AFAAN OROMOO

“Mari’ataan gowwaa hin qabu”

By Admin

April 16, 2018

“Mari’ataan gowwaa hin qabu”

Hiikaa Margaatiin Sirna dimokiraasii dhugaa keessatti mareen iddoo guddaa qaba.Mareetu rakkoo hiika, Adeemsa kana keessatti waan lamatu jira. Isaanis dhaggeeffachuu fi yoo barbaachisaa ta’e yeroo barbaachisaa ta’etti yaada furmaataa dubbachuu dha.

Biyyootni qarooman mareetti amanu, sababnisaa mari’achuun, dubbatanii wal- amansiisuun akka ibsituu qaroominaatti ilaalama. Aadaan dubbii kamiinuu mareedhaan

fixuu haalaan beekamaadha. Biyya jireenyi maree irratti hundaa’u keessatti, maatiin mareetti amana, Mootummaanii fi lammileenis mareetti amanu.

Adeemsa kana keessatti wal-jajjabeessuun, wal-qeequun, yaada deggeruun, yaada- yaadaan kuffisuun baay’ee iddoo ol’aanaadha.

Bakka yaad-rimeen dhimmoota kamiin iyyuu mariidhaan hiikuuf akka meeshaatti lakkaa’amutti wal-dhaggeeffachuun iddoo guddaa qabaata. Mari’achuu keessa yaadi nama tokkoo qofti ol-aantummaa(domination)hin qabaatu. Qabxileen mareedhaaf dhiyaatan kamiyyuu hin tuffataman. Mootummaatu lammilee wajjin mari’ata, yaadaa fi qeeqa lammilee akka galteetti fudhata. Yaadasaas soda tokko malee mareedhaf dhiyeessa. Kanaan biyyi guddatti. Jiruu fi jireenya Afriikaa keessatti waanti dhabame hin jiru. Leecalloon uumamaa hedduminaan jiru. Uummata aadaa boonsaa qabutu Afriikaa keessa jiraata. Garuummoo

akkaataan uumama saba kanaaf haalli inni amma keessa jiraatu wal-hin simu. Wal- baqataa dha. Uummatni Afriikaa keessa jiraatu baay’inaan Uummata waan ta’uuf itti

gaafatamummaa fudhatu miti. Waan xiqqaatti gammada, waan xiqqoo mufata. Waan gaarii ta’e qofa barbaada. Sababa(reasoning) dhaaf gurrasaa hin kennu. Dhimmi rakkoowwan mariidhaan hiikuu hagas mara fudhatama hin qabu. Anatu siif beekaatu baay’ata. Yaada nama biraa dhaggeeffachuu irra yaada ofii qofa dhiibbaadhaan akka fudhataniif dhamaana, Biyya lafaa kun bu’aa yaadaati, Bu’aa wal-nyaatiinsa yaadaatis. Biyya mari’achuun iddoo qabutti yaadolee hedduun karaa marii waan burqaniif san keessatti yaadoleen biyya fayyadan hedduutu jiraata. Faayidaan mari’achuu kana sana jedhee salphaatti barreessee fixuu hin danda’u. sababnisaa Mari’achuutu sakaallaa hiika, mari’achuutu nama wal-qixxeessa, yoo mari’achuun jiraate namni yaadasaa bilisaan ibsata. Namni yaadasaa bilisaan ibsatu ammoo ofitti amanamummaa qabaaata. Namni ofitti amanamummaa qabu ammoo jireenya mataa isaas ta’e jireenya biyyaa salphaatti fooyyessa. Mee erga haga kana dubbannee haalli biyyi keenya Itiyoophiyaan amma keessa jirtu

yeroo gabaabaa kana keessatti baay’ee waan fooyya’e fakkaata. Maaliif yoo jettan, Mootummaa ADWUI tu dhimmi biyya kanaa harka uummataa keessa jira, yoomiyyuu taanaan uummatatu murteessaa dha jedhee ejjennoo dhaan kutatee ka’aa jira. Ijaarsa sirna dimokiraasii yeroo jennu, dhimmisaa waa’ee waan biraa osoo hin taane ykn gamoo dhimmi waa’ee dimokiraasii keessatti dubbatamuu ijaaruu miti. Dhimmisaa garana, inni uummata waa’ee dhimmi biyyaa irratti aangessuu jechuudha. Mirga dubbachuu, mirga waan feete deggeruu ykn mormuu, mirga qeequu ykn deggeruu babal’isuu jechuu dha. Biyya kana keessatti kanneen an armaan olitti tarreesse faayidaa irra oolmaan isaanii hagas mara quubsaa miti, Hubadhaa hanga dheengaddaatti, hanga gaafa muddama cimaa keessa galluutti, mootummaa fi lammileen rakkoowwan mareedhaan hiikuun haa hafuutii akka qaama adda adaatiif morkataa waliitti ilaalamaa yeroo isaan wal-ilaalantu ture. Mootummaan hawaasatti dhiyaatee hin mariisisu, uummannis rakkoo jiru mootummaatti dhiyaatee dubbachuu caalaa, rakkoowwan gara garaa akka ajandaa biraatti fudhachuun madda jeequmsaa gochaa ture. Haalli amma jiru garuu abdii namatti hora, gurri mootummaa saaqamaa jira, uummannis afaan banatee mootummaa waliin dubbachaa jira. Kunis haalota mijaa’aa mootummaan rakkoowwan darban irraa barachuun hawaasa waliin walitti dhiyaatee rakkoo furuuf kutannoo inni agarsiisaa jiruudha. Gaaffii barbaadame gaafachuun, wal-qeequun, wal-sirreessuun jiraachuun kan danda’amu yoo mootummaafi hawaasi walii galee dhimmi biyya irratti mari’atee dha. Mootummaa fi Uummanni dhimmi biyyaa irratti yoo mari’atan, nageenyi waarawaan,misooma amansiisaa fi sirni bulchiinsa gaarii haalaan mirkaneessuu keessatti ga’ee guddaa taphata. Keessumaa waa’een nageenyaa murteessaa dha. Akkuman sila jedhe namni kamiiniyyuu haa ta’u dhimmi biyya si galcha kottuu waa’ee biyyakee mar’idhu jedhamee yoo affeerame yaadni inni biyya isaaf qabaatu yoomillee yaada sirrii(optimist) ta’a. Hin taane taanaan faallaa isaatu uumama. Namni waa’ee biyyasaa yaada hin kennuuf carraa hin arganne ykn guddina biyyasaa keessaa ala (exclusive) ta’e gad-aantummaatu itti dhaga’ama. Namni miira akkasii qabaatu ammoo yoomillee taanaan biyya guddachuu dhiiftee yoo warqiin lafa afameef waan tokko itti hin faakkaatu. Namni akkasii ajandaa barbaada, ajandaawwan kunneen madda rakkoo nageenyaa ta’uu danda’u. Namni dhimmi biyyaa dubbachuu irraa

dhiibame waa’een biyyaa isa hin dhibu. Biyyi nagaa taates, dhiiftes isatti hin dhaga’amu- Abbaan biyyummaa isaa waan hin mirkanoofnee kaa!

Kunneen egaa muuxannoo nuti waggoottan dheeraaf qabnuu dha. Lammileen biyya kanaaf mootummooleen biyya kana geggeessaa turan walitti dhufeenyi isaan qaban baay’ee gadi aanaa dha. Mootummoolee biyya kana geggeessaa turan hedduun isaanii akka waan uummata keessaa hin baanee fi uummataaf hin hojjenneetti of-ilaalu.

Uummata ofirraa dhiibu, yaada uummataa akka yaada diigumsaatti farraju. Quuqama lammileen biyyaaf qaban xiqqeessu, Qooda gaaffii uummataa dhaga’anii deebii kennuu gaaffii sirrii waa’ee biyyaa gaafatame yakkatti naanneessuun dararaa lammilee irraan ga’u fa’i-kanatu biyyoota biraa gadi nu godhe. Muuxannoo dabarsine kanatu jireenya har’a nuti jiraachaa jirru irratti dhiibbaa qaba. Namni dimokiraasii dhaan guddate dimokiraatawaa ta’a. Muuxannoowwan kanneen irraanfachuu tu nurra jiraata. Yaadrimeen dimokiraasii erga biyya kana dhufee waggaa soddoma hin guunne, kana jechuun dimokiraasiin keenya ho’inaan(actively) hojii keessa hin galle. ADWUI n mootummaa Dimokiraatawaa dha haa jennu. ADWUIn erga biyya kana hoogganuu jalqabee waggaa 27ffaa isaa keessa jira. Adeemsi ADWUIn waggoottan kana keessatti ittiin as ga’e waan gaarii hedduu akkuma qabu, waan sirreeffamuu qaban hedduu lakkaa’amanii hin dhumnes qaba. Jecha Dimokiraasii jedhu kana fidanii hanga tokko Maalummaa Dimokiraasii uummata barsiisuun kuniyyuu waan salphaa nutti fakkaachuu danda’a malee, jechuma dimokiraasii jedhu beekuuniyyuu waan guddaadhaa. Sababnisaa namni faayidaa ifaa hin beekne, maalummaa dukkanaa hin beeku. Osoo waa’ee dimokiraasii hin baranne ta’ee maalummaa dhiibbaa gabrummaa hin beeknu turre. Garaagarummaa wantoota kanneen lamaanii beekuun keenya dhugaa dubbachuuf yoo ta’e waggaa 27 as jedheen yaada. Yaadrimee Dimokiraasii fi Maalummaan dimokiraasii hojiirra haalaan oolus ooluu baatus bal’inaan karaa ADWUI lallabamuun isaa wal-nama hin gaafachiisu. Lammileen biyya kanaas erga bu’aa dimokiraasii dhandhamatanii hedduu mi’eeffatan, dimokiraasii isaa caaluuf gaafachaa jiru. Mootummaanis fedhii hawaasaa kana waan hubate fakkaata, tasumaayyuu guutummaan guutuutti amantaa hawaaasa irraa qabu mul’isaa jira. Akka Fakkeenyaatti Muummeen Ministeera Keenya haaraan Dr.Abiy Ahmed tibbana erga MM ta’anii filatamanii dhimmoottan gara garaa irratti hawaasa bakkeewwan gara garaa, Uummata Naannoo Somaalee, Uummata magaalaa Amboo, uummata Tigraay, akkasumas dargaggoota mariisisuu irratti argamu. Gochaan akkasii nama ala taa’ee ilaaluuf akka bashannana ykn waan salphaa fakkaachuu danda’a, Garuummoo yaadi maree uummatoota bakkeewwwan gara garaa kana irraa argamu akka galteewwan furmaata rakkoo biyyi kun keessa turteetti kan fayyaduu fi fedhii hawaasaa giddu galeessa godhachuun akka hojjetamuuf gargaara waan ta’eef baay’ee barbaachisaa dha. Inni kan biraan ammoo waa’een dhimma biyya kana irra caalaatti Uummata biyyattii qofa kan ilaallatu ta’uu isaa ifatti kan lafa kaa’uu dha. Walumaa galatti, dhimmi waa’ee biyyaa irratti mar’ichaa deemuu dhimmi filannoo keessa galu ta’uu hin qabu.