Ethiopiaprosperous
Ethiopian News Ethiopian Daily news, Regarding political and social Issues.

Dr.Abiy fi Injifannoowwan galmaa’aa jiran…

0 620

Get real time updates directly on you device, subscribe now.

Dr.Abiy fi Injifannoowwan galmaa’aa jiran…

Hiikaa Margaatiin
Muumichi Ministeera Itiyoophiyaa Dr.Abiy Ahmed erga gara muudamaatti dhufanii
saffisa guddaadhaan injifannoowwan gara garaa galmeessisaa jiru. Injifannoowwan
kanneen kan biyya keessatti qofa murtaa’anii hafan osoo hin taane, biyyoota ollaattillee
akkasumas kan itti fufanii dha.
Daawwannaawwan biyya keessaa hedduu erga taasisanii booda, gara biyyoota ollaattis
taasisuun injifannoowwan dippilomaasii hedduu argamsiisuu danda’aniiru.
Hojiiwwan dippolomaasii hojjetameen lammileen Itiyoophiyaa biyya alaatti dararamaa
turan kumaatamaan lakkaa’aman hiiksisuu danda’uun keenya hojii hidhamtoota
hiiksisuu garasitti agarsiisftuu dippilomaasii cimina qabuuti.
Daawwannaan biyya keessaa fi alatti taasifamaa jiran hundinuu walii galtee
biyyoolessaa kan uumee fi soda nageenyaa kan hambisaniidha jechuun ni dandeenya.
Bu’aawwan daawwannaa biyya keeessaa kabajamoo MM keenya taasisan, araada
biyya keessa naanna’uu irraa kan madde osoo hin taane, tokkummaan biyyoleessaa
amma kan uumamu yoo ta’e. hojiiwwan gara fuula duraatti nu eeggataniif karaa bana
kan jedhu irraa yaada maddee dha.
Dr.Abiy biyyoota akka Jibuutii, Keeniyaa, Sudaan fi Biyyoota Giddu Galeessa Bahaa
cehuun gara Sa’udii Arabiyaatti daawwannaa taasisuun isaanii ni yaadatama.
Daawwannaa kana irraayis injifannoowwan dippiloomaasii hedduun akka argame karaa
gara garaa gabaafamaa jira.
Kanneen keessaa muraasni,odoolawwan(ports) akka filannootti nu tajaajilan babal’isuuf
biyyi keenya carraa argatteetti.
Akkuma beekamu biyyi keenya biyya galaanaan marfamte osoo hin taane, biyya
biyyoota ollaatiin (landlocked) marfamteedha. Haalli kunimmoo geejjiba meeshaalee
bu’uuraa biyya keenya keessa seenuuf ba’u argachuun ulfaataa dha. Kanumarraa
ka’uun meeshaaleen bu’uuraa biyya kana keessa seenanis ta’e ba’an kaffaltii guddaa
dhaan kan adeemsifamanii dha. Sababa kanaanis galii silaa biyyi keenya misooma biraa
irra oolchitu, kiraa geejjiba galaanaaf oolchaa jirti.
Egaan, daawwannaa MM keenyaan Misoomni adoolawwan kanneenii biyyoota akka
Jibuutii, sudaanii fi Keeniyaa irraa nuuf hayyamamuun isaanii guddina biyya keenyaa isa
itti aanuuf ga’ee guddaa taphata, baasiin nuti dhimma geejjiba galaanaaf baafnus daran
gadi xiqqaata jechuun ni danda’ama.
Bu’aan nuti daawwannaa kanarraa argann inni biraan, hojiiwwan bu’uura misoomaa
biyya kanaaf kan ooluu danda’u deggersa faayinaansii biyyoota tokko tokko irraa
argachuu isheeti. Gargaarsi akkasii kun hojiiwwan bu’uura misoomaa nuti biyya
keessatti eegallee jiru saffisiisuudhaan fayyadamummaa lammilee keenyaa kan
mirkaneessu waan ta’eef injifannoo salphaatti ilaalamu miti.
Biyyootni jiila MM Dr.Abiyn daawwataman hundumtuu fayyadamummaa waliinii
mirkaneessuuf biyya keenya Itiyoophiyaa wajjin hojjechuudhaaf walii galtee taasisaniiru.
Walii galteewwan kunneen kanneen akka hojii ijaarsa humna ibsaa, daandii asfaaltii fi
baaburaa, akkasumas kanneen biro kan of keessatti hammatanii dha.
Keessumaa daawwannaan biyyoota Giddu Gala Bahaatti taasifame, Mootummoolee fi
lammileen biyyoota kanaa walitti dhufeenya seenaa fi aadaa cimaa kan qabnu waan
ta’eef biyyoota kanneen waliin ta’uun fayyadamummaa walii walii mirkaneessuuf kan
hojjetamu ta’uu isaa hubachuun danda’ameera. Akkasumas walitti dhufeenyi lammilee

biyyoota kanneenii gara fuula duraattillee daran cimee akka itti fufuuf walii galameera.
Miidiyaaleen Idil-Addunyaa kan Niwu Yoork Taayimsillee bu’aawwan daawwannaa
Dr.Abiy biyyoota Alaa kanneen akka Jibuutii, Keeniyaa fi Sudaan taasisan irratti
barreeffama dubbisiiseen, tarkaanfii biyyi keenya Itiyoophiyaan guddinaaf taasisaa jirtu,
hojii gaarii ta’uu isaa ibsee jira. Akkasumas daawwannaan akkasii kun haala Kanaan
kan itti fufu yoo ta’e, biyya kana keessatti jijjiirama dhugaa fiduun kan danda’amu ta’uu
isaas osoo hin haalin dhugaa ba’eera.

Jijjiiramnii fi kaka’umsi amma biyya keenya keessatti mul’achaa jiru kunis bu’aawwan
daawwannaa kabajamoo MM biyya kanaa Dr.Abiy jechuun ni dandeenya.
Sababnisaa biyyi keenya waggoottan lamaan darbaniif biyya jeequmsi hojii idilee itti
ta’ee fi rakkoon bulchiinsa gaarii gar-malee itti mul’ate ture. Kanumarraa ka’uun
xiyyeeffannoon lammilee biyya kanaa hojii misoomaa osoo hin taane, yaaddoo
nagaadhumaan ba’anii galuu keessa ture. Hojiiwwan misooma gara garaa biyya kana
keessatti hojjetamaa turan akkaataa barbaadamuun milkaa’uu hin dandeenye,
sunimmoo uummata biratti daran komii waan kaaseef walii galteen mootummaa fi
hawaasa gidduu ture baay’ee laafaa ta’e.
Mootummaan biyya geggeessaa jrus, rakkoowwan uumamaa turan kanarraa ka’uun,
rakkoolee hedduun jiraachuu isaanii amanee, haaromuu qabna jechuun tarkaanfiiwwan
tokko tokko fudhachuu jalqaba. Bu’aa Haaromsa jedhamee keessaa tokko dhufaatii
Kabajamoo Dr.Abiy ti.
Dhufaatiin Dr.Abiy ammoo akkuma Kanaan dura baratame, teessuma Masaraa Araat
Kiiloo Guutanii ajaja dabarsuu qofa osoo hin taane, goodatti gadi bu’anii uummata waliin
haasa’uu, rakkoowwan jiran adda baasuu, kallattiiwwan gara fuula duraa kaa’uudhaan
yaaddoo uummataa xiqqeessuu ture.
Akkaataa waadaa galameetiinis gochaawwan uummata komachiisanii turan iif furmaata
kennuunis hojii MM keenya idilee ta’ee jira. Hidhamtoota biyya keessaa fi alaa akkaataa
barbaachisummaa isaatti hiiksisuun uummatatti dabaluun cimee itti fufe.
Morkattoota Siyaasaa biyya keessaa fi alaa ofitti butuun kottaa waa’ee biyya keenyaa
yoo ta’eef karaa nagaa mari’annee furmaata itti laanna jechuun dirree siyaasa biyya
kanaa babal’isuun eegalameera.
Walumaa galatti abdiin nu fuuldura jiru, abdii misoomaa, nageenyaa fi badhaadhinaa
waan ta’eef, carraa arganne kanatti fayyadamnee, nutis lammileen biyya kanaa waan
nurraa eegamu ba’achuutu nurra jiraata.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

This website uses cookies to improve your experience. We'll assume you're ok with this, but you can opt-out if you wish. Accept Read More

Privacy & Cookies Policy