Ethiopiaprosperous
Ethiopian News Ethiopian Daily news, Regarding political and social Issues.

Daawwannaa Dr.Abiy fi Federaalizimii keenya!

0 539

Get real time updates directly on you device, subscribe now.

Daawwannaa Dr.Abiy fi Federaalizimii keenya!

Hiikaa Margaatiin
Biyyattiin Itiyoophiyaa kun biyya buraanburreedha. Biyya sabaa fi sab-lammoota fi
Uummataoota gosa 80 ol qabduudhas. Lammileen kunneenis aadaa, duudhaa fi afaan
mataa isaanii kan qabanii dha. Sabaa fi sab-lammoonni biyya kanaa waggoottan
dheeraadhaafis kabajaaf jaalalaan uummata waliin jiraachaa jiruudha.
Sabaa fi sab-lammileen kunneen waliin haa jiraatan iyyuu malee fedhii adda addaa
qabaachuun waan oolu miti. Kun waan uumamaan jiruu dha. Sababnisaa biyya hanga
kana guddattu mitii maatii tokko keessayyuu ilaalcha miseensi maatii hundi irratti walii
hin galle hedduutu jira.
Haala qabatamaa biyyi keenya keessa jirtu yoo ilaalle, sababiiwwan dhabiinsa
bulchiinsa gaariitii fi kanneen biroon lammilee biyya kanaa biratti komii uumuun madda

jeequmsaa fi walitti bu’iinsaa ta’uun yeroo garaa garaatti tokkummaan sabaafi sab-
lammilee biyya kanaa laafaa deemuuf waan xiqqootu isa hafee ture.

Haalli akkasii biyya guddoo akkasii keessatti uumamnaan , sirna federaalizimii nuti
hordofnu irra balaan ga’uu isaa waan hin oollee dha. Egaa balaan wal-qooqqooduu kun
kan nu mudatu yoo ta’e, misooma mitii waa’een lubbuun ba’anii nagaan galuu iyyuu
gaaffii keessa seena, seenee tures.
Haa ta’uyyuu malee, Mootummaan biyya kana geggeessu haaromuutu narra jiraata
jedhee waadaawwan gara garaa lammilee biyya kanaaf seenee jalqabbii gaariin biyya
kana keessatti mumul’achaa jira.
Keessumaa erga kabajamoon Muummicha Ministeeraa Dr.Abiy Ahmad muudamanii as
yeroo gabaabduudhuma kana keessatti jijjiirama adda ta’etu mul’achaa jira. Jijjiiramoota
mul’atan keessaa tokko tokkummaan hawaasa biyya kanaa kan yeroo darbanii caalaa
cimaa jira.
Kanaan dura ilaalchi lammileen biyya kanaa geggeessaa isaaniif qaban hagas mara kan
nama boonsisuu fi ofitti amanamummaadhaan akka geggeessaatti fudhachuun yeroon
itti imaanaa ofii dabarsanii itti kennatan badaa hin turre.
Kanarraan kan ka’es, yeroo geggeessaan tokko biyyaaf filamu, qomoo inni irraa filame
lakkaa’uun ilaalchawwan gara garaa calaqqisiisuun tureera. Ilaalchawwan kanneen
keessaa tokko, qomoo qama filatamee Sanaa lakkaa’uun akka waan qaamni sun qomoo
keessaa filatamee sana qofaaf dhaabbatuutti waan ilaalamuuf hagas mara amantaan
jijjiiramaa isarraa hin eegamu jechuun yeroon abdii itti kutachaa turan baay’eetu ture.
Ilaalchi akkasii kun ammoo sirna Mootummaa Federaalawaa keessa jiraannaan balaa
guddaa qabaata. Sababnisaa biyya sabaa fi sab-lammilee hedduu qabdu akkasii
keessatti ilaalchi sabaan wal-qooduu fi ija shakkiin wal-ilaaluu jiraannaan nagaa
jiraachuun baay’ee ulfaataa ta’a.
Ilaalcha akkasii kana hambisuudhaaf ammoo ga’een mootummaa daran ol’aanaa dha.
Geggeessaan biyya geggeessu tokko lammileen biyya kanaa hundumtuu akka isaan

tokko ta’aniif hojii inni hojjetus salphaatti hin ilaalamu.
Biyyoonni guddina irra jiran kanneen akka Itiyoophiyaa haa jennu, yeroo ammaa kanatti
biyyoota guddatanii wajjin wal-bira qabnee yoo ilaalle, ilaalchi lammilee isaanii garaa
gara. Fakkeenyaaf lammileen Amerikaa waa’ee eenyummaa ykn maalummaa kan
dhiphatan osoo hin taaane waa’ee guddina biyyyattii qofa waan dhiphataniif
mootummaa misoomawaa yoo argatan salphaatti gara hojiitti seenuun biyya isaanii
jijjiiruuf tattaafatu waan ta’eef geggeessaa biyya sanaaf haalli jiruu isaa salphaa ta’uu
danda’a. Sababnisaa lammileen hundinuu ilaalcha tokko ta’e, innis dheebuu misoomaa
qofa waan ta’eef haalli wal-xaxaan hagas nama rakkisu waan hin jiraanneef rakkoo
keessoo isaanii furachuu irra darbuun rakkoo biyyoota birooyyuu yeroo isaan itti hiikuuf
deemantu jira.
Gara biyya keenyaatti yeroo deebinu ammoo irra caalaa rakkoo misoomaa osoo hin
taane, gaaffileen ka’an gaaffilee eenyummaa, gosummaa, naannummaa fi gandummaa
waan ta’aniif yeroo baay’ee furmaata isaa barbaaduun kan itti cimu fakkaata.
Keessumaa biyyi keenya Itiyoophiyaan kun lammilee Kanaan dura sababa qomoo
isaaniin mootummoolee darbaniin miidhaan irra ga’aa ture waan jiraniif, lammileen
kunneen ammoo yeroo ammaa kanatti jijjiirama fooyya’aa ta’e arguun wal-qixxummaan
jiraatee biyya kanarraa fayyadamoo akka ta’aniif halkaniif guyyaa lammilee gaafatoo
ta’antu baay’ataa jira.
Haalli akkasii kun ammoo walitti fufiinsaan kan gaafatamu taanaan mootummaafis ta’e
lammileedhaaf tasgabbii kan hin kennineefii dha. Mootummaan hin tasgabboofne
taanaan ammoo deebiin gaaffii keenyaa lafarra harkifachuun isaa waan oolu miti.
Sanas ta’e kanas, yeroon nuti amma keessa jirru yeroo itti gargar bittaanaa’an osoo hin
taane, yeroo itti tokko taanee waliin adeemnuu dha. Tokko ta’uu keessa waan baay’eetu
jira. Tokkummaa yeroo jedhamu garaa garummaa jiru akkuma jirutti qabannee waan
tokko nu taasisu waliin hojjechuu jedhuu dha.
Egaa kabajamoo Dr.Abiy erga Muummicha Ministeera biyya kanaa ta’anii muudamanii
asitti hojii ijoo isaanii qabatanii kan isaan hojjetaa jiran keessaa inni guddaan dura
lammileen biyya kanaa tokkummaa’uu qabu kan jedhuudha. Sababnisaa lammiin gargar
faca’e fedhii faffaca’aa qabaata waan ta’eef. Akka biyyaatti kan nu jijjiiruu danda’u yoo
fedhiin keenya tokko ta’e qofa guddachuu dandeenya. Fedhiin hunda keenyaa fedhii
misoomaa hanga ta’ee jirutti, tokko taanee waliin hojjechuun dirqama keenya ta’a.
Kanaaf akka biyyaatti sabaa fi sab-lammileen biyya kana keessa jirru hundinuu
‘ida’amuutu’nurra jiraata kan jedhamaa jiruuf. Yoo ida’amne tokko taana, yoo tokko
taane ammoo humna horanna, Humna qabaannaan ammoo tabbi nuti hin jigsine hin jiru
jedhu Dr.Abiy haasaa isaanii keessatti.
Yoo tokkummaan keenya cime akka biyyaatti yaadna. Akka biyyaatti yaaduun ammoo
bu’aa hedduu qaba. Wal-faana yoo yaadne, wal-faana misoomna. Misooma argamu
irraayis wal-faana fayyadamna kan jedhu ijoo dubbii Muummee keenyaati.
Tokkummaan jiraannaan humnoonni sabaa fi saba walitti buusuun umurii isaanii
dheereffatan bakka dhokatan hin qaban. Sabaa fi sabni walitti hin buune taanaan
ammoo biyya tasgabbooftuu taati. Biyyi tasgabboofnaan ammoo gaaffiin ka’uu malu
waa’ee misoomaa qofa ta’a.
Gaaffiin misoomaa humna tokkoomeen gaafatamu ammoo yerooo baay’ee kan deebi’u

mootummaadhaaf qaamuma gaafataa ta’e sanaan dha.
Walumaa galatti adeemsi amma Dr.abiy deemaa jiran waan armaan olitti jedhame sana
cimsuuf kan socho’aa jiru natti fakkaata.
Hunda dura ilaalchi nuti biyya Itiyoophiyaa kanaaf qabnu jijjiiramuu qaba kan jedhu sun
baay’ee kan walii nu galchisiisaa dhufeedha. Kanarraa ka’uun haalli amma lammilee
biyya kanaa biraa calaqqisaa jiru baay’ee namatti tola.
Haasaa Dr.Abiy waltajjiiwwan gara garaa irratti kaasaa jiran yoo ilaalle, biyyu kun waan
dhabde hin qabdu, garuu tokkummaan sabootaa fi sab-lammootaa yoo jiraate biyya
kana akka salphaatti guddifnaa dha.
Tokko taanee waan waliin arganne qooddannee, waan waliin dhabnemmoo waliin
barbaadna kan jedhu dubbii ijoo ministeera muummee keenyaati.
Sochii isaan taasisan booda miirri saboota biyya kanaa bira jiru fooyya’aa akka ta’e
argaa jirra. Yeroo ammaa kana xiyeeffannoon gara misoomaa qofa fakkaatti. Kana
booda erga tokko taanee salphaatti misoomuu dandeenya.
Tokkummaan keenya inni yeroo waraana adwaa, inni yeroo siidaa Aksum ijaaree, inni
yeroo maneen amantaa laalibelaa ijaaruuf dirmate sun, inni yeroo gamoo jogol ijaaree
sun har’a sanumaayyuu yeroo ammayyaa’e kana keessa jiraannaan dhimmi misoomaa
salphaatti hiikama jedheen amana.
Kanaaf ida’amnee, tokko taanee waliin yoo hojjenne jijjiirama hawwinu sana ni arganna
jedheen amana.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

This website uses cookies to improve your experience. We'll assume you're ok with this, but you can opt-out if you wish. Accept Read More

Privacy & Cookies Policy