Artcles

Jalqabbii Gaarii Dr.Abiy

By Admin

April 19, 2018

Jalqabbii Gaarii Dr.Abiy

Hiikaa Margaa tiin Biyyi keenya Itiyoophiyaan rakkoo nageenyaa bakkeewwan gara garaatti ishee muudateen waggoottan lamaaf nagaa irraa fagaattee turte. Sababa dhabamuu nagaaf tasgabbii kanaanis rakkoo baay’een akka biyyaatti mudachuu danda’eera. Maddi rakkoowwan kanaa komiiwwan hawaasa biraa ka’an yeroon deebisuu dadhabuufi dandeettiin raawwachiisummaa geggeessitootaa rakkoolee kanaan akka wal-qabatu ifatti amanuun, jijjiiraan geggeessitootaa akka barbaachisu irratti walii galamee ture. Kanumarraa ka’uun, rakkoo biyyi keenya amma keessa galtee jirtu ilaalcha keessa galchuun, eenyu waan kana keessaa nu baasuu danda’a jechuu dhaan Dr.Abiy Ahmad Muummee Ministeera biyya kanaa ta’anii akka muudamaniif sagalee caalmaa koree ADWUI argachuun isaanii ni yaadatama. Muummeen Ministeera Itiyoophiyaa kabajamoo Dr.Abiy Ahmad erga hojii idilee isaanii eegalanii ji’a tokkotti siqaa jira. Erga hojii idilee isaanii jalqabiis jalqabbiiwwan gaggaarii biyya kana keessatti ta’ee hin beekneen eegalan. Jalqabbiiwwan kanneenii fi faayidaan isaan qaban maal akka ta’e waliin haa ilaallu, Daawwannaan Muummee Ministeera keenya Dr.Abiy Mootummaa Naannoo Sumaalee Itiyoophiyaatti godhan bu’aa gaarii buusee darbee jira. Innis akkuma beekamu sababawwan walitti bu’iinsa lammilee Naannoo daangaa jiraatan gama Oromiyaa tiif Naannoo Sumaalee Itiyoophiyaa irraan kan ka’e shakkii fi yaaddoo guddaan lammilee Naannoo lamaanii irrayyuu darbee akka biyyaatti ta’ee ture. Sababa walitti bu’iinsaa sanaanis Uummanni yeroo dheeraadhaaf wal-kabajaa fi jaalalaan wajjin jiraatu akka diinaatti wal-ilaaluu jalqabe, daldalli naannolee lamaan gidduutti taasifamu ni dhaabbate, walitti dhufeenyi lammilee naannoo lamaanii daran laafe. Sababa kanaan nageenyi biyyattii guutummaatti balaa irra bu’e. Nageenyi biyyattii balaa irra bu’uunsaa ammoo gaaffii dhimmi jiraachuu fi jiraachuu dhabuu keessa nu galchee ture. Kanaaf kabajamoo Dr.Abiy dhimmi kanaaf xiyyeeffannoo duraa kennuun gara Naannoo Sumaalee Itiyoophiyaatti imaluun ,uummattoota lammilee sumaalee wajjin mari’achuu isaaniirraan kan ka’e ilaalchi haaloo walirratti ba’uu lammilee lamaan gidduu ture hafuu isaa caalaayyuu, lammileen qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’an deebifamanii dandamachiisamuu akka qabanii fi deggersi lammilee sumaalees kana keessatti akka wal-irraa hin citne lammilee marii sanarratti argaman Dr,Abiy tti himaniiru. Kan darbe gochi suukanneessaan akkasii lammaffa akka hin dabalamnes kan waadaan itti galamee dha. Daawwannaan Magaalaa Amboo fi Maqalees akkasumas xiyyeeffannaa addaa kan mataasaa danda’e akka qabu kan hundi keenya beeknuu dha. Waltajjii marii Magaalaawwan lamaan kanatti geggeeffameenis bu’aa gaariin mul’achaa dhufeera. Ilaalchi wal-shakkii yeroo ammaa kana hagas mara hin jiru jechuun ni danda’ama kunimmoo xiyyeeffannoon Dr.Abiy ajandaawwaan bu’uuraa godhatanii ka’an keessumaa dhimmi wal-hubachuu lammilee biyya kanaa daran barbaachisaa waan ta’eef haala duraa irra ilaalchi jaalala biyyaa mul’achaa jira. Xiyyeeffannoon Dr.Abiy yeroo ammaa kun akka naaf gala jirutti “jaalalli

nuti biyya kanaaf qabnuu fi ilaalchi Itiyoophiyummaa” jedhu dagaagee jennaan dhimmootni biroon salphaatti hiikamuu danda’u kan jedhu qabatanii ka’uu isaanii ti. . Daawwannaan inni biraanii fi agarsiiftuun tarkaanfiiwwan Muummeen Ministeeraa Dr.Abiy fudhachuuf adeemaa jiran irratti mul’ate, daawwannaa isaan Magaalaa Finfinnee, Galma Barkumeetti godhaniidha. Marii Galma Barkumee kanarratti hirmaattotni kuma digdamii shanii ol-argamaniiru. Akkaataan hirmaattotni kun Dr.Abiy simatan haala baay’ee nama ajaa’ibu ture. Kun kan inni ibsu hagam lammileen biyya kanaa dandeettii nama kanaatti amanan kan ibsuu dha. An akka dhuunfaa kootti waanan hubadhe yoo jiraate, muudamuun Dr.Abiy sabaa fi sab-lammoota biyya kanaa hunda biratti fudhatama kan argatee fi miira gammachuu hunda biratti uumee jiraachuu isaati. Kanaaf ammoo waltajjiin Galma Barkumee agarsiiftuu gaarii dha.. Barruu Suuraa Muummee Ministeeraa Dr.Abiy qabu hundumatu irratti wal-qabee fudhachaa ture. Huccuuwwan gara garaa suuraa Dr.Abiy n faayame galma macheessee ture. Yoo uummata biratti jaalatamte akkas ta’uu qaba. Haasaan Dr.Abiy taasisanis gaaffiiwwan lammileen biyya kanaa yeroo dheeraaf gaafachaa turaniif hanga yoonaaatti hiika dhabee ture waan ta’eef miira namoota hedduu hawwatee ture. Haasaan gochaa turan keessa yaadoleen ijoon kanneen akka bulchiinsa gaarii mirkaneessuu, Qaamolee nageenya eegsisan siyaasa irraa bilisa baasuu, dorgomtoota siyaasaa jajjabeessuu, kiraa sassaabdummaa

irratti hojjechuu, qulqullina barnootaa fooyyessuuf hojjechuu, barsiisota fooyyessuuf hojjechuu, ol- aantummaan seeraa akka mirkanaa’uuf cimnee hojjenna jechuun isaanii hirmaattota daran

gammachiiseera. Waadaan isaan galan kunneenis dhimmoota ijoo kan ta’aniif madda rakkoo biyya kana keessatti uumamee turee kan ta’anii dha. Kanaaf hojii cimaan akka isaan eeggatus beekuun barbaachisaa dha. Akka lammii biyya kanaatti kan nuti beekuun nurra jiraatu, rakkoowwan biyya kana keessatti uumamanii nagaa dhabuuf nu saaxilan duuba qaamoleen faayidaa dhuunfaaf fiigan jiraachuu isaanii ti. Har’as qaamoleen kunneen guutummaa guutuutti harka kennanii ykn badii isaanii kanarraa of-qusataniiru jechuu wanti dandeessisu hin jiru. Qaamoleen kiraa sassaabdotni kanneen umrii dheeraa biyya kana keessa turaniif hojii faallaa mootummaa fi Uummataa waggoottan dheeraa adeemsisaa turan waan ta’eef dameewwan hedduu biyya kana keessatti horatanii jiru. Damee kontirobaandistootaa, damee kiraa sassaabdotaa kanneen faayidaa isaanii malee waa’een biyyaa itti hin dhaga’amne har’as hedduun waan jiraniif hojiin manaa Dr.Abiy akka salphaatti hin ilaalamne hubachuu qabna. Walumaa galatti Dr.Abiy Ahmad rakkoo biyya kanaa hundee hiikuudhaaf jalqabbiin isaan eegalan gaarii ta’us, qaamoleen waan hin liqimsanneefis baay’ee ta’uu isaanii beekuun barbaachisaa dha. Kanaaf akka lammii biyya kanaatti rakkoo biyya kanaa Dr,Abiy qofaa irratti gatnee kan teenyu qofaa osoo hin taane, madda rakkooti jennee waan yaadnu hundumaa mootummaa wajjin wal-deggeruun furmaata akka argatuuf hojjechuun ammoo daran bu’a qabeessa isaan taasisa jedheen yaada.