Ethiopiaprosperous
Ethiopian News Ethiopian Daily news, Regarding political and social Issues.

Godaansi nuuf hin malu…

0 1,162

Get real time updates directly on you device, subscribe now.

Godaansi nuuf hin malu…

Hiikaa Margaatiin
Yeroo baay’ee waa’een godaansa seeraan alaa yeroo ka’u, isa biyya keessa jiraatuuf
ykn nama sababa godaansa seeraan alaatiin hin miidhamneef qoosaa fakkaata.
Sababnisaa miidhaan godaansa seeraan alaatiin namatti dhufu hagam suukanneessaa
ta’uu isaa osoo arginuu ija keenya qabannee namoota ammallee waan kanarraa hin
deebine yeroo argamu baay’ee nama gaddisiisa.
Waanti seeraan alaa hin toltu. Namni seeraan ala socho’u mirga isaa bakka itti
kabachisiifatu hin qabaatu. Akkuma seeraan ala jalqabetti, miidhaan seeraan alaa
qaama sanarra ga’us itti fufa jechuu dha.
Yeroo biyya kana keessa jiraannu, odeeffannoowwan gara garaa waa’ee biyya ormaa
dhageenyu irra ka’uun nutis deemnee akka ebeluu qarshii hedduu argadhee osoon
biyya kootti deebi’ee jechuun waan oola qabu miti. Yaadni namni tokko jireenya mataa
isaafi maatii isaa jijjiiruuf godhu tokko jajjabeeffamus waan sun seeraan ala taanaan
badii inni duubaan qaqqabsiisutu caala waan ta’eef waan sanarraa of-qusachuutu
barbaachisaa dha.
Dhugaa dubbachuuf taanaan biyyootni tokko tokko guddinni dinagdee isaanii biyya
keenya wajjin yeroo wal-bira qabamu fooyya’aa dha jechuun ni danda’ama. Biyyootni
akkasii carraa hojii lammilee isaaniif kanneen biroofis uumuuf ga’umsa ga’aa qabaachuu
malu. Yeroo baay’ees lammileen biyya alaas deemanii akka achitti hojjetaniifis carraa
gaarii dha.
Garuummoo, akkaataan adeemsa gara hojii kanaa baay’ee murteessaa dha. Adeemsi
lammileen biyya tokkoo gara biyya biraa deemanii hojjechuuf taasisan hanga seera
qabeessummaan isaa mirkanaa’etti fayyadamummaan isaaniis hagasuma mirkana.
Kanneen seeraan ala daldaaltota seeraan alaatiin gowwoomfamanii deeman ammoo
faayidaa isaan argatan caalaa miidhaa isaanirra ga’utu caala. Sababnisaa hojjechiiftotni
baay’een isaanii lammilee karaa seera qabeessaan biyya isaanii seenan qofaaf carraa
hojii kan kennan yommuu ta’u, kanneen biroon ammoo carraa hojii argachuun isaanii
baay’ee dhiphaa dha.
Asirratti wanti nuti hubachuu qabnu, namni tokko erga biyya ambaatti godaanee hojiis
dhabee maal akka gochuu danda’u tilmaamuun nama hin rakkisu. Lammiin tokko biyya
hojii hojjedheen ofis jijjiiree biyyakoos fayyada jedhee waan qabu hundumaa daldaaltota
seeraan alaaf erga kennee booda, yemmuu biyya ta’e tokko deemuttimmoo ati seeraan
ala dhufte biyya kanatti carraa hojii argachuu hin dandeessu yeroo jedhamu maal akka
itti dhaga’amu ilaalaa,
Namni akkasii yakkoota gara garaaf irratti bobba’uu danda’a. yakkoonni kunneenis
kanneen akka yakka hannaa, saamichaa fi akkasumas hojiiwwan seeraan alaa kanneen
akka deddeebisuu baala sammuu namaa adoochanii, alkoolii fi kkf ta’uu danda’a.
Egaa biyyi tokko akkaataa ittiin biyya ishee geggeessitu seera mataa ishee waan
qabduuf keessumaa lammiin biyya biraa deemee biyya ishee keessatti yeroo
gochaawwan seeraaan alaa raawwatan arginaan gara laafina tokko malee mana
hidhaatti galchuun waan hin oolleedha. Sana booda egaa dararamni guddaan lammilee
irra ga’uun isaa kan dubbatamuu eegalu.
Nama seeraan ala sochii taasisu irratti ammoo, dhiibbaan seeraan alaas akkasuma
irratti baay’ata. Dhiibbaan kun ammoo deemee deemee mootummaa biyya nama
seeraan ala socho’e Sanaa wajjin walitti dhufuun isaa hin oolu. Sababnisaa lammileen
Itiyoophiyaa tokko biyya alaa deemee yeroo miidhamu mootummaan Itiyoophiyaas
callisee hin ilaalu.

Kanaan dura akkuma argaa turre sababa lammileen biyya keenyaa biyya baha giddu
galeessaa ykn biyyoota Arabaa keessatti miidhaan irra ga’aa tureef mootummaan baasii
mataa isaan lammilee keenya baraaaruuf hojiin inni taasisaa ture hundi keenyayyuu
beekna.
Keessumaa hojiiwwan karaa Ministeera Haajaa Alaa fi Waajjira Hojjetaa fi
Hawaasummaa hojjetame salphaa miti. Hojiiwwan lammilee balaa irraa baraaruu qofaa
osoo hin taane, akkaataa lammileen karaa seera qabeessaan biyya alaa deemanii
hojjechuu danda’an irratti biyyoota gara garaa wajjin hojii dippiloomaasii hojjetameen
carraan akkasii heyyamamuu danda’ameera.
Karaa seera qabeessa biyya barbaadan deemanii hojjechuun haa ayyamamuyyuu
malee, ulaagaawwan carraa kana argachuuf barbaachisanis ni jiru.
Akkuma beekamu Mootummaan biyya kanaa miidhaan lammilee isaarra ga’aa ture
waan isa yaaddesseef bobbii hojii biyyoota gara garaa bara 2006 irraa eegalee
dhaabsisee kan turee dha. Hojiiwwan dippiloomaasii gara garaa erga hojjetee booda
ammoo Labsii bobbii hojii biyya alaa ilaalchisee bara 2008 irraa eegalee ammoo
lammileen ulaagaa bobbii hojii biyya alaaf isaan barbaachisu kan guutan yoo ta’e, karaa
seera qabeessaan deemanii akka hojjetanii qoqqobbii sana kaasuun isaa ni yaadatama.
Ulaagaaleen barbaachisan keessaa muraasni, namni biyya alaa deemee hojjechuu
danda’u kamiyyuu umriin isaa/shee wagga 18 ol kan ta’e/te, sadarkaa barnoota kutaa
saddeettaffaa olii fi Ogummaawwan gara garaa mana barnoota Ogummaa fi Teknikaa
irraa kan jedhu labsiiwwan sana keessatti hammatamanii jiru.
Haa ta’uyyuu malee daldaltootni seeraan alaa ammallee hojii isaanii duraanii tooftaa
gara garaa qopheeffachuun lammilee keenya balaaf saaxilaa jiraachuun isaanii bira
ga’ameera.
Tooftaawwan kanneen keessaa tokko akka lammiin godaanaa jiru kun daawwannaaf
biyya biraa deemuutti waraqaa ragaa sobaa qopheessuun godaansa seeraan alaaf
ammallee karaa banaa jiru. Kunimmoo dhuma irratti kan miidhuu danda’u lammii biyya
kanaa waan ta’eef of eeggannoon barbaachisaa dha.
Haala qabatamaa biyya kanaa yoo ilaalle, biyyi keenya yeroo amma kanatti biyya
keessaa baqatan osoo hin taane, biyya aadaa hojii ofii yoo guddifatan keessatti
msooman ta’aa jirti.
Dargaggoowwan godaansa seeraa alaa irra deebi’anii ijaaramuun hojii eegalan hedduun
isaaniis jireenya isaaniif maatii isaanii jijjiiraa jiraachuunis waan kanaaf raga ga’aa dha.
Yoomillee taanaan lammileen biyya kanaa osoo hojii kamiin illee hin tuffatin waan xiqqoo
irraa eegaluun asumatti kan hojjetan yoo ta’e, jijjiiramuun waan oolu miti. Kanaaf ija
keenya biyya ormaarraa kaafnee biyyuma keenya keessatti jijjiiramuuf kaka’umsa
qabaachuutu nurra jiraata.
Mootummaanis akka qaama biyya kana geggeessuutti, lammilee hojjetanii of jijjiiruu
barbaadaniif deggersa barbaachisaa akkuma taasisaa jiru, boris ni taasisa, taasisuu
qabaatas.
Lammilen biyya kanaa hundis, tooftaa daldaaltotni seeraan alaa faayidaa yeroof jecha
lammilee keenya seeraan ala biyya alaatti erguun burjaajessan dura dhaabbachuunis
murteessaa dha.
Karaan sobaan darban galatti nama dhiba akkuma jedhamu, daldaaltota seeraan alaan
gowwoomfamuu irraa of-eeguunis barbaachisaa dha.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

This website uses cookies to improve your experience. We'll assume you're ok with this, but you can opt-out if you wish. Accept Read More

Privacy & Cookies Policy