Ethiopiaprosperous
Ethiopian News Ethiopian Daily news, Regarding political and social Issues.

Daawwannaa Zaayid Ra’aad Al-Huseenii

0 307

Get real time updates directly on you device, subscribe now.

Daawwannaa Zaayid Ra’aad Al-Huseenii

fi Abdii Itiyoophiyaa

Hiikaa Margaatiin

27-04-18

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti, Komiishinarri Ol’aanaan Komiishinii Mirgoota Namoomaa
kan ta’an Zaayid Ra’aad Al-Huseen guyyoota Afuriif waa’ee qabiinsa Mirga Namoomaa qorachuuf
Itiyoophiyaa turuun isaanii ni yaadatama.
Turtii isaanii kana keessatti, Muummicha Ministeera Itiyoophiyaa Dr.Abiy Ahmed,Ministeera Haajaa
Alaa Dr.Warqinaa Gabayyoo, kabajamtoota Abbootii Gadaa fi akkasumas hoggantoota ol’aanoo Naannoo
Oromiyaa wajjin marii taasisaniiru.
Mareen qaamolee armaan olii wajjin taasifames akkaataa qabiinsa mirga namoomaa fi kallattiiwwan
garaa fuula duraa irratti maal hojjetamuu akka qabu ta’uu miidiyaaleen gara garaa ibsaniiru.
Komiishinarri kun waggaa kana keessatti si’a lammaffaaf kan dhufan yommuu ta’u, haalli fooyya’iinsa
qabiinsa mirga namoomaa Itiyoophiyaa yeroo ammaa abdii kan namatti horu fooyya’aa jiraachuu isaa
ibsanii jiru
Hidhamtootni siyaasaan shakkamanii hidhaman hiikamaa jiraachuu, akkasumas Manni qorannaa yakkaa
‘Maa’ikalaawwii’ jedhamuun beekamu cufamuun isaa tarkaanfii abdii namatti horan jedhameera.
Keessumaa sochiin Ministeera Muummee Haaraa keenya Dr.Abiy Ahmed erga hojii isaanii ifatti
jalqabanii Sirna Dimokiraasii dhugaa babal’isuuf komii Uummatni Mootummaa irratti qabuuf deebii
kennuuf socho’uun isaanii jalqabbii gaarii ta’uu isaaf gocha itti fufiinsaan hojjetamuu qabu ta’uu isaa
miidiyaaf ibsa kennaniiru.
Biyya tokko keessatti Kabajamuuni Mirgoota Namoomaa bu’uura nagaa fi Misoomaa ta’uu isaa
komishinarichi kan dubbatan yommuu ta’u, Itiyoophiyaanis haalli amma isheen ittiin adeemaa jirtu
akkasiin yoo itti fufe sadarkaan guddina misooma ishee fi nageenyi ishee amansiisaa deema jedhu.
Egaa yeroo gara garaatti Mootummaanis waadaa akka gala ture, haalli qabatamaan yeroo ammaa kana
jirus agarsiiftuu raawwii waadaawwan galamanii ta’uu isaati.
Yeroo ammaa kana shakkamtootni dhimmi siyaasaan wal-qabatee hidhamanii turan akkaataadhuma
waadaa galameen kan hiikamaa jiran yommuu ta’u, kana booda hanga karaa seera qabeessa ta’eefi nagaan
socho’ametti ilaalcha siyaasaatiin dhiibamuun mana hidhaatti gadadamuun akka hafuu qabus ejjennoo
Mootummaa Itiyoophiyaa ta’aa jira.
Biyyi Itiyoophiyaa jedhamtu kun biyya geggeessitoota amma biyya bulchan qofaa ykn deggertoota
Mootummaa amma biyya bulchaa jiruu fi faayidaan isaanii kabajameefii qofaa akka hin taane
beekamuutu irra jiraata.Biyyattiin biyya lammilee ilaalcha siyaasa biraa qabanii fi akkasumas lammilee
hundumaa dhalataa biyya kanaafi biyya kana keessa karaa kamiinuu jiraachaa jiraniiti waan taateef mirgi

lammilee karaa kamiiniyyuu yoo ta’e dhiibamuun irra hin jiraatu.
Akkaataa heeraa fi seera biyyattii akkasumas seerota Addunyaatti Mirgi dubbachuu, waan fedhan
deggeruu ykn mormuu, mirgi filatamuu fi filachuu, mirgi wal-ga’uu, fi kkf’n kunneen biyya kana
keessatti fooyya’aa kan deeman yoo ta’e nageenyi keenyas amansiisaa ta’aa deema.
Nageenyi keenya amansiisaa taanaan ammoo, xiyyeeffannoon lammilee biyya kanaa misooma qofa ta’a
waan ta’eef fedhiin lammileen biyya kanaa guddachuufi tarree biyyoota misoomanii dhaabbachuu ni
dabala jechuudha.
Mirgi Namoomaa Mirga Uumamaan dhala namaaf kenname waan ta’eef kan namni yeroo barbaade
namarraa mulqee yeroo barbaadu namaaf kennu ta’uu hin qabu.
Ammaan boodas kan ta’uu qabu, Mootummaan badiiwwan Mirga dhala namoomaa irratti raawwataniif
tarkaanfiiwwan sirreeffamaa fudhachuu fi dhiibbaan kanaan dura turan akka irra hin deebi’amneef cimee
hojjechuutu irra jiraata.
Walumaa galatti lammilee biyya kanaa hunda irraas kan eegamu, akka kanaan duraa yeroo mirgi
namoomaa keenya dhiibamu callifnee ilaaluu qofa osoo hin taane karaa seera qabeessa ta’een hanga
murtoon haqaa itti kennamutti qabsaa’uun barbaachisaa waan ta’eef kabajamuu mirga dhala namaa
keessatti ga’een keenya ol’aanaa akka ta’e beekuun barbaachisaa dha.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

This website uses cookies to improve your experience. We'll assume you're ok with this, but you can opt-out if you wish. Accept Read More

Privacy & Cookies Policy