AFAAN OROMOO

Imala Dr.Abiy waliin…

By Admin

May 16, 2018

Imala Dr.Abiy waliin…

Hiikaa Margaatiin Itiyoophiyaan hogganaa haaraa Dr.Abiy wajjin erga imaluu eegaltee ji’oottan lama lakkoofsisuuf jetti, Imala gabaabduu kana keessattis jijjiirama qabatamaa argaa jirra. Ka’umsa imala isaanii irraa yoo ilaalle, akkuma konkolaachisaan yeroo bakka tokkoo gara bakka biraa deemuuf deemuuf jedhu, dura bakka ka’umsa isaatii haala mijeeffatu, DR.Abiyyis biyya keessa waan gaggaarii hojjechuun amma ammoo gara biyya ollaatti darbanii waan isaan hojjechaa jiran ilaalla. Biyyi keenya Itiyoophiyaan kun biyya addunyaa kanarraa michoota hedduu qaban keessaa ishee tokkoo dha. Walitti dhufeenyi biyyi Itiyoophiyaa biyyoota Idil- Addunyaa hedduu wajjin qabdu yeroo kamiinillee laafee kan hin beekneef ammas cimee kan itti fufaa jiruu dha. Biyyi keenya kun michooma biyyoota ollaas ta’e kanneen biroo wajjin qabdu kan inni fooyya’aa ta’eef sababa Poolisiwiiwwan isheen walitti dhufeenya biyyoota alaa wajjin qabaachuuf qabdu fooyya’aa waan ta’eef dha. Egaa har’a barreeffamni gabaabaan kun waa’ee poolisii biyyoota alaa osoo hin taane, waa’ee daawwannaa Muummee Ministeera keenya kabajamoo Dr.Abiy Ahmad dhiyeenya kana biyyoota ollaa kanneen akka Jibuutii, Sudaanii fi Keeniyaatti taasisan irratti waan xiqqoo barreessuu barbaadeen. Sana dura garuu, daawwannaawwan MM keenya biyya keessatti taasisaniif bu’aa inni buuse gabaabinaan yoon kaase, dubbii koo isa itti aanuuf na fayyada jedheen yaada. Kabajamoon MM keenyaa Dr.Abiy turban muudama isaanii irraa eegalee boqonnaa tokko malee, biyya keessatti daawwannaawwaan gara garaa geggeessaa turuun isaanii ni yaadatama. Kanuma irratti hundaa’uun namotni tokko tokko ( warri afaan haasaa malee hojii hin beekne) akka odeessanitti namichi kun jooruu malee hojii hin hojjetuu jechuun qeeqa wayittii hin baane qeeqaa turan. Dhugaa dubbachuuf taanaan kabajamoon MM keenyaa akka warren kaanii osoo Masaraa Mootummaa keessa taa’anii angawoota kanneen biro uummatatti erganii itti hin guddatu ture, garuummoo rakkoo uummata keessaa dhaga’anii, furmaata isaa barbaachuuf jecha halkaniif guyyaa walitti dhama’anii daawwannaa biyya keessaaf karoorsanii hojii guddaa hojjechaa turaniiru. Dhadhabbiin isaanii sunis lafatti hin hafne akkaataadhuma isaan yaadaniin tokkummaa biyya kanaa fooyyesseera, warra aangootti fayyamuun uummata dararan aangoo irraa konkolaachiseera, kiraa sassaabdota lafa ilaalchiseera, ilaalcha Itiyoophiyummaa duraan laafee ture hanga tokko fooyyessuun lammileen biyya kanbaa tokkummaadhaan harka wal-qabatanii gara misoomaatti akka ba’aniif karaa baneera. Bakkeewwan akka Amboo, Gondar,Baahirdaar, Maqalee fi Hawaasaan iddoowwan muummeen Ministeera keenyaa daawwatan ta’uu hundi keenya ni yaadanna. Daawwannaan kunneenis seenaa biyya kanaa keessatti akka isa jalqabaatti kan lakkaa’amuuf hawaasa nagaa fi tokkummaa biyya kanaa barbaadan biratti baay’ee fudhatama argate. Sababnisaa hawaasni biyya kanaa hibboo bara baay’ee qaba. Hibboon kun kan hiikamufii danda’ummoo yoo dhaggeeffatamee dha. Bakkeewwan daawwataman kanneen keessattis yaadolee ciccimoom hawaasa biraa ka’anii MM wajjin irratti mari’atamaniiru. MM keenyas yaadolee fi gaaffilee ka’aniif akka gaariitti deebii kennuun hawaasa biyya kanaatti gammachuu guddaa horeera. Egaa dhimmi biyya keenya keessa kan waggoota dheeraaf bade ture ji’a tokko keessatti xumurama osoo hin taane, jalqabbii gaariin Dr.Abiy gara fuulduraatti ammoo jijjiirama guddaa fida jedhamee abdiidhaan eegamaa jira.

Sana boodammoo egaa ollaa fi waaqatti gadi ba’u akkuma jedhamu, walitti dhufeenya nuti biyyoota ollaa wajjin qabnu cimsuudhaafis hojiin Dr.Abiy dhaan eegalamee jira. Kanumarraa ka’uun Dr.Abiy daawwannaa isaanii biyya alaa isa jalqabaa kan isaan godhatan asuma dhiyoo kana biyya Jibuutii ti. Kabajamoon Dr.Abiy bakka sana daawwannaaf yeroo deemanitti kabaja addaa eenyuuf godhamee hin beekneen kan simataman ta’uus miidiyaaleen gara garaa dubbachaa turaniiru. Sababnisaa walitti dhufeenyi biyya Jibuutii fi Itiyoophiyaa biyya kamiinuu caalaa barbaachisaa dha. Lameenuu walii walii isaaniif baay’ee barbaachisoo dha. Bu’uuraaleewwan misoomaa biyya Itiyoophiyaa fi Jibuutii akkaan walitti hidhaa jiru, sana malees aadaan biyya sanaaf biyya kanaa daran kan walitti dhiyaatu ta’uu isaa yeroo mara dhageenya. Bu’aan daawwannaa kanarraa argames, biyyi Jibuutii michooma isheen Kanaan dura Itiyoophiyaa wajjin qabdu cimee kan itti fufuuf ijaarsawwan bu’uuraalee misoomaa kanneen akka ijaarsa daandii baaburaa, ijaarsa humna ibsaa, fi kkfn biyyoota kana walitti hidhan akkaam cimanii akka itti fufanii dha. Akkuma beekamu biyyi Itiyoophiyaa kun meeshaaleewwan bu’uuraa biyya alaatii biyya keessa seenan parsantaa 99 karaa Jibuutii kan galchitu waan ta’eef hojii misooma poortiiwwan Jibuutii keessatti akka hireen kennamuufiif gaaffii Itiyoophiyaan dhiyeessite Pirezdaandtii biyya Jibuutii obbo Omar Gelee tiin fudhatama argateera. Kana jechuun baasiiwwan Itiyoophiyaan dhiyeessii biyya alaa galchuuf poortiif baaftu salphaa ta’a jechuun ni danda’ama. Gatiiwwan meeshaalee tajaajilaa haala Kanaan biyya kana keessa seenaaniis fooyya’aa dha jechuun ni danda’ama. Walumaa galatti daawwannaa biyya Jibuutii yeroo gudunfinu, abdii guddaa kan namati horuuf biyyootni lameenuu akka biyya adda adda ta’anii osoo hin taane, akka biyya tokkootti waliin misoomuuf kan hojjetan ta’uu hubachuu dandeenyeerra. Daawwannaan biyya alaa Dr.Abiy t inni biraan, imala isaan gara Sudaanitti taasisanii dha. Daawwannaa kun ammoo seenaa yeroo dhiyoo Itiyoophiyaa keessatti waan haaraa qabatee kan dhufeef walitti dhufeenya biyyi keenya biyya sudaan wajjin qabdu gara sadarkaa biraatti ceesisee dha. Biyya sudaan wajjin dhimmi waliin misoomnaa guutummaan guutuutti fudhatama kan argatee fi dhimmooleen biroonis marii biyyoota lamaan irraa bu’uu gaariin kan argamee dha. Lammileen biyya keenyaa hedduun isaanii sababawwan gara garaatiin mana hidhaa biyya sudaan keessatti dararamaa turuun isaanii ni yaadatama. Haa ta’uyyuu malee daawwannaa Dr.Abiy booda hidhamtootni kunneen hundinuu gaaffii Dr.Abiy tii fi deebii Omar Al-Bashir, Prezdaantii biyya sudaaniitiin heyyama argatee hiikamuu danda’aniiru. Biyyootni kunneen lamaanis hojiiwwan misooma bu’uuraa kanneen akka daandii baaburaa, daandii asfaaltiiitii fi qilleensaan walitti fiduuf hojii gaariin hojjetamus, ammas cimee itti fufuu akka qabu walii galtee irra ga’ameera.Kun hojii dippiloomaasii salphaa miti. Lammilee biyya ormaatti mana hidhaatti dararamaa turaniifis waan salohaa miti. Kabajaan isanitti dhaga’amus hagana kan jedhamu natti hin fakkaatu. Akkasiin sudaan keenyaa wajjin deemsa jalqabnee jirra. Daawwannaa biyya alaa kabajamoo MM keenya taasisan keessaa inni biraan ammoo, daawwannaa isaan turban darbe kana keessa biyya Keeniyaatti imalanii dha. Daawwannaan kunis walitti dhufeenya biyyi keenya biyya Keeniyaa wajjin qabdu daran kan jabeessee fi abdii haaraa walitti dhufeenya walii waliinii biyyoota Afriikaaf kan horee dha. Akkuma biyyoota kanneen biraa biyyi ollaa keenyaa kun biyya daangaa keenya irratti argamtu waan taateef walitti dhufeenyi lammilee biyyoota kana lameenii fi misoomni walii waliinii baay’ee barbaachisaa ta’uu isaa beekamaa dha. Kanumarraa ka’uun ijaarsawwan hojii bu’uuraa cimsuudhaan walitti dhufeenya saboota biyyoota lamaanii cimsuu, akkasumas hojiiwwan invastmentii waliinii cimsuuf hojjetamuu akka qabu walii galameera. Xumura irratti daandiin amma baatiiwwan muraasaa as irra deemaa jirru kun waan

bakka fedha keenyaa, waan yeroo dheeraaf hawwine itti argannu biraan yeroo dhiyootti nu baasu waan ta’eef imalli keenya, mahaandisoota haaromsa keenyaa Dr.Abiy fi waahiloota isaa ciccimoo waliin yoo ta’e, bakka cimina isaaniitti jabeessaa, bakka hir’ina isaaniitti ammoo gorsaa yee waliin deemne biyyi kun dhugumaaniyyuu ni haaromti.