Guddinni Itiyoophiyaa itti fufeera
Tokkummaa Biyyaa tiin Akka biyyaatti yeroo waa’een guddina biyya kanaa dubbatamu faayidaa siyaasaa fi piroppogaandaa dhaaf waan dubbatamu namatti waan fakkaatuuf guddina jiru amanuun namatti ulfaata. Kanaaaf yeroo waa’een guddina misooma biyya kanaa ka’u namni badaa iddoo itti hin kennu. Tarii shakkiin namoota tokko tokkoos dhugaa ta’uu mala. Sababawwan shakkiiwwan kanneeniis biyyi kun boba’aa hin qabdu, teknooloojii gurguddaa hin qabdu akkamiin akka guddachuu kan dandeessu jedhee shakkuu danda’a. shakkuunis gaarii dha. Egaa boba’aas hinn qabaatin malee biyyi kun guddachaa akka jirtuu fi akka Afriikaatti sadarkaa duraa qabachuu akka dandeessee jirtu dhaabbanni Maallaqa Idil-Addunyaa (IMF) akka gabaasee jira. Kanaan dura biyyoota Afriikaa keessaa saffisaan guddachaa jiran kan dursaa ture biyya Gaanaa yommuu ta’u yeroo ammaa kana biyyi keenya Itiyoophiyaan sadarkaa duraatti dhufuu dandeesseetti. Akka biyyaatti parsantaa 11.2 guddachuu qabna jedhamee kan karoorfame ta’us haalli biyya keenya keessa ture xiqqoo waan nu daangesseef guddina parsantaa 8.5 galmeessisuu dandeenyeerra. Haalli nageenya waggoota lamaaf biyya kana keessatti tasgabbaa’aa waan hin turreef guddina yaadame galmeessisuu baannus sadarkaan amma irra jirus kan tuffatamu miti. Akkuma ammaan dura kaasuuf yaalle biyyi kun biyya boba’aa uumamaa qabdu miti. Garuummoo guddinni isheen yeroo ammaa galmeessisaa jirtu guddina warri boba’aa qaban galmeessisan caalaa saffisa qaba. Hojiiwwan misoomaa gurguddoon kanaan dura hojjetaman hedduun waan turaniif rakkoowwaan akka biyyaatti nu mudatan dandamachuudhaan sadarkaa hara’a irra geenye argachuun keenya kun yeroo nageenyi keessa keenyaa sirriitti mirkanaa’utti ammooo hagam guddachuu akka dandeenyu tilmaamuun nama hin rakkisu. Akka gabaasa IMF tti jijjiiramni jireenya hawaasaa irratti mul’atuu fi hojiiwwan misooma bu’uuraa biyyattii keessatti walitti fufiinsaan hojjetamaa jiran sadarkaa guddina Itiyoophiyaa fooyyessuu akka danda’e addeessa. Dhugaa dubbachuuf osoo rakkoon nageenyaa nu mudachuu baateera ta’ee xiyyeeffannoon mootummaa dhimma misoomaa qofa ta’eera ta’ee biyyi kun kana caalaa guddatti turte. Ammas yeroon nurka waan jiruuf rakkoo keessoo keenyaa tasgabbiidhaan furaa, furmaata waarawaa fiduudhaaf hojiin hojjetamaa jiru abdii kan namatti horuu dha. Gara fuula duraattis rakkoowwan nu mudataniif waliin mari’achuudhaan rakkoo ka’u kamiifuu osoo harka hin kennin guddinni biyya kanaa akka itti fufu gochuutu nurra jiraata. Guddinni biyya kanaa fooyya’ee jennaan maddi walitti bu’iinsa uummataaf mootummaa gogaa deema. Sababnisaa madda walitti bu’iinsaa ta’ee yeroo baay’ee kan argaa jirru waa’ee jijjiirama hawwuu hawaasa biyya kanaa waan ta’eef yeroo waan fedhu dhabu dubbiif saaxilamuun isaa waan hafu miti. Ministerri Muummee Dr.Abiy Ahmad gaafa muudama isaanii akkas jedhanii turan. Innis “ ADWUIn erga biyya kana geggeessuu jalqabee as jijjiiramni hedduun jira, nutis daandii misoomaa irra jirru kana cimsinee qabachuun guddina waggoottan digdamoota darban
keessatti galmaa’an itti fufsiisuu qabna jedhan.” Jijjiiramoota erga ADWUIn biyya geggeessuutti ka’ee argaman kunneen irra caalmaatti masaraa mootummaa ittiin cimsuuf kan hojjetaman qofa osoo hin taane, jijjiirama hawaasa keessatti mul’ataniif haala jireenya hawaasa biyya kanaa kan jijjiiran waan ta’aniif raga qabatamaan dhaabbilee idil addunyaa irraa ba’amaafii jira. Hawaasni guddina mi’eeffatee bare ammo ammas irra caalmaatti guddachuu barbaada waan ta’eef kan duraa caalaa mootummaadhaaf hojii manaa guddaa dha. Hawaasni faayidaawwan hospitaalaa, daandii, bishaan, ibsaa fi kkkf argatee bare bor yoo faayidaa kana dhabe callisee kan ilaalu miti. Faayidaawwan kanneen dhabuuf osoo hin taane caalmaatti argachuuf daran cimamee hojjetamuu qaba. Guddinni biyyi tokko galmeessiftu hundinuu tattaaffii mootummaan godhu qofaan kan galma ga’us miti. Ga’een lammilee biyya kanaa guddina biyya kanaaa mirkaneessuuf taphatan daran ol’aanaa dha. Waanti beekamu taatoowwan dhimma guddina biyya tokkoof taphatan keessaa lammileen ga’een isaanii mootummaa wajjin waliin ta’uun kan hojjetanii dha. As keessatti mootummaan poolisiiwwan lammileen kun cimanii akka hojjetaniif biyya jijjiiran gargaaran baasuun haala mijeessuu keessatti ga’ee guddaa qaba. Baay’ina lammilee biyya kanaa wajjin wal-bira qabamee yemmuu ilaalamu haalli jireeenya lammilee biyya kanaa fooyya’aa ta’us guddina xiqqoo kanaan boonnee kan harka marannee teenyu ta’uu hin qabu. Pirojektiiwwan gurguddoon sadarkaa guddina biyya kanaa daran fooyyessuu danda’an hedduun akka biyyaatti jalqabamanii jiru. Pirojektiiwwan akka hidha guddicha Haaromsa biyya keenyaa, Daandilee aslfaaltii fi baaburaa, paarkiiwwan Industiriiwwan gara garaa hojiiwwan jalqabii adeemsa gaarii irra jiran waan ta’aniif mootummaa cina hiriiruun hojiiwwan misoomaa abdii biyya kana egeree ta’an deggerree xumura isaa arguu qabna. Walumaa galatti, guddinnni biyyi Itiyoophiyaa har’a irra geessee jirtu hirmaannaa uummataa fi mootummaan waan ta’eef hojii boonsaan akkasii boris cimee itti fufuu qaba. Biyya keenya jaalannu kanas bor bakka yaadneetti arguu dandeenya.