Ethiopiaprosperous
Ethiopian News Ethiopian Daily news, Regarding political and social Issues.

Facebook…?

0 599

Get real time updates directly on you device, subscribe now.

Facebook…?

Hiikaa Margaa tiin
Yeroo addunyaan amma keessa jirtu, yeroo odeeffannoo ta’uun isaa beekamaa dha.
Odeeffannoonis akka madda galiitti yeroo itti ilaalamaa jirutu jira, ta’uus qaba
sababnisaa odeeffannoowwan gara garaa yaada gara hojiitti jijjiiramuu danda’u hedduu
waan of keessaa qabaniif odeeffannoon akka galteetti ilaalama. Odeeffannoon kanneen
ammoo bakka yaadame qaqqabuu dhaaf meeshaawwan (means of communication)
gara garaatti fayyadamuun qaama xiyyeeffatame bira ga’uun isaa wal nama hin
gaafachiisu. Meeshaalee kanneen keessaa Facebook, blogs, wiki, fi kanneen suuraa fi
viidiyoo ittiin walii qoodan yeroo ammaa kana bal’inaan kan itti fayyadmaa jiramuu dha.
Har’a dhimmi an barreessuuf deemu, waa’ee galteewwan odeeffannoo armaan olii tokko
tokkoon ibsuuf osoo hin taane, akkaataa itti fayyadamiinsa isaanii, faayidaa isaanii, fi
miidhaa isaanii ibsuun yaala.
Bitootessa 20/2010 sa’a 2:30 irraa kaasee, Qophii Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii
Mootummaa Itiyoophiyaa Maree Paanaalii mata dureen isaa “Dhalootni Haaromsaa
Misoomaa fi Nageenyaaf ga’ee bakka hin buufamne qabu” jedhu Hoteela
Juuppiteritti qophaa’e irratti argameen ture. Sagantaa kanarrattis dargaggoota
Itiyoophiyaa kutaa biyyaa gara garaa irraa bakka bu’anii dhufantu hirmaate.
Kaayyoon Maree kanaa maree kanaa dhimma waa’ee itti fayyadama Miidiyaalee
Hawaasaa ( social Media) irratti bal’inaan hubannoo kennuuf kan qophaa’eef hubannoo
gaariin kan irratti uumamee dha.
Akkuma beekamu dargaggootni biyya tokkoof akka leecalloo ol’aanaatti ilaalamu.
Dargaggoon humna hojii ho’aa qabu waan ta’eef mataa isaaniiifis ta’e biyyaaf abdii
egereeti. Jijjiirama biyya kanaatiifis ga’een dargaggoon biyya kanaa ga’ee bakka hin
buune qabu.
Akkuman armaan olitti eeruuf yaale ammoo miidiyaalee hawaasaa hedduminaan kan
fayyadaman dargagggota. Sababnisaa yeroon yeroo odeeffannoo waan ta’eef eenyuun
iyyuu odeeffannoo irraa dhorkuun barbaachisummaa hin qabu. Biyyi keenya
Itiyoophiyaanis eenyuyyuu miidiyaalee hawaasaa barbaadetti fayyadamuu akka danda’u
dhorkuuf fedhii hin qabdu. Sababnisaa mirga uumamaanis ta’e heeraan dhala namaatiif
kenname keessaa tokko mirga dubbachuu ti waan ta’eef.
Miidiyaaleen hawaasaa kunneenis to’annoo mootummaa fi qaama kamiin ala ta’uun
isaanii mirga dubbachuu guutummaa guutuutti sodaa tokko malee yaada ofii ibsachuun
ni danda’ama. Kanaafis odeeffannoon yeroo baay’ee miidiyaalee hawaasa gara garaa
irratti gadi lakkifaman kaka’umsa qaama dhuunfaa odeeffannoo sana gadi dhiiseen kan
qophaa’u malee itti yaadamee faayidaa fi miidhaan isaa adda ba’ee kan tajaajilaaf oolu
miti. Odeeffannoon gama miidiyaa hawaasaan daddarnu baay’inaan kan nama
dhuunfaa irraa maddu ta’uun isaa ammo idilummaa fi dhugummaa odeeffannoo Sanaa
baay’ee gadi buusa. Namni dhuunfaa waan isatti dhaga’ame hunda fuudhee miidiyaa
hawaasaa irratti akka odeeffannoo dhugaa ta’eetti gadi lakkisuu danda’a.
Odeeffannoowwan kanneenis karaa lama ilaaluun dand’ama. Isaanis odeeffannoo
biyyaaf faayidaa qaban fi akkasumas miidhaa qaban jennee ilaaluu dandeenya.
Odeeffannoon miidiyaalee hawaasaa kanarratti gadi lakkifaman waan osoo hin
gulaalamin gara dhaggeeffataa deemaniif of-eeggannoof xiyyeeffannoo dhaan kan

qophaa’an miti. Garuummoo akkaataan itti isaan dhiyaatan baay’ee hawwataa
fakkeessuuf kan yaalamu waan ta’eef hordoftoota baay’ee qabaachuu mala.
Yoodhumallee dubbiin achirra jiru soba ta’ellee sababa hordoftoota baay’ee horachuu
danda’aniif yaadawwan namootni kennan irratti hundaa’uun soba dhugaa fakkachuun
ishee hin oolu. Yeroo kana egaa miidhaa odeeffannoo nama dhuunfaa irraa ka’uun biyyi
balaaf kan saaxilamtu. Dargaggoonis miira keessa galuun odeeffannoon kun maal akka
ta’eef hammam akka dhugaa ta’e dhaabbatee osoo hin ilaalin rakkoo keessa galuu kan
danda’u.
Miidiyaaleen hawaasaa kun karaa kamiinuu jireenya hawaasaa fi dinagdee biyyaa irratti
dhiibbaa qabaachuu danda’a. Dhiibbaawwan kunneen yoo haalaan itti fayyadamne,
miidiyaawwan kunneen faayidaan isaan qaban daran ol’aanaa dha. Sababnisaa akkuma
armaan olitti kaafne yeroo ammaa kana lammileen biliyoonaan lakkaa’aman hedduun
fayyadamoo miidiyaalee hawaasaa waan ta’aniif akka madda odeeffannoo, akka madda
galiittis itti fayyadamuun ni danda’ama.
Akkasumas miidiyaaleen kunneen ga’een isaan biyya diiguu qabanis salphaa miti.
Odeeffannoowwan sobaa fi jibba facaasan hedduunis marsaa miidiyaalee hawaasaa
irratti waan faffaca’aniif gochaaleen kunneen miira keessa dargaggoo galchuun
taatoowwan badiisaa akka isaan ta’an gochuun isaas waan oolu miti. Fakkeenyaaf
yeroodhuma dhiyoo kana biyyi keenyas muuxannoo akkasii argaa waan jirtuuf.

Yoo biyya keenya Itiyoophiyaa kana ilaalle itti fayyadamni miidiyaalee hawaasaa of-
eeggannoo cimaa kan gaafatuu dha. Sababnisaa biyyi kun biyya sabaa fi sab-lammilee

hedduu of keessa qabdu waan taateef yaadoleen karaa miidiyaalee hawaasaa ka’an
hundinuu aadaa, duudhaa, fi fedhii lammilee biyya kana keessa jiraatanii kamiin illee
irratti dhiibbaa kan geessisu yoo ta’e faayidaa isaarra miidhaa isaatu madaala waan
ta’eef of-eeggachuun barbaachisaa dha.
Gara maree dargagoota kanaatti yoon deebi’e, yaadolee ciccimoon maree kana irratti
ka’aniiru. Yaadoleen kanneenis waa’ee itti fayyadama miidiyaalee hawaasaa ilaalchisee
ilaalcha dargaggoo jijjiiruuf hubannoo uumuun barbaachisaa akka ta’e hirmaattotni
baay’inaan kaasanii turan. Keessumaa ammoo ilaalcha dargaggoo biyya kanaa jijjiiruuf
manni barnootaa bakka ka’umsa dargaggoo waan ta’eef barsiisotaa fi mana barnootaa
irratti xiyyeeffannoon kennamee hojjetamuu akka qabu bal’inaan ka’aa ture.
Itti dabalees yaadnu hedduminaan ka’aa ture, waa’ee bilisummaa miidiyaa biyya
keessaa kanneen akka raadiyoo fi Televiizhinii ti. Innis qabiyyeen miidiyaalee kanneenii
hawwataa waan hin taaneef dargaggoota ofitti harkisuu hin dandeenye kan jedhuu dha.
Kanaaf xiyyeeffannoon kennameefii bilisummaan miidiyaalee kanneeniif yoo kenname
miidiyaan kunneenis akka filannootti hawaasa tajaajiluu danda’u kan jedhu ka’eera.
Inni kan biraan ammo biyyi keenya Itiyoophiyaan poolisii itti fayyadama Miidiyaalee
hawaasaa qabaachuutu irra jira kan jedhutu ture. Poolisii kana qabaachuun miidiyaaleen
kunneen akka badiif nu hin saaxille waan nu gargaaruuf jecha poolisiin itti fayyadama
midiyaalee wixineeffamuu qabu yaadoleen jedhu ka’anii jiru. Sababnisaa miidiyaaleen
kunneen to’annoo biyya kanaa jala waan hin jirreef akka barbaadanitti gocha badii
miidiyaaleen kunneen qaqqabsiisan dhaabsisuun hin danda’amu.kanaaf badii kana
hanga tokko xiqqeessuuf poolisiiwwan kanneen yoo ba’an dansaa akka ta’e
dargaggoonni kunneen kaasaniiru.
Walumaa galatti dhimmi hunda dursu dhimmi oduutiin biyya diiguu osoo hin taane,
dhimmi dhaabbatanii odeeffannoon jiru hammam dhugaa dha, yoo dhugaa ta’e hoo
akkamiin furmaata argachuu qaba osoo jedhanii hin yaadin badiif ariifachuun balaa
hamaa geessisuu danda’a waan ta’eef, dargaggoon rakkoo mudatu kamiifuu
dhaabbatee of ilaaluun rakkoo uumameef karaa sababawaa ta’een furmaata
barbaaduun isarraa eegama.
Ammaan booda waan gochuu qabnu hundaaf sababa ga’aa lafa kaa’uutu nurra jiraata.
Sababnisaa dargaggoon umrii dargaggummaa isaa kana keessatti murtoo mataa isaa

murteessuu danda’uu qaba. Kana yoo hin taane qaama biraatu akka barbaade asiif achi
isa oofuun balaa biraaf saaxiluu danda’a waan ta’eef.
Mootummmanis akka qaama biyya geggeessu tokkootti dargaggootti dhiyaachuun karaa
nagaa fi tasgabbii qabuun dargaggoo mariisisuun madda rakkoo qoorsuutu irra jiraata.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

This website uses cookies to improve your experience. We'll assume you're ok with this, but you can opt-out if you wish. Accept Read More

Privacy & Cookies Policy