Dr.Abiy fi Injifannoowwan galmaa’aa jiran…
Hiikaa Margaatiin Muumichi Ministeera Itiyoophiyaa Dr.Abiy Ahmed erga gara muudamaatti dhufanii saffisa guddaadhaan injifannoowwan gara garaa galmeessisaa jiru. Injifannoowwan kanneen kan biyya keessatti qofa murtaa’anii hafan osoo hin taane, biyyoota ollaattillee akkasumas kan itti fufanii dha. Daawwannaawwan biyya keessaa hedduu erga taasisanii booda, gara biyyoota ollaattis taasisuun injifannoowwan dippilomaasii hedduu argamsiisuu danda’aniiru. Hojiiwwan dippolomaasii hojjetameen lammileen Itiyoophiyaa biyya alaatti dararamaa turan kumaatamaan lakkaa’aman hiiksisuu danda’uun keenya hojii hidhamtoota hiiksisuu garasitti agarsiisftuu dippilomaasii cimina qabuuti. Daawwannaan biyya keessaa fi alatti taasifamaa jiran hundinuu walii galtee biyyoolessaa kan uumee fi soda nageenyaa kan hambisaniidha jechuun ni dandeenya. Bu’aawwan daawwannaa biyya keeessaa kabajamoo MM keenya taasisan, araada biyya keessa naanna’uu irraa kan madde osoo hin taane, tokkummaan biyyoleessaa amma kan uumamu yoo ta’e. hojiiwwan gara fuula duraatti nu eeggataniif karaa bana kan jedhu irraa yaada maddee dha. Dr.Abiy biyyoota akka Jibuutii, Keeniyaa, Sudaan fi Biyyoota Giddu Galeessa Bahaa cehuun gara Sa’udii Arabiyaatti daawwannaa taasisuun isaanii ni yaadatama. Daawwannaa kana irraayis injifannoowwan dippiloomaasii hedduun akka argame karaa gara garaa gabaafamaa jira. Kanneen keessaa muraasni,odoolawwan(ports) akka filannootti nu tajaajilan babal’isuuf biyyi keenya carraa argatteetti. Akkuma beekamu biyyi keenya biyya galaanaan marfamte osoo hin taane, biyya biyyoota ollaatiin (landlocked) marfamteedha. Haalli kunimmoo geejjiba meeshaalee bu’uuraa biyya keenya keessa seenuuf ba’u argachuun ulfaataa dha. Kanumarraa ka’uun meeshaaleen bu’uuraa biyya kana keessa seenanis ta’e ba’an kaffaltii guddaa dhaan kan adeemsifamanii dha. Sababa kanaanis galii silaa biyyi keenya misooma biraa irra oolchitu, kiraa geejjiba galaanaaf oolchaa jirti. Egaan, daawwannaa MM keenyaan Misoomni adoolawwan kanneenii biyyoota akka Jibuutii, sudaanii fi Keeniyaa irraa nuuf hayyamamuun isaanii guddina biyya keenyaa isa itti aanuuf ga’ee guddaa taphata, baasiin nuti dhimma geejjiba galaanaaf baafnus daran gadi xiqqaata jechuun ni danda’ama. Bu’aan nuti daawwannaa kanarraa argann inni biraan, hojiiwwan bu’uura misoomaa biyya kanaaf kan ooluu danda’u deggersa faayinaansii biyyoota tokko tokko irraa argachuu isheeti. Gargaarsi akkasii kun hojiiwwan bu’uura misoomaa nuti biyya keessatti eegallee jiru saffisiisuudhaan fayyadamummaa lammilee keenyaa kan mirkaneessu waan ta’eef injifannoo salphaatti ilaalamu miti. Biyyootni jiila MM Dr.Abiyn daawwataman hundumtuu fayyadamummaa waliinii mirkaneessuuf biyya keenya Itiyoophiyaa wajjin hojjechuudhaaf walii galtee taasisaniiru. Walii galteewwan kunneen kanneen akka hojii ijaarsa humna ibsaa, daandii asfaaltii fi baaburaa, akkasumas kanneen biro kan of keessatti hammatanii dha. Keessumaa daawwannaan biyyoota Giddu Gala Bahaatti taasifame, Mootummoolee fi lammileen biyyoota kanaa walitti dhufeenya seenaa fi aadaa cimaa kan qabnu waan ta’eef biyyoota kanneen waliin ta’uun fayyadamummaa walii walii mirkaneessuuf kan hojjetamu ta’uu isaa hubachuun danda’ameera. Akkasumas walitti dhufeenyi lammilee
biyyoota kanneenii gara fuula duraattillee daran cimee akka itti fufuuf walii galameera. Miidiyaaleen Idil-Addunyaa kan Niwu Yoork Taayimsillee bu’aawwan daawwannaa Dr.Abiy biyyoota Alaa kanneen akka Jibuutii, Keeniyaa fi Sudaan taasisan irratti barreeffama dubbisiiseen, tarkaanfii biyyi keenya Itiyoophiyaan guddinaaf taasisaa jirtu, hojii gaarii ta’uu isaa ibsee jira. Akkasumas daawwannaan akkasii kun haala Kanaan kan itti fufu yoo ta’e, biyya kana keessatti jijjiirama dhugaa fiduun kan danda’amu ta’uu isaas osoo hin haalin dhugaa ba’eera.
Jijjiiramnii fi kaka’umsi amma biyya keenya keessatti mul’achaa jiru kunis bu’aawwan daawwannaa kabajamoo MM biyya kanaa Dr.Abiy jechuun ni dandeenya. Sababnisaa biyyi keenya waggoottan lamaan darbaniif biyya jeequmsi hojii idilee itti ta’ee fi rakkoon bulchiinsa gaarii gar-malee itti mul’ate ture. Kanumarraa ka’uun xiyyeeffannoon lammilee biyya kanaa hojii misoomaa osoo hin taane, yaaddoo nagaadhumaan ba’anii galuu keessa ture. Hojiiwwan misooma gara garaa biyya kana keessatti hojjetamaa turan akkaataa barbaadamuun milkaa’uu hin dandeenye, sunimmoo uummata biratti daran komii waan kaaseef walii galteen mootummaa fi hawaasa gidduu ture baay’ee laafaa ta’e. Mootummaan biyya geggeessaa jrus, rakkoowwan uumamaa turan kanarraa ka’uun, rakkoolee hedduun jiraachuu isaanii amanee, haaromuu qabna jechuun tarkaanfiiwwan tokko tokko fudhachuu jalqaba. Bu’aa Haaromsa jedhamee keessaa tokko dhufaatii Kabajamoo Dr.Abiy ti. Dhufaatiin Dr.Abiy ammoo akkuma Kanaan dura baratame, teessuma Masaraa Araat Kiiloo Guutanii ajaja dabarsuu qofa osoo hin taane, goodatti gadi bu’anii uummata waliin haasa’uu, rakkoowwan jiran adda baasuu, kallattiiwwan gara fuula duraa kaa’uudhaan yaaddoo uummataa xiqqeessuu ture. Akkaataa waadaa galameetiinis gochaawwan uummata komachiisanii turan iif furmaata kennuunis hojii MM keenya idilee ta’ee jira. Hidhamtoota biyya keessaa fi alaa akkaataa barbaachisummaa isaatti hiiksisuun uummatatti dabaluun cimee itti fufe. Morkattoota Siyaasaa biyya keessaa fi alaa ofitti butuun kottaa waa’ee biyya keenyaa yoo ta’eef karaa nagaa mari’annee furmaata itti laanna jechuun dirree siyaasa biyya kanaa babal’isuun eegalameera. Walumaa galatti abdiin nu fuuldura jiru, abdii misoomaa, nageenyaa fi badhaadhinaa waan ta’eef, carraa arganne kanatti fayyadamnee, nutis lammileen biyya kanaa waan nurraa eegamu ba’achuutu nurra jiraata.