Bu’aawwan Dippiloomaasii… Hiikaa Margaa
Walitti dhufeenyi biyyi keenya biyyoota ollaa wajjin qabdu kan duraa caalaa haalaan fooyya’uu irratti argama. Yeroo dhiyoo as garuu, dhimma Hidha Guddicha Haaromsa Biyya keenyaa wajjin wal-qabatee komeen biyyoota yaa’aa bishaan Abbayyaa kana gidduutti akka ka’aa jiruuf walitti dhufeenyi nuti biyyoota kanneen akka Sudaa fi Gibxi wajjin qabnu fakkeessuun piroppogaandaan gara garaa lallabamaa turus bu’aan ijaan argaa jirru sanarraa faallaa dha. Biyyi keenya Itiyoophiyaan seera waa’ee qabeenya Uumamaa isheetti guutummaan guutuutti fayyadamuu kan dandeessu yoo ta’ellee, karaa fayyadamummaa biyyoota yaa’aa gadii miidhuu hin dandeenyeen qofa akka ta’e ni amanti. Hidha Haaromsa keenyaa kanas kallattii biyyootni kunneen hundi osoo hin miidhamin itti hidhuu dandeessuu fi pirojektii kana irraa fayyadamoo ta’aniif cimtee hojjechaa jirti. Adeemsa kana dhugoomsuufis hojii dippiloomaasii cimaa Ministeera Haajaa Alaan hogganamu cimaasaa hojjechaa jirti. Hojiin dippilomaasii biyyoota sadeenii, Ministeera Haajaa Alaa biyya Keenyaa Dr.Warqinaa Gabayyoon durfamu injifannoowwan gaggaarii galmeessisaa jira. Kanumarraa ka’uun Mariin Ministeerota ol’aanoo 2ffaa biyyoota sadeen Itiyoophiyaa, sudaan fi Gibxi gidduutti magaalaa Finfinneeetti geggeeffamaa ture har’a walii galtee baay’ee gaarii dhaan xumura argateera. Walii galteewwan biyyootni kunneen taasisan keessaa muraasni, Fandii ijaarsa bu’uuraalee Misoomaa biyyoota sadeen walitti hidhu hundeessuu, Garee Qorannoo Saayinsaawaa biyyoolessaa Dhimma Hidha Guddichaa qoratu hundeessuu, fi akkasumas gareewwan bu’aalee qorannoo kanaa fi gaaffilee sanaan wal-qabatanii ka’an gorsitoota pirojektichaaf gabaasa kennu hundeessuu fi kkf irratti walii galameera. Hojiidhuma Dippilomaasii kana ilaalchisee saffisni biyyi keenya yeroo ammaa kana biyyoota ollaa fi michootaa wajjin walitti dhufeenya gaarii uumuuf taasisaa jirtu kan nama ajaa’ibuu dha. Walitti dhufeenya gaarii nuti biyya ollaa keenyaa Jibuutii wajjin qabnu cimsuuf akkasumas fayyadamummaa biyyoota lamaanii irratti waliin hojjechuuf kutannoo biyyi kun agarsiifteen fudhatama guddaa argattee jirti jechuun ni danda’ama. Kanumarraa ka’uun hojiiwwan bu’uuraalee misoomaa biyyoota lachuu walitti hidhan kan akka humna ibsaa, daandii fi hojiiwwan telekomunikeeshinii waliin misoomsuuf cimee akka hojjetamuuf walii galamaa jira. Biyyi sudaanis michoomni isheen waggoota dheeraaf biyya Itiyoophiyaa wajjin qabdu daran akka jabaatuuf daawwannaan jiila Itiyoophiyaa Dr.Abiy Ahmad n durfamu taasise irraa bu’aa hedduun argameera. Akkuma biyya Jibuutii wajjin walii galame hojiiwwan bu’uura misoomaa biyyoota lamaan walitti hidhan kanneen akka misooma humna ibsaa, oddoola dooniii, fi kkfn hojiiwwan misoomaa biyyootni lamaan hojjechuudhaaf walii galanii dha. Keessumaa injifannoo cimaan daawwannaa kanarraa argame, hidhamtootni lammii Itiyoophiyaa biyya kana keessatti argaman haalduree tokko malee akka hiikamaniif gaaffii karaa mootummaa keenyaan dhiyaateen akka hiikamaniif mootummaan sudaan itti walii galee, lammileen biyya keenyaa biyya ormaa keessati dararamaa turan gara biyya isaaniitti akka deebi’an taasifameera. Haaluma wal-fakkaatuun, hojiiwwan dippilomaasii biyyi keenya hojjechaa jirtu cimee itti fufuu isaa kan argisiisu, biyyootni ollaas fedhiin Itiyioophiyaa maal akka ta’e baraa waan dhufaniif kabajni lammilee biyya kanaaf isaan qabanis akkasuma dabalaa jira jechuun ni danda’ama. Dhimmuma kanarratti yaada itti dabaluun yoo barbaachise, dhiyeenya kanas jiilli Dr.Abiyn durfamu gara biyya Sa’udii Arabiyaa deemuudhaan hojiiwwan dippilomaasii ajaa’ibaa hojjechuudhaan, hidhamtoota lammii keenya ta’anii achitti argaman haal-duree tokko malee akka hiikaman taasisuurra darbeeyyuu sadarkaa hanga nama dhuunfaatti gadi bu’uun dhimmi lammilee biyya kanaa akka nu dhibu biyya biraa barsiisuun waan addaati. As irratti wanti ani osoo hin barreessin bira darbuu hin dandeenye jecha MM keenya Kabajamoo Dr.Abiy Ahmad jedhan tokko dha. Innis, “Biyya Arabaa deemnee Maal Barbaaddu nuun jennaan, maallaqa keessan osoo hin taane lammilee keenya mana hidhaa jiran nuuf hiikaa jenneen,kan si dhibu garuu yeroo ati lammiikee kabajju waan ati hin gaafanniyyuu siif kennama” jedhan. Jechi kun waan salphaa miti. Mootummaa jechuun hawaasa jechuu akka ta’e salphaadhumatti ifatti kan lafa kaa’uudha. Haalli Mootummaan itti lammilee isaa qabaa jiru akka gaariitti bareedaadha jechuun ni danda’ama. Injifannoowwan nuti karaa dippilomaasii argachaa jirru kun akka biyyaatti faayidaawwan hedduu qaba. Innis nageenyi amansiisaa naannoo akka jiraatu, biyyyootni ollaa kunneen fayyadamummaa waliiniif akka hojjetan, akkasumas walitti dhufeenyi lammilee biyyoota ollaa akka jabaatu taasisuu keessatti ga’ee ol’aanaa qaba. Walumaa galatti hojiin dippilomaasii cimaan akkasii kun hojjetamuun isaa isaa, dhageettii biyyi keenya biyyoota Afrikaa kanneen biro fi sadarkaa Idil-Addunyaatti qabdu dabalaa waan deemuuf haaluma amma irra jiramu kanaa cimee itti fufuu qaba.