Booreedha egaa yaa dargaggo !
Hiikaa Margaa tiin
Seenaa biyya kana ijaaruu keessatti ga’een dargaggootaa ol’aanaa akka ture yeroo
baay’ee ni dubbatama. Dargaggootu waa’ee biyya kanaaf lubbuu isaa dhabe,dhiiga isaa
dhangalaase, lafeesaafa’atu cabe.
Yeroo biyyi keenya diinaan weeraramuuf turtetti biyyakoo dura anatu bu’uu qaba
jechuun of-wareeguun sadarkaa biyyi kun har’a geessu kan taasisan dargaggoota.
Haala qabatamaa biyya kanaa yoo ilaalle baayinni dargaggoo biyya Itiyoophiyaa
parsantaa 70 ol akka ta’e odeeffannoon gara garaa ni addeessu. Kana jechuun carraan
biyya kanaa harka dargaggoo jira jechuudha. Sababnisaa yeroon dargaggummaa yeroo
itti waan fedhan hojjechuu danda’aniif humna oomishaa waan ta’aniif guddina biyya
tokkoof ga’ee maaliinuu dorgomaa hin taane qabu.
Dargaggoon humnaa fi beekumsa qabuun kan biyya tajaajiluudha. Humnaa fi beekumsa
qabu kana biyyaaf oolchuun jijjiirama biyya tokko keessatti fiduun isaa waan wal-nu
gaafachiisu miti.
Haa ta’uyyuu malee akka biyyaatti, baay’ina dargaggoo keenyaan yeroo madaalamu,
biyyi keenya kun dargagoo irraa hanga barbaadamu hin fayyadamne jechuun ni
danda’ama.
Sababnisaa, yeroo darban keessatti dargaggoo ofitti qabuun waa’een biyya kanaa si
ilaallata, situ ijaara, situ diiga qaamni jedhu waan hin jirreef dargaggeessi humna qabu
kun bakka itti argamee waa’ee biyya isaatiif hojjetutti osoo hin argamin hafuu
danda’eera.
Sababa kanaanis akka biyyaatti carraa guddaa osoo of harkaa qabnuu, baay’ee
guddachuu osoo dandeenyuu, garuu maal godha guddachuu hin dandeenye. Daandii
silaa nuuf gabaabbatee jireenya fooyya’aa jiraachuun nurra ture hedduu nu harkaa
dheeresse.
Silaa dargaggootu maatii fi biyya isaa deggeree gargaaruun kan irra ture, ofii isaatiiyyuu
maatiif biyya irratti ba’aa ta’aa dhufuun isaa aadaa ta’aa jira.
Dargaggoon silaa humnaa fi beekumsa isaan biyya tajaajilus sababa hirmaattummaan
isaa sadarkaa barbaachisu irra hin geenyeef abdii kutachuun isaa hin hafu. Gaafa abdii
kutachuun ol-deebi’ee araada gara garaatiif saaxilamee jireenya gadadoo yeroo inni itti
jiraachaa jirutu jiru.
Balaan araadaan wal-qabatee dhufu ammoo waan salphaa akka hin taane
gamanumaan tilmaamuun nama hin rakkisu. Dargaggoon araadaan qabame yakka gara
garaatiif saaxilamuu danda’a. Sababa yakka raawwatamu kanaanis seera jala ooluun
yeroo isaa mana adabaatti fixuun umrii silaa itti hojjetee darbuu danda’u akkasumaan
balleessuu danda’a.
Egaa osoo dargaggoon silaa hojjetee biyya kana jijjiiruu qabu kana haalaan osoo itti hin
fayyadamin hafuun balaaf nu saaxiluu danda’a.
Akkuma har’aaf kaleessi bu’uura ture, boriif ammoo har’atu bu’uura akkuma jedhamu,
dargaggoon kaleessa biyya kana asiin nuuf nuuf ga’eera, dargaggoon amma jiru ammoo
biyya kana dhaloota dhufuuf dabarsuun dirqama lammummaa isaa ba’achuu qaba.
Dargaggoon sochooftuu misooma biyya kanaa akka ta’e hunda, sochii misoomaa biyya
kana keessatti geggeeffamaa jiru kam keessattiyyuu dargaggoon hirmaachuutu irra
jiraata.
Kabajamoo Muummicha Ministeera kabajamoo Dr.Abiy Ahmad haasaa galma barkumee
magaalaa Finfinneetti taasisaan keessatti “ Dargaggummaan ibidda” jedhan, itti
dabalaniis ibidda kanaan sibiila ittiin baqsaa, bishaan ittiin hidhaa, warshaalee ittiin
ijaaraa, riqicha ittiin ijaaraa, irra caalaatti ammoo lubbuu ittiin baraaraa jechuun
dargaggootaaf waamicha misoomaa kabaja waliin dargaggoof godhanii turan.
Kabajamoo Dr.Ahmad erga muudama geggeessummaa biyya kanaatti dhufanii
naannolee gara garaatti daawwannaa hojii gochaa jiraachuun isaanii ni beekama.
Naannolee deeman kana hundumaatti wayita haasaa taasisan yeroo hunda
dargaggoota onnachiisuu, ofitti qabuu, deebisanii dhaabuuf xiyyeeffannaa guddaa itti
kennanii hojjechaa jiru.
Akkaataa haasaa isaanii irraa hubachuun danda’amutti waa’een dhimmi biyya kanaa
dargaggoo of keessatti hammachuu malee carraa biraan akka hin jirreedha. Kanaan
boodas biyya kana keessatti dargaggoon kamillee abdii kutatee jireenya gadadoo kan
jiraatu osoo hin taane, onnee guutuu dhaan akkaataa dandeettii isaan misooma biyya
kanaa keessatti hirmaachuun jijjiirama barbaadamu argamsiisuuf mootummaan
kutannoo akka qabu ibsanii jiru.
Guddina biyya kanaa keessatti adda durummaan hirmaachuun, bu’aa guddina biyya
keenyaa irraayis fayyadamaa ta’uudhaaf cimanii hojjechuuf yeroon umrii dargaggummaa
caalu hin jiru. Umrii dargaggummaa jechuun akka nama horii isaa baankii ol-kaawwatuu
yoo cimanii hojjetan yeroo umriin deemutti kan bu’aa isaa argatanii dha.
Irra caalaa ammoo yeroo ammaa kanatti biyyi kun ifaa fi ifatti harka dargaggoo jiraachuu
ishee mootummaan himaa jira. Kunimmoo booree kana boodaaf itti gaafatama isaa kan
fudhachuu qabu dargaggoo dha jedhamaa jira. Kana booda biyya kana diiguufis ta’e
ijaaruuf itti gaafatamummaan isaa kan dargaggoo akka ta’e mootummaan beekamtii
kenneera.
Kana jechuun qaamni faallaa guddina biyya kanaa deemu kamiyyuu dargaggoon akka
to’atamuu qabuuf qaama dhimmi isaa ilaallatuu wajjin wal-ta’uun furmaata itti
barbaachuuf ga’een dargaggoo ol’aanaa dha.
Rakkoo nageenyaa kamillee osoo dargaggoon biyya keessa jiruu akka hin uumamneef
qaamolee nageenyaa waliin hojjechuun nageenyi keenya akka mirkanaa’uufillee ga’een
dargaggoo daran ol’aanaa dha.
Waanuma fedheefuu, kana booda dargaggoon abdii qabaachuutu irra jira. Dargaggoon abdii
qabaannaan biyyatu abdii qabaata. Biyyi abdii qabaannaan guddina yaadame bira ga’uun ni danda’ama.
Kanaafuu, carraa amma argame kanatti fayyadamuun, ilaalcha kanaan dura nu rakkisaa turan kanneen
akka ilaalcha eeggattummaa jalaa ba’uun , yaada ofii jijjiirrachuun anuu hirmaataa jijjiirama biyya kanaati
jennee ofiis guddannee biyya kana guddisuuf hojjechuun barbaachisaa dha.