Godaansi nuuf hin malu…
Hiikaa Margaatiin Yeroo baay’ee waa’een godaansa seeraan alaa yeroo ka’u, isa biyya keessa jiraatuuf ykn nama sababa godaansa seeraan alaatiin hin miidhamneef qoosaa fakkaata. Sababnisaa miidhaan godaansa seeraan alaatiin namatti dhufu hagam suukanneessaa ta’uu isaa osoo arginuu ija keenya qabannee namoota ammallee waan kanarraa hin deebine yeroo argamu baay’ee nama gaddisiisa. Waanti seeraan alaa hin toltu. Namni seeraan ala socho’u mirga isaa bakka itti kabachisiifatu hin qabaatu. Akkuma seeraan ala jalqabetti, miidhaan seeraan alaa qaama sanarra ga’us itti fufa jechuu dha. Yeroo biyya kana keessa jiraannu, odeeffannoowwan gara garaa waa’ee biyya ormaa dhageenyu irra ka’uun nutis deemnee akka ebeluu qarshii hedduu argadhee osoon biyya kootti deebi’ee jechuun waan oola qabu miti. Yaadni namni tokko jireenya mataa isaafi maatii isaa jijjiiruuf godhu tokko jajjabeeffamus waan sun seeraan ala taanaan badii inni duubaan qaqqabsiisutu caala waan ta’eef waan sanarraa of-qusachuutu barbaachisaa dha. Dhugaa dubbachuuf taanaan biyyootni tokko tokko guddinni dinagdee isaanii biyya keenya wajjin yeroo wal-bira qabamu fooyya’aa dha jechuun ni danda’ama. Biyyootni akkasii carraa hojii lammilee isaaniif kanneen biroofis uumuuf ga’umsa ga’aa qabaachuu malu. Yeroo baay’ees lammileen biyya alaas deemanii akka achitti hojjetaniifis carraa gaarii dha. Garuummoo, akkaataan adeemsa gara hojii kanaa baay’ee murteessaa dha. Adeemsi lammileen biyya tokkoo gara biyya biraa deemanii hojjechuuf taasisan hanga seera qabeessummaan isaa mirkanaa’etti fayyadamummaan isaaniis hagasuma mirkana. Kanneen seeraan ala daldaaltota seeraan alaatiin gowwoomfamanii deeman ammoo faayidaa isaan argatan caalaa miidhaa isaanirra ga’utu caala. Sababnisaa hojjechiiftotni baay’een isaanii lammilee karaa seera qabeessaan biyya isaanii seenan qofaaf carraa hojii kan kennan yommuu ta’u, kanneen biroon ammoo carraa hojii argachuun isaanii baay’ee dhiphaa dha. Asirratti wanti nuti hubachuu qabnu, namni tokko erga biyya ambaatti godaanee hojiis dhabee maal akka gochuu danda’u tilmaamuun nama hin rakkisu. Lammiin tokko biyya hojii hojjedheen ofis jijjiiree biyyakoos fayyada jedhee waan qabu hundumaa daldaaltota seeraan alaaf erga kennee booda, yemmuu biyya ta’e tokko deemuttimmoo ati seeraan ala dhufte biyya kanatti carraa hojii argachuu hin dandeessu yeroo jedhamu maal akka itti dhaga’amu ilaalaa, Namni akkasii yakkoota gara garaaf irratti bobba’uu danda’a. yakkoonni kunneenis kanneen akka yakka hannaa, saamichaa fi akkasumas hojiiwwan seeraan alaa kanneen akka deddeebisuu baala sammuu namaa adoochanii, alkoolii fi kkf ta’uu danda’a. Egaa biyyi tokko akkaataa ittiin biyya ishee geggeessitu seera mataa ishee waan qabduuf keessumaa lammiin biyya biraa deemee biyya ishee keessatti yeroo gochaawwan seeraaan alaa raawwatan arginaan gara laafina tokko malee mana hidhaatti galchuun waan hin oolleedha. Sana booda egaa dararamni guddaan lammilee irra ga’uun isaa kan dubbatamuu eegalu. Nama seeraan ala sochii taasisu irratti ammoo, dhiibbaan seeraan alaas akkasuma irratti baay’ata. Dhiibbaan kun ammoo deemee deemee mootummaa biyya nama seeraan ala socho’e Sanaa wajjin walitti dhufuun isaa hin oolu. Sababnisaa lammileen Itiyoophiyaa tokko biyya alaa deemee yeroo miidhamu mootummaan Itiyoophiyaas callisee hin ilaalu.
Kanaan dura akkuma argaa turre sababa lammileen biyya keenyaa biyya baha giddu galeessaa ykn biyyoota Arabaa keessatti miidhaan irra ga’aa tureef mootummaan baasii mataa isaan lammilee keenya baraaaruuf hojiin inni taasisaa ture hundi keenyayyuu beekna. Keessumaa hojiiwwan karaa Ministeera Haajaa Alaa fi Waajjira Hojjetaa fi Hawaasummaa hojjetame salphaa miti. Hojiiwwan lammilee balaa irraa baraaruu qofaa osoo hin taane, akkaataa lammileen karaa seera qabeessaan biyya alaa deemanii hojjechuu danda’an irratti biyyoota gara garaa wajjin hojii dippiloomaasii hojjetameen carraan akkasii heyyamamuu danda’ameera. Karaa seera qabeessa biyya barbaadan deemanii hojjechuun haa ayyamamuyyuu malee, ulaagaawwan carraa kana argachuuf barbaachisanis ni jiru. Akkuma beekamu Mootummaan biyya kanaa miidhaan lammilee isaarra ga’aa ture waan isa yaaddesseef bobbii hojii biyyoota gara garaa bara 2006 irraa eegalee dhaabsisee kan turee dha. Hojiiwwan dippiloomaasii gara garaa erga hojjetee booda ammoo Labsii bobbii hojii biyya alaa ilaalchisee bara 2008 irraa eegalee ammoo lammileen ulaagaa bobbii hojii biyya alaaf isaan barbaachisu kan guutan yoo ta’e, karaa seera qabeessaan deemanii akka hojjetanii qoqqobbii sana kaasuun isaa ni yaadatama. Ulaagaaleen barbaachisan keessaa muraasni, namni biyya alaa deemee hojjechuu danda’u kamiyyuu umriin isaa/shee wagga 18 ol kan ta’e/te, sadarkaa barnoota kutaa saddeettaffaa olii fi Ogummaawwan gara garaa mana barnoota Ogummaa fi Teknikaa irraa kan jedhu labsiiwwan sana keessatti hammatamanii jiru. Haa ta’uyyuu malee daldaltootni seeraan alaa ammallee hojii isaanii duraanii tooftaa gara garaa qopheeffachuun lammilee keenya balaaf saaxilaa jiraachuun isaanii bira ga’ameera. Tooftaawwan kanneen keessaa tokko akka lammiin godaanaa jiru kun daawwannaaf biyya biraa deemuutti waraqaa ragaa sobaa qopheessuun godaansa seeraan alaaf ammallee karaa banaa jiru. Kunimmoo dhuma irratti kan miidhuu danda’u lammii biyya kanaa waan ta’eef of eeggannoon barbaachisaa dha. Haala qabatamaa biyya kanaa yoo ilaalle, biyyi keenya yeroo amma kanatti biyya keessaa baqatan osoo hin taane, biyya aadaa hojii ofii yoo guddifatan keessatti msooman ta’aa jirti. Dargaggoowwan godaansa seeraa alaa irra deebi’anii ijaaramuun hojii eegalan hedduun isaaniis jireenya isaaniif maatii isaanii jijjiiraa jiraachuunis waan kanaaf raga ga’aa dha. Yoomillee taanaan lammileen biyya kanaa osoo hojii kamiin illee hin tuffatin waan xiqqoo irraa eegaluun asumatti kan hojjetan yoo ta’e, jijjiiramuun waan oolu miti. Kanaaf ija keenya biyya ormaarraa kaafnee biyyuma keenya keessatti jijjiiramuuf kaka’umsa qabaachuutu nurra jiraata. Mootummaanis akka qaama biyya kana geggeessuutti, lammilee hojjetanii of jijjiiruu barbaadaniif deggersa barbaachisaa akkuma taasisaa jiru, boris ni taasisa, taasisuu qabaatas. Lammilen biyya kanaa hundis, tooftaa daldaaltotni seeraan alaa faayidaa yeroof jecha lammilee keenya seeraan ala biyya alaatti erguun burjaajessan dura dhaabbachuunis murteessaa dha. Karaan sobaan darban galatti nama dhiba akkuma jedhamu, daldaaltota seeraan alaan gowwoomfamuu irraa of-eeguunis barbaachisaa dha.