Ethiopiaprosperous
Ethiopian News Ethiopian Daily news, Regarding political and social Issues.

Yoo godaansi dirqama ta’eef…

0 380

Get real time updates directly on you device, subscribe now.

Yoo godaansi dirqama ta’eef…

Hiikaa Margaatiin

Dhalli namaa akka dhuunfaatti fedhiiwwan gara garaa qaba. Fedhiiwwan isaa kanneenis kan guuttachuu danda’u yoo hojjte qofaa dha. Hojii yeroo jedhamu ammoo hojiiwwan gara garaa akka dandeettii nama dhuunfaatti hojjetamanii dha. Kadhachuullee ta’a malee jiraachuuf hojjechuun dirqama,

Kanaafuu yeroon nuti amma keessa jrru kun, yeroo itti hojii argachuu dhaaf dorgommii cimaa taasifnuu dha.

Egaa haaluma guddina biyya tokkoo irratti hundaa’ee carraan hojii argachuu garaagarummaa qabaachuu ni mala. Keessumaa hojii ogummaa fi barnoota irratti hundaa’e argachuudhaaf guddinni biyya hojiin sun keessatti barbaadamuu murteessaa dha,

Biyyootni teknooloojiidhaan baay’ee guddatan carraan hojiin isaan lammileef uumanis akkasuma guddaa dha. Guddinni biyya tokkoo waan baay’ee of keessatti akka qabatu beekna. Biyyoota guddatan keessatti babal’inni industiriillee daran olaanaa dha. Akkuma industiriiwwan babal’atan carraan hojii uumuu isaaniis akkasuma ta’a.

Kunneen egaa carraa biyyoota dinagdeen isaanii guddataniiti. Gara keenyatti yoo deebinu ammoo biyyi keenya Itiyoophiyaan sababawwan gara garaaf carraan guddachuu ishee gadi aaanaa ta’uu irra darbee akkuma Addunyaattiyyuu biyya maqaan ishee fakkeenya hiyyummaatiin beekamuu dha. Hiyyummaan ammoo rakkoo baay’ee of keessaa qabaata. Sababa hiyyummaatiin fedhiin namoomaa akka barbaadametti hin guutamu-yoodhumallee fedhiin jiraates.

Sababnisaa haalli biyyi keenya kanaan dura keessa turte, misooma tarsimoowaa lammilee fayyadu osoo hin taane, waraana walii waliinii, hongee fi kkf dhaan rukutamaa waan turteef hiyyummaa fi gadadoon hundee gadi-fageeffate lammilee biyya kanaa gidirsaa tureera.

Ammas taanaan leecalloo biyyi kun qabduu wajjin yeroo wal-bira qabamu, sadarkaan guddina biyya keenya haga barbaadamu miti.

Akkuman armaan dura kaasuuf yaale, sadarkaan guddina biyya tokkoo fooyya’aa yoo ta’e jireenyi lammilee biyya sanaas wal-faana fooyya’aa ta’a.

Haala amma biyyi keenya keessa jirtu yoo ilaalle baay’inni lammilee hojii barbaadanii, keessumaa baayinni dargaggootaa carraa hojii biyya kana keessa jiruu wajjin wal-hin simu. Baay’inni dargaggoo biyya kanaa baay’ina waliigala lammilee biyya kanaa waliin yeroo madaalamu parsantaa 60 olii dha. Kana jechuun humni hojii hojjetee jiraachuu barbaadu daran guddaa ta’uu isaati.

Guddinni biyyi keenya yeroo ammaa irra jirtu fooyya’aa ta’us, dandeettiin isheen carraa hojii uumuuf qabdu lakkoofsa hoji barbaadaa wajjin wal-hin simu.

Egaa akkuman seensa koo irratti ibsuuf yaale, dhalli namaa ammoo jiraachuuf hojjechuun isaa dhimmi filannoof dhiyaatu osoo hin taane, sansakkaa jireenyaati. Carraan hojii biyya keessa jiraatus, dhiisus namni yomillee taanaan osoo hin hojjetin jiraachuun waan hin danda’amneef carraawwan biraa yaaluun isaa oola hin qabu.

Carraawwan kanneen keessaa tokko biyya alaatti godaananii carraa hojii biyyoota guddatan keessaa barbaaddachuu fa’aan baay’ee idilaawaa ta’aa dhufeera. Biyya alaatii hojii barbaaddatanii argachuun ammoo waan salphaa miti. Biyya birmadduu taate tokko deemanii akka barbaadan hojjechuun, daangaa biyya tokko salphaatti ce’uun hin danda’amu. Sababnisaa biyyi tokko hanga biyya of-dandeesse taatee jirtutti, seeraa fi heera mataa ishee qabaatti, ulaagaa ittiin lammilee biyya alaa keessumeessitee heyyama hojii laattuuf kan mataa ishee qabdi.

Kanneen ulaagaa biyya tokko akka barbaadanitti hojjechuuf barbaachisu hin guutuu hin dandeenye ammoo sila fedhiin isaanii biyya alaa deemanii hojjechuutti waan hidhameef fala biraa yaaduun isaanii hin hafu_seeraan ala godaanuufaa filannoo godhatu.

Filannoon akka godaansa seeraa alaa kun ammoo faayidaa isaarra miidhaasaatu baay’ee ol’aanaa dha. Gochaawwan seeraan alaa akkuma maqaa isaa wantootni baay’een seeraan ala ta’u, waan godhanis ta’e waan namarratti raawwatu fi seera gidduu hariiroon hin jiru.

Adeemsa kana keessatti namootni muraasni milkaa’ana argachuu danda’u. Milkaa’inni isaanii kun garuu dadhabbii baay’ee, bu’aa bayii baayee boodafaa ta’uu dagachuun barbaachisaa dha. Namootni tokko tokko qarshii hedduu daldaaltota seeraan alaa warra biyya alaatti nama erganiif yeroo kaffalanii deemantu mul’ata. Ammamee erga qarshii kuma dhibbaan lakkaa’amu qabaatanii biyya nagaa keessaa ba’anii karaa dhadhabsiisaadhaan, gammoojjii irraafi jalaan nama gubu keessa ba’anii deemuun kun maal jedhama? Isayyuu karaa irratti du’uutu baay’ataam. Yaa jara keenyaa ka’umsi dubbichaa erga jiraachuu ta’ee du’aaf of-saaxilanii manaa ba’uurra biyyuma ofii keessatti waan argatan hojjechaa biyya waliin guddachuu wayya.

Balaa hamaan karaa seeraan alaa godaanuu kun lammilee Itiyoophiyaa yeroo gara garaatti mudachaa oola.

Gammoojjii keessatti saamamuu, gudeedamuu, reebamuu, mirga ofii dhabuufaatu jiraam. Galaana keessatti osoo ija ofiin ilaalanii darbatamanii liqimfamuu tu jira.

Waanuma fedheefuu yoo biyya ofii hiyyeettiidhuma taate kana keessatti waan argame hojjechaa obsaan jiraatan jijjiiramni yeroo wajjin dhufuunsaa waan hin oollee dha.

Mootummaanis akka Mootummaatti miidhaan karaa godaansa seeraa alaa lammilee isaarra ga’u isa yaaddessa.Yaaddessuus qaba. Kanaafis filannoowwan dogongoraa lammileen tokko tokko karaa seeraan alaa biyya bakkeetti godaanan filannoo sana dhiisanii karaa seera qabeessaan bobbii hojii biyya alaa deemanii akka hojjetaniif yeroowwan gara garaatti haala mijeessaa jira. Bu’aan karaa dippilomaasii argamanis hedduu jajjabeessoo dha.

Mootummaan Itiyoophiyaa yeroo ammaa kana biyyoota garagaraa wajjin walii galtee hojjetoota wal-jijjiiruu hedduu mallatteessee jira.

Mootummaan Federaala Dimokiraatawaa Itiyoophiyaa lammileen biyya kanaa eenyummaan isaanii beekameefii akkasumas mirgootni isaanii hundumtuu kabajameefii karaa seera qabeessaan biyya alaatti hojjechuu akka danda’anii fi Nageenya isaaniif wabii amansiisaan akka jiraatuuf hojiiwwan gaggaarii hojjechaa jira.

Mootummaa Kuweetii fi Biyyoota Arabaa hedduu wajjin walii galtee irra kan ga’ame yemmuu ta’u, lammileen biyya alaa deemanii hojjechuuf fedha qaban ulaagaawwan isaan barbaachisu kan guutan yoo ta’e, karaa seera-qabeessaan deemanii hojjechuu haalli dandeessisu diriiree jira.

Haalawwan kana mijeessuufis Ministeerri Dhimma Hawaasummaafi Hojjettootaa akkasumas qaamoleen dhimmi kun ilaallatu hojiiwwan gurguddaa hojjetaniiru, hojjechaas jiru.

Walumaa galatti, lammileen biyya keenyaa biyya alaa deemanii hojjechuuf fedhii qaban, karaa seeraan alaan deemanii balaa biraaf osoo hin saaxilamin, haala mootummaan mijeesseefitti fayyadamanii ofii isaaniis ta’e biyya isaanii akka jijjiiraniif carraa guddaa dha.

Kanaaf daandiin seeraan alaa balaaf kan nama saaxilu ta’uu isaa beekuu fi beeksisuu dhaan, lammilee keenya balaa irraa baraaruun dirqama keenya ha ba’annu.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

This website uses cookies to improve your experience. We'll assume you're ok with this, but you can opt-out if you wish. Accept Read More

Privacy & Cookies Policy