Daawwannaa Dr.Abiy fi Federaalizimii keenya!
Hiikaa Margaatiin Biyyattiin Itiyoophiyaa kun biyya buraanburreedha. Biyya sabaa fi sab-lammoota fi Uummataoota gosa 80 ol qabduudhas. Lammileen kunneenis aadaa, duudhaa fi afaan mataa isaanii kan qabanii dha. Sabaa fi sab-lammoonni biyya kanaa waggoottan dheeraadhaafis kabajaaf jaalalaan uummata waliin jiraachaa jiruudha. Sabaa fi sab-lammileen kunneen waliin haa jiraatan iyyuu malee fedhii adda addaa qabaachuun waan oolu miti. Kun waan uumamaan jiruu dha. Sababnisaa biyya hanga kana guddattu mitii maatii tokko keessayyuu ilaalcha miseensi maatii hundi irratti walii hin galle hedduutu jira. Haala qabatamaa biyyi keenya keessa jirtu yoo ilaalle, sababiiwwan dhabiinsa bulchiinsa gaariitii fi kanneen biroon lammilee biyya kanaa biratti komii uumuun madda
jeequmsaa fi walitti bu’iinsaa ta’uun yeroo garaa garaatti tokkummaan sabaafi sab- lammilee biyya kanaa laafaa deemuuf waan xiqqootu isa hafee ture.
Haalli akkasii biyya guddoo akkasii keessatti uumamnaan , sirna federaalizimii nuti hordofnu irra balaan ga’uu isaa waan hin oollee dha. Egaa balaan wal-qooqqooduu kun kan nu mudatu yoo ta’e, misooma mitii waa’een lubbuun ba’anii nagaan galuu iyyuu gaaffii keessa seena, seenee tures. Haa ta’uyyuu malee, Mootummaan biyya kana geggeessu haaromuutu narra jiraata jedhee waadaawwan gara garaa lammilee biyya kanaaf seenee jalqabbii gaariin biyya kana keessatti mumul’achaa jira. Keessumaa erga kabajamoon Muummicha Ministeeraa Dr.Abiy Ahmad muudamanii as yeroo gabaabduudhuma kana keessatti jijjiirama adda ta’etu mul’achaa jira. Jijjiiramoota mul’atan keessaa tokko tokkummaan hawaasa biyya kanaa kan yeroo darbanii caalaa cimaa jira. Kanaan dura ilaalchi lammileen biyya kanaa geggeessaa isaaniif qaban hagas mara kan nama boonsisuu fi ofitti amanamummaadhaan akka geggeessaatti fudhachuun yeroon itti imaanaa ofii dabarsanii itti kennatan badaa hin turre. Kanarraan kan ka’es, yeroo geggeessaan tokko biyyaaf filamu, qomoo inni irraa filame lakkaa’uun ilaalchawwan gara garaa calaqqisiisuun tureera. Ilaalchawwan kanneen keessaa tokko, qomoo qama filatamee Sanaa lakkaa’uun akka waan qaamni sun qomoo keessaa filatamee sana qofaaf dhaabbatuutti waan ilaalamuuf hagas mara amantaan jijjiiramaa isarraa hin eegamu jechuun yeroon abdii itti kutachaa turan baay’eetu ture. Ilaalchi akkasii kun ammoo sirna Mootummaa Federaalawaa keessa jiraannaan balaa guddaa qabaata. Sababnisaa biyya sabaa fi sab-lammilee hedduu qabdu akkasii keessatti ilaalchi sabaan wal-qooduu fi ija shakkiin wal-ilaaluu jiraannaan nagaa jiraachuun baay’ee ulfaataa ta’a. Ilaalcha akkasii kana hambisuudhaaf ammoo ga’een mootummaa daran ol’aanaa dha. Geggeessaan biyya geggeessu tokko lammileen biyya kanaa hundumtuu akka isaan
tokko ta’aniif hojii inni hojjetus salphaatti hin ilaalamu. Biyyoonni guddina irra jiran kanneen akka Itiyoophiyaa haa jennu, yeroo ammaa kanatti biyyoota guddatanii wajjin wal-bira qabnee yoo ilaalle, ilaalchi lammilee isaanii garaa gara. Fakkeenyaaf lammileen Amerikaa waa’ee eenyummaa ykn maalummaa kan dhiphatan osoo hin taaane waa’ee guddina biyyyattii qofa waan dhiphataniif mootummaa misoomawaa yoo argatan salphaatti gara hojiitti seenuun biyya isaanii jijjiiruuf tattaafatu waan ta’eef geggeessaa biyya sanaaf haalli jiruu isaa salphaa ta’uu danda’a. Sababnisaa lammileen hundinuu ilaalcha tokko ta’e, innis dheebuu misoomaa qofa waan ta’eef haalli wal-xaxaan hagas nama rakkisu waan hin jiraanneef rakkoo keessoo isaanii furachuu irra darbuun rakkoo biyyoota birooyyuu yeroo isaan itti hiikuuf deemantu jira. Gara biyya keenyaatti yeroo deebinu ammoo irra caalaa rakkoo misoomaa osoo hin taane, gaaffileen ka’an gaaffilee eenyummaa, gosummaa, naannummaa fi gandummaa waan ta’aniif yeroo baay’ee furmaata isaa barbaaduun kan itti cimu fakkaata. Keessumaa biyyi keenya Itiyoophiyaan kun lammilee Kanaan dura sababa qomoo isaaniin mootummoolee darbaniin miidhaan irra ga’aa ture waan jiraniif, lammileen kunneen ammoo yeroo ammaa kanatti jijjiirama fooyya’aa ta’e arguun wal-qixxummaan jiraatee biyya kanarraa fayyadamoo akka ta’aniif halkaniif guyyaa lammilee gaafatoo ta’antu baay’ataa jira. Haalli akkasii kun ammoo walitti fufiinsaan kan gaafatamu taanaan mootummaafis ta’e lammileedhaaf tasgabbii kan hin kennineefii dha. Mootummaan hin tasgabboofne taanaan ammoo deebiin gaaffii keenyaa lafarra harkifachuun isaa waan oolu miti. Sanas ta’e kanas, yeroon nuti amma keessa jirru yeroo itti gargar bittaanaa’an osoo hin taane, yeroo itti tokko taanee waliin adeemnuu dha. Tokko ta’uu keessa waan baay’eetu jira. Tokkummaa yeroo jedhamu garaa garummaa jiru akkuma jirutti qabannee waan tokko nu taasisu waliin hojjechuu jedhuu dha. Egaa kabajamoo Dr.Abiy erga Muummicha Ministeera biyya kanaa ta’anii muudamanii asitti hojii ijoo isaanii qabatanii kan isaan hojjetaa jiran keessaa inni guddaan dura lammileen biyya kanaa tokkummaa’uu qabu kan jedhuudha. Sababnisaa lammiin gargar faca’e fedhii faffaca’aa qabaata waan ta’eef. Akka biyyaatti kan nu jijjiiruu danda’u yoo fedhiin keenya tokko ta’e qofa guddachuu dandeenya. Fedhiin hunda keenyaa fedhii misoomaa hanga ta’ee jirutti, tokko taanee waliin hojjechuun dirqama keenya ta’a. Kanaaf akka biyyaatti sabaa fi sab-lammileen biyya kana keessa jirru hundinuu ‘ida’amuutu’nurra jiraata kan jedhamaa jiruuf. Yoo ida’amne tokko taana, yoo tokko taane ammoo humna horanna, Humna qabaannaan ammoo tabbi nuti hin jigsine hin jiru jedhu Dr.Abiy haasaa isaanii keessatti. Yoo tokkummaan keenya cime akka biyyaatti yaadna. Akka biyyaatti yaaduun ammoo bu’aa hedduu qaba. Wal-faana yoo yaadne, wal-faana misoomna. Misooma argamu irraayis wal-faana fayyadamna kan jedhu ijoo dubbii Muummee keenyaati. Tokkummaan jiraannaan humnoonni sabaa fi saba walitti buusuun umurii isaanii dheereffatan bakka dhokatan hin qaban. Sabaa fi sabni walitti hin buune taanaan ammoo biyya tasgabbooftuu taati. Biyyi tasgabboofnaan ammoo gaaffiin ka’uu malu waa’ee misoomaa qofa ta’a. Gaaffiin misoomaa humna tokkoomeen gaafatamu ammoo yerooo baay’ee kan deebi’u
mootummaadhaaf qaamuma gaafataa ta’e sanaan dha. Walumaa galatti adeemsi amma Dr.abiy deemaa jiran waan armaan olitti jedhame sana cimsuuf kan socho’aa jiru natti fakkaata. Hunda dura ilaalchi nuti biyya Itiyoophiyaa kanaaf qabnu jijjiiramuu qaba kan jedhu sun baay’ee kan walii nu galchisiisaa dhufeedha. Kanarraa ka’uun haalli amma lammilee biyya kanaa biraa calaqqisaa jiru baay’ee namatti tola. Haasaa Dr.Abiy waltajjiiwwan gara garaa irratti kaasaa jiran yoo ilaalle, biyyu kun waan dhabde hin qabdu, garuu tokkummaan sabootaa fi sab-lammootaa yoo jiraate biyya kana akka salphaatti guddifnaa dha. Tokko taanee waan waliin arganne qooddannee, waan waliin dhabnemmoo waliin barbaadna kan jedhu dubbii ijoo ministeera muummee keenyaati. Sochii isaan taasisan booda miirri saboota biyya kanaa bira jiru fooyya’aa akka ta’e argaa jirra. Yeroo ammaa kana xiyeeffannoon gara misoomaa qofa fakkaatti. Kana booda erga tokko taanee salphaatti misoomuu dandeenya. Tokkummaan keenya inni yeroo waraana adwaa, inni yeroo siidaa Aksum ijaaree, inni yeroo maneen amantaa laalibelaa ijaaruuf dirmate sun, inni yeroo gamoo jogol ijaaree sun har’a sanumaayyuu yeroo ammayyaa’e kana keessa jiraannaan dhimmi misoomaa salphaatti hiikama jedheen amana. Kanaaf ida’amnee, tokko taanee waliin yoo hojjenne jijjiirama hawwinu sana ni arganna jedheen amana.