Ethiopiaprosperous
Ethiopian News Ethiopian Daily news, Regarding political and social Issues.

Xiyyeeffannoo 1

0 861

Get real time updates directly on you device, subscribe now.

Xiyyeeffannoo 1

Hiikaa Margaa tiin
Biyya kana keessatti rakkoon yeroo baay’ee nu mudatu dhimmi tokkoof xiyyeeffannoo kennuu
dhiisuu irraa kan madduu dha. Dhimma tokkoof xiyyeeffannoo kennuu dhiisuun keenya yeroo
gara garaatti gatii hin barbaachifne nu kaffalchiiseera, nu kaffalchiisaas jira.
Dhimmi an xiyyeeffannoo koo har’aa keessatti qabadhee dhiyaadhe dhimmi “Misooma Qonnaa”
biyya keenyaa ti.

Qonni utubaa dinagdee biyya Itiyoophiyaa ti. Lammileen biyya kanaa dhibbeentaan 85 ol-
qonnaan bultoota ta’uu isaa yeroo gara garaatti ni dhageenya.

Dhimmi Misooma Qonnaa biyya keenyaa dhimmi kamiinuu caalaa xiyyeeffannoon itti kennamee
hojjetamuu qabuu dha. Sababni biyyi kun misooma qonnaaf xiyyeeffannoo kennuufii qabduuf
keessaa inni guddaan haalli teessuma biyya kanaaf qilleensi biyya kanaa irra jireessaan
dinagdee qonnaaf mijataa waan ta’eef, hojiin misooma qonnaa ciminaan yoo hojjetame
hiyyummaa keessaa salphaatti ba’uun ni danda’ama.
Haalawwan misooma qonnaa kanaaf mijatoo ta’an keessaa tokko, biyyi kun rooba ga’aa
oomishaaf tolu argachuu ishee, kan biraan ammoo bishaan jallisiif tolan hedduu qabaachuu
isheeti. Akka ogeessonni qonnaa hedduun dubbatanitti lafti biyya kanaa guutummaan guutuutti
jechuun kan danda’amu misooma qonnaaf oolchuun ni danda’ama.
Haa ta’uyyuu malee haalli qabatamaan qonna biyya kanaa sadarkaa barbaadame irratti hin
argamu. Inumaayyuu qilleensa qonnaaf mijataa akkasii keessa teenyee yeroon qonni biyya
kanaa tajaajila midhaan nyaataan akka biyyi kun of dandeessu kan hin taasifne ni jira.
Kunis kan ta’uu danda’eef sababoottan gara garaa jiraachuu malu. Boodatti hafummaa qonna
biyya kanaatiif sababa guddaa jedhamee yeroo baay’ee kan odeeffamu sirna misooma qonnaa
aadaa fayyadamuun isa ol’aanaadha.
Lammileen biyya keenyaa irra jireessaan jiruu qonnaa irratti hirkatanii kan jiraatan yoo ta’ellee,
malli qonnaa isaan ittiin qonna adeemsisaa jiran duubatti hafaa waan ta’eef faayidaa qonnarraa
argamuu danda’u hunda argachuun hin danda’amne. Mala aadaa yemmuu jennu, meeshaalee
ammayyawaa kanneen akka tiraakteraa, calla guddiftuu fi sanyiiwwan filatamoo ta’an osoo hin
fayyadamin akkuma salphaatti waan naannootti argamu qofa fayyadamuun mala qonnaa
adeemsifamuudha. Yeroo kana jennu dandeettii meeshaalee ammayyaa’ootti fayyadamuu
jiraachuu dhiisuus ni mala jedheen yaada.
Rakkoon boodatti hafummaa misooma biyya kanaaf sababa ta’u inni kan biraa fi guddaan fedhii
jijjiiramaaf of-kennanii hojjechuu dhabuu ti. Akkuman sila jedhee biyyi kun hojii qonnaaf baay’ee
kennataa dha jenneerra. Qonnaa yeroo jennu ammoo sanyii midhaan nyaataaf ta’u qofa
oomishuu osoo hin taane, loon, lukkuu, fi beelladawwan gara garaa horsiisuu of keessatti
hammata. Garuu rakkoon biyya keenyaa inni ol’aanaan inni buna oomishu, bunasaa oomishee
jennaan qonnaa isa kan biraa irraa dhimmi waan hin qabneef bunnisaa sun gurguramee
midhaan kan biraa waan fiduuf bu’aa nyaatarra darbe argachuun hin danda’amu. Inni loon
horsiisu ammoo loonuma qofarratti waan xiyyeeffatuuf hojii qonnaa biroof iddoo hin laatu.
Adeemsi akkasii ammoo eeggatummaa jalatti nama kuffisa waan ta’eef jireenya fooyya’aa
jiraachuudhaaf danqaa ta’a.
Osoo beekamee jireenya lammilee biyya kanaa fooyyeesuu dhaaf carraa guddaan qonna caale
hin jiru. Armaan olitti biyyi kun qabeenya uumamaa qonnaaf mijataa ta’an hedduu qabdi
jedheen ture. Qabeenyawwan kanneen keessaa tokko bishaan dha. Bishaan yeroo jennu
bishaan rooba irraa argamuu fi bishaan garaaa dachee keessa jiruu dha. Hanga qabeenya
bishaan kanneen lamaan qabnuufi faayidaan nuti irraa argachaa jirru baay’ee gad-aanaa dha.
Biyyootni nuti yeroo baay’ee maqaa isaanii itti fayyadama qabeenya bishaan isaaniin beeknu
akka Misirii fi Israa’el fakkeenya guddaa nuuf ta’uu qabu.
Fakkeenyaaf biyyi Israa’el Oomisha Fuduraa fi Muduraan Addunyaa kanarraa sadarkaa baay’ee

gaarii qabdi. Haa ta’u malee haalli lafa qonnaa biyya Israa’el qonnaaf mijataa miti. Lafuma biyyi
kun qabdu keessaa 20% qofatu qonnaaf mijataa dha. Haalli qilleensa isheef irra jireessaan
gammoojjii waan ta’eef qonnaaf baay’ee rakkisaa dha. Garuummoo haalli qabatamaan qonna
biyya Israa’el haala nama ajaa’ibsiisuun faallaa nuti eegnuu dha. Midhaan nyaataa dhibbeentaa
95 biyyashee keessatti kan oomishamu yommuu ta’u , oomisha qonnaa fuduraa fi muduraa
biyya sanatti oomishamu kanneenis biyya alaatti erguun sharafa biyya alaa hedduu argachaa
oolu. Kun kan ta’uu danda’eef kutannoon lammilee biyya Sanaa of jijjiiruuf hojjetan ol’aanaa
ta’uu isaa fi itti fayyadamni teknooloojii qonnaa ol’aanaa ta’uu isaa ti.
Biyya Misraa(Gibxi)nis yoo ilaalle biyya baa’yee gammoojjii taateefi rooba xiqqoo argattuudha.
Sanumaayyuu qonna biyya sanaaf biyya keenyarraa bishaan biyya eeggattuu dha. Haa ta’u
malee cimanii hojjechuu dhaan sadarkaan qonna biyyasaanii akka fooyya’u biyya taasiftee dha.
Biyyi kunis akkuma biyya Israa’el haala mijataa hin ta’in keessatti bishaanuma xiqqoo argatanitti
haalaan fayyadamuun bu’aa hedduu biyya qonna irraa argatteedha.
Biyya Itiyoophiyaa kana keessatti qonnaa mala ammayyaawaa jechuun tiraakteraan qotuu,
oomisha calla-guddiftuu qofatti fayyadamuu qofaan akka waan bu’aa hedduun dhufuutti
yaaduun ni mul’ata.
Garuummoo misooma qonna keenyaa fooyyessuu dhaaf ilaalcha keenya jijjiiruunis baay’ee
barbaachisaa dha. Leecalloo qabnutti osoo hin hmbsisin haalaan yoo fayyadamneefi ilaalchi
nuti hojiif qabnu yoo fooyya’e hojii kamiin caalaa kan biyya kana fayyadu hojii qonnaa caalaa
waan biraan hin jiru. Sababnisaa fooyya’insi qonnaa biyya kanaa fooyya’insa jireenya lammilee
biyya kanaa fiduun isaa hin oolu. Jireenyi lammilee biyya kanaa fooyyofnaan ammoo sanaan
booda waan hedduun fooyya’uun isaanii dirqama.
Mootummaanis dhiyeenya kana akka jedhaa jirutti yoo ta’e, dinagdee biyya kanaa fooyyessuuf
misooma qonnaa biyya kanaaf xiyyeeffannoo guddaa kennuufiin qaba jechaa jira. Dura
lammileen biyya kanaa midhaan nyaataan of ha danda’an sana booda kan biro irratti
xiyyeeffachuu qabna waan jedhu fakkaata.
Kaka’umsi akkasii baay’ee gaarii dha. Sababnisaa akkuman sila jedhee, sirni qonna biyya
kanaa fooyyofnaan waan hedduu lammilee biyya kanaatu fooyya’a waan ta’eef.
Kanaafuu akka nama tokkoootii dhaamsi ani qabu, jijjiirama eegamu hunda fiduudhaaf
qaamoleen dhimmi misooma qonnaa irratti leenjii qaban hundinuu akkaataa barnoota baratan
sanaatti lammilee qonnarratti bobbo’an kana deggeruun bu’aan gaariin akka qonnarraa argamu
gochuun ni danda’ama.
Walumaa galatti qonna biyya kanaa guddisuu jechuun salphaatti jireenya qotee bulaa biyya
kanaa jijjiiruu waan ta’eef mootummaanis ta’e, qaamni dhimmi kun ilaalu ciminaan
xiyyeeffannoo jalqabaa gochuun irratti hojjechuun barbaachisaa dha.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

This website uses cookies to improve your experience. We'll assume you're ok with this, but you can opt-out if you wish. Accept Read More

Privacy & Cookies Policy