Ethiopiaprosperous
Ethiopian News Ethiopian Daily news, Regarding political and social Issues.

Bu’aawwanii fi Gufuuwwan Caamsaa 20

0 422

Get real time updates directly on you device, subscribe now.

Bu’aawwanii fi Gufuuwwan Caamsaa 20
Tokkummaa Biyyaa

Barreeffamni koo har’aa waa’ee injifannoowwan Caamsaa 20’n argamanii fi Gufuuwwan injifannoo kanatti ta’aa turan waliin ilaalla.
Injifannoowwan Caamsaa 20’n galmaa’an yeroo ilaallu, seenaa keenyaa waggoottan dheeraa wajjin yeroo wal-bira qabnu daran fooyya’aa ta’uu isaa argaa jirra.
Waa’eedhuma keenya yeroo dhiyoo dubbachuun yoo barbaachise, sirni bulchiinsa biyya keenya waggoota dheeraadhaaf wal-qixxummaa sabaa fi sab-lammiitti kan amanu osoo hin taane, ol-aantummaa saba tokkoo qofaa faarsuun kanneen biroon eenyummaa isaaniillee irraanfatanii akka jiraataniif dhiibbaa guddaatu taasifamaa ture.
Garuummoo waa’ee eenyummaa ofiin wal-qabatee waan tokko tokko kan ilaallu yoo ta’e, dhalli namaa kamiyyuu wanti fedhe itti hafee eenyummaan isaa kabajamee fi akka lammii tokkootti aadaa fi duudhaan isaa kabajameefii jiraachuu fedha, kun mirgas.
Rakkoowwan biyya kana keessa turan hunda ni dubbanna yoo ta’e, yeroon waan nu hin geenyeef muraasuma waliin ilaalleetu, kan yeroo ammaa wajjin waliin madaalla.
Mirga Afaan ofiitiin dubbachuu yoo ilaalle, sabaa fi sab-lammileen hedduun biyya kana keessa jiraatan, Afaan ofiitiin dubbachuu dhiisaatii, Afaan mataa isaaniiyyuu akka qaban sadarkaa itti irraanfatan irra ga’anii turan. Sababnisaa , dhiibbaan biyya tokko, Afaan tokko jedhu sun lammilee kanneen biro humnaan fedhii isaanii ala aadaa fi afaan saba biraa itti fe’uun Afaan sila ganama waaqni kenneefitti akka hin fayyadamneef dhiibbaan godhamaa ture.
Adeemsa kana keessatti ammoo Afaan Kanaan dura akka carraa ta’ee guddachuu danda’e kan akka Afaan Amaaraa qofti Afaan lammilee hunda biyya kanaa akka ta’u gochuuf yaalamaa ture.
Egaan sabaa fi Sab-lammileen biyya kanaa dhiibbaawwan karaa mootummaas ta’e, maneen amantaa gara garaa aadaa fi duudhaa Sabaa fi sab-lammoota biyya kanaa ukkaamsuuf taasifamaa ture kana tole jedhanii kan fudhatan osoo hin taane, qabsoowwan gara garaa keessatti hirmaachaa turaniiru, qabsoowwan sana keessaa tokko har’a ilaaluuf jirra.
Inni kan biraan mirgi dimokiraasii dhala namaaf kennaman guutummaatti kan hojii irra hin oollee fi dhiittaan mirgoota dhala namaa waggoottan 27 dura turan baay’ee sodachisaa waan tureef sabaa fi sab-lammootni biyya kanaa hacuuccaa hamaa jala turan.
Mirgi qabeenya horachuullee sadarkaa qarshii murtaa’e qofaa hojjetanii argachuu ture. Kana jechuun namni hanga hojii hojjetetti qarshii murtaa’aa ol-kan qabaatu yoo ta’e, seeraan kan itti gaafatamu waan ta’eef fedhiin namni hojii hojjetee qabeenya horachuu daran gadi-bu’aa ture.
Waggoottan 27 as garuu seenaan biyya keenyaa sanaan kan wal-fakkaatu osoo hin taane, rakkoowwan yeroo Sanaa uummata gidirsaa turan dhabamsiisaa yeroo itti deemaa jirruu fi misooma ariifachiisaa keessatti kan argamnuu dha.
Hacuuccaa fi dhiibbaan dhala namaa irra ga’u hafee, sirni bulchiinsa haaraan sabaa fi sab-lammilee biyya kanaa hirmaachise akka diriiru taasifamuu isaa irraan kan ka’e, lammileen biyya kanaa yeroo ammaa kanatti waa’ee eenyummaa isaanii dhiphachaa kan jiran osoo hin taane sadarkaa jireenya isaanii fooyyeffachuuf kan halkaniif guyyaa hojjechaa jiranii dha.
Sirni bulchiinsa Federaalawaa Dimokiraatawaa amma nuti hordofaa jrru lammileen biyya kanaa eenyummaa isaaniirra dhiibbaan tokko osoo hin qaqqabin jireenya mataa isaanii akka geggeeffataniif karaa kan agarsiisaa jiruu dha.
Rakkoowwan armaan olitti ilaalle hedduun isaanii yeroo ammaa kana kan hin mul’annee dha. Sanumaayyuu lammileen biyya kanaa faayidaa mirga ofii daran barachuu irraan kan ka’e, irra caalaatti mirgi isaanii akka kabajamuuf qabsaa’aa jiru jechuun ni danda’ama.
Qabsoon Kanaan dura ture, qabsoo Afaan qawweetiin lubbuu walii balleessaa turame yommuu ta’u qabsoon amma keessa jiramu qabsoo dmokiraatawaa karaaa lubbuu namaa hin galaafanneen ta’aa jira.
Injifannoowwan waggoottan 23 as galmaa’anis yoo ilaalle gama hundumaan fooyya’iinsi jiraachuu isaa argina.
Hojiiwwan misooma bu’uuraa biyya kanaa yoo ilaalle, maneen barnoota, maneen yaalaa, daandii asfaaltii fi baaburaa, ibsaa, bishaan, fi tajaajilawwan kanneen birootti xiyyeeffannoo kennuu dhaan hojjetamuu isaarraan kan ka’e, hawaasa keenya bira jijjiirama guddaatu jira.
Jijjiiramootni hawaasni keenya mi’eeffataa jiru kun ga’aa ta’uu baatus, kan Kanaan duraa wajjin wal-bira qabnee yoo ilaallu adeemsi amma nuti keessa jirru baay’ee gaariidha waan nama jechisiisuu dha.
Egaa amala ADWUI keessaa tokko kan ta’e tokko ammoo waan xiqqoo hojjetee isa lallabuu qofa osoo hin taane, hojii guddaan gara fuula dura keenyaa akka jirus ni amana jedheen yaada.
Sababnisaa, akkuman sila kaasuuf yaale injifannoowwan Caamsaa 20 bara 1983 as galmaa’an yoo ilaalle gaarii ta’anis gufuuwwan tokko tokko waan jiraniif hamma deemuu qabnu hin deemne jechuun ni danda’ama.
Sabaa fi Sab-lammootni biyya kanaa yeroo ammaa kana kan isaan irratti qabsaa’aa jiran mirga isaanii Kanaan dura sarbamaa ture, kabachiifachuuf osoo hin taane, mirga lafeen itti cabee, dhiigni itti dhangala’ee akkasumas lubbuu hedduun itti ba’ee argame kana akkamiin gara misoomaatti jijjiirree jireenya hawaasa keenyaa guutuu taasifna kan jedhuu dha.
Akkuman armaan olitti jedhe turtii waggoottan 27 kana keessatti adeemuu kan hin dandeenyeef gufuuwwan hedduun waan jiraniif jedheera, Rakkoon ilaalcha raawwachiiftotaa as keessatti akka gufuu guddaatti ilaalama. Sababnisaa akkaataa heerri ADWUI itti jedhuuf raawwachiiftotni itti raawwatan gara gara waan ta’eef fiixa ba’umsa keenyarratti rakkoo cimaa nutti uumee jira.
Rakkoowwan raawwachiiftummaa wajjin wal-qabatan furuufis mootummaan akka biyyaatti cimee hojjechaa jira.
Ilaalchotni kiraa sassaabdummaa wajjin wal-qabatanis sabaa fi sab-lammileen biyya kanaa akka mufatan gochuun tarsimoo mootummaan akka biyyaatti qabatee deemaa jiru akka galma hin geenyeef ga’ee guddaa isaa taphateera.
Mootummaanis akka qaama biyya kana geggeessa jiruutti, rakkoowwan jiran hunda jiraachuu isaanii amanee, rakkoowwan kunneen itti fufuu hin qaban jechuun haaromsa keessa seenee hojjechaa jira.
Walumaa galatti injifannoowwan Caamsaa 20 fi kaayyoon isaa inni jalqabaa hawaasa biyya kanaa ija wal-qixa ta’een ilaaluuf biyya kanarraa hundumtuu wal-qixa fayyadamaa akka ta’aniif hojjetamaa jiraachuu isaa mootummaan yeroo gara garaatti ibsamaa jira.
Lammileen biyya kanaas, Mootummaa jechuun uummata jechuu hubannee, guddina biyya kanaa guutuu taasisuudhaaf mootummaa cina dhaabbachuutu nurraa eegama.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

This website uses cookies to improve your experience. We'll assume you're ok with this, but you can opt-out if you wish. Accept Read More

Privacy & Cookies Policy