AFAAN OROMOO

Xiyyeeffannoo 1

By Admin

April 27, 2018

Xiyyeeffannoo 1

Hiikaa Margaa tiin Biyya kana keessatti rakkoon yeroo baay’ee nu mudatu dhimmi tokkoof xiyyeeffannoo kennuu dhiisuu irraa kan madduu dha. Dhimma tokkoof xiyyeeffannoo kennuu dhiisuun keenya yeroo gara garaatti gatii hin barbaachifne nu kaffalchiiseera, nu kaffalchiisaas jira. Dhimmi an xiyyeeffannoo koo har’aa keessatti qabadhee dhiyaadhe dhimmi “Misooma Qonnaa” biyya keenyaa ti.

Qonni utubaa dinagdee biyya Itiyoophiyaa ti. Lammileen biyya kanaa dhibbeentaan 85 ol- qonnaan bultoota ta’uu isaa yeroo gara garaatti ni dhageenya.

Dhimmi Misooma Qonnaa biyya keenyaa dhimmi kamiinuu caalaa xiyyeeffannoon itti kennamee hojjetamuu qabuu dha. Sababni biyyi kun misooma qonnaaf xiyyeeffannoo kennuufii qabduuf keessaa inni guddaan haalli teessuma biyya kanaaf qilleensi biyya kanaa irra jireessaan dinagdee qonnaaf mijataa waan ta’eef, hojiin misooma qonnaa ciminaan yoo hojjetame hiyyummaa keessaa salphaatti ba’uun ni danda’ama. Haalawwan misooma qonnaa kanaaf mijatoo ta’an keessaa tokko, biyyi kun rooba ga’aa oomishaaf tolu argachuu ishee, kan biraan ammoo bishaan jallisiif tolan hedduu qabaachuu isheeti. Akka ogeessonni qonnaa hedduun dubbatanitti lafti biyya kanaa guutummaan guutuutti jechuun kan danda’amu misooma qonnaaf oolchuun ni danda’ama. Haa ta’uyyuu malee haalli qabatamaan qonna biyya kanaa sadarkaa barbaadame irratti hin argamu. Inumaayyuu qilleensa qonnaaf mijataa akkasii keessa teenyee yeroon qonni biyya kanaa tajaajila midhaan nyaataan akka biyyi kun of dandeessu kan hin taasifne ni jira. Kunis kan ta’uu danda’eef sababoottan gara garaa jiraachuu malu. Boodatti hafummaa qonna biyya kanaatiif sababa guddaa jedhamee yeroo baay’ee kan odeeffamu sirna misooma qonnaa aadaa fayyadamuun isa ol’aanaadha. Lammileen biyya keenyaa irra jireessaan jiruu qonnaa irratti hirkatanii kan jiraatan yoo ta’ellee, malli qonnaa isaan ittiin qonna adeemsisaa jiran duubatti hafaa waan ta’eef faayidaa qonnarraa argamuu danda’u hunda argachuun hin danda’amne. Mala aadaa yemmuu jennu, meeshaalee ammayyawaa kanneen akka tiraakteraa, calla guddiftuu fi sanyiiwwan filatamoo ta’an osoo hin fayyadamin akkuma salphaatti waan naannootti argamu qofa fayyadamuun mala qonnaa adeemsifamuudha. Yeroo kana jennu dandeettii meeshaalee ammayyaa’ootti fayyadamuu jiraachuu dhiisuus ni mala jedheen yaada. Rakkoon boodatti hafummaa misooma biyya kanaaf sababa ta’u inni kan biraa fi guddaan fedhii jijjiiramaaf of-kennanii hojjechuu dhabuu ti. Akkuman sila jedhee biyyi kun hojii qonnaaf baay’ee kennataa dha jenneerra. Qonnaa yeroo jennu ammoo sanyii midhaan nyaataaf ta’u qofa oomishuu osoo hin taane, loon, lukkuu, fi beelladawwan gara garaa horsiisuu of keessatti hammata. Garuu rakkoon biyya keenyaa inni ol’aanaan inni buna oomishu, bunasaa oomishee jennaan qonnaa isa kan biraa irraa dhimmi waan hin qabneef bunnisaa sun gurguramee midhaan kan biraa waan fiduuf bu’aa nyaatarra darbe argachuun hin danda’amu. Inni loon horsiisu ammoo loonuma qofarratti waan xiyyeeffatuuf hojii qonnaa biroof iddoo hin laatu. Adeemsi akkasii ammoo eeggatummaa jalatti nama kuffisa waan ta’eef jireenya fooyya’aa jiraachuudhaaf danqaa ta’a. Osoo beekamee jireenya lammilee biyya kanaa fooyyeesuu dhaaf carraa guddaan qonna caale hin jiru. Armaan olitti biyyi kun qabeenya uumamaa qonnaaf mijataa ta’an hedduu qabdi jedheen ture. Qabeenyawwan kanneen keessaa tokko bishaan dha. Bishaan yeroo jennu bishaan rooba irraa argamuu fi bishaan garaaa dachee keessa jiruu dha. Hanga qabeenya bishaan kanneen lamaan qabnuufi faayidaan nuti irraa argachaa jirru baay’ee gad-aanaa dha. Biyyootni nuti yeroo baay’ee maqaa isaanii itti fayyadama qabeenya bishaan isaaniin beeknu akka Misirii fi Israa’el fakkeenya guddaa nuuf ta’uu qabu. Fakkeenyaaf biyyi Israa’el Oomisha Fuduraa fi Muduraan Addunyaa kanarraa sadarkaa baay’ee

gaarii qabdi. Haa ta’u malee haalli lafa qonnaa biyya Israa’el qonnaaf mijataa miti. Lafuma biyyi kun qabdu keessaa 20% qofatu qonnaaf mijataa dha. Haalli qilleensa isheef irra jireessaan gammoojjii waan ta’eef qonnaaf baay’ee rakkisaa dha. Garuummoo haalli qabatamaan qonna biyya Israa’el haala nama ajaa’ibsiisuun faallaa nuti eegnuu dha. Midhaan nyaataa dhibbeentaa 95 biyyashee keessatti kan oomishamu yommuu ta’u , oomisha qonnaa fuduraa fi muduraa biyya sanatti oomishamu kanneenis biyya alaatti erguun sharafa biyya alaa hedduu argachaa oolu. Kun kan ta’uu danda’eef kutannoon lammilee biyya Sanaa of jijjiiruuf hojjetan ol’aanaa ta’uu isaa fi itti fayyadamni teknooloojii qonnaa ol’aanaa ta’uu isaa ti. Biyya Misraa(Gibxi)nis yoo ilaalle biyya baa’yee gammoojjii taateefi rooba xiqqoo argattuudha. Sanumaayyuu qonna biyya sanaaf biyya keenyarraa bishaan biyya eeggattuu dha. Haa ta’u malee cimanii hojjechuu dhaan sadarkaan qonna biyyasaanii akka fooyya’u biyya taasiftee dha. Biyyi kunis akkuma biyya Israa’el haala mijataa hin ta’in keessatti bishaanuma xiqqoo argatanitti haalaan fayyadamuun bu’aa hedduu biyya qonna irraa argatteedha. Biyya Itiyoophiyaa kana keessatti qonnaa mala ammayyaawaa jechuun tiraakteraan qotuu, oomisha calla-guddiftuu qofatti fayyadamuu qofaan akka waan bu’aa hedduun dhufuutti yaaduun ni mul’ata. Garuummoo misooma qonna keenyaa fooyyessuu dhaaf ilaalcha keenya jijjiiruunis baay’ee barbaachisaa dha. Leecalloo qabnutti osoo hin hmbsisin haalaan yoo fayyadamneefi ilaalchi nuti hojiif qabnu yoo fooyya’e hojii kamiin caalaa kan biyya kana fayyadu hojii qonnaa caalaa waan biraan hin jiru. Sababnisaa fooyya’insi qonnaa biyya kanaa fooyya’insa jireenya lammilee biyya kanaa fiduun isaa hin oolu. Jireenyi lammilee biyya kanaa fooyyofnaan ammoo sanaan booda waan hedduun fooyya’uun isaanii dirqama. Mootummaanis dhiyeenya kana akka jedhaa jirutti yoo ta’e, dinagdee biyya kanaa fooyyessuuf misooma qonnaa biyya kanaaf xiyyeeffannoo guddaa kennuufiin qaba jechaa jira. Dura lammileen biyya kanaa midhaan nyaataan of ha danda’an sana booda kan biro irratti xiyyeeffachuu qabna waan jedhu fakkaata. Kaka’umsi akkasii baay’ee gaarii dha. Sababnisaa akkuman sila jedhee, sirni qonna biyya kanaa fooyyofnaan waan hedduu lammilee biyya kanaatu fooyya’a waan ta’eef. Kanaafuu akka nama tokkoootii dhaamsi ani qabu, jijjiirama eegamu hunda fiduudhaaf qaamoleen dhimmi misooma qonnaa irratti leenjii qaban hundinuu akkaataa barnoota baratan sanaatti lammilee qonnarratti bobbo’an kana deggeruun bu’aan gaariin akka qonnarraa argamu gochuun ni danda’ama. Walumaa galatti qonna biyya kanaa guddisuu jechuun salphaatti jireenya qotee bulaa biyya kanaa jijjiiruu waan ta’eef mootummaanis ta’e, qaamni dhimmi kun ilaalu ciminaan xiyyeeffannoo jalqabaa gochuun irratti hojjechuun barbaachisaa dha.