Ethiopiaprosperous
Ethiopian News Ethiopian Daily news, Regarding political and social Issues.

Imala Dr.Abiy waliin…

0 994

Get real time updates directly on you device, subscribe now.

Imala Dr.Abiy waliin…

Hiikaa Margaatiin
Itiyoophiyaan hogganaa haaraa Dr.Abiy wajjin erga imaluu eegaltee ji’oottan lama
lakkoofsisuuf jetti, Imala gabaabduu kana keessattis jijjiirama qabatamaa argaa jirra.
Ka’umsa imala isaanii irraa yoo ilaalle, akkuma konkolaachisaan yeroo bakka tokkoo
gara bakka biraa deemuuf deemuuf jedhu, dura bakka ka’umsa isaatii haala mijeeffatu,
DR.Abiyyis biyya keessa waan gaggaarii hojjechuun amma ammoo gara biyya ollaatti
darbanii waan isaan hojjechaa jiran ilaalla.
Biyyi keenya Itiyoophiyaan kun biyya addunyaa kanarraa michoota hedduu qaban
keessaa ishee tokkoo dha.
Walitti dhufeenyi biyyi Itiyoophiyaa biyyoota Idil- Addunyaa hedduu wajjin qabdu yeroo
kamiinillee laafee kan hin beekneef ammas cimee kan itti fufaa jiruu dha. Biyyi keenya
kun michooma biyyoota ollaas ta’e kanneen biroo wajjin qabdu kan inni fooyya’aa ta’eef
sababa Poolisiwiiwwan isheen walitti dhufeenya biyyoota alaa wajjin qabaachuuf qabdu
fooyya’aa waan ta’eef dha.
Egaa har’a barreeffamni gabaabaan kun waa’ee poolisii biyyoota alaa osoo hin taane,
waa’ee daawwannaa Muummee Ministeera keenya kabajamoo Dr.Abiy Ahmad
dhiyeenya kana biyyoota ollaa kanneen akka Jibuutii, Sudaanii fi Keeniyaatti taasisan
irratti waan xiqqoo barreessuu barbaadeen.
Sana dura garuu, daawwannaawwan MM keenya biyya keessatti taasisaniif bu’aa inni
buuse gabaabinaan yoon kaase, dubbii koo isa itti aanuuf na fayyada jedheen yaada.
Kabajamoon MM keenyaa Dr.Abiy turban muudama isaanii irraa eegalee boqonnaa
tokko malee, biyya keessatti daawwannaawwaan gara garaa geggeessaa turuun isaanii
ni yaadatama. Kanuma irratti hundaa’uun namotni tokko tokko ( warri afaan haasaa
malee hojii hin beekne) akka odeessanitti namichi kun jooruu malee hojii hin hojjetuu
jechuun qeeqa wayittii hin baane qeeqaa turan. Dhugaa dubbachuuf taanaan
kabajamoon MM keenyaa akka warren kaanii osoo Masaraa Mootummaa keessa
taa’anii angawoota kanneen biro uummatatti erganii itti hin guddatu ture, garuummoo
rakkoo uummata keessaa dhaga’anii, furmaata isaa barbaachuuf jecha halkaniif guyyaa
walitti dhama’anii daawwannaa biyya keessaaf karoorsanii hojii guddaa hojjechaa
turaniiru. Dhadhabbiin isaanii sunis lafatti hin hafne akkaataadhuma isaan yaadaniin
tokkummaa biyya kanaa fooyyesseera, warra aangootti fayyamuun uummata dararan
aangoo irraa konkolaachiseera, kiraa sassaabdota lafa ilaalchiseera, ilaalcha
Itiyoophiyummaa duraan laafee ture hanga tokko fooyyessuun lammileen biyya kanbaa
tokkummaadhaan harka wal-qabatanii gara misoomaatti akka ba’aniif karaa baneera.
Bakkeewwan akka Amboo, Gondar,Baahirdaar, Maqalee fi Hawaasaan iddoowwan
muummeen Ministeera keenyaa daawwatan ta’uu hundi keenya ni yaadanna.
Daawwannaan kunneenis seenaa biyya kanaa keessatti akka isa jalqabaatti kan
lakkaa’amuuf hawaasa nagaa fi tokkummaa biyya kanaa barbaadan biratti baay’ee
fudhatama argate. Sababnisaa hawaasni biyya kanaa hibboo bara baay’ee qaba.
Hibboon kun kan hiikamufii danda’ummoo yoo dhaggeeffatamee dha. Bakkeewwan
daawwataman kanneen keessattis yaadolee ciccimoom hawaasa biraa ka’anii MM wajjin
irratti mari’atamaniiru. MM keenyas yaadolee fi gaaffilee ka’aniif akka gaariitti deebii
kennuun hawaasa biyya kanaatti gammachuu guddaa horeera.
Egaa dhimmi biyya keenya keessa kan waggoota dheeraaf bade ture ji’a tokko keessatti
xumurama osoo hin taane, jalqabbii gaariin Dr.Abiy gara fuulduraatti ammoo jijjiirama
guddaa fida jedhamee abdiidhaan eegamaa jira.

Sana boodammoo egaa ollaa fi waaqatti gadi ba’u akkuma jedhamu, walitti dhufeenya
nuti biyyoota ollaa wajjin qabnu cimsuudhaafis hojiin Dr.Abiy dhaan eegalamee jira.
Kanumarraa ka’uun Dr.Abiy daawwannaa isaanii biyya alaa isa jalqabaa kan isaan
godhatan asuma dhiyoo kana biyya Jibuutii ti. Kabajamoon Dr.Abiy bakka sana
daawwannaaf yeroo deemanitti kabaja addaa eenyuuf godhamee hin beekneen kan
simataman ta’uus miidiyaaleen gara garaa dubbachaa turaniiru. Sababnisaa walitti
dhufeenyi biyya Jibuutii fi Itiyoophiyaa biyya kamiinuu caalaa barbaachisaa dha.
Lameenuu walii walii isaaniif baay’ee barbaachisoo dha. Bu’uuraaleewwan misoomaa
biyya Itiyoophiyaa fi Jibuutii akkaan walitti hidhaa jiru, sana malees aadaan biyya sanaaf
biyya kanaa daran kan walitti dhiyaatu ta’uu isaa yeroo mara dhageenya. Bu’aan
daawwannaa kanarraa argames, biyyi Jibuutii michooma isheen Kanaan dura
Itiyoophiyaa wajjin qabdu cimee kan itti fufuuf ijaarsawwan bu’uuraalee misoomaa
kanneen akka ijaarsa daandii baaburaa, ijaarsa humna ibsaa, fi kkfn biyyoota kana
walitti hidhan akkaam cimanii akka itti fufanii dha.
Akkuma beekamu biyyi Itiyoophiyaa kun meeshaaleewwan bu’uuraa biyya alaatii biyya
keessa seenan parsantaa 99 karaa Jibuutii kan galchitu waan ta’eef hojii misooma
poortiiwwan Jibuutii keessatti akka hireen kennamuufiif gaaffii Itiyoophiyaan dhiyeessite
Pirezdaandtii biyya Jibuutii obbo Omar Gelee tiin fudhatama argateera. Kana jechuun
baasiiwwan Itiyoophiyaan dhiyeessii biyya alaa galchuuf poortiif baaftu salphaa ta’a
jechuun ni danda’ama. Gatiiwwan meeshaalee tajaajilaa haala Kanaan biyya kana
keessa seenaaniis fooyya’aa dha jechuun ni danda’ama.
Walumaa galatti daawwannaa biyya Jibuutii yeroo gudunfinu, abdii guddaa kan namati
horuuf biyyootni lameenuu akka biyya adda adda ta’anii osoo hin taane, akka biyya
tokkootti waliin misoomuuf kan hojjetan ta’uu hubachuu dandeenyeerra.
Daawwannaan biyya alaa Dr.Abiy t inni biraan, imala isaan gara Sudaanitti taasisanii
dha. Daawwannaa kun ammoo seenaa yeroo dhiyoo Itiyoophiyaa keessatti waan haaraa
qabatee kan dhufeef walitti dhufeenya biyyi keenya biyya sudaan wajjin qabdu gara
sadarkaa biraatti ceesisee dha. Biyya sudaan wajjin dhimmi waliin misoomnaa
guutummaan guutuutti fudhatama kan argatee fi dhimmooleen biroonis marii biyyoota
lamaan irraa bu’uu gaariin kan argamee dha.
Lammileen biyya keenyaa hedduun isaanii sababawwan gara garaatiin mana hidhaa
biyya sudaan keessatti dararamaa turuun isaanii ni yaadatama. Haa ta’uyyuu malee
daawwannaa Dr.Abiy booda hidhamtootni kunneen hundinuu gaaffii Dr.Abiy tii fi deebii
Omar Al-Bashir, Prezdaantii biyya sudaaniitiin heyyama argatee hiikamuu danda’aniiru.
Biyyootni kunneen lamaanis hojiiwwan misooma bu’uuraa kanneen akka daandii
baaburaa, daandii asfaaltiiitii fi qilleensaan walitti fiduuf hojii gaariin hojjetamus, ammas
cimee itti fufuu akka qabu walii galtee irra ga’ameera.Kun hojii dippiloomaasii salphaa
miti. Lammilee biyya ormaatti mana hidhaatti dararamaa turaniifis waan salohaa miti.
Kabajaan isanitti dhaga’amus hagana kan jedhamu natti hin fakkaatu. Akkasiin sudaan
keenyaa wajjin deemsa jalqabnee jirra.
Daawwannaa biyya alaa kabajamoo MM keenya taasisan keessaa inni biraan ammoo,
daawwannaa isaan turban darbe kana keessa biyya Keeniyaatti imalanii dha.
Daawwannaan kunis walitti dhufeenya biyyi keenya biyya Keeniyaa wajjin qabdu daran
kan jabeessee fi abdii haaraa walitti dhufeenya walii waliinii biyyoota Afriikaaf kan horee
dha.
Akkuma biyyoota kanneen biraa biyyi ollaa keenyaa kun biyya daangaa keenya irratti
argamtu waan taateef walitti dhufeenyi lammilee biyyoota kana lameenii fi misoomni
walii waliinii baay’ee barbaachisaa ta’uu isaa beekamaa dha. Kanumarraa ka’uun
ijaarsawwan hojii bu’uuraa cimsuudhaan walitti dhufeenya saboota biyyoota lamaanii
cimsuu, akkasumas hojiiwwan invastmentii waliinii cimsuuf hojjetamuu akka qabu walii
galameera.
Xumura irratti daandiin amma baatiiwwan muraasaa as irra deemaa jirru kun waan

bakka fedha keenyaa, waan yeroo dheeraaf hawwine itti argannu biraan yeroo dhiyootti
nu baasu waan ta’eef imalli keenya, mahaandisoota haaromsa keenyaa Dr.Abiy fi
waahiloota isaa ciccimoo waliin yoo ta’e, bakka cimina isaaniitti jabeessaa, bakka hir’ina
isaaniitti ammoo gorsaa yee waliin deemne biyyi kun dhugumaaniyyuu ni haaromti.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

This website uses cookies to improve your experience. We'll assume you're ok with this, but you can opt-out if you wish. Accept Read More

Privacy & Cookies Policy