AFAAN OROMOO

Booreedha egaa yaa dargaggo !

By Admin

April 27, 2018

Booreedha egaa yaa dargaggo !

Hiikaa Margaa tiin Seenaa biyya kana ijaaruu keessatti ga’een dargaggootaa ol’aanaa akka ture yeroo baay’ee ni dubbatama. Dargaggootu waa’ee biyya kanaaf lubbuu isaa dhabe,dhiiga isaa dhangalaase, lafeesaafa’atu cabe. Yeroo biyyi keenya diinaan weeraramuuf turtetti biyyakoo dura anatu bu’uu qaba jechuun of-wareeguun sadarkaa biyyi kun har’a geessu kan taasisan dargaggoota. Haala qabatamaa biyya kanaa yoo ilaalle baayinni dargaggoo biyya Itiyoophiyaa parsantaa 70 ol akka ta’e odeeffannoon gara garaa ni addeessu. Kana jechuun carraan biyya kanaa harka dargaggoo jira jechuudha. Sababnisaa yeroon dargaggummaa yeroo itti waan fedhan hojjechuu danda’aniif humna oomishaa waan ta’aniif guddina biyya tokkoof ga’ee maaliinuu dorgomaa hin taane qabu. Dargaggoon humnaa fi beekumsa qabuun kan biyya tajaajiluudha. Humnaa fi beekumsa qabu kana biyyaaf oolchuun jijjiirama biyya tokko keessatti fiduun isaa waan wal-nu gaafachiisu miti. Haa ta’uyyuu malee akka biyyaatti, baay’ina dargaggoo keenyaan yeroo madaalamu, biyyi keenya kun dargagoo irraa hanga barbaadamu hin fayyadamne jechuun ni danda’ama. Sababnisaa, yeroo darban keessatti dargaggoo ofitti qabuun waa’een biyya kanaa si ilaallata, situ ijaara, situ diiga qaamni jedhu waan hin jirreef dargaggeessi humna qabu kun bakka itti argamee waa’ee biyya isaatiif hojjetutti osoo hin argamin hafuu danda’eera. Sababa kanaanis akka biyyaatti carraa guddaa osoo of harkaa qabnuu, baay’ee guddachuu osoo dandeenyuu, garuu maal godha guddachuu hin dandeenye. Daandii silaa nuuf gabaabbatee jireenya fooyya’aa jiraachuun nurra ture hedduu nu harkaa dheeresse. Silaa dargaggootu maatii fi biyya isaa deggeree gargaaruun kan irra ture, ofii isaatiiyyuu maatiif biyya irratti ba’aa ta’aa dhufuun isaa aadaa ta’aa jira. Dargaggoon silaa humnaa fi beekumsa isaan biyya tajaajilus sababa hirmaattummaan isaa sadarkaa barbaachisu irra hin geenyeef abdii kutachuun isaa hin hafu. Gaafa abdii kutachuun ol-deebi’ee araada gara garaatiif saaxilamee jireenya gadadoo yeroo inni itti jiraachaa jirutu jiru. Balaan araadaan wal-qabatee dhufu ammoo waan salphaa akka hin taane gamanumaan tilmaamuun nama hin rakkisu. Dargaggoon araadaan qabame yakka gara garaatiif saaxilamuu danda’a. Sababa yakka raawwatamu kanaanis seera jala ooluun yeroo isaa mana adabaatti fixuun umrii silaa itti hojjetee darbuu danda’u akkasumaan balleessuu danda’a. Egaa osoo dargaggoon silaa hojjetee biyya kana jijjiiruu qabu kana haalaan osoo itti hin fayyadamin hafuun balaaf nu saaxiluu danda’a. Akkuma har’aaf kaleessi bu’uura ture, boriif ammoo har’atu bu’uura akkuma jedhamu, dargaggoon kaleessa biyya kana asiin nuuf nuuf ga’eera, dargaggoon amma jiru ammoo biyya kana dhaloota dhufuuf dabarsuun dirqama lammummaa isaa ba’achuu qaba. Dargaggoon sochooftuu misooma biyya kanaa akka ta’e hunda, sochii misoomaa biyya kana keessatti geggeeffamaa jiru kam keessattiyyuu dargaggoon hirmaachuutu irra jiraata. Kabajamoo Muummicha Ministeera kabajamoo Dr.Abiy Ahmad haasaa galma barkumee magaalaa Finfinneetti taasisaan keessatti “ Dargaggummaan ibidda” jedhan, itti dabalaniis ibidda kanaan sibiila ittiin baqsaa, bishaan ittiin hidhaa, warshaalee ittiin ijaaraa, riqicha ittiin ijaaraa, irra caalaatti ammoo lubbuu ittiin baraaraa jechuun dargaggootaaf waamicha misoomaa kabaja waliin dargaggoof godhanii turan. Kabajamoo Dr.Ahmad erga muudama geggeessummaa biyya kanaatti dhufanii naannolee gara garaatti daawwannaa hojii gochaa jiraachuun isaanii ni beekama. Naannolee deeman kana hundumaatti wayita haasaa taasisan yeroo hunda dargaggoota onnachiisuu, ofitti qabuu, deebisanii dhaabuuf xiyyeeffannaa guddaa itti

kennanii hojjechaa jiru. Akkaataa haasaa isaanii irraa hubachuun danda’amutti waa’een dhimmi biyya kanaa dargaggoo of keessatti hammachuu malee carraa biraan akka hin jirreedha. Kanaan boodas biyya kana keessatti dargaggoon kamillee abdii kutatee jireenya gadadoo kan jiraatu osoo hin taane, onnee guutuu dhaan akkaataa dandeettii isaan misooma biyya kanaa keessatti hirmaachuun jijjiirama barbaadamu argamsiisuuf mootummaan kutannoo akka qabu ibsanii jiru. Guddina biyya kanaa keessatti adda durummaan hirmaachuun, bu’aa guddina biyya keenyaa irraayis fayyadamaa ta’uudhaaf cimanii hojjechuuf yeroon umrii dargaggummaa caalu hin jiru. Umrii dargaggummaa jechuun akka nama horii isaa baankii ol-kaawwatuu yoo cimanii hojjetan yeroo umriin deemutti kan bu’aa isaa argatanii dha. Irra caalaa ammoo yeroo ammaa kanatti biyyi kun ifaa fi ifatti harka dargaggoo jiraachuu ishee mootummaan himaa jira. Kunimmoo booree kana boodaaf itti gaafatama isaa kan fudhachuu qabu dargaggoo dha jedhamaa jira. Kana booda biyya kana diiguufis ta’e ijaaruuf itti gaafatamummaan isaa kan dargaggoo akka ta’e mootummaan beekamtii kenneera. Kana jechuun qaamni faallaa guddina biyya kanaa deemu kamiyyuu dargaggoon akka to’atamuu qabuuf qaama dhimmi isaa ilaallatuu wajjin wal-ta’uun furmaata itti barbaachuuf ga’een dargaggoo ol’aanaa dha. Rakkoo nageenyaa kamillee osoo dargaggoon biyya keessa jiruu akka hin uumamneef qaamolee nageenyaa waliin hojjechuun nageenyi keenya akka mirkanaa’uufillee ga’een dargaggoo daran ol’aanaa dha. Waanuma fedheefuu, kana booda dargaggoon abdii qabaachuutu irra jira. Dargaggoon abdii qabaannaan biyyatu abdii qabaata. Biyyi abdii qabaannaan guddina yaadame bira ga’uun ni danda’ama. Kanaafuu, carraa amma argame kanatti fayyadamuun, ilaalcha kanaan dura nu rakkisaa turan kanneen akka ilaalcha eeggattummaa jalaa ba’uun , yaada ofii jijjiirrachuun anuu hirmaataa jijjiirama biyya kanaati jennee ofiis guddannee biyya kana guddisuuf hojjechuun barbaachisaa dha.