Ethiopiaprosperous
Ethiopian News Ethiopian Daily news, Regarding political and social Issues.

Bakka Nagaan jiru waan hundaatu jira!

0 417

Get real time updates directly on you device, subscribe now.

 

Bakka Nagaan jiru waan hundaatu jira!

Hiikaa Margaa tiin

Biyyi keenya Itiyoophiyaan waggoottan muraasaa asitti giddu gala Industirii ta’uudhaaf hojii guddaan hojjatamaa jira. Akkuma yaadames bu’aa hedduun argamaa jira.

Yeroo ammaa kana hojiin investmentii biyya kana keessatti bal’inaan kan hojjatamaa jiru yommuu ta’u, biyyi keenyas filannoo abbootii qabeenyaa hojii invastmentii hojjetaniif filannoo guddaa taatee jirti.

Babal’inni sochii investmentii biyya kanaaf faayidaa gurguddaa qabaachuun isaa kan wal-nama gaafachiisu miti. Abbootiin qabeenyaa biyyya keessaa fi biyyoota alaa hojii investmentii kana babal’isuuf yeroo biyya keessatti hojiiwwan gara garaa hojjetan faayidaaleen isaan buusan keessaa kanneen ijoo ta’an keessaa, ce’umsa teknooloojii fi carraa hojii uumuu isaati.

Ce’umsa teknooloojii yeroo jennu waan salphaa nutti fakkaachuu danda’a, Haa ta’uyyuu malee dinagdeen biyyi keenya kanaan dura hordofaa turte qonna qofa irratti kan hundaa’e-sanumaayyuu qonna mala aadaatiin ta’e kan turee dha. Yeroo investeroonni biyyoota garagaraa keessaa walitti dhufan biyya kana keessatti hojii akkasii hojjetan teeknooloojiiwwan ammayyaa’oo ta’anitti kan fayyadamaniif beekumsi fayyadamummaa teknooloojii kun ammoo salphaatti lammilee biyya kanaatti darbuun qabeenya bara baraa biyya kanaa ta’ee hafuu isaati.

Bu’aan Invastmentii inni biraan carraa hojii uumuu isaati. Carraan hojii  uummuun biyya kanaaf mata dhukkubbii cimaaf rakkoo hammaataaa biyyi keenya keessummeessaa jirtu ta’uun isaa beekamaa dha. Sababnisaa biyyi kun biyyi sichi guddina irra jirtu waan ta’eef baay’inni lammilee hojii barbaadaniif carraan hojii wal-qixa waan ta’uu dadhabeef rakkoo cimaatu biyya kanaa ta’eef , akka mootummaatti ulaawwan carraa hojii lammilee biyya kanaaf keessumaa dargaggootaaf ni uumu jedhamanii yaadaman kamillee baay’ee deggeramu.kanaaf ammoo invastimentiin biyya kana keessatti hojjetamu kamiyyuu carraa hojii uumuu keessatti shoora ol’aanaa taphachaa jira.

Paarkiiwwan industirii gara garaa biyya kana keessatti babal’achaa jiraachuun isaa ammoo abdii guddaa namatti hora.

Akka qorannoon Weebsaayitii “Quantum Global Research lab” qorannoo hojii invastmentii bara 2018 gabaasetti, biyyi Itiyoophiyaa biyyoota  Afrikaa hawwata Invastmentii ta’an keessaa biyyoota sadarkaa tokkoo hanga kudhanii ta’an keessa jiraachuu ishee fuulaa weebsaayitii isaa irratti ibsee jira.

Industiriin oomishaalee biyya kana keessatti adeemsifamanis gara biyya alaatti ergamanii sharafa alaa waan argamsiisaniif invastaroota kallattii biyya alaa haalaan hawwachuun isaa biyyi keenya giddu gala invastimentii akka taatuuf carraa gaarii dha.

Hojiiwwan babal’ina bu’uuraalee misoomaa hunda-galeessa ta’e biyya kana keessatti hojjetamuun isaas akka investeroonni biyya alaa biyya kana filannoo isaanii godhatan taasisee jira.

Hunda caalaa ammoo nageenyi amansiisaan biyya kana keessa ture, carraa babal’ina hojii investmentii kanaaf daran haala mijeessuun isaas beekamaa dha. Dhimmi nageenyaa kanarratti xiyyeeffachuunis kanaaf barbaachisaa ta’e. sababa nageenyi biyya kanaa amansiisaa ta’eef abbootiin qabeenyaa biyya alaa fi biyya keessaa soda tokko malee hojiiwwan misooma gara garaa irratti hirmaachaa jiru.

Nageenyi hin jiru taanaan hojiin invastmentii haa hafuutii nagaan ba’anii galuuniyyuu baay’ee ulfaata. Kun hin taane taanaan faayidaawwan nuti sila investmentii irraa arganna jennee tarreessine sana argachuun abjuu taatee hafti.

Yeroo dhiyoo asitti sababa jeequmsi gara garaa biyya kana iddoo gara garaatti babal’achaa dhufeef hojii investmentii irratti dhiibbaa guddaa geessisaa turuun isaa beekamaa dha.

Kanumarraa ka’uun akka biyyatti rakkoo guddaan mudachuu danda’ee ture. Turtii yeroo jeequmsaa kana keessattis invastimentiiwwan gara garaa irratti miidhaan qaqqabsiifameera. Adeemsa kana keessatti kan miidhamu abbootii qabeenyaa qofa osoo hin taane, lammileen duraan carraa hojii argatanii ofiif maatii isaanii deggeraa turan hojii dhabuuf saaxilamaniiru. Warshaalee baay’een badiif saaxilamaniiru.

Asirratti wanti nuti hubachuu qabnu, invastarri tokko biyya kanatti dhufee hojjechuu dhaaf adeemsa hedduu keessa darbee kan dhufuuf hojii dippiloomaasii mootummaan biyyoota gara garaa wajjin hojjetaniin kan dhufanii dha.

Kanaaf sababa jeequmsa xiqqootiin abbootiin qabeenyaa biyya kana irra ija isaanii kaasanii akka biyya biraatti deemanii hojjetan taasisuun isaa hin oolu.

Carraan akkasii kun kan nurra darbu taanaan ammoo cophxoo irratti fanxoo isa jedhan sanaaf nu saaxiluun isaa wal-nama hin gaafachiisu.

Kanaaf hunda dura nageenyi biyya kanaa mirkanaa’uun isaa dirqama waan ta’eef, lammiin biyya kanaa kamillee wantoota nageenya biyya kanaa irratti balaa geessisan irraa of-qusachuu akkasumas nageenya biyya kanaa eegsisuu irratti ga’ee keenya ba’achuutu nurraa eegama.

Ka’umsa barreefama kootii irratti “bakka nagaan jiru hundatu jira” jedhee kanan eegaleefis kanumaaf.

Walumaa galatti, guddina akka dhuunfaattis ta’e akka biyyaatti hawwinuuf nageenyi murteessaa waan ta’eef, dursa nageenya keenyaaf xiyyeeffannoo yoo kennine isa kaan ammoo yeroon iyyuu waan hedduu fidaa deema.

 

Leave A Reply

Your email address will not be published.

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

This website uses cookies to improve your experience. We'll assume you're ok with this, but you can opt-out if you wish. Accept Read More

Privacy & Cookies Policy