Lakkisaa dura jabbittiin haa jabaattuu…
Hiikaa Margaatiin Har’a waa’ee keenyaa fi waa’ee seenaa ilmoo/jabbii wal bira qabee barreessuun barbaade,mee obsaan na caqasaa. Haala jireenya horsiisee bulaa hundi keenya waan beeknu natti fakkaata. Jireenya nama loon horsiisuu yoo kan beeknu ta’e saani tokko ji’oota hedduu erga lakkoofsiftee booda rimaa taatee dhalti. Yeroo saani kun dhaltu maatiin baay’ee gammadu, dhugaadha dhalachuu namaa caalaa yeroon itti gammadan jira. Sababnisaa saani kun namaaf dhaluun faayidaa hedduu fidee dhufa. Faayidaawwan kanneen keessaa tokkoffaa sa’i kun keessumaa maatiin sun ijoollee qabu taanaan aannanii fi bu’aa aannanii fiddee waan dhuftuuf ijoollee ittiin guddisuuf ga’ee guddaa taphatti, lammaffaa irratti ammoo baay’ina horii maatii sana keessa jiruutti waan dabaltuuf madda galiittillee ni gargaarti, keessumaammoo sangaa dhalte taanaan qonna ittiin qotuuf fa’aaf tajaajila. Walumaa gala qotee bulaa tokkoof loon tokko faayidaa hedduu qabdi jechuun ni danda’ama. Waanti an asiratti jechuu barbaade garuu waa’ee kanaa osoo hin taane, akkaataa itti qotee bulaan tokko jabbii reefuu dhalattu tokko akka isheen of dandeessee lubbuun jiraattee isas fayyaddu ibsuuf jedheen, Egaa loon tokko turtii yeroo dheeraa booda jabbii tokko dhalti jenneerra. Jabbiin kun lubbuun akka jiraattuuf kan qotee bulaa irraa eegamu dura sa’a sana elmachuuf ariifachuu osoo hin taane akkamiin jabbiin kun jabaattee ofiis jiraattee anas fayyaddi kan jedhu yaaduu qaba. kana gochuuf ammoo beekkumsaa fi ogummaa barbaachisa, akka loon sun dhalteen yeroo murtaa’aa dhaaf osoo maatiin aannan sa’a Sanaa elmachuu hin eegalin jabbittitu qofaa ishee hodha, tarii turban tokko ykn lama ta’uu danda’a. Turtii kana keessatti amala ijoollee hundumti keenya kan beeknuu dha ijoolleen ammoo aannan jedhanii boo’uufaan hin oolu, sanumaa saani isaanii dhaltee moo? Ni boo’uuree ni mankaraaru malee… garuummoo aannan boo’aniif argachuuf jabbiin sun jabaachuun dirqama. Sababnisaa jabbittiin jabaattee jennaan waan hundumtuu isheetti aanee dhufa, faayidaan lubbuun jiraachuu jabbittii inni guddaan yoo isheen jiraattee harma haadhashee hootee laaffifte malee sa’a sana elmuun hin danda’amu. Kanaaf jabbittiin jabaachuun dirqama. Kanarraa kan hafe ammuma sa’attiin dhaltee okolee fudhatanii jabbii asii achi haadharraa kurkursanii sa’attii jala teenyaan hunda dhabuu tu dhufa. Maal egaa hanga isheen rimaa taatee turteyyuu eeganii turban tokkoof dadhabuun kun? Yaa jara keenyaa dubbiin galchaa qaba jedhan mitiiree? Waa’ee keenyaa fi waa’ee jabbii xiqqoo kanaa wal-bira qabee barreessuun koo waa malee miti. Dubbii keenyatu kanaa wajjin wal-fakkaata. Nuti akka saba Oromoo tokkootti waan walootti waliin barbaadnu qabna turre, innis waa’ee qooda fudhannaa geggeessummaa fi fayyadamummaa biyya kana irratti qabnu mirkaneeffachuu akka ta’e hundumtuu beeka. Fedhii keenya kanas bu’aa ba’ii hadhaa’aa
hedduu keessa darbuu dhaan har’a waan argachaa jirru fakkaata( yoo amala qabaannee wal- dhageenyee, wal-kabajnee tooftaa dhaan itti fayyadamneef).
Carraa har’a arganne kana kan manatti fidee nuuf kenne hin jiru( waan kana kaadiree lamaan sadan tokkorraa dhaga’eera anis miiruma kanan qabaafan itti fayyadame), lubbuu hedduutu itti ba’e, dhiigatu itti dhangala’e, lafeetu itti cabe. Kanaaf injifannoon argame kun kununsa barbaachisa. Hin taane taanaan ammammoo rakkina baay’ee ulfaataatti deebina, hamileetu nu caba, seenaa dhaloota dhufuu tu bada. Gara dubbii ijoo kiyyaatti yeroon dhufu, erga kabajamoon MM biyya kanaa Dr.Abiy Ahmad filatamanii as waan baay’een taajjabaa jira. Taajjabbiiwwan koo keessaa inni tokko kan baay’ee na dhibee na dhiisuu dide “edaa rakkoon keenya rakkoo bakka akkasii argachuu fi biyya kanarraa fayyadamaa ta’uu osoo hin taane callifnee dhuma wal-qeequu dhaa?” kan jedhutu sammuu koo keessa deddeebi’aa jira.
Dr,Abiy erga muudamanii waan gaarii hedduu hojjechaa jiru . Siyaasni biyya kanaa akka wal- xaxaa ta’e hunda keenyaaf galuu qaba. Siyaasa sabootaa fi sab-lammoota 80 ol keessatti qabu
yeroo geggeessitu ammoo akka geengoo ofirra gala gaggaluun dirqama. Hanga danda’ametti lammilee biyya kanaa ija wal-qixaan ilaaluunis ta’e tajaajiluun waan eegamuu dha. Sana hin taane taanaan akka sabaatti waan Oromoon kanaan dura jibbaa ture saba biraarratti raawwachuu jechuun boris waan kun naanna’ee akka nu qaqqabu beekuun barbaachisaa dha. Sababnisaa biyya dimokiraasiin geggeeffamtu keessatti Oromoon waggaa kuma haa bitu
jechuun faallaa dimokiraasii ti waan ta’eef bor immoo sabaan kambaataan biyya kana bulchuu danda’a, yeroo sanas uummanni Oromoo asuma waan jiruuf har’a seenaa gaarii dalagee darbuu qaba. Waanti nuti har’a beekuun nurra iiraatu biyyi kun akka nuti geggeessinuuf nutti kennamuu isaati. Yeroon kana jedhu Dr.Abiy qofaatu geggeessa jechuu akka hin taane ibsuufan akka nuti geggeessinuuf jedhe, kana booda Dr.Abiy bakka nu haa bu’u malee walumaan biyya kana geggeessina jechuu dha. Namni biyya geggeessu ammoo ogummaa qabaachuu qaba. waan dubbatu beekuu qaba. warra boo’uu wajjin taa’ee kan boo’u osoo hin taane yoo dhuma rakkoon jiraatellee onnachiisee fuudhee kan ce’u ta’uu qaba. Hin ta’u taanaan waggaa 100 har’aa kan boo’aa turre har’a waan ta’uuf waan hin taaneefis kan boo’u taanaan hamilee lammilee biyya kanaa keessumaa hamilee Oromoof gaarii miti.
Obbo Taayyee Danda’aa akkas jedhu “ Oromoon waan waliin dhabe malee waan irratti wal- dhabe hin qabu” jechi kun jecha salphaa miti. Har’a garuu waan walii dhabne argachaa yeroo
deemaa jirutti boqonnaa wal-dhowwinee akka waan walii dhabne sana tasumaa hin arganneef waan gargar faca’aa jirru fakkaata. Kanaaf ammoo dhaabbannee of-ilaaluu qabna. Siyaasa yeroo jennu, siyaasni sagalee wangeelaa ykn quraanaa miti. Siyaasni ofirra galaggaluu gaafata, siyaasni yeroodhaan jijjiirama. Jijjiirama sana duukaa yoo hin jijjiiramnee fi seenaa waggaa 100 odeessaa hafna yoo ta’e ammallee waggaa dhuma 100 boodatti hafna isa har’aa dhabnee dudda duuba yaadaa hafna sanaan boodatti hafoo taana. Yeroon isaa yeroo itti haaloo dhaaf hojjennu osoo hin taane, waan kanaan dura akka sabaatti osoo argachuun nuuf maluu dhabne karaa seera qabeessa ta’een akka argannuuf malee kan biraa miidhuuf qabsoofna taanaan akka amantiittis ta’e akka siyaasaattis fudhatama hin qabu. Adeemsi namicha keenya Dr.Abiyyiis isuman amma jedhe kanaaf haala mijeessaa kan jiruu dha malee araada naannoo irra jooranii haasaa taasisuu qabaatanii natti hin fakkaatu. Adeemsa kana keessattis sodaa sabaa fi sab-lammoonni biyya kanaa Oromomoon yoo biyya
kan bulchu ta’e saba biraa hacuucuu danda’a jedhanii sodaatan hambisuu fi sabootaa fi sab- lammoota biyya kanaatti hamilee horuun of-duukaa hiriirsuuf waan kaayyeffatanii hojjetan natti
fakkaata. Kunis dogongora tokkoyyuu hin qabu. Nama ta’ee biyya lafaa kanarra kan jiraatu hundinuu akka nama tokkootti waa’eesaa waan gaarii dhaga’uu barbaada, nama waa’eesaa waan gaarii dubbatus baay’ee jaalata, lammileen biyya kanaa hundinuu Dr.Abiy kan jaalatan yoo ta’e qaamoleen badii balleessan lafa dhokatan dhabu(ammaafillee warra diyaaspooraa keessa dhokataa jirun se’a) sababnisaa ajandaa diyaaspooraan fidaa jiru jaraaf boqonnaa guddaa dha. Akkan naaf galutti osoo miira keessa galuu dhiifnee tasgabboofnee namichuma kana teenyee ilaallee nuuf wayya waggaa meeqayyuu gabrummaa jala turrewoo maal rakkoo qaba. Akkuman sila kaase faayidaa hedduu (over ambitious) taanee nama kanarraa eeguu dhiifnee dura akka inni jabaatu yoo goonetu waan hundumtuu nuuf salphata. Hin taane taanaan haasaadhuma xixiqqoo inni dubbatu fuunee ajandaa goonee hawaasa ittiin burjaajessina taanaan namichas fudhannee galaanaan nyaatamna. Nyaatamnaan lamuu lammata namatti hin deebinu. Jamaa rakkoon ajandaa hin jiruum ofumaa mataa wal-dhukkubsina malee, waan dubbatamu hedduun osoo jiruu, waa’ee gommaa, waa’ee sabboonummaa, waa’ee abbbaa, waa’ee haadhaa, odeessuun kun badaa kiiloo hin kaaftu, bakka ormi itti nu eegaa jirru dhiifnee daaraa keessa gangalachuun kun nurraas( anarraa jedhuu laata?) hin eegamu. “Asaantii fi achi-aantiin wal-caalti” jedha hiriyaan koo tokko, Dr.Abiy yoo kamiin ta’e rakkoo waliin dabarsine waan beekuuf dabarsee ammas akka nuti rakkoo sana keessa jiraannuuf nu saaxila jedhee hin yaadu. Yoo balleesses kankeenyatu nutti balleesse, yoo tolches kan keenyatu tolche waan ta’eef obsuu qabna. Kankeenyatu keenya waan ta’eef. Haasaa koo duraa isin yaadachiisuuf jabbittiin yoo jabaatte ofiis hootee nuufis aannan kennuu dandeessi waan ta’eef dura jabbittiidhaaf yeroo kennuun barbaachisaa dha. Walumaa galatti adaraa waaqaa kanan jechuu barbaadu yoo jiraate, yoo dhuguma dhimmichi waa’ee oromoof Oromummaa ta’e, ajandaa faallaa namicha kanaa yoo dhiifne faayidaan isaa hedduu ta’uu beeknee hanga danda’ametti ajandaa ittiin wal-tumsinee seenaa biyya kanaa jijjiirru qofarratti yoo mari’anne gaarii natti fakkaata.