Haalotni Fooyya’aa jiru!
Hiikaa Margaatiin
Biyyi keenya waggoottan lamaan darban kana keessa rakkoo nageenyaaf saaxilamtee
turte. Waa’een nageenya biyya keenyaa ajandaa Addunyaa ta’ee ture. Dubbiin nagaa
dhabuu Itiyoophiyaa sababawaan garagaraaf ajandaa guddaa ta’uu danda’a.
Inni jalqabaa, biyyi keenya kun sabaafi sab-lammoota 80 ol kan of keessaa qabdu waan
ta’eef al-tokko sababa nageenya dhabuutiin karaa irraa ceenaan balaaf guddaaf waan
saaxilamtuuf, rakkoleen ka’anii turan yaaddoo cimaa ta’ee ture.
Iddoowwan gara garaatti hojiiwwan mana mootummaas ta’e kan dhuunfaa haala duraan
ittiin adeemsifamaa ture hafee abbaan barbaade akka barbaadetti hojjechaa kan
tureedha. Manneen barnootaas akka kanaan duraa haala tasgabbaa’aadhaan haala
baruuf barsiisuu itti fufsiisuu irra miira sodaatiin torban tokkoof yoo baname, torban
lamaa fi isaa oliif ammoo cufaa ture.
Yaaddoon inni kan biraan ammoo biyyi Itiyoophiyaa kun yeroo amma kanatti giddu gala
invastmentii fi hawwata Invastimentiitiin ardii Afriikaa keessaa biyyoota sadarkaa duraa
irra jiran keessa waan jirtuuf, lammileen biyya gara garaa hojii invastmentitiif biyya kana
keessa jiraatan haalli nageenya biyya kanaa waan isaan waan yaaddesseef gama
kanaan dhimmi keenya ajandaa addunyaa akka ta’uu danda’eera.
Dhiyee bariinaan Miidiyaaleen gara garaa yeroo ilaalamu dhimmi waa’ee nageenya
Itiyoophiyaa yemmuu ta’u, asitti, achitti sababa jeequmsa ka’een qabeenyi barbadaa’e,
lubbuu nama darbe kan jedhan jechoota idilee ta’anii turan.
Haa ta’uyyuu malee, “gaafa bari’uuf jedhu dukkanni ni hammaata akkama jedhamu”
haalli yeroowwan darban keessa dhaga’aa turre torban lamaa asitti baay’ee foyya’ee
jira.
Yeroo ammaa kanatti ammoo ajandaan jiru, waa’ee nageenya dhabuu fi rakkoo sababa
nageenyaan dhufe odeessuu osoo hin taane, jijjiirama jiru wal-gaafachuu dha. Akkamiin
nageenya amma arganne kana itti fufsiisuu dandeenya? Gaaffiin jedhu hedduminaan
ka’aa jira.
Egaa jijjiiramni jiraachuun isaa akkuma argaa jirutti ta’ee, jijjiirama amma argaa jirru
kana keessattimmoo mootummaan biyya geggeessaa jirus ta’e lammileen biyya kanaa
hedduu galateeffatamuu qabu.
Nageenya amma argamaa jiruuf ga’een mootummaa maal ture jettanii na gaafachuu
dandeessu.Dubbii soba hin qabne dubbachuuf ga’een mootummaan biyya geggeessaa
jiruufi paartileen biyyoolessaa taphatan waan salphaatti jechoota lama sadiin ibsinee
fixuu hin dandeenyu.
Sababnisaa, wayita rakkoon nageenyaa sababawwan gara garaaf bakkeewwan gara
garaatti biyya kana mudatee turetti bifa tasgabbaa’aa ta’een , paartilee biyyoolessaa
wajjin mari’achuu dhaan bu’aawwan amma argamaa jiru kun akka dhufu taasifamee jira.
Walitti dhufanii mari’achuun rakkoowwan nu mudatan kanaaf akkamiin furmaata kennuu
dandeenya jechuun maree gadi fagoo gochuu dhaan akkaataa barbaachisummaa isaatti
yaadawwan furmaataa fudhatanii ba’uun isaanii bu’aa har’a argameef ga’ee guddaa kan
taphate mootummaa amma biyya bulchaa jiruu dha.
Bu’aawwan mareewwan darban sanaas akkaatuma waadaa galameen raawwachuu
eegaluun isaa akka biyyi kun tasgabbooftuuf ga’een isaa ol’aanaa dha. Hidhamtootni
dhimmi siyaasaan wal-qabatee hidhamamanii murtoo argatanii turaniif beellama irra
turan manneen adabaa gara garaa keessaa dhiifamaan geggeeffamuun isaanii hagam
nagaan akka bu’uuf ga’ee guddaa taphateera.
Bu’aan inni biraan ammoo qaamuma mootummaa , geggeessitoota ol’aanoo dabalatee
rakkoowwan biyya keessatti mudateef qaama furmaataa of-gochuun itti gaafatamummaa
irraa kanneen of-geggeessanis jiru. Kunis carraa amma argameef daandii guddaa
baneera jedheen yaada.
Inni biraan ammoo nageenya biyya kanaa mirkaneessuuf ga’een lammileen biyya kanaa
ba’an daran ol’aanaa dha. Rakkoon kamiyyuu haa mudatu malee, miira keessa galuun
rakkoon akka babal’atu osoo hin goone, rakkoon amma nu mudate kan yerooti jechuun
obsaan karaa nagaan itti dhufu qofaaf haala mijeessuu keessatti ga’een uummataa
salphaa dha hin jedhamu.
Sanas ta’e kanas haalli amma jiru yeroowwan duraan wajjin yeroo madaalamu baay’ee
fooyya’aa dha. Nageenyi baay’ee mirkanaa’aa jira. Lammileen hundinuu yeroo ammaa
kana tasgabbaa’anii jiruu isaanii hojjechaa jiru.Manneen barnootaas miira adda ta’een
baruu fi barsiisuu adeemsisaa jiru.
Egaa Mootummaan biyya geggeessaa jirus carraa amma argame kanatti fayyadamuu
dhaan irra caalmaatti hojjechuu dhaaf yeroo itti hojii keessa seene jiruu dha. Haaromsi
gadi-fageenyaa duraan jalqabame ammas irra caalmaatti itti fufee rakkoowwan
uummata mufachiisanii balaa nageenya dhabuu kanaaf nu saaxilan guutummaa
guutuutti furmaata waarawaa kennuu dhaaf kutannoodhaan yeroo itti socho’aa jiruu dha,
Walumaa galatti, xiqqaatus guddatus nageenya dhabuun hagam akka nama goolu
arginee waan jirruuf nageenya amma arganne kana cimsinee eeggachuu tu nurra
jiraata. Yoomillee taanaan waan kamiin dursinee xiyyeeffannoo itti kennuu kan qabnu
yoo jiraate, nageenya qofa.
Xumura irratti carraa amma arganne kanatti fayyadamuun guddina biyya kanaaf akkuma
kanaan duraa tokkummaa dhaan hojjechuun ammoo daran furmaata rakkoo ta’a
jedheen amana.