Ethiopiaprosperous
Ethiopian News Ethiopian Daily news, Regarding political and social Issues.

Guddinni Itiyoophiyaa itti fufeera

0 276

Get real time updates directly on you device, subscribe now.

Guddinni Itiyoophiyaa itti fufeera

Tokkummaa Biyyaa tiin
Akka biyyaatti yeroo waa’een guddina biyya kanaa dubbatamu faayidaa siyaasaa fi
piroppogaandaa dhaaf waan dubbatamu namatti waan fakkaatuuf guddina jiru amanuun
namatti ulfaata.
Kanaaaf yeroo waa’een guddina misooma biyya kanaa ka’u namni badaa iddoo itti hin
kennu. Tarii shakkiin namoota tokko tokkoos dhugaa ta’uu mala. Sababawwan
shakkiiwwan kanneeniis biyyi kun boba’aa hin qabdu, teknooloojii gurguddaa hin qabdu
akkamiin akka guddachuu kan dandeessu jedhee shakkuu danda’a. shakkuunis gaarii
dha.
Egaa boba’aas hinn qabaatin malee biyyi kun guddachaa akka jirtuu fi akka Afriikaatti
sadarkaa duraa qabachuu akka dandeessee jirtu dhaabbanni Maallaqa Idil-Addunyaa
(IMF) akka gabaasee jira. Kanaan dura biyyoota Afriikaa keessaa saffisaan guddachaa
jiran kan dursaa ture biyya Gaanaa yommuu ta’u yeroo ammaa kana biyyi keenya
Itiyoophiyaan sadarkaa duraatti dhufuu dandeesseetti.
Akka biyyaatti parsantaa 11.2 guddachuu qabna jedhamee kan karoorfame ta’us haalli
biyya keenya keessa ture xiqqoo waan nu daangesseef guddina parsantaa 8.5
galmeessisuu dandeenyeerra.
Haalli nageenya waggoota lamaaf biyya kana keessatti tasgabbaa’aa waan hin turreef
guddina yaadame galmeessisuu baannus sadarkaan amma irra jirus kan tuffatamu miti.
Akkuma ammaan dura kaasuuf yaalle biyyi kun biyya boba’aa uumamaa qabdu miti.
Garuummoo guddinni isheen yeroo ammaa galmeessisaa jirtu guddina warri boba’aa
qaban galmeessisan caalaa saffisa qaba.
Hojiiwwan misoomaa gurguddoon kanaan dura hojjetaman hedduun waan turaniif
rakkoowwaan akka biyyaatti nu mudatan dandamachuudhaan sadarkaa hara’a irra
geenye argachuun keenya kun yeroo nageenyi keessa keenyaa sirriitti mirkanaa’utti
ammooo hagam guddachuu akka dandeenyu tilmaamuun nama hin rakkisu.
Akka gabaasa IMF tti jijjiiramni jireenya hawaasaa irratti mul’atuu fi hojiiwwan misooma
bu’uuraa biyyattii keessatti walitti fufiinsaan hojjetamaa jiran sadarkaa guddina
Itiyoophiyaa fooyyessuu akka danda’e addeessa.
Dhugaa dubbachuuf osoo rakkoon nageenyaa nu mudachuu baateera ta’ee
xiyyeeffannoon mootummaa dhimma misoomaa qofa ta’eera ta’ee biyyi kun kana
caalaa guddatti turte. Ammas yeroon nurka waan jiruuf rakkoo keessoo keenyaa
tasgabbiidhaan furaa, furmaata waarawaa fiduudhaaf hojiin hojjetamaa jiru abdii kan
namatti horuu dha. Gara fuula duraattis rakkoowwan nu mudataniif waliin
mari’achuudhaan rakkoo ka’u kamiifuu osoo harka hin kennin guddinni biyya kanaa akka
itti fufu gochuutu nurra jiraata.
Guddinni biyya kanaa fooyya’ee jennaan maddi walitti bu’iinsa uummataaf mootummaa
gogaa deema. Sababnisaa madda walitti bu’iinsaa ta’ee yeroo baay’ee kan argaa jirru
waa’ee jijjiirama hawwuu hawaasa biyya kanaa waan ta’eef yeroo waan fedhu dhabu
dubbiif saaxilamuun isaa waan hafu miti.
Ministerri Muummee Dr.Abiy Ahmad gaafa muudama isaanii akkas jedhanii turan. Innis “
ADWUIn erga biyya kana geggeessuu jalqabee as jijjiiramni hedduun jira, nutis daandii
misoomaa irra jirru kana cimsinee qabachuun guddina waggoottan digdamoota darban

keessatti galmaa’an itti fufsiisuu qabna jedhan.”
Jijjiiramoota erga ADWUIn biyya geggeessuutti ka’ee argaman kunneen irra caalmaatti
masaraa mootummaa ittiin cimsuuf kan hojjetaman qofa osoo hin taane, jijjiirama
hawaasa keessatti mul’ataniif haala jireenya hawaasa biyya kanaa kan jijjiiran waan
ta’aniif raga qabatamaan dhaabbilee idil addunyaa irraa ba’amaafii jira.
Hawaasni guddina mi’eeffatee bare ammo ammas irra caalmaatti guddachuu barbaada
waan ta’eef kan duraa caalaa mootummaadhaaf hojii manaa guddaa dha. Hawaasni
faayidaawwan hospitaalaa, daandii, bishaan, ibsaa fi kkkf argatee bare bor yoo faayidaa
kana dhabe callisee kan ilaalu miti. Faayidaawwan kanneen dhabuuf osoo hin taane
caalmaatti argachuuf daran cimamee hojjetamuu qaba.
Guddinni biyyi tokko galmeessiftu hundinuu tattaaffii mootummaan godhu qofaan kan
galma ga’us miti. Ga’een lammilee biyya kanaa guddina biyya kanaaa mirkaneessuuf
taphatan daran ol’aanaa dha.
Waanti beekamu taatoowwan dhimma guddina biyya tokkoof taphatan keessaa
lammileen ga’een isaanii mootummaa wajjin waliin ta’uun kan hojjetanii dha. As
keessatti mootummaan poolisiiwwan lammileen kun cimanii akka hojjetaniif biyya jijjiiran
gargaaran baasuun haala mijeessuu keessatti ga’ee guddaa qaba.
Baay’ina lammilee biyya kanaa wajjin wal-bira qabamee yemmuu ilaalamu haalli
jireeenya lammilee biyya kanaa fooyya’aa ta’us guddina xiqqoo kanaan boonnee kan
harka marannee teenyu ta’uu hin qabu.
Pirojektiiwwan gurguddoon sadarkaa guddina biyya kanaa daran fooyyessuu danda’an
hedduun akka biyyaatti jalqabamanii jiru. Pirojektiiwwan akka hidha guddicha Haaromsa
biyya keenyaa, Daandilee aslfaaltii fi baaburaa, paarkiiwwan Industiriiwwan gara garaa
hojiiwwan jalqabii adeemsa gaarii irra jiran waan ta’aniif mootummaa cina hiriiruun
hojiiwwan misoomaa abdii biyya kana egeree ta’an deggerree xumura isaa arguu qabna.
Walumaa galatti, guddinnni biyyi Itiyoophiyaa har’a irra geessee jirtu hirmaannaa
uummataa fi mootummaan waan ta’eef hojii boonsaan akkasii boris cimee itti fufuu qaba.
Biyya keenya jaalannu kanas bor bakka yaadneetti arguu dandeenya.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

This website uses cookies to improve your experience. We'll assume you're ok with this, but you can opt-out if you wish. Accept Read More

Privacy & Cookies Policy