Ethiopiaprosperous
Ethiopian News Ethiopian Daily news, Regarding political and social Issues.

Jalqabbii Gaarii Dr.Abiy

0 872

Get real time updates directly on you device, subscribe now.

Jalqabbii Gaarii Dr.Abiy

Hiikaa Margaa tiin
Biyyi keenya Itiyoophiyaan rakkoo nageenyaa bakkeewwan gara garaatti ishee
muudateen waggoottan lamaaf nagaa irraa fagaattee turte. Sababa dhabamuu nagaaf
tasgabbii kanaanis rakkoo baay’een akka biyyaatti mudachuu danda’eera.
Dhaabbanni siyaasaa biyya kana geggeessaa jiru ykn ADWUIn rakkoowwan uumamaa
jiran kunneen maddi isaa irra jireessaan mootummaa bira jiraaachuu isaa amanee,
furmaata rakkoowwan kanaafis cimeen hojjedha jedhee waadaa galuun isaa beekamaa
dha.
Maddi rakkoowwan kanaa komiiwwan hawaasa biraa ka’an yeroon deebisuu dadhabuufi
dandeettiin raawwachiisummaa geggeessitootaa rakkoolee kanaan akka wal-qabatu
ifatti amanuun, jijjiiraan geggeessitootaa akka barbaachisu irratti walii galamee ture.
Kanumarraa ka’uun, rakkoo biyyi keenya amma keessa galtee jirtu ilaalcha keessa
galchuun, eenyu waan kana keessaa nu baasuu danda’a jechuu dhaan Dr.Abiy Ahmad
Muummee Ministeera biyya kanaa ta’anii akka muudamaniif sagalee caalmaa koree
ADWUI argachuun isaanii ni yaadatama.
Muummeen Ministeera Itiyoophiyaa kabajamoo Dr.Abiy Ahmad erga hojii idilee isaanii
eegalanii ji’a tokkotti siqaa jira.
Erga hojii idilee isaanii jalqabiis jalqabbiiwwan gaggaarii biyya kana keessatti ta’ee hin
beekneen eegalan.
Jalqabbiiwwan kanneenii fi faayidaan isaan qaban maal akka ta’e waliin haa ilaallu,
Daawwannaan Muummee Ministeera keenya Dr.Abiy Mootummaa Naannoo Sumaalee
Itiyoophiyaatti godhan bu’aa gaarii buusee darbee jira. Innis akkuma beekamu
sababawwan walitti bu’iinsa lammilee Naannoo daangaa jiraatan gama Oromiyaa tiif
Naannoo Sumaalee Itiyoophiyaa irraan kan ka’e shakkii fi yaaddoo guddaan lammilee
Naannoo lamaanii irrayyuu darbee akka biyyaatti ta’ee ture. Sababa walitti bu’iinsaa
sanaanis Uummanni yeroo dheeraadhaaf wal-kabajaa fi jaalalaan wajjin jiraatu akka
diinaatti wal-ilaaluu jalqabe, daldalli naannolee lamaan gidduutti taasifamu ni dhaabbate,
walitti dhufeenyi lammilee naannoo lamaanii daran laafe. Sababa kanaan nageenyi
biyyattii guutummaatti balaa irra bu’e.
Nageenyi biyyattii balaa irra bu’uunsaa ammoo gaaffii dhimmi jiraachuu fi jiraachuu
dhabuu keessa nu galchee ture.
Kanaaf kabajamoo Dr.Abiy dhimmi kanaaf xiyyeeffannoo duraa kennuun gara Naannoo
Sumaalee Itiyoophiyaatti imaluun ,uummattoota lammilee sumaalee wajjin mari’achuu
isaaniirraan kan ka’e ilaalchi haaloo walirratti ba’uu lammilee lamaan gidduu ture hafuu
isaa caalaayyuu, lammileen qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’an deebifamanii
dandamachiisamuu akka qabanii fi deggersi lammilee sumaalees kana keessatti akka
wal-irraa hin citne lammilee marii sanarratti argaman Dr,Abiy tti himaniiru. Kan darbe
irraanfachuun gochi suukanneessaan akkasii lammaffa akka hin dabalamnes kan
waadaan itti galamee dha.
Daawwannaan Magaalaa Amboo fi Maqalees akkasumas xiyyeeffannaa addaa kan
mataasaa danda’e akka qabu kan hundi keenya beeknuu dha. Waltajjii marii
Magaalaawwan lamaan kanatti geggeeffameenis bu’aa gaariin mul’achaa dhufeera.
Ilaalchi wal-shakkii yeroo ammaa kana hagas mara hin jiru jechuun ni danda’ama
kunimmoo xiyyeeffannoon Dr.Abiy ajandaawwaan bu’uuraa godhatanii ka’an keessumaa
dhimmi wal-hubachuu lammilee biyya kanaa daran barbaachisaa waan ta’eef haala
duraa irra ilaalchi jaalala biyyaa mul’achaa jira. Xiyyeeffannoon Dr.Abiy yeroo ammaa
kun akka naaf gala jirutti “jaalalli nuti biyya kanaaf qabnuu fi ilaalchi Itiyoophiyummaa”
jedhu dagaagee jennaan dhimmootni biroon salphaatti hiikamuu danda’u kan jedhu
qabatanii ka’uu isaanii ti.
Dhugumayyuu dubbachuuf taanaan, hunda dura namni tokko of-baruu qaba. Sana
booda waa’een dhimmi biraa salphaa ta’uu mala. Namni tokko of-hin beekne taanaan
waan godhu hin beeku, waan godhu kan beekne ammoo fiixa ba’uu hin danda’u.
Daawwannaan inni biraanii fi agarsiiftuun tarkaanfiiwwan Muummeen Ministeeraa

Dr.Abiy fudhachuuf adeemaa jiran irratti mul’ate, daawwannaa isaan Magaalaa
Finfinnee, Galma Barkumeetti godhaniidha. Marii Galma Barkumee kanarratti
hirmaattotni kuma digdamii shanii ol-argamaniiru. Akkaataan hirmaattotni kun Dr.Abiy
simatan haala baay’ee nama ajaa’ibu ture. Kun kan inni ibsu hagam lammileen biyya
kanaa dandeettii nama kanaatti amanan kan ibsuu dha.

An akka dhuunfaa kootti waanan hubadhe yoo jiraate, muudamuun Dr.Abiy sabaa fi sab-
lammoota biyya kanaa hunda biratti fudhatama kan argatee fi miira gammachuu hunda

biratti uumee jiraachuu isaati. Kanaaf ammoo waltajjiin Galma Barkumee agarsiiftuu
gaarii dha. Gaafa sana fuula sabootaa fi sab-lammoota hundumaarraa gammachuu tu

mul’ata. Barruu Suuraa Muummee Ministeeraa Dr.Abiy qabu hundumatu irratti wal-
qabee fudhachaa ture. Huccuuwwan gara garaa suuraa Dr.Abiy n faayame galma

macheessee ture. Yoo uummata biratti jaalatamte akkas ta’uu qaba.
Haasaan Dr.Abiy galma Barkumee keessatti taasisanis gaaffiiwwan lammileen biyya
kanaa yeroo dheeraaf gaafataa turaniif hanga yoonaaatti hiika dhabee ture waan ta’eef
miira namoota hedduu hawwatee ture.
Haasaan gochaa turan keessa yaadoleen ijoon kanneen akka bulchiinsa gaarii
mirkaneessuu, Qaamolee nageenya eegsisan siyaasa irraa bilisa baasuu, dorgomtoota
siyaasaa jajjabeessuu, kiraa sassaabdummaa irratti hojjechuu, qulqullina barnootaa
fooyyessuuf hojjechuu, barsiisota fooyyessuuf hojjechuu, ol-aantummaan seeraa akka
mirkanaa’uuf cimnee hojjenna jechuun isaanii hirmaattota daran gammachiiseera.
Waadaan isaan galan kunneenis dhimmoota ijoo kan ta’aniif madda rakkoo biyya kana
keessatti uumamee turee kan ta’anii dha. Kanaaf hojii cimaan akka isaan eeggatus
beekuun barbaachisaa dha.
Akka lammii biyya kanaatti kan nuti beekuun nurra jiraatu, rakkoowwan biyya kana
keessatti uumamanii nagaa dhabuuf nu saaxilan duuba qaamoleen faayidaa dhuunfaaf
fiigan jiraachuu isaanii ti. Har’as qaamoleen kunneen guutummaa guutuutti harka
kennanii ykn badii isaanii kanarraa of-qusataniiru jechuu wanti dandeessisu hin jiru.
Qaamoleen kiraa sassaabdotni kunneen kanneen umrii dheeraa biyya kana keessa
turaniif hojii faallaa mootummaa fi Uummataa waggoottan dheeraa adeemsisaa turan
waan ta’eef dameewwan hedduu biyya kana keessatti horatanii jiru. Damee
kontirobaandistootaa, damee kiraa sassaabdotaa kanneen faayidaa isaanii malee
waa’een biyyaa itti hin dhaga’amne har’as hedduun waan jiraniif hojiin manaa Dr.Abiy
akka salphaatti hin ilaalamne hubachuu qabna.
Sababnisaa qaamoleen kun yeroo ol-aantummaan seeraa mirkanaa’uu eegalutti
faayidaa isaaniif hin malle waan dhabanii fi gocha badii dalaganii ajandaan yakkamtoota
seeratti dhiyeessuu ykn kontirobaandii ittisuu akka geeddaramu gochuun isaanii shakkii
hin qabu. Inni kan biraan ammoo qarshii hanga barbaachisaa ta’e kaffaluun Dr.Abiy
maqaa balleessuu ykn burjaajessuuf yaaluunis hin hafu, itti dabalees gochaawwan
shororkeessummaa iddoowwan gara garaatti raawwachuun geggeessummaa Dr.Abiy tti
bishaan naquun uummataa wajjin walitti naquuf yaaliin godhamuun isaa hin oolu,
kanaafis fakkeenya gaarii kan ta’uu danda’u guyyaa gaafa 9/8/2010 tti qaama
mootummaa jedhee kan of waamu humna addaa poolisii Sumaalee lammilee nagaa
Naannoo Moyaalee irratti raawwate qaamni kun ergama maalii akka of-duubaa qabu
salphaatti beekuun ni danda’ama. Innis jaalala lammileen biyya kanaa Dr.Abiyiif
agarsiisan cilee dibuu fi ajandaa biraa uumuun nageenyi biyya kanaa akka deebi’ee
boora’uuf yaaluu dha.
Walumaa galatti Dr.Abiy Ahmad rakkoo biyya kanaa hundee hiikuudhaaf jalqabbiin isaan
eegalan gaarii ta’us, qaamoleen waan hin liqimsanneefis baay’ee ta’uu isaanii beekuun
barbaachisaa dha.
Kanaaf akka lammii biyya kanaatti rakkoo biyya kanaa Dr,Abiy qofaa irratti gatnee kan
teenyu qofaa osoo hin taane, madda rakkooti jennee waan yaadnu hundumaa
mootummaa wajjin walii wal-deggeruun furmaata akka argatuuf hojjechuun ammoo
daran bu’a qabeessa isaan taasisa jedheen yaada.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

This website uses cookies to improve your experience. We'll assume you're ok with this, but you can opt-out if you wish. Accept Read More

Privacy & Cookies Policy