala…”

By Admin

April 27, 2018

“Afaan Gaariin Afaa gaarii caala…”

Hiikaa Margaa tiin Egaa akkuma beekamu yeroo baay’ee rakkoon biyya kana keessatti mul’atuuf balaa sirna kanaati jedhamee kan dubbatamu dhabamuu bulchiinsa gaarii ti. Sababa kanaanis mootumaa fi lammileen biyya kanaa yeroo dheeraa dhaaf kan walitti bu’anii dha. Bulchiinsa gaarii yeroo jennu, hawaasa biyya kanaa garaa garummaa tokkoo fi dhiibbaa tokko malee faayidaa mootummaa irraa argachuu malu hundumaa kan argatu yoo ta’ee dha. Uumamaan yoo teenyee ilaalle, lammii jechuun biyya tokko keessatti waan murteessaa dha. Lammiitu biyya ijaara, kan diigamuu barbaachises diiguu danda’a. Mootummaa jechuunis walitti qabama lammilee jechuu waan ta’eef nama tokko irraa eegalee hanga uummata walii gala biyyattiitti maalummaan biyyaa kanaa harka sabaa fi sab-lammoota biyya kanaa jira jechuu dha. Kanaafuu namni dhuunfaan tokko waajjira mootummaa tokko dhimma qabaatee kan dhaqu yoo ta’e, haalaan keessummaa’uutu irra jiraata. Yoo Dimokiraasii dhugaa fi bulchiinsi gaariin diriireef lammii tokko jechuun akka “maamilaatti” ilaalamuu qaba, Maamila jechuun ammoo waan salphaa miti. Yeroo baay’ee biyyi kun hin guddanne, boodetti haftuu dha jennee komanna. Dhugaa dha biyyi kun hin guddanne, hanga barbaadamus fuulduratti hin deemne? Garuu maaliif jennee yoo gaafanne…, biyyi kun rakkoo qabeenya uumamaa ykn qabeenya humna namaa hin qabdu. Rakkoon poolisii bulchiinsa gaarii biyya kanaa gaaffii keessa galchus hin jiru. Haa ta’uyyuu malee qabatamaatti yommuu ilaalamu yeroo dhiyoo asitti komeen hawaasa biraa ka’uu ykn walitti bu’iinsi mootummaa fi uummata gidduu jiru, sababa bulchiinsi gaariin biyya kana keessatti gaaffii keessa galeef qofa dha. Kunis kan ta’uu danda’eef raawwachiiftotni mootummaan itti amanee dhimmi uummataa fi mootummaa naaf raawwachiisu jedhee kaawwate imaanee sabni kun ittti kennate dagachuun faayidaa dhuunfaa isaaniif waan bitamaniif akkasumas dandeettiin raawwachiistummaa qaamolee raawwachiistotaas rakkoo kanaaf sababa ta’uu danda’eera. Dhugaa dubbachuuf taanaan fedhii hawaasaa hunduma guutuun akka hin danda’amne beekamaa dha. Garuummoo hawaasni fedhii isaa ibsate hamileen isaa osoo hin tuqamin, afaan gaariidhaan, ilaaa fi ilaamee dhaan wal-hubachiisuun osoo jiruu, maamila waajjira mootummaa tajaajilaaf dhufe akka laayyootti ilaaluun, tuffachuun, deddeebisuun, balaa hamaa nuti amma irra buune kanaaf nu saaxilee jira. Gochi akkasii kun ammoo kan itti fufu yoo ta’e kana booda miidhamaa kan ta’u mootummaa osoo hin taane qaama raawwachiisummaa bakka tokkotti ramadame ta’uutu irra jiraata. Yeroo ammaa kana akka Mootummaan jedhu yoo ta’e, haalli nuti itti adeemaa jirru lammilee biyya kanaaf gaarii fakkaata. Sababnisaa yerochi Mootummaa dhaaf yeroo haaromsaa ti. Haaromsa keessa ammoo barteewwan kanaan dura lammilee biyya kanaa akka isaan komatan ykn mootummaatti mufataniif sababa ta’an hundumaa xiyyeeffannoo keessa galchuun irratti hojjechuuf qophii akka ta’e yeroo gara garaatti ibsamaa jira. Hojjetaan waajjiraa kamiyyuu haala mijeessituu dhaa eegalee hanga itti gaafatamaa waajjiraatti maamila kamiinuu keessummaa’uuf dhufu akkaataa barbaachisaa ta’etti keessummeessuu kan hin dandeenye yoo ta’e, itti gaafatamummaa dhufuuf of –qopheessuunis barbaachisaa dha. Yeroo baay’ee lammileen tajaajilaaf waajjira mootummaa kan deeman yommuu ta’u, irra caalaatti kan isaan wal-argan haala mijeessituu/ssaa waajjiraa qofa dha. Sababnisaa itti gaafatamaan waajjiraa, raawwachiisaan dhimmaa, ykn qaamni dhimmi abbaa dhimmaa ilaalu waajjiratti hin argaman ta’a. Ykn ammoo wal-ga’ii jechuun abbaa dhimmaa deddeebisuun jira.

Mee teenyee sammuu nagaadhaan yoo ilaalle, eenyuuf wal-ga’aa jirra? Bu’aan wal-ga’ii keenyaa kun abbaa dhimmaa gammachiisuuf kan yaadame yoo ta’e, wal-ga’iitti sababeeffachuun abbaa dhimmaa deddeebisuun yakka guddaa akka ta’e beekuun barbaachisaa dha. Mootummaanis kanaan booda rakkoowwan kanaan dura mul’achaa turan lammataa deebi’anii akka lammilee hin dararreef tarkaanfiiwwan ciccimoo fudhachuuf qophee isaa xumuree jira. Ramaddiin bakka hojii kamillee kanaan booda dandeettii irratti kan hundaa’ee fi bakka ramadametti namni kamiyyuu bu’aa fiduu yoo danda’e malee akkasumas fedhii hawaasaa qaama giddu galeessa godhatee deemu malee ramaduun akka hin jirre jala muree dubbateera. Keessumaa yeroo baay’ee lammilee biyya kanaa kan hiraarsan kanneen akka qaamolee haqaa, siyaasa irraa bilisa ba’anii amanamummaa dhaan hawaasa isaanii akka tajaajilan gochuudhaaf kutannoon mootummaan amma agarsiisaa jiru hedduu jajjabeessaa dha. Sababa malaammaltummaan biyya kana keessatti hundee gadi-fageeffateef hawaasni biyya kanaa dhugaan isaa maallaqaan jalaa jijjiiramaa jiraachuun isaa rakkoo har’a keessa teenyee boo’aa jirruuf sababa waan ta’eef qaamni haqaa kanaan booda harka isaa hojii cubbuu irraa deebifatee. Mootummaa fi lammilee biyya kanaa haqaan tajaajiluun dhimmi filannoo biraan hin kennamneefiidha. Walumaa galatti nagaa fi tasgabbii biyya kanaa mirkaneessuun kan danda’amu yoo bulchiinsi gaariin mirkanaa’e qofa ta’uu qaamoleen raawwachiistota mootummaa miindeffamanii jiraatan kanaan booda akka fedha isaaniitti kan hojjetan osoo hin taane akkaataa fedhii hawaasaa giddu gala godhateen ta’uu akka qabu gamanumaan beekuun of-qopheessuun barbaachisaa dha. Sirna bulchiinsa gaarii mirkaneessuu keessatti ga’een lammilee biyya kanaas ol’aanaa dha. Qaama seera cabsee seeraan ala socho’u tokko osoo ijaan agarruu bira taruu osoo hin taane, nutis mootummaadhaaf amanamuun irratti qabsaa’uun furmaata rakkoo bulchiinsa gaarii ta’uunis akka danda’amu yoo beekne waan gaarii ta’a.