Ethiopiaprosperous
Ethiopian News Ethiopian Daily news, Regarding political and social Issues.

Itiyoophiyaan jette jettee dhaan hin geggeeffamtu!

0 310

Get real time updates directly on you device, subscribe now.

Itiyoophiyaan jette jettee dhaan hin geggeeffamtu!
 
Hiikaa Margaa tiin
 
Biyya Itiyoophiyaa kana akkaataa isheen itti as geesse seenaan waan baay’ee dubbata. Lubbuu baay’eetu itti dhabame, dhiigatu itti dhangala’e, lafee lammilee isheetu itti cabe akkasumas qaama hedduutu itti hir’atee as ga’e.
 
Sabaa fi sab-lammootni biyya kanaas wanti isaan dursa kennaafii turan birmadummaa biyya kanaa malee faayidaa dhuunfaa isaaniif biyya isaanii ormaaf dabarsanii kennanii hin beekan. Yeroo bara koloneeffatootni biyya Afrikaa kana akka fedha isaaniitti bitaa turan Itiyoophiyaan garuu, du’een bada malee birmadummaa koo dabarsee hin kennu jette.
 
Seenaan bara koloneeffannaa sana  hojjetame, hanga har’aatti birmadummaan biyya kanaa kabajamee akka hafu kan godheef Addunyaa irrattillee kabaja addaa akkasheen argattu kan taasisaa jiruu dha.
 
Hubadhaa bara sanas walitti bu’iinsi keessoo hin jiru jechuu koo miti. Yeroo sanatti hagam cunqursaan Minilik Lammilee biyya kanaarra haa jiraatuyyuu malee, humnaan daangaa bittaa babal’ifannaan Minilik daran haa jabaatus bara Mootummaan Faashistii Xaaliyaanii Itiyoophiyaa koloneeffachuuf dhufetti sabni biyya kanaa aarii keessoo isaa qabu akkuma qabutti qabatee, diina isa wareeruu dhufe ofirraa qolachuuf osoo sabaan wal-hin qoodin dirree waraana ADWA irraatti wal-ga’ee diina alaa itti dhufu ofirraa qolachuu danda’amiiti biyya har’a nuti boonyuuf kana asiin nuuf ga’an.
 
Bara Mootummaa Minilikitti Uummatni Oromoo sababa daangaa bittaa Minilikiif  hedduu akka miidhamaa ture afoolli hedduun jiraachuu mala. Garuummoo yeroo Mootummaan Xaaliyaanii nu koloneeffachuuf dhufetti kan Uuummata Oromoo dursee Xaaliyaanii waraanuuf ka’e hin turre. Sabanisaa “waraabessi ati hin beekne si nyaachuurra, waraabessi ati beektu si nyaachuu wayya” waan jedhamutu jira.
 
Amma garuu haala nama gaddisiisuuf Addunyaa irratti saalfachiisaa ta’een lammileedhumti Itiyoophiyaa muraasni biyya ambaa jiraatan seenaa biyyi kun ittiin as geesse dagachuun faayidaa dhuunfaa isaanii fi beekamtii isaanii biyya kana dursuun yeroo itti isaan seenaa bareedaa biyya keenyaa cilee dibaa jirantu jira.
 
Diyaaspooraan biyyoota gara garaa jiraatan yeroo ammaa kanatti araada jette jettee tiin waan qabaman natti fakkaata malee nagaa dhaaf namni biyya isaa maqaa xureessuu dhaaf halkaniif guyyaa hin dhama’u ture. Yoo danda’ame kan dhugaatti biyyaaf qabsaa’an yoo ta’e, as biyyuma keessa taa’uun hanga wareegama lubbuuttillee qabsaa’uu danda’uutu irra jiraata. Qabsoon akkasii bara mootummoota abbaa hirreettiyyuu tureera.
 
Gidduu kanammoo yaada H.RES 128 jedhuun Uummata biyya keenyaaf ajandaa haaraa uumanii ittiin nu burjaajessuuf, hamilee keenya cabsuuf wanti biyya alaa keessumaa mankaraaressitoota biyya Amerikaa jiraataniin wanti hin godhamne hin jiru.
 
Mankaraaressitootni kunneen akka jedhanitti Mootummaan biyya Itiyoophiyaa mirga lammilee biyya Sanaa irratti dhiibbaa geessisaa waan jiruuf qoqqobbii cimaan biyyarras ta’e geggeessitoota irra haa kaa’amu waan jedhuu dha. Kanaaf ammoo kongireesiin biyyaalessa Amerikaa irratti walii galuun biyya Itiyoophiyaa akka fedhii isaaniitti seenuun badii dhiibbaa mirga dhala namaa irra ga’aa jiru kanneen akka ajjeefamuu, hidhamuu fi mirga yaada ofii ibsachuu dhabuu lammileerra ga’e qaama walaba ta’een qoratee seeraaf akka dhiyeessuu dha.
 
Kongirensiin biyyaalessa Amerikaas booyichaa fi jette jetteen Mankaraaressitoota kanaa fudhachuun murtoo H.RES 128 jedhu biyya Itiyoophiyaa irratti dabarsee jira.
 
Akka yaada kiyyaatti murtoon akkasii kun yeroo isaa kan hin eegganne,  fedhii lammilee biyya keessaa fi walitti dhufeenya Itiyoophiyaan biyya Amerikaa wajjin qabaachaa jirtuu fi turte giddu galeessa kan hin godhannee dha.
 
Sababnisaa osoo Mootummaan biyya kana geggeessaa jiru rakkoo diyaaspooraan kaasaa jiru kun eeyyee biyya kana keessa jira, fooyyeessuu dhaaf cimee hojjechaan jira jechaa jiruu, Mootummaan Amerikaas ta’e kan Itiyoophiyaa dhiyeenya kana dhimmi kana irratti mari’atanii bu’aan walii galtee isaan lamaanii hojiitti hiikamaa jiruu murtoo akkasii dabarsuun fedhii addaa dudduubaa waan qabu fakkaata.
 
San dura ilaalamuun kan irra ture, Mootummaan Itiyoophiyaa yeroo ammaa kan maal gochaa jira gaaffiin jedhamu ka’uutu irra ture.
 
Rakkoowwan akka biyyaalessaatti nu mudatan guutummaatti furuu dhaaf, Mootummaan yeroo itti hidhamtoota hiikaa jirutti, miidiyaa walabaa babal’isuuf yeroo itti ifaajaa jirutti, kanneen dhiibbaa mirga dhala namaa keessatti hirmaatan yeroo itti seeratti dhiyeessuuf waadaan galamaa jirutti murtoo akkasii dabarsuun tasumaayyuu rakkoon biyya kana keessa jiru daran babal’atee biyyi kun akka burjaajoftuuf haala mijeessuu wajjin wal-hin caalu.
 
Biyyi keenya yeroo ammaa Ministeera Muummee Dr.Abiy Ahmad n filachuun ishees madda rakkoo biyya keenya keessaa ni qoorsa waan jedhu irraa ka’uu ta’uunsaa beekamee osoo jiruu, osoo isaan muudamanii turban hin fixin dhiibbaa akkasii irraan ga’uun kun sababa quubsaa waan hin qabneef lammilee biyya kanaa fayyada jedhanii yaaduun nama rakkisa.
 
Murtoon H.RES.128 maqaa jedhuun birmadummaa biyya kanaa gaaffii jala galchuuf yeroo amma kanatti darbuun isaa walitti dhufeenya Amerikaa fi biyyya kanaa kan yeroo dheeraa laaffisuu irra darbeeyyuu haala gaanfa Afrikaa giddu galeessa kan hin godhanneef hojii maal na dhibdee dhaan hojjatamee dha.
 
An kan hunda keessaa na dhibe, inni hormaallee hormuma waa’een biyya keenyaa baaay’ee isaan hin dhibu-garuu lammileen Itiyoophiyaa biyya sana jiraatan akka waan –waan gaarii hojjetanii, akka waan seenaa hojjetaniitti yeroo murtoon kun murtaa’etti sirbuun isaanii ti. Kun baay’ee nama saalfachiisa, ofis nama taajjabsiisa. Akkamitti lammiin tokko biyya alaa taa’ee biyyi biraan birmadummaa biyya isaa akka sarbituuf karaa bana? Akkamitti biyya dhiigaa fi lafee lammilee isheen ijaaramte harka diinaatti dabarsee kenna?
 
Waan nama dhibu murtoon sun akka murtaa’een weebsaayitootaa fi Miidiyalee hawaasa gara garaa irratti maxxanfamanii turan. Akkuma beekamu murtoo sana irratti abbaan barbaade yaada isaa kennuu danda’a ture. Yaadawwan achirratti kennaman lammileen biyya kanaa biyya kana jaalatanis ta’e, lammileen biyya alaa yaadi isaan diyaaspoorota warra dhiibbaa geessisuun murtoon kun akka darnbu godhan irratti yaadi isaan kennan baay’ee na ajaa’ibsiise. Isaan keessa muraasa isaa gaditti dubbisaa
 
“Itiyoophiyaanonni kun tasuma waa hin baran,isaan diinuma  hamaa mataa isaanii ti. Rakkoo keessoo ofii hiikkachuu dhaan nama alaa afeeruun gaarummaa tokkoyyuu hin qabu sirumaayyuu jeequmsa fida malee”
 
“Itiyoophiyaan biyya of-dandeessee jirtuu fi rakkoowwan keessoo ishee hiikkachuu osoo dandeessuu, qaamni biraan rakkoo kana naaf hiika jechuun birmadummaa biyya isaanii balaa irra buusuun booda sirbuun diyaasporota kanneenii nama qaanessa” kan jedhanii fi kkf hedduun achi jalatti tarreeffamanii jiru.
 
Mee dhugumayyuu, kun hammam of tuffachuu dha? Hammam seenaa wallaaluu dha.
 
Amerikaas ta’e biyyi biraan yoo faayidaa isaaniif ta’e malee Itiyoophiyaaf jedhanii waanti godhan tokko akka hin jiraanne beekuun barbaachisaa dha. Waa’ee mirga dhala namaa yoo ta’e ammoo kan akka Amerikaa mirga dhala nama dhiibu hin jiru. Fakkeenyaaf dhiibbaan Gurraachota Amerikaa irra ga’aa jiru hagam suukanneessaa akka ta’e argaa oolla, ajjeechaan fuulaa fi fuulaa biyya sana keessa jiru mirga dhala namaa giddu galeessa kan godhate akka hin taane osoo beeknuu, biyya Itiyoophiyaaf ammoo mirga fidu jennee yaaduun keenya waa’ee Amerikaa wallaaluu keenya nutti beeksisa.
 
Dhugaasaa walitti himuuf yoo ta’e Amerikaan mirga dhala namaaf falmuu irra beekamtii fi aangoo dhaan of-jajuu waan barbaadduuf humnaan socho’uu barbaaddi.
 
Sanas ta’e kanas, biyyi keenya Itiyoophiyaan yeroo amma hojii guddaa qabattee jirti. Innis rakkoo biyya keessatti nu mudatee karaa nagaa dhaan hiikuu dhaaf Muummee Ministeera keenya haaraa wajjin hojii keessa seennee jirra.
 
Jette jettee diyaaspooratiin mataa dhukkubbii keessa gallee ofumaa yeroo keenya waan gubnu natti hin fakkaatu. Kan nuti silaa barbaadnuwoo amma biyya keessatti nuuf argameerawoo, namni biraan biyya biraa dhaa dhufee rakkoo keenya akka nuuf hiiku nu hin barbaachisu. Sababnisaa bakka rakkoo keenyaas ta’e akka itti hiikkannu nutu beeka malee hormi nuuf hin beeku.
 
Kanaafuu ammas warri maqaa dhaaf biyyaaf yaadna jettanii yaaddan, yoo dhuguma waa’ee biyyaaf ta’e kottaa asumatti qabsaa’aa, yoo hin taane ta’emmoo uummata nagaa dhaan jiruusaa geggeeffataa jiru vaayirasii keessan itti hin facaasinaatii hanga sammuun keessan fayyutti achuma bakka jirtan taa’aan dhaamsa kooti.
 

Leave A Reply

Your email address will not be published.

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

This website uses cookies to improve your experience. We'll assume you're ok with this, but you can opt-out if you wish. Accept Read More

Privacy & Cookies Policy