Xumuruuf jennaam!
Hiikaa Margaa
Waa’een dhimmi Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa yeroo ka’u, seenaa Itiyoophiyaan dur qabdu turte sana dhugaa ta’uu kan nu hubachiisuu dha. Kunoo hidha kana ijaaruuf dhagaan bu’uuraa erga kaa’amee waggaa torbaffaa keenya xumurre. Yeroo dhagaan bu’uuraa sun kaa’ame lammilee Itiyoophiyaatti hamilee cimaatu horame. Kanneen biroon ammo biyyi kun ni qoostimoo dhuguma pirojektii hanga kana ga’u, sanumaammoo baasii mataa isheetiin hojjettii jechuun yaada hamilee nama buusu burqisiisaa turan.
Oduun akkasii kun uummata Itiyoophiyaa biratti hagas mara dhageettiis hin arganne. Sababnisaa lammileen biyya kanaa hundi seenaa hojjechuun isaaniif haaraa waan hin taaneef akkuma hojii idilee kanaan dura hojjechaa turaniitti tokkummaa dhaan ijaarsa hidha guddicha haaromsa biyya kanaaf hoo jechuun wal faana ka’an.
Qabeenya isaa, humna isaaf waan danda’u hundaan ijarsa kana bira dhaabbachaa jira.
Waggoottan turban kana keessattis hojiiwwan hedduun hojjetamaniiru. Hidhi kun yeroo ammaa parsantaa 64 irra kan qaqqabe yommuu ta’u xumuruuf kan nu hafu parsantii 34 qofa ta’uu yeroo dhageenyu injifannoon Itiyoophiyaa ammas itti fufuu isaa ibsa.
Pirojektiin kun gaafa xumuramu faayidaa isaa yoo teenyee yaadne, faayidaa nuti yeroo ammaa humna ibsaa irraa argachaa jirru si’a sadii ol dachaan dabaluun madda humnaa hedduu waan argachuu dandeenyuuf jijjiirama guddaa biyya kanaaf fida jedhamee abdii guddaa dhaan eegamaa jira.
Egaa yeroo ammaa kana sadarkaan hidhi guddichi haaromsa keenyaa kun irra ga’e kun waan salphaa miti. Uummatni Itiyoophiyaa hammam rakkoo nageenyaa keessootiin rakkatus dhimmi kun dhimma biyyaa fi seenaa labatatti darbu ta’uu isaarrayyuu tokkummaa biyya kanaa gara boqonnaa haaraa jaarraa kanaatti waan ceesisuuf iji lammilee biyya kanaa pirojektii kanarraa tasayyuu irraa diida ilaalee hin beeku.
Tokkummaan Itiyoophiyaa yoomiyyuu dhimmoota akkas maqaa biyya keenyaa waamsisan irratti duuba deebi’ees hin beeku,- tokkummaan gaafa lola Adwaa sun, tokkummaan siidaawwan Aksum ijaare sun, tokkummaan gamoowwan Laalibelaa fi gamoo Jogol ijaare sun ammallee osoo hin jijjjiiramin dhalootatti darbuu isaa mul’isa.
Saboonni, sab-lammoonnii fi uummatootni biyya kanaa dhimmi hidha guddicha haaromsa keenyaa hin ilaallanneef keessatti hin hirmaachifne hin jiru.
Jecha Ministeerri Ministeera Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Dr. Nagarii Leencoo jedhan tokkotu baay’ee na dhibe, innis akkas jedha, “ Bishaan Abbaay biyyoo keenya dhiqee deema” inni jedhu qofaan hin ibsu jedhan. Haasaa isaanii kana irratti bishaan kun biyya kana keessaa gara biyyoota ormaatti yeroo ba’u lafee fi dhiiga lammilee biyya kanaa guuree akka deemuuf biyyoota biraaf ammoo akka madda aara galfii ta’e ibsan.
Jechi kun anaaf waan salphaa miti. Aadaan biyya keenyaa nama lubbuun jiru osoo hin taane, nama lubbuun du’eef iyyuu kabajaa guddaa kenna. Kanaaf yeroo dhiigni keenyaaf lafeen keenya bishaaniin haramee deemu, onneen calliftee ilaaltu jiraachuu akka hin qabnes dhaamsa waan dabarsan natti fakkaata.
Dhimmi kun akka ajandaa idilee keenyaatti erga qabannee waggaa torbaffaa eegaluu keenya dursee ibseen ture. Waggoottan kanneen keessattis hirmaannaan lammilee hundaa baay’ee ho’aa kan turee fi sadarkaa amma hidhi kun irra jiruuf ga’ee guddaa kan taphatee dha. Qarshiiwwan biliyoona saddeet ol ta’us lammilee biyya kanaa irraa kan walitti qabameef ijaarsa hidha kanaaf Kan oolaa jiruu dha.
Yeroo akkas jennu salphaa nutti fakkaachuu danda’a. Akka odeeffannoon adda addaa ibsutti pirojektiin hidha guddicha Haaromsa biyya keenyaa kun akka ardii Afriikaatti sadarkaa tokkoffaa irra kan nu kaa’u yommuu ta’u, akka addunyaattimmoo sadarkaa shanaffaa irra teenya.
Qaamoleen gara garaa yeroo gara garaatti hidha kana ilaalchisee ajandaa mataa isaanii ittiin ooffachuuf yeroo isaan dhama’an argaa oolla. Odeeffannoon isaan waa’ee hidha keenyaa kennanis kan dogongorsiisaa ta’aniif itti gaafatamummaan miira biyyummaa kan keessa hin jirre ta’uu isaa hubannee jirra. Akka isaan odeessan yoo ta’e hidhichi sababa gara garaan kan hojii dhaabee fi manaajerri pirojektichaayyuu dhiisee akka bade odeessuun lammilee burjaajessuu yaalu. Garuummoo haalaqabatamaan pirojektii kanaa yoo ilaallu sekondii tokkoof sa’a 24 keessatti dhaabbatee hin beeku.
Akkaataa xiinxala qaamolee kanaattis, hidhi kun biyyoota ollaa wajjin sababa walitti bu’iinsaa ta’uu isaa yeroo gara garaatti ajandaa godhatanii ibsuu yaalu. Kunis dadhabbii bu’aa hin qabne ta’uu isaatu nama dhiba. Sababnisaa erga gaafa hidhi kun jalqabeetii eegalee dippilomaasiin biyyoota fayyadamtoota bishaan abbayyaa irra caalaa cimuu isaa argaa jirra. Kunis hojii dippilomaasii mootummaan hojjetee fi walitti dhufeenya biyyi kunneen dhimmi kana dura qaban irraan kan ka’e rakkoon walitti bu’eensaa ni uumama jechuu midhaan abjuu ti. Biyyootni kunneen walii galtee cimaa irra ga’anii kan jiranii dha waan ta’eef.
Walumaa galatti, yeroo fuuldura biyya keenyaa yaadnu, yeroo abdii guddaa, ifaa fi jireenya fooyya’aatu nutti mul’ata. Biyyi keenya Itiyoophiyaanis daandii gaarii qabatteee jiraachuu ishee haalotni tokko tokko nutti mul’isaa jiru.
Kanaaf hidha Haaromsa keenyaa kana akkuma eegalle kana xumuruuf yeroo muraasatu nu hafe. Deggersi lammileen hidha kanaaf gochaa turan ammas itti fufuun xumura waan kanaa arginee akka darbinuuf ga’ee keenya taphachuun nurra jiraata.