Ethiopiaprosperous
Ethiopian News Ethiopian Daily news, Regarding political and social Issues.

“Mari’ataan gowwaa hin qabu”

0 1,395

Get real time updates directly on you device, subscribe now.

“Mari’ataan gowwaa hin qabu”

Hiikaa Margaatiin
Sirna dimokiraasii dhugaa keessatti mareen iddoo guddaa qaba.Mareetu rakkoo
hiika,
Adeemsa kana keessatti waan lamatu jira. Isaanis dhaggeeffachuu fi yoo barbaachisaa
ta’e yeroo barbaachisaa ta’etti yaada furmaataa dubbachuu dha.

Biyyootni qarooman mareetti amanu, sababnisaa mari’achuun, dubbatanii wal-
amansiisuun akka ibsituu qaroominaatti ilaalama. Aadaan dubbii kamiinuu mareedhaan

fixuu haalaan beekamaadha.
Biyya jireenyi maree irratti hundaa’u keessatti, maatiin mareetti amana, Mootummaanii fi
lammileenis mareetti amanu.

Adeemsa kana keessatti wal-jajjabeessuun, wal-qeequun, yaada deggeruun, yaada-
yaadaan kuffisuun baay’ee iddoo ol’aanaadha.

Bakka yaad-rimeen dhimmoota kamiin iyyuu mariidhaan hiikuuf akka meeshaatti
lakkaa’amutti wal-dhaggeeffachuun iddoo guddaa qabaata. Mari’achuu keessa yaadi
nama tokkoo qofti ol-aantummaa(domination)hin qabaatu. Qabxileen mareedhaaf
dhiyaatan kamiyyuu hin tuffataman.
Mootummaatu lammilee wajjin mari’ata, yaadaa fi qeeqa lammilee akka galteetti fudhata.
Yaadasaas soda tokko malee mareedhaf dhiyeessa. Kanaan biyyi guddatti.
Jiruu fi jireenya Afriikaa keessatti waanti dhabame hin jiru. Leecalloon uumamaa
hedduminaan jiru. Uummata aadaa boonsaa qabutu Afriikaa keessa jiraata. Garuummoo

akkaataan uumama saba kanaaf haalli inni amma keessa jiraatu wal-hin simu. Wal-
baqataa dha. Uummatni Afriikaa keessa jiraatu baay’inaan Uummata waan ta’uuf itti

gaafatamummaa fudhatu miti. Waan xiqqaatti gammada, waan xiqqoo mufata. Waan
gaarii ta’e qofa barbaada. Sababa(reasoning) dhaaf gurrasaa hin kennu.
Dhimmi rakkoowwan mariidhaan hiikuu hagas mara fudhatama hin qabu. Anatu siif
beekaatu baay’ata. Yaada nama biraa dhaggeeffachuu irra yaada ofii qofa
dhiibbaadhaan akka fudhataniif dhamaana,
Biyya lafaa kun bu’aa yaadaati, Bu’aa wal-nyaatiinsa yaadaatis. Biyya mari’achuun
iddoo qabutti yaadolee hedduun karaa marii waan burqaniif san keessatti yaadoleen
biyya fayyadan hedduutu jiraata.
Faayidaan mari’achuu kana sana jedhee salphaatti barreessee fixuu hin danda’u.
sababnisaa Mari’achuutu sakaallaa hiika, mari’achuutu nama wal-qixxeessa, yoo
mari’achuun jiraate namni yaadasaa bilisaan ibsata. Namni yaadasaa bilisaan ibsatu
ammoo ofitti amanamummaa qabaaata. Namni ofitti amanamummaa qabu ammoo
jireenya mataa isaas ta’e jireenya biyyaa salphaatti fooyyessa.
Mee erga haga kana dubbannee haalli biyyi keenya Itiyoophiyaan amma keessa jirtu

yeroo gabaabaa kana keessatti baay’ee waan fooyya’e fakkaata. Maaliif yoo jettan,
Mootummaa ADWUI tu dhimmi biyya kanaa harka uummataa keessa jira, yoomiyyuu
taanaan uummatatu murteessaa dha jedhee ejjennoo dhaan kutatee ka’aa jira.
Ijaarsa sirna dimokiraasii yeroo jennu, dhimmisaa waa’ee waan biraa osoo hin taane ykn
gamoo dhimmi waa’ee dimokiraasii keessatti dubbatamuu ijaaruu miti. Dhimmisaa
garana, inni uummata waa’ee dhimmi biyyaa irratti aangessuu jechuudha. Mirga
dubbachuu, mirga waan feete deggeruu ykn mormuu, mirga qeequu ykn deggeruu
babal’isuu jechuu dha.
Biyya kana keessatti kanneen an armaan olitti tarreesse faayidaa irra oolmaan isaanii
hagas mara quubsaa miti, Hubadhaa hanga dheengaddaatti, hanga gaafa muddama
cimaa keessa galluutti, mootummaa fi lammileen rakkoowwan mareedhaan hiikuun haa
hafuutii akka qaama adda adaatiif morkataa waliitti ilaalamaa yeroo isaan wal-ilaalantu
ture. Mootummaan hawaasatti dhiyaatee hin mariisisu, uummannis rakkoo jiru
mootummaatti dhiyaatee dubbachuu caalaa, rakkoowwan gara garaa akka ajandaa
biraatti fudhachuun madda jeequmsaa gochaa ture.
Haalli amma jiru garuu abdii namatti hora, gurri mootummaa saaqamaa jira, uummannis
afaan banatee mootummaa waliin dubbachaa jira. Kunis haalota mijaa’aa mootummaan
rakkoowwan darban irraa barachuun hawaasa waliin walitti dhiyaatee rakkoo furuuf
kutannoo inni agarsiisaa jiruudha.
Gaaffii barbaadame gaafachuun, wal-qeequun, wal-sirreessuun jiraachuun kan
danda’amu yoo mootummaafi hawaasi walii galee dhimmi biyya irratti mari’atee dha.
Mootummaa fi Uummanni dhimmi biyyaa irratti yoo mari’atan, nageenyi
waarawaan,misooma amansiisaa fi sirni bulchiinsa gaarii haalaan mirkaneessuu
keessatti ga’ee guddaa taphata.
Keessumaa waa’een nageenyaa murteessaa dha. Akkuman sila jedhe namni
kamiiniyyuu haa ta’u dhimmi biyya si galcha kottuu waa’ee biyyakee mar’idhu jedhamee
yoo affeerame yaadni inni biyya isaaf qabaatu yoomillee yaada sirrii(optimist) ta’a. Hin
taane taanaan faallaa isaatu uumama.
Namni waa’ee biyyasaa yaada hin kennuuf carraa hin arganne ykn guddina biyyasaa
keessaa ala (exclusive) ta’e gad-aantummaatu itti dhaga’ama. Namni miira akkasii
qabaatu ammoo yoomillee taanaan biyya guddachuu dhiiftee yoo warqiin lafa afameef
waan tokko itti hin faakkaatu. Namni akkasii ajandaa barbaada, ajandaawwan kunneen
madda rakkoo nageenyaa ta’uu danda’u. Namni dhimmi biyyaa dubbachuu irraa

dhiibame waa’een biyyaa isa hin dhibu. Biyyi nagaa taates, dhiiftes isatti hin dhaga’amu-
Abbaan biyyummaa isaa waan hin mirkanoofnee kaa!

Kunneen egaa muuxannoo nuti waggoottan dheeraaf qabnuu dha. Lammileen biyya
kanaaf mootummooleen biyya kana geggeessaa turan walitti dhufeenyi isaan qaban
baay’ee gadi aanaa dha. Mootummoolee biyya kana geggeessaa turan hedduun isaanii
akka waan uummata keessaa hin baanee fi uummataaf hin hojjenneetti of-ilaalu.

Uummata ofirraa dhiibu, yaada uummataa akka yaada diigumsaatti farraju. Quuqama
lammileen biyyaaf qaban xiqqeessu, Qooda gaaffii uummataa dhaga’anii deebii kennuu
gaaffii sirrii waa’ee biyyaa gaafatame yakkatti naanneessuun dararaa lammilee irraan
ga’u fa’i-kanatu biyyoota biraa gadi nu godhe.
Muuxannoo dabarsine kanatu jireenya har’a nuti jiraachaa jirru irratti dhiibbaa qaba.
Namni dimokiraasii dhaan guddate dimokiraatawaa ta’a. Muuxannoowwan kanneen
irraanfachuu tu nurra jiraata.
Yaadrimeen dimokiraasii erga biyya kana dhufee waggaa soddoma hin guunne, kana
jechuun dimokiraasiin keenya ho’inaan(actively) hojii keessa hin galle. ADWUI n
mootummaa Dimokiraatawaa dha haa jennu. ADWUIn erga biyya kana hoogganuu
jalqabee waggaa 27ffaa isaa keessa jira. Adeemsi ADWUIn waggoottan kana keessatti
ittiin as ga’e waan gaarii hedduu akkuma qabu, waan sirreeffamuu qaban hedduu
lakkaa’amanii hin dhumnes qaba.
Jecha Dimokiraasii jedhu kana fidanii hanga tokko Maalummaa Dimokiraasii uummata
barsiisuun kuniyyuu waan salphaa nutti fakkaachuu danda’a malee, jechuma
dimokiraasii jedhu beekuuniyyuu waan guddaadhaa. Sababnisaa namni faayidaa ifaa
hin beekne, maalummaa dukkanaa hin beeku. Osoo waa’ee dimokiraasii hin baranne
ta’ee maalummaa dhiibbaa gabrummaa hin beeknu turre. Garaagarummaa wantoota
kanneen lamaanii beekuun keenya dhugaa dubbachuuf yoo ta’e waggaa 27 as jedheen
yaada.
Yaadrimee Dimokiraasii fi Maalummaan dimokiraasii hojiirra haalaan oolus ooluu baatus
bal’inaan karaa ADWUI lallabamuun isaa wal-nama hin gaafachiisu. Lammileen biyya
kanaas erga bu’aa dimokiraasii dhandhamatanii hedduu mi’eeffatan, dimokiraasii isaa
caaluuf gaafachaa jiru.
Mootummaanis fedhii hawaasaa kana waan hubate fakkaata, tasumaayyuu
guutummaan guutuutti amantaa hawaaasa irraa qabu mul’isaa jira.
Akka Fakkeenyaatti Muummeen Ministeera Keenya haaraan Dr.Abiy Ahmed tibbana
erga MM ta’anii filatamanii dhimmoottan gara garaa irratti hawaasa bakkeewwan gara
garaa, Uummata Naannoo Somaalee, Uummata magaalaa Amboo, uummata Tigraay,
akkasumas dargaggoota mariisisuu irratti argamu. Gochaan akkasii nama ala taa’ee
ilaaluuf akka bashannana ykn waan salphaa fakkaachuu danda’a, Garuummoo yaadi
maree uummatoota bakkeewwwan gara garaa kana irraa argamu akka galteewwan
furmaata rakkoo biyyi kun keessa turteetti kan fayyaduu fi fedhii hawaasaa giddu
galeessa godhachuun akka hojjetamuuf gargaara waan ta’eef baay’ee barbaachisaa
dha.
Inni kan biraan ammoo waa’een dhimma biyya kana irra caalaatti Uummata biyyattii qofa
kan ilaallatu ta’uu isaa ifatti kan lafa kaa’uu dha.
Walumaa galatti, dhimmi waa’ee biyyaa irratti mar’ichaa deemuu dhimmi filannoo keessa
galu ta’uu hin qabu.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

This website uses cookies to improve your experience. We'll assume you're ok with this, but you can opt-out if you wish. Accept Read More

Privacy & Cookies Policy